LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w21 Fulbaana ful. 26-31
  • Yeroo Namni Jaallannu Yihowaa Dhiisu Haala Isaa Dandamachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yeroo Namni Jaallannu Yihowaa Dhiisu Haala Isaa Dandamachuu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • OF CEEPHAʼUU IRRAA FAGAADHU
  • KARAA HAFUURAA CIMAA TAATEE ITTI FUFUUF MAAL GOCHUU DANDEESSA?
  • OBBOLOONNI GUMII KEESSA JIRAN GARGAARSA GOCHUU DANDAʼU
  • ABDII HIN KUTATIN, YIHOWAATTI AMANAMUU KEES ITTI FUFI
  • Nama Gumii Keessaa Baafame Akkamitti Ilaaluu Qabna?
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Gumiidhaa Nama Baasuun Qophii Jaalala Irratti Hundaaʼe Dha Kan Jennu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Jaalalli Yihowaadhaaf Qabnu Jaalala Maatii Keenyaaf Qabnu Irra ni Caala
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
w21 Fulbaana ful. 26-31

MATA DUREE QOʼANNAA 39

Yeroo Namni Jaallannu Yihowaa Dhiisu Haala Isaa Dandamachuu

“Isaan . . . siʼa meeqa isa gaddisiisan!”—FAR. 78:40.

FAARFANNAA 102 ‘Warra Dadhaboo Gargaaraa’

QABIYYEEa

1. Namni tokko yeroo gumiidhaa baafamu maatii isaatti maaltu dhagaʼama?

NAMNI jaallattu tokko gumiidhaa baafameeraa? Haalli akkasii baayʼee nama gaddisiisa! Obboleettiin Hildaa jedhamtu akkana jetteetti: “Abbaan manaa koo inni waggaa 41f waliin jiraanne yeroo duʼetti, rakkinni kana irra hammaatu na irra hin gaʼu jedhee yaadeen ture.b Yeroo ilmi koo gumiidhaa baafametti, akkasumas haadha manaa isaa fi ijoollee isaa dhiisee deemetti garuu gadda duʼa abbaa manaa kootii irra hammaatutu na irra gaʼe.”

Abbaan tokko shaanxaa qabate mana gadi dhiisee baʼaa jira. Haati immoo ijoollee ishii booʼaa jiran hammattee jirti.

Yihowaan namni jaallattu tokko yeroo isa tajaajiluu dhiisu hammam akka gadditu beeka (Keeyyata 2-3 ilaali)d

2-3. Faarfannaan 78:40, 41 akka jedhutti Yihowaan yeroo tajaajiltoonni isaa isa dhiisanitti maaltu isatti dhagaʼama?

2 Yihowaan yeroo maleekonni miseensota maatii isaa taʼan isa dhiisanitti hammam gaddee taʼuu akka dandaʼu mee yaadi! (Yih. 6) Sabni isaa warri inni baayʼee jaallatu, jechuunis sabni Israaʼel yeroo irra deddeebiʼanii isa irratti fincilanitti baayʼee gaddee ture. (Faarfannaa 78:40, 41 dubbisi.) Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe yommuu namni jaallattu tokko dhugaa dhiisus baayʼee akka gaddu mirkanaaʼaa taʼi. Inni gadda sitti dhagaʼamu ni hubata. Gara laafinaan kakaʼee jajjabina siif kenna; deggersa si barbaachisus siif godha.

3 Mata duree kana keessatti haalli gaddisiisaan akkasii yeroo nu irra gaʼu gargaarsa Yihowaa argachuuf maal gochuu akka dandeenyu ilaalla. Kana malees, obboloota haalli akkasii isaan mudate gargaaruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ni ilaalla. Jalqaba garuu ilaalcha dogoggoraa irraa fagaachuu qabnu haa ilaallu.

OF CEEPHAʼUU IRRAA FAGAADHU

4. Warri hedduun ilmi ykn intalli isaanii yeroo Yihowaa dhiisan maaltu isaanitti dhagaʼama?

4 Yeroo baayʼee warri ilmi isaanii ykn intalli isaanii yeroo Yihowaa dhiisan ijoolleen isaanii dhugaa keessa jiraachuu isaanii akka itti fufaniif wanta isaan irraa eegamu hundumaa akka hin goone isaanitti dhagaʼama. Obboleessi Luuk jedhamu yeroo ilmi isaa gumiidhaa baafametti wanta isatti dhagaʼame yeroo dubbatu akkana jedheera: “Of ceephaʼaan ture. Abjuu keessa illee waaʼee isaa baayʼeen dhiphadha ture. Yeroo tokko tokko nan booʼa, akkasumas garmaleen dhiphadha.” Obboleettiin Elzaabeet jedhamtuu fi haalli akkasii ishii mudate, “‘Tarii akka haadhaatti wanta na irraa eegamu hin goonee laata?’ jedheen yaada. Ilmi koo Yihowaa akka jaallatu sirriitti akkan hin barsiisne natti dhagaʼama” jetteetti.

5. Namni tokko yeroo Yihowaa dhiisu kan itti gaafatamu eenyu?

5 Yihowaan hunda keenyaaf iyyuu mirga filannaa akka kenne yaadachuu qabna. Kana jechuun isaaf ajajamuuf ykn dhiisuuf filachuu dandeenya jechuu dha. Ijoolleen tokko tokko, warra fakkeenya gaarii isaaniif taʼan kan hin qabne taʼus, Yihowaa tajaajiluu filataniiru, isaaf amanamoo taʼaniis itti fufaniiru. Ijoolleen tokko tokko immoo, warri isaanii Yihowaa akka jaallataniif carraaqqii cimaa kan godhan taʼus, yeroo booda Yihowaa dhiisaniiru. Tokkoon tokkoon keenya Yihowaa tajaajiluuf ykn dhiisuuf filachuu qabna. (Iya. 24:15) Kanaafuu, warri mucaan keessan Yihowaa dhiisuu isaatiin gaddaa jirtan, kun balleessaa keessan akka taʼe isinitti dhagaʼamuu hin qabu!

6. Abbaan ykn haati yeroo dhugaa dhiisan ijoolleen kan miidhaman akkamitti?

6 Yeroo tokko tokko, abbaan ykn haati dhugaa dhiisuu dandaʼu, tarii immoo maatii isaanii illee dhiisanii deemuu dandaʼu. (Far. 27:10) Ijoollee warra isaanii akka fakkeenya guddaatti ilaalaniif kun baayʼee ulfaataa taʼuu dandaʼa. Asteer ishiin abbaan ishii gumiidhaa baafame akkana jetteetti: “Yeroo baayʼee kan na boosisu dhugaa dhiisuu isaa qofa miti. Taʼe jedhee Yihowaa tajaajiluu dhiisuuf filachuu isaa ti. Abbaa koo baayʼee waanan jaalladhuuf, gumiidhaa erga baafamee booda fayyummaan isaa yeroo hunda na yaaddessa. Garmalees nan naʼan ture.”

7. Yihowaan dargaggoota abbaan ykn haati gumiidhaa baafaman ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama?

7 Dargaggootaa, abbaan keessan ykn haati keessan gumiidhaa baafamaniiru yoo taʼe baayʼee gaddina! Yihowaanis miidhama keessan akka isiniif hubatu mirkanaaʼoo taʼaa. Yihowaan isin jaallata, amanamummaa argisiistanis ni dinqisiifata; nuti obboloonnii fi obboleettonni keessanis isin jaallanna, amanamummaa argisiistanis ni dinqisiifanna. Murtoo warri keessan godhaniif isin akka itti hin gaafatamne yaadadhaa. Akkuma olitti ibsame, Yihowaan ilmaan namootaa hundaaf mirga filannaa kenneera. Namni of murteessee cuuphame kam iyyuu “baʼaa itti gaafatamummaa ofii isaa [baachuu]” qaba.—Gal. 6:5, milj.

8. Miseensonni maatii nama gumiidhaa baafame qaban hamma inni gara Yihowaatti deebiʼutti maal gochuu dandaʼu? (Saanduqa, “Gara Yihowaatti Deebiʼi” jedhus ilaali.)

8 Yommuu namni jaallattan tokko Yihowaa dhiisu gaaf tokko gara isaatti deebiʼa jettanii akka abdattan beekamaa dha. Hammasitti maal gochuu dandeessu? Karaa hafuuraa of cimsuu keessan itti fufuu dandeessu. Akkas gochuudhaan, miseensota maatii keessaniif, tarii immoo nama gumiidhaa baafameef illee fakkeenya gaarii taʼuu dandeessu. Kana malees, gadda isinitti dhagaʼamu dandamachuuf jabina isin barbaachisu ni argattu. Mee tarkaanfiiwwan fudhachuu dandeessan tokko tokko haa ilaallu.

Gara Yihowaatti Deebiʼi

Tikseen tokko ilmoo hoolaa takka jaalalaan kaasuu isaatti baatee jira.

Haati takka akkana jetteetti: “Yaanni Isaayyaas 55:7 irra jiruu fi ‘Dhiifamni isaa guddaa waan taʼeef, gara Yihowaa isa gara laafina itti argisiisutti, gara Waaqa keenyaatti haa deebiʼu’ jedhu, wantan ilma koo isa gumiidhaa baafameef hawwu akka gaariitti ibsa.” Yihowaa dhiisteetta yoo taʼe, gara isaatti daftee yoo deebite caalaatti gammachuu argatta. Wantoota addunyaa keessatti raawwatamaa jiran yeroo ilaaltu, Armaagedoon saffisaan dhihaachaa akka jiruu fi yeroo kamitti iyyuu dhufuu akka dandaʼu hubatta. Sirna kana keessatti jireenyi gabaabaa dha, amansiisaas miti. Nu keessaa eenyu iyyuu boru lubbuudhaan jiraachuu isaa hin beeku.—Yaq. 4:13, 14.

Birooshurri Gara Yihowaatti Deebiʼic jedhamu yaada akkan jedhu qabateera: “Ati gara Yihowaatti yoo deebite inni akka si gargaaru mirkanaaʼaa taʼi. Yihowaan dhiphina si irra gaʼu akka dandamattu, miirri kee inni miidhame akka fayyu, akkasumas nagaa sammuu fi garaa isa qalbii qulqulluu qabaachuu irraa argamu akka argattu si gargaara. Achiis namoota akkuma kee Yihowaa waaqeffatanii wajjin deebitee isa tajaajiluuf kakaʼuu dandeessa.”—1 Phe. 2:25.

c Birooshurri kun Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaaʼe dha; weebsaayitii www.jw.org jedhamu irratti afaanota hedduudhaan ni argama.

KARAA HAFUURAA CIMAA TAATEE ITTI FUFUUF MAAL GOCHUU DANDEESSA?

9. Yihowaa irraa jabina argachuu kan dandeessu karaawwan kamiini? (Saanduqa, “Caqasoota Yeroo Namni Jaallattu Yihowaa Dhiisu Jajjabaachuuf Si Gargaaran” jedhus ilaali.)

9 Barsiifata hafuuraa kee eegii itti fufi. Of cimsuu fi miseensota maatii kee jajjabeessuu kee itti fufuun kee baayʼee barbaachisaa dha. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti? Guyyaa guyyaadhaan Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi irratti xiinxaluu, akkasumas walgaʼiiwwan irratti argamuudhaan Yihowaa irraa jabina argachuu dandeessa. Joʼaanaan ishiin abbaan ishii fi obboleettiin ishii dhugaa dhiisan akkana jetteetti: “Kitaaba Qulqulluu irraa seenaa Abigaayil, Asteer, Iyyoob, Yoseefii fi Yesuus yeroon dubbisu tasgabbiitu natti dhagaʼama. Fakkeenyi isaanii na jajjabeessa, wantoota gaggaarii irratti xiyyeeffachuufis na gargaara. Faarfannaawwan addaas baayʼee na jajjabeessu.”

Caqasoota Yeroo Namni Jaallattu Yihowaa Dhiisu Jajjabaachuuf Si Gargaaran

  • Faarfannaa 30:10

  • Faarfannaa 34:4, 6, 18, 19

  • Faarfannaa 39:12

  • Faarfannaa 61:1, 2

  • Faarfannaa 94:17-19

  • Efesoon 3:20

  • Filiphisiyus 4:6, 7

10. Faarfannaan 32:6-8 wanta dhiphina dandamachuuf nu barbaachisu kan ibsu akkamitti?

10 Wanta si yaaddessu Yihowaatti himi. Yeroo dhiphattutti kadhannaa dhiheessuu irraa duubatti hin jedhin. Haala keessa jirtuuf ilaalcha inni qabu qabaachuuf akka si gargaaruuf, akkasumas ‘hubannaa akka siif kennuu fi karaa irra deemuu qabdu ilaalchisee qajeelfama akka siif kennuuf’ Waaqa keenya isa jaalala qabeessa taʼe cimsii kadhadhu. (Faarfannaa 32:6-8 dubbisi.) Wanta sitti dhagaʼamu Yihowaatti himuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus, Yihowaan dhiphina kee guutummaatti siif hubata. Baayʼee waan si jaallatuuf, wanta sitti dhagaʼamu akka isatti himtu barbaada.—Bau. 34:6; Far. 62:7, 8.

11. Ibroota 12:11 irratti akka galmeeffametti adaba Yihowaan jaalalaan kennu irratti amantii qabaachuu kan qabnu maaliifi? (Saanduqa, “Qophiin Gumiidhaa Baasuu Jaalala Yihowaa Argisiisa” jedhus ilaali.)

11 Murtoo jaarsolii deggeri. Gumiidhaa baasuun qophii Yihowaa ti. Adabni inni jaalalaan kakaʼee kennu nama balleessaa raawwate dabalatee hundumaa kan fayyadu dha. (Ibroota 12:11 dubbisi.) Tarii gumii keessatti namoonni tokko tokko jaarsoliin nama tokko gumiidhaa baasuun isaanii sirrii akka hin taane dubbatu taʼa; taʼus namoonni akkasii dogoggora namni sun raawwate dubbachuu akka hin barbaanne yaadadhu. Dhugaa dubbachuuf, dhimma sana ilaalchisee odeeffannoo guutuu hin qabnu. Kanaafuu, jaarsoliin murtii sana dabarsan qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hordofuudhaan “Yihowaadhaaf” murteessuuf wanta isaaniif dandaʼame hundumaa akka godhan amanuun ogummaa dha.—2 Sen. 19:6.

Qophiin Gumiidhaa Baasuu Jaalala Yihowaa Argisiisa

Qophiin gumiidhaa baasuu jaalala Yihowaa kan argisiisu akkamitti?

  1. 1. Jaalalli jaarsoliin nama balleessaa cimaa raawwate sana gargaaruuf wanta isaaniif dandaʼame hundumaa akka godhan isaan kakaasa. Namni tokko gumiidhaa kan baafamu, cubbuu cimaa yoo raawwatee fi yoo yaada geddarachuu baate dha.—Ibr. 12:7, 9-11.

  2. 2. Qophiin gumiidhaa baasuu gumichaaf eegumsa godha. Namni cubbuu cimaa raawwatee yaada hin geddaranne nama dhukkuba daddarbaatiin qabamee fi warra kaaniif eegumsa gochuuf jecha kophaatti baafamuu qabuu wajjin wal fakkaata.—1 Qor. 5:6, 7, 11-13.

  3. 3. Qophiin gumiidhaa baasuu namni cubbuu raawwate sun yaada akka geddaratu kakaasuu dandaʼa. Namoonni gumiidhaa baafamanii turan hedduun dogoggora cimaa akka raawwatan hubachuudhaan gara Yihowaatti deebiʼaniiru.—Luq. 15:11-24.

  4. 4. Namni balleessaa isaa irraa yaada geddarate tokko yeroo deebiʼu, samii keessatti gammachuu guddaatu taʼa, gumichis gammachuudhaan isa simata.—Luq. 15:7.

12. Obboloonni tokko tokko adaba Yihowaa deggeruu isaaniitiin kan fayyadaman akkamitti?

12 Murtoo jaarsoliin nama tokko gumiidhaa baasuuf godhan yoo deggertan, tarii namni sun gara Yihowaatti akka deebiʼu gargaaruu dandeessu. Elzaabeet ishiin olitti ibsamte akkana jetteetti: “Ilma keenya isa of dandaʼee jiraatuu waliin walitti dhufeenya akkamii iyyuu qabaachuu dhiisuun baayʼee ulfaataa ture. Gara Yihowaatti erga deebiʼee booda garuu, gumiidhaa baafamuun isaa sirrii akka taʼee fi barumsa hedduu akka argate dubbateera. Adabni Yihowaa yeroo hundumaa sirrii taʼuu isaa akka barates dubbateera.” Abbaan manaa ishii Maarki itti dabaluudhaan, “Yeroo booda ilmi keenya wanti akka deebiʼu isa godhe keessaa tokko walitti dhufeenya isaa wajjin qabnu guutummaatti dhaabuu keenya akka taʼe natti himeera. Yihowaan akka isaaf ajajamnu waan nu gargaareef baayʼeen gammade” jedheera.

13. Dhiphina sitti dhagaʼamu dandamachuuf maaltu si gargaara?

13 Michuu miira kee siif hubatu haasofsiisi. Kiristiyaanota bilchaatoo ilaalcha sirrii qabaachuuf si gargaaran waliin yeroo dabarsi. (Fak. 12:25; 17:17) Joʼaanaan ishiin olitti ibsamte, “Kophummaan natti dhagaʼama; taʼus michootan amanu haasofsiisuun koo baayʼee na gargaareera” jetteetti. Haa taʼu malee, obboloonni gumii keessa jiran tokko tokko wanta si miidhu yoo dubbatan maal gochuu dandeessa?

14. “Wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu” keenya itti fufuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

14 Obbolootaa fi obboleettota keetiif obsi. Namni hundi yeroo hunda wanta sirrii dubbata jennee yaaduu hin qabnu. (Yaq. 3:2) Hundi keenya iyyuu cubbuu waan dhaalleef, namni tokko waan jedhu wallaaluu ykn utuu hin beekin wanta si miidhu dubbachuu dandaʼa. Gorsa Phaawulos, “Namni tokko sababii nama kan biraa itti komatu yoo qabaate illee, wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa” jechuudhaan kenne yaadadhu. (Qol. 3:13) Obboleettiin ilmi ishii gumiidhaa baafame takka, “Yihowaan obboloota na jajjabeessuuf jedhanii na miidhaniif dhiifama akkan godhu na gargaareera” jetteetti. Obboloonni gumii keessa jiran miseensota maatii nama gumiidhaa baafame qaban gargaaruuf maal gochuu dandaʼu?

OBBOLOONNI GUMII KEESSA JIRAN GARGAARSA GOCHUU DANDAʼU

15. Miseensota maatii nama gumiidhaa baafame qaban gargaaruuf maal gochuu dandeenya?

15 Miseensota maatii nama gumiidhaa baafame qabanitti dhihaadhu, akkasumas gaarummaa isaanitti argisiisi. Obboleettiin Miiriyaam jedhamtu obboleessi ishii erga gumiidhaa baafamee booda walgaʼii irratti argamuun akka ishii dhiphisu dubbatteetti. Akkana jetteetti: “Namoonni maal naan jedhu laata jedheen sodaadha. Taʼus, michoonni gaggaariin obboleessa koo isa gumiidhaa baafametti haaloo utuu hin qabatin naa wajjin gaddan jiru turan. Isaaniif galanni haa taʼuutii, yeroon gaddaa turetti kophummaan natti hin dhagaʼamne.” Obboleettii kan biraan immoo akkana jetteetti: “Ilmi keenya gumiidhaa erga baafamee booda michoonni keenya nu jajjabeessuuf dhufaniiru. Isaan keessaa tokko tokko, ‘Maal jennee akka isin jajjabeessinu hin beeknu’ nuun jedhaniiru. Obboloonni tokko tokko naa wajjin booʼu, warri kaan immoo xalayaa nama jajjabeessu naaf barreessu turan. Akkas gochuun isaanii baayʼee na fayyadeera!”

16. Obboloonni gumii keessan jiran deggersa gochuu isaanii itti fufuu kan dandaʼan akkamitti?

16 Miseensota maatii nama gumiidhaa baafame qaban deggeruu keessan itti fufaa. Yeroo kam iyyuu caalaa jaalallii fi jajjabinni keessan kan isaan barbaachisu amma. (Ibr. 10:24, 25) Yeroo tokko tokko miseensonni maatii nama gumiidhaa baafame qaban, obboloonni gumii keessa jiran isaan irraas akka fagaatan isaanitti dhagaʼama. Miirri akkasii akka isaanitti dhagaʼamu hin godhinaa! Keessumaa dargaggoota warri isaanii dhugaa dhiisan galateeffachuu fi jajjabeessuu qabna. Maariyaan ishiin abbaan manaa ishii gumiidhaa baafamee fi maaticha dhiisee deeme akkana jetteetti: “Michoonni koo tokko tokko mana koo dhufanii nyaata hojjetu, akkasumas nuu wajjin qoʼatu. Miira koo waan naaf hubataniif naa wajjin booʼu. Namoonni waaʼee koo wanta sirrii hin taane yeroo dubbatan naaf falmu. Baayʼee na jajjabeessaniiru!”—Rom. 12:13, 15.

Haati takkaa fi ijoolleen ishii jaarsolii gumii mana isaanii dhufan lama simachaa jiru.

Obboloonni gumii keessa jiran miseensota maatii nama gumiidhaa baafame qaban jajjabeessuu ni dandaʼu (Keeyyata 17 ilaali)e

17. Jaarsoliin warra gaddan jajjabeessuuf maal gochuu dandaʼu?

17 Jaarsoliin carraa argatanitti fayyadamanii miseensota maatii nama gumiidhaa baafame qaban jajjabeessu. Jaarsoliin, obboloota akkasii jajjabeessuuf itti gaafatamummaa addaa qabdu. (1 Tas. 5:14) Walgaʼii duraa fi booda dursa fudhadhaatii isaan jajjabeessaa. Mana isaanii dhaqaa isaan gaafadhaa; isaanii wajjinis kadhadhaa. Isaanii wajjin tajaajilaa, yeroo tokko tokko immoo waaqeffannaa maatii keessan irratti isaan affeeraa. Tiksitoonni hafuuraa hoolaa Yihowaa gaddee jirutti gara laafinaa fi jaalala argisiisuun, akkasumas xiyyeeffannaa isaaf kennuun isaanii barbaachisaa dha.—1 Tas. 2:7, 8.

ABDII HIN KUTATIN, YIHOWAATTI AMANAMUU KEES ITTI FUFI

18. Akka 2 Pheexiros 3:9 jedhutti Yihowaan namoonni isa tajaajiluu dhiisan maal akka godhan barbaada?

18 Yihowaan “hundumtuu yaada akka geddarataniif malee, namni tokko illee akka badu [hin barbaadu].” (2 Pheexiros 3:9 dubbisi.) Namni tokko cubbuu cimaa kan raawwate taʼus, Waaqayyo duratti iddoo guddaa qaba. Yihowaan tokkoon tokkoon keenyaaf wanta gatii guddaa qabu, jechuunis aarsaa furii Ilma isaa isa baayʼee jaallatuu akka kaffale yaadadhu. Yihowaan gara laafinaan kakaʼee namoonni isa irraa fagaatan gara isaatti akka deebiʼan gargaaruu barbaada. Akkuma fakkeenya Yesuus waaʼee ilma badee dubbate irratti ibsametti gara isaatti deebiʼuuf akka filatan ni abdata. (Luq. 15:11-32) Namoonni dhugaa dhiisan hedduun yeroo booda gara Abbaa isaanii isa jaalala qabeessa taʼeetti deebiʼaniiru. Miseensonni gumichaas harka balʼisanii isaan simataniiru. Elzaabeet ishiin olitti ibsamte yeroo ilmi ishii gara gumiitti deebiʼetti baayʼee gammaddee turte. Haala isaa yaadachuudhaan, “Obboloota abdii akka hin kutanne nu jajjabeessaa turan baayʼeen galateeffadha” jetteetti.

19. Yihowaatti amanamuu kee itti fufuu kan dandeessu maaliifi?

19 Yeroo hundumaa Yihowaatti amanamuu dandeenya. Inni matumaa qajeelfama nu miidhu nuuf hin kennu. Inni Abbaa arjaa fi gara laafessa namoota isa jaallatanii fi isa waaqeffatan hundumaaf jaalala guddaa qabu dha. Yihowaan yeroo dhiphina keetti matumaa akka si hin dhiisne mirkanaaʼaa taʼi. (Ibr. 13:5, 6) Maarki inni olitti ibsame, “Yihowaan matumaa nu hin dhiisne. Yeroo rakkina keenyaatti matumaa nu irraa hin fagaanne” jedheera. Yihowaan “[humna] humna caalu” siif kennuu isaa itti fufa. (2 Qor. 4:7) Eeyyee, yeroo namni jaallattu Yihowaa dhiisutti illee amanamummaa kee eeguu fi akka deebiʼu abdachuu kee itti fufuu ni dandeessa.

CAQASOOTA ARMAAN GADII IRRAA MAAL BARATTE?

  • Faarfannaa 78:40, 41

  • Faarfannaa 32:6-8

  • Ibroota 12:11

FAARFANNAA 44 Kadhannaa Nama Miirri Isaa Miidhamee

a Namni jaallannu tokko Yihowaa Waaqeffachuu yeroo dhiisu baayʼee gaddina! Mata dureen kun yommuu haalli akkasii uumamu Waaqayyotti maaltu akka dhagaʼamu ibsa. Miseensonni maatii nama gumiidhaa baafame sanaa gadda isaanii dandamachuu fi karaa hafuuraa cimoo taʼanii itti fufuuf maal gochuu akka dandaʼanis ni ilaalla. Obboloonni gumii keessa jiran hundi maatichaaf jajjabinaa kennuu fi deggersa gochuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼes ni baranna.

b Maqaawwan mata duree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.

d IBSA FAKKII: Obboleessi tokko maatii isaa fi Yihowaa dhiisuu isaatiin kan kaʼe haati manaa isaa fi ijoolleen isaa baayʼee gaddaa jiru.

e IBSA FAKKII: Jaarsoliin lama maatii gumii isaanii keessa jiru tokko jajjabeessuuf mana isaanii dhaqan.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi