LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp23 Lakk. 1 ful. 8-9
  • 2 | “Jajjabina Kitaabota Qulqulluu Keessaa Argamu”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 2 | “Jajjabina Kitaabota Qulqulluu Keessaa Argamu”
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2023
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maal Jechuudha?
  • Kitaabni Qulqulluun kan Nu Gargaaru Akkamitti?
  • Dargaggoonni Maaliif Dhiphatu?—Furmaanni Isaa hoo Maali Dha?
    Dammaqaa!—2017
  • Miira Gadhee Sitti Dhagaʼamu Moʼuu kan Dandeessu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • 3 | Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluurraa Fayyadami
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2023
  • Dhiphina Sammuu
    Dammaqaa!—2014
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2023
wp23 Lakk. 1 ful. 8-9
Maanguddoon tokko wanta Kitaaba Qulqulluurraa dubbiserratti xiinxalaa jira.

2 | “Jajjabina Kitaabota Qulqulluu Keessaa Argamu”

KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “Jabaannee dhaabbachuu keenyaan, akkasumas jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuuf, wantoonni dursanii barreeffaman hundi barumsa akka irraa argannuuf barreeffaman.”—ROOMAA 15:4.

Maal Jechuudha?

Kitaabni Qulqulluun yaadawwan nama jajjabeessan qabateera; yaadawwan kun cimina yaada dogoggoraa dandamachuuf nu barbaachisu nuuf argamsiisu. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun dhiphinni kamiyyuu yeroo dhihootti akka badu abdii kenna.

Kitaabni Qulqulluun kan Nu Gargaaru Akkamitti?

Hundi keenyayyuu yeroo tokko tokko yaaddoon nutti dhagaʼama; namoonni dhiphina sammuutiin dararaman garuu guyyaa guyyaadhaan boqonnaa tokko malee dhiphina cimaa wajjin walʼaansoo godhu. Maarree, Kitaabni Qulqulluun gargaarsa akkamii kenna?

  • Kitaabni Qulqulluun yaadawwan gaggaarii yaada dogoggoraa balleessuuf gargaaran hedduu qabateera. (Filiphisiyus 4:8) Sammuun keenya yaadawwan nama jajjabeessanii fi nama tasgabbeessaniin akka guutamu godha; kunimmoo miira keenya toʼachuuf nu gargaara.—Faarfannaa 94:18, 19.

  • Kitaabni Qulqulluun miira gatii akka hin qabne nutti dhagaʼamu of keessaa baasuuf nu gargaara.—Luqaas 12:6, 7.

  • Caqasoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun kophaa keenya akka hin taanee fi Uumaan keenya miira keenya guutummaatti akka nuuf hubatu nuuf mirkaneessu.—Faarfannaa 34:18; 1 Yohaannis 3:19, 20.

  • Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo yaadannoowwan nama dhiphisan hundumaa akka balleessu dubbata. (Isaayyaas 65:17; Mulʼata 21:4) Yaadaa fi miira nama jeequ wajjin walʼaansoo yeroo goonu abdiin kun cimina jabaannee dhaabbachuuf nu barbaachisu nuuf kenna.

Kitaabni Qulqulluun Jeesiikaa kan Gargaare Akkamitti?

Dhiibbaa Dhiphinni Sammuu Narraan Geessise

Jeesikaan Kitaaba Qulqulluu ishii bantee akkuma qabattee jirtutti hirribni ishii fudhate.

“Yeroo umuriin koo waggaa 25 turetti haala dhiphisaa na mudateen kan kaʼe dhiphina sammuu cimaa taʼeenan qabame. Yaadannoowwan nama jeeqan akkuma tasaa gara sammuu kootti dhufu; toʼachuunis na rakkisee ture. Doktaroonni dhiphinni sammuu koo yaada dogoggoraa ani qabu wajjin kan wal qabatu taʼuu isaa akkan hubadhu na gargaaraniiru; ilaalcha dogoggoraa akkasii kanan qabaadhe haala gaddisiisaa jireenya koo keessatti na mudateen kan kaʼedha. Qoricha fudhachuu malees, ilaalcha dogoggoraa ani qabu adda baafachuu fi sirreessuuf gargaarsi ogeessa fayyaa na barbaachisee ture.”

Kitaabni Qulqulluun kan Na Gargaare Akkamitti?

“Yeroo dhiphinni sammuu koo natti hammaatu, naasuun akka tasaa natti dhagaʼama, garmaleen yaaddaʼa, akkasumas hirriba rafuu hin dandaʼu. Yeroo baayʼee halkan yaanni na jeequu fi toʼachuu hin dandeenye sammuu koo keessa deddeebiʼa. Faarfannaan 94:19 yeroo yaaddoodhaan liqimfamnutti Waaqayyo akka nu jajjabeessuu fi akka nu tasgabbeessu dubbata. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu fi yaadannoo caqasoota nama jajjabeessan irratti barreeffadhe qabate siree koo biran kaaʼadhe. Yeroo hirribni na didu caqasoota muraasan dubbisa; kunimmoo Dubbiin Waaqayyoo akka na jajjabeessu heyyamuuf na gargaara.

“Kitaabni Qulqulluun ilaalcha yaada Waaqayyoo wajjin wal faallessurraa akka fagaannu nu jajjabeessa. Kanaan dura gatii akkan hin qabne, akkan hin jaallatamnee fi faayidaa akkan hin qabne natti dhagaʼama ture. Ilaalchi akkasii garuu wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu wajjin akka wal faallessu baradheera; Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo Abbaa jaalala qabeessaa fi gara laafessa dhuunfaatti nuuf yaadu akka taʼe barsiisa. Suutuma suuta yaanni koo akka na toʼatu heyyamuu mannaa yaada koo toʼachuu baradheera. Akka Waaqayyo na ilaalutti of ilaaluu baradheera. Kun tarkaanfii barbaachisaa ilaalcha dogoggoraa ofiif qabu balleessuuf na gargaaredha.

“Yeroo yaadannoowwan nama dhiphisanii fi yaadawwan dogoggoraa hundi itti balleeffaman hawwiidhaanan eeggadha. Gara fuulduraatti dhibeen sammuu akka badu beekuun koo jabaadhee akkan dhaabbadhuu fi yeroo itti dhiphinni sammuu hin jiraanne hawwiidhaan akkan eeggadhu na gargaareera.”

Gargaarsa Dabalataatiif:

Mata duree “Gargaarsa ‘Waaqa Jajjabinaarraa’ Argamu” jedhuu fi Dammaqaa! Adoolessa 2009 (Amaariffa) irratti baʼe jw.org irraa dubbisi.

Kitaaba Faarfannaa dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi