LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w22 Adoolessa ful. 14-19
  • Raajii Bara Durii Si Ilaallatu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Raajii Bara Durii Si Ilaallatu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • QAAMONNI RAAJICHA KEESSATTI IBSAMAN EENYUFAʼI?
  • YIHOWAAN RAAJIIN KUN AKKA RAAWWATAMU GOCHUUF MAAL GODHE?
  • RAAJII KANARRAA FAAYIDAA ARGACHAA KAN JIRRU AKKAMITTI?
  • B1 Dhaamsa Kitaaba Qulqulluu
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • Yihowaan Kaayyoosaa Ibse
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
  • Waaʼeen Eeden Siin Kan Ilaalltu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • “Ogummaa Waaqayyoo Isa Iccitii Qulqulluu Keessa Jiru”
    Yihowaatti Dhihaadhu
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
w22 Adoolessa ful. 14-19

MATA DUREE QOʼANNAA 30

Raajii Bara Durii Si Ilaallatu

“Ani sii fi dubartittii gidduutti . . . diinummaan akka jiraatu nan godha.”—UMA. 3:15.

FAARFANNAA 15 Ilma Yihowaa Isa Angafa Jajadhaa!

QABIYYEEa

1. Addaamii fi Hewaan cubbuu hojjetanii utuma baayʼee hin turin Yihowaan maal godhe? (Uumama 3:15)

ADDAAMII fi Hewaan cubbuu hojjetanii utuma baayʼee hin turin, Yihowaan raajii dinqisiisaa tokko dubbachuudhaan sanyii isaaniitiif abdii kenneera. Wanti inni dubbate Uumama 3:15 irratti galmeeffameera.—Dubbisi.

2. Raajiin kun addadha kan jennu maaliifi?

2 Raajiin kun kutaa Kitaaba Qulqulluu isa jalqabaa keessatti argama. Haa taʼu malee, kitaabonni Kitaaba Qulqulluu kan biroonis raajii kana wajjin karaa taʼe tokkoon wal qabatu. Akkuma qolli duubaa kitaaba tokkoo fuulawwan kitaabichaa hundumaa walitti qabu, jechoonni Uumama 3:15 irratti argamanis ergaa kitaabota Kitaaba Qulqulluu hundumaa walitti qabanii ibsu. Ergaan kunis Waaqayyo Fayyisaa Seexanaa fi duuka buutota isaa hundumaa balleessu tokko akka ergu kan ibsudha.b Kun warra Yihowaa jaallataniif eebba guddaadha.

3. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna?

3 Mata duree kana keessatti gaaffilee Uumama 3:15 ilaalchisee kaʼaniif deebii arganna. Qaamonni achi keessatti ibsaman eenyufaʼi? Raajiin kun kan raawwatame akkamitti? Nutoo kanarraa fayyadamaa kan jirru akkamitti?

QAAMONNI RAAJICHA KEESSATTI IBSAMAN EENYUFAʼI?

Fakkiiwwan garaa garaa: “Qaamota Uumama 3:14, 15 Irratti Ibsaman.” 1. Boficha: Seexana isa uumama hafuuraa taʼe. 2. Sanyii bofichaa: uumamawwan hafuuraa hamoo. 3. Dubartittii: uumamawwan hafuuraa amanamoo. 4. Sanyii dubartittii: Yesuus Kiristoosii fi dibamtoota isa wajjin samii keessatti bulchan. Fakkiiwwan kun keeyyata 4, 5, 7, fi 8 ibsamaniiru.

4. ‘Bofichi’ eenyu? Kana hoo akkamitti beekna?

4 Qaamonni Uumama 3:14, 15 irratti galmeeffaman “boficha,” “sanyii” bofichaa, “dubartittii” fi “sanyii” dubartittiiti. Kitaabni Qulqulluun tokkoon tokkoon isaanii maal akka argisiisan hubachuuf nu gargaara.c Mee “boficha” irraa haa eegallu. Bofni tokko wanta Yihowaan iddoo biqiltuu Eedan keessatti dubbate hubachuu hin dandaʼu. Kanaafuu, Yihowaan murtii kan dabarse uumama yaaduu danda’urratti akka taʼe ifadha. Uumamni kun eenyu? Mulʼanni 12:9 eenyummaa bofa kanaa ifatti dubbata. Caqasa kanarratti “bofti inni jalqabaa” Seexana isa Diyaabilos jedhame akka taʼe ibsameera. Maarree, sanyiin bofichaa eenyu?

Seexana isa uumama hafuuraa taʼe.

BOFICHA

Seexana isa Mulʼata 12:9 irratti ‘bofa isa jalqabaa’ jedhame (Keeyyata 4 ilaali)

5. Sanyiin bofichaa eenyufaa argisiisa?

5 Kitaabni Qulqulluun yeroo tokko tokko jecha sanyii jedhu warra qaama tokko baayʼee fakkaachuu isaaniitiin kan kaʼe akkuma ijoollee isaatti ilaalamuu dandaʼan argisiisuuf itti fayyadama. Kanaafuu, sanyiin bofichaa uumamawwan hafuuraa fi namoota akkuma Seexanaa Yihowaa fi saba isaa morman kan argisiisudha. Gareen kun maleekota bara Nohitti iddoo samii keessatti qaban dhiisan, akkasumas namoota hamoo amala abbaa isaanii Diyaabilos calaqqisiisan kan dabalatudha.—Uma. 6:1, 2; Yoh. 8:44; 1 Yoh. 5:19; Yih. 6.

Uumamawwan hafuuraa hamoo.

SANYII BOFICHAA

Uumamawwan hafuuraa hamoo fi ilmaan namootaa Yihowaa fi saba isaa morman (Keeyyata 5 ilaali)

6. ‘Dubartittiin’ Hewaaniin hin argisiistu kan jennu maaliifi?

6 Kanatti aansuudhaan ‘dubartittiin’ eenyuun akka argisiistu haa ilaallu. Dubartiin tun Hewaan taʼuu hin dandeessu. Maaliif? Mee sababii tokko haa ilaallu. Raajiin dubbatame akka argisiisutti sanyiin dubartittii mataa bofichaa ni “buruqsa.” Akkuma olitti ilaalle bofichi kan argisiisu Seexana isa uumama hafuuraa taʼedha. Kanaafuu, sanyiin Hewaan mudaa qabu mataa bofichaa buruqsuu hin danda’u. Maarree, Seexana balleessuu kan danda’u eenyu?

7. Akka Mulʼata 12:1, 2, 5, 10 irratti ibsametti dubartiin Uumama 3:15 irratti caqasamte eenyuun argisiisti?

7 Dubartiin Uumama 3:15 irratti caqasamte eenyuun akka argisiistu kitaaba Mulʼataa keessatti ifa godhameera. (Mulʼata 12:1, 2, 5, 10 dubbisi.) Dubartiin asirratti ibsamte dubartii lafarratti argamtu kan argisiistu miti. Dubartiin tun miila ishii jalaa addeessa, mataa ishiirraa immoo gonfoo urjiilee 12 akka qabdu ibsameera. Mucaa adda taʼe tokko, jechuunis Mootummaa Waaqayyoo akka deesses ibsameera. Mootummaan kun Mootummaa samii waan taʼeef, dubartiin tunis samii keessatti kan argamtu akka taate ifadha. Kanaafuu, dubartiin tun kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa samii isa uumamawwan hafuuraa amanamoo of keessatti qabate argisiisti.—Gal. 4:26.

Uumamawwan hafuuraa amanamoo.

DUBARTITTII

Kutaa Jaarmiyaa Yihowaa isa samii uumamawwan hafuuraa amanamoo taʼan of keessatti qabate (Keeyyata 7 ilaali)

8. Sanyiin dubartittii inni jalqabaa eenyu? Akkas kan taʼe hoo yoomi? (Uumama 22:15-18)

8 Dubbiin Waaqayyoo sanyii dubartittii isa jalqabaa hubachuufis nu gargaara. Sanyiin kun karaa Abrahaam akka dhufu dubbatameera. (Uumama 22:15-18 dubbisi.) Akkuma raajiidhaan dubbatame Yesuus kan dhalate sanyii nama amanamaa kanaa irraati. (Luq. 3:23, 34) Haa taʼu malee, sanyiin kun mataa Seexanaa buruqsuudhaan guutummaatti waan isa balleessuuf, humna ilmaan namootaarra caalu kan qabu taʼuu qaba. Kanaafuu, Yesuus waggaa 30 yeroo guutetti hafuura qulqulluudhaan dibame. Yesuus yeroo dibametti kutaa sanyii dubartittii isa jalqabaa taʼeera. (Gal. 3:16) Yesuus duʼee erga duʼaa kaafamee booda Waaqayyo ‘ulfinaa fi kabaja isa gonfachiiseera,’ akkasumas hojii Diyaabilos diiguu dabalatee ‘samii fi lafarratti aangoo hunda isaaf kenneera.’—Ibr. 2:7; Mat. 28:18; 1 Yoh. 3:8.

Yesuus Kiristoosii fi dibamtoota isa wajjin samii keessatti bulchan.

SANYII DUBARTITTII

Yesuus Kiristoosii fi dibamtoota 144,000 isa wajjin bulchan (Keeyyata 8-9 ilaali)

9-10. (a) Kutaan sanyii dubartittii inni lammaffaan eenyufaʼi? Kutaa sanyichaa kan taʼan hoo yoomi? (b) Kanatti aansuudhaan maal ilaalla?

9 Haa taʼu malee, sanyiin kun kutaa lammaffaas qaba. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota dibamoo Yihudoota taʼanii fi Yihudoota hin taaneen, “Isin kan Kiristoos yoo taatan, dhuguma sanyii Abrahaam warra waadaa isaaf galame dhaaltani dha” yeroo jedhetti kutaa lammaffaan sanyii kanaa eenyufaa akka taʼan ifa godheera. (Gal. 3:28, 29) Yihowaan Kiristiyaana tokko hafuura qulqulluudhaan yeroo dibutti namni kun kutaa sanyii dubartittii taʼa. Kanaafuu, sanyichi Yesuus Kiristoosii fi dibamtoota isa wajjin bulchan 144,000 kan of keessatti qabatedha. (Mul. 14:1) Hundi isaanii fakkeenya Abbaa isaanii Yihowaa hordofuuf yaalu.

10 Qaamonni Uumama 3:15 keessatti caqasaman eenyufaa akka argisiisan ilaalleerra. Kanatti aansuudhaan immoo Yihowaan raajiin kun irraa jalaan akka raawwatamu gochaa kan jiru akkamitti akka taʼee fi raajiin kun akkamitti akka nu fayyadu ilaalla.

YIHOWAAN RAAJIIN KUN AKKA RAAWWATAMU GOCHUUF MAAL GODHE?

11. ‘Koomeen’ sanyii dubartittii kan madaa’e akkamitti?

11 Raajiin Uumama 3:15 irratti ibsame akka argisiisutti bofichi “koomee” sanyii dubartittii ni madeessa. Seexanni yeroo Yihudootaa fi warra Roomaa kakaasuudhaan Ilma Waaqayyoo akka ajjeesan godhetti raajiin kun raawwatameera. (Luq. 23:13, 20-24) Akkuma namni tokko koomeen isaa yoo madaaʼe yeroodhaaf deemuu hin dandeenye, Yesuusis yeroo duʼee awwaalametti yeroodhaaf sochiidhaa ala taʼeera.—Mat. 16:21.

12. Mataan bofichaa kan buruqfamu akkamittii fi yoomi?

12 Raajiin Uumama 3:15 irratti ibsame akka argisiisutti Yesuus akkuma awwaalametti hin hafu. Akkana kan jennu maaliifi? Raajiin kun akka argisiisutti sanyichi mataa bofichaa ni buruqsa. Yesuus kana gochuu kan danda’u yoo madaan koomee isaa fayyedha. Wanti taʼes kanuma. Yesuus guyyaa sadaffaatti uumama hafuuraa duʼuu hin dandeenye taʼee duʼaa kaafameera. Yeroo Waaqayyo murteessetti Yesuus Seexana guutummaatti ni balleessa. (Ibr. 2:14) Kiristoosii fi warri isa wajjin bulchan diinota Waaqayyoo warra sanyii bofichaa taʼan guutummaatti balleessu.—Mul. 17:14; 20:4, 10.d

Taʼeewwan Guguddaa Uumamni 3:15 Akka Raawwatamu Godhan

Chaartii yeroo taʼeewwan guguddaa Uumamni 3:15 akka raawwatamu godhan argisiisu. A. Dh.K.D. bara 1943: Abrahaam samii urjiileedhaan guutame ilaalaa jira. B. Dh.K.B. bara 29: Yesuus Yohaannisiin erga cuuphamee booda hafuura qulqulluudhaan dibame. C. Faasikaa Dh.K.B. bara 33: Yesuus muka dhiphinaa irratti fannifame. D. Phenxeqosxee Dh.K.B. bara 33: “Wantoonni arraba ibiddaa fakkaatan” mataa duuka buutota Kiristoos irratti mulʼatan. E. Dh.K.B. naannoo bara 1914: Yesuus Seexanaa fi jinnoota isaa samii irraa gadi darbate. F. Dhuma Bulchiinsa Barkumee: Seexannii fi jinnoonni isaa haroo ibiddaa keessatti darbatamu.
  1. A. DH.K.D. BARA 1943

    Waaqayyo waadaa sanyichi abdachiifame karaa Abrahaam akka dhufu gale raawwachuu jalqabe. (Uma. 12:1-3; 22:15-18)

  2. B. DH.K.B. BARA 29

    Yesuus dibamee kutaa sanyii dubartittii isa jalqabaa taʼe. (Mat. 3:16; Gal. 3:16)

  3. C. FAASIKAA DH.K.B. BARA 33

    Yesuus koomeen isaa ni madaaʼe; guyyaa sadii booda garuu ni fayye. (Mat. 16:21; 26:1, 2)

  4. D. PHENXEQOSXEE DH.K.B. BARA 33

    Kutaan sanyii dubartittii warri lammaffaan hafuura qulqulluudhaan dibaman. (HoE. 2:1-4; Gal. 3:29)

  5. E. NAANNOO BARA 1914

    Seexanni samiirraa gadi darbatame; sanyii dubartittiirrattis ariʼatama cimaa geessisuu jalqabe. (Mul. 12:9, 12, 17)

  6. F. DHUMA BULCHIINSA BARKUMEE

    Seexanni bara baraaf balleeffama. (Mul. 20:7, 10)

RAAJII KANARRAA FAAYIDAA ARGACHAA KAN JIRRU AKKAMITTI?

13. Raawwii raajii kanaarraa faayidaa argachaa kan jirru akkamitti?

13 Tajaajilaa Waaqayyoo yoo taate raawwii raajii kanaarraa faayidaa argachaa jirta jechuudha. Yesuus yeroo nama taʼee gara lafaa dhufetti eenyummaa Abbaa isaa guutummaatti calaqqisiiseera. (Yoh. 14:9) Kanaafuu, waa’ee Yesuus barachuudhaan Yihowaa beekuu fi jaallachuu dandeenyeerra. Kana malees, barumsawwan Yesuusii fi qajeelfamoota inni yeroo harʼaatti gumii Kiristiyaanaatiif kennurraa faayidaa argachaa jirra. Inni karaa Yihowaa gammachiisuun jiraachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiiseera. Kana malees, hundi keenya koomeen Yesuus madaaʼuu isaarraa, jechuunis duʼuu isaarraa faayidaa argachuu dandeenya. Akkamitti? Yesuus yeroo duʼaa kaafametti gatii dhiiga isaa isa ‘cubbuu hundumaarraa nu qulqulleessu’ aarsaa mudaa hin qabne godhee dhiheesseera.—1 Yoh. 1:7.

14. Ilmaan namootaa raajiin Eedan keessatti dubbatame yeruma sana akka raawwatamu eeguu qabuu? Ibsi.

14 Wanti Yihowaan Eedan keessatti dubbate raajiin kun guutummaatti raawwii isaa kan argatu yeroo booda akka taʼe argisiisa. Dubartittiin sanyicha abdachiifame hamma argamsiistutti, Seexanni duuka buutota isaa hanga walitti qabutti, akkasumas gareewwan kana lamaan gidduutti diinummaan (ykn jibbi) hanga uumamutti yeroon darbuu qaba. Raajiin kun addunyaan toʼannaa Seexanaa jala jiru tajaajiltoota Yihowaa akka jibbu waan ibsuuf raajii kana hubachuun keenya nu fayyada. Yesuusis yeroo booda duuka buutota isaatiif akeekkachiisa kana wajjin wal fakkaatu kenneera. (Mar. 13:13; Yoh. 17:14) Keessumaa waggoottan 100 darban keessatti kutaan raajii kanaa yeroo raawwatamu argaa jirra. Akkamitti?

15. Jibbi addunyaan Seexanaa nuuf qabu caalaatti kan dabale maaliifi? Taʼus, Seexana sodaachuu kan hin qabne maaliifi?

15 Bara 1914​tti Yesuus akkuma Mootii taʼee muudameen Seexanni samiirraa gad darbatameera. Amma sochiin isaa lafarratti qofa kan daangeffamedha, akkasumas badiisa isaa eeggachaa jira. (Mul. 12:9, 12) Haa taʼu malee, yeroo sanaa kaasee sochii cimaa gochaa jira. Seexanni baayʼee waan aareef, saba Waaqayyoorratti haleellaa baneera. (Mul. 12:13, 17) Addunyaan Seexanaa caalaatti saba Waaqayyoo kan jibbe kanaafi. Taʼus, Seexanaa fi duuka buutota isaa hin sodaannu. Kanaa mannaa, akkuma Phaawulos ergamaa amanannaadhaan, “Waaqayyo nuu wajjin yoo taʼe, eenyutu nu mormuu dandaʼa?” jenna. (Rom. 8:31) Akkuma argaa jirru raajiin Uumama 3:15 irratti argamu baayʼeen isaa waan raawwatameef guutummaatti Yihowaatti amanamuu dandeenya.

16-18. Kaartiis, Uursulaa fi Jeesiikaan Uumama 3:15 hubachuun isaanii kan isaan fayyade akkamitti?

16 Waadaa Yihowaan Uumama 3:15 irratti gale jireenya keenya keessatti rakkinni akkamiiyyuu yoo nu mudate dandamachuuf nu gargaara. Kaartiis inni misiyoonii taʼee Guwaamitti tajaajilu akkana jedheera: “Rakkinni jireenya koo keessatti na mudatu yeroo tokko tokko Yihowaadhaaf amanamaa taʼuun akka natti ulfaatu godha. Raajii Uumama 3:15 irratti argamurratti xiinxaluun koo garuu, amanannaa ani Abbaa koo isa samiirratti qabu eeggachuuf na gargaareera.” Kaartiis guyyaa Yihowaan rakkina nurra gaʼaa jiru hunda itti balleessu hawwiidhaan eeggata.

17 Obboleettiin Bavaariyaa keessa jiraattuu fi Uursulaa jedhamtu Uumama 3:15 hubachuun ishii Kitaabni Qulqulluun kan barreeffame geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka taʼe amanuuf akka ishii gargaare dubbatteetti. Obboleettiin tun raajiiwwan kaan hundi raajii kana wajjin akkamitti akka wal qabatan hubachuun ishii baayʼee ishii ajaaʼibsiiseera. “Ilmaan namootaa abdii malee akka hin hafneef Yihowaan yeruma sana tarkaanfii fudhachuun isaa garaa koo baayʼee tuqeera” jetteetti.

18 Jeesiikaa ishiin Maayikirooneezyiyaa jiraattu akkana jetteetti: “Dhugaa yeroon argadhetti miira natti dhagaʼame ammayyuu nan yaadadha. Raajiin Uumama 3:15 irratti ibsame raawwatamaa jira. Jireenyi harʼa jiraachaa jirru isa Yihowaan nuuf yaade akka hin taane yaadachuuf na gargaareera. Raajiin kun Yihowaa tajaajiluun yeroo ammaatti jireenya hundarra caalu, gara fuulduraatti immoo jireenya isa ammaarra caalu jiraachuuf akka na dandeessisu amantiin qabu naaf cimseera.”

19. Kutaan raajichaa inni dhumaa akka raawwatamu amanannaa akka qabaannu wanti godhu maalidha?

19 Akkuma olitti ilaalle Uumamni 3:15 yeroo ammaatti raawwatamaa jira. Eenyummaan sanyii dubartittii fi eenyummaan sanyii bofichaa guutummaatti ifa taʼeera. Yesuus inni sanyii dubartittii isa jalqabaa taʼe madaa koomee isaarraa bayyanatee Mootii ulfina qabeessa duʼuu hin dandeenye taʼeera. Yeroon warri kutaa sanyii dubartittii isa lammaffaa taʼan itti filataman xumuramuuf jedha. Kutaan raajichaa inni jalqabaa waan raawwatameef, kutaan raajichaa inni xumuraa mataan bofichaa akka buruqfamu dubbatus dhiheenyatti akka raawwatamu guutummaatti ni amanna. Seexanni yommuu balleeffamu ilmaan namootaa amanamoo taʼan boqonnaa guddaa argatu. Hammasitti garuu abdii hin kutatin. Waaqni keenya amanamaadha. “Saboonni lafa irraa hundi” karaa sanyii dubartittii eebba dhuma hin qabne akka argatan godha.—Uma. 22:18.

RAAJII UUMAMA 3:15 IRRATTI ARGAMU IBSUU NI DANDEESSAA?

  • ‘Bofichii’ fi sanyiin isaa, akkasumas “dubartittii” fi sanyiin ishii eenyu?

  • Raajichi hanga ammaatti kan raawwatame akkamitti?

  • Raawwii raajii kanaarraa dhuunfaatti faayidaa argachaa kan jirtu akkamitti?

FAARFANNAA 23 Yihowaan Bulchuu Jalqabe

a Ergaa Kitaaba Qulqulluu guutummaatti hubachuu kan dandeenyu raajii Uumama 3:15 irratti argamu yoo hubanne qofadha. Raajii kana qoʼachuun keenya amantii Yihowaarratti qabnu nuuf guddisa, akkasumas waadaawwan gale hundumaa akka raawwatu amanannaa qabnu nuuf cimsa.

b Hiika Addunyaa Haaraa irraa Kutaa Dabalataa B1 isa “Dhaamsa Kitaaba Qulqulluu” jedhu ilaali.

c Saanduqa, “Qaamota Uumama 3:14, 15 Ibsaman” jedhu ilaali.

d Saanduqa, “Taʼeewwan Guguddaa Uumamni 3:15 Akka Raawwatamu Godhan” jedhu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi