LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w23 Ebla ful. 20-25
  • Walgaʼiiwwan Gumiirratti Wal Jajjabeessaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Walgaʼiiwwan Gumiirratti Wal Jajjabeessaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • GUMII XINNOO KEESSATTI WAL JAJJABEESSAA
  • GUMII GUDDAA KEESSATTI WAL JAJJABEESSAA
  • KARAAWWAN WAL JAJJABEESSUU ITTI DANDEENYU KAN BIROO
  • Gumii keessatti Yihowaa jajadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Deebii Gaarii Deebisuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Walgaʼii Keenyaaf Akka Gaariitti Qophaaʼuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
  • Walgaʼiiwwan Gumii Kan Nama Cimsan Akka Taʼan Gumaacha Ni Gootaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
w23 Ebla ful. 20-25

MATA DUREE QOʼANNAA 18

Walgaʼiiwwan Gumiirratti Wal Jajjabeessaa

“Xiyyeeffannaa waliif haa kenninu; . . .  wal haa jajjabeessinu.”—IBR. 10:24, 25.

FAARFANNAA 88 Daandii Kee Na Barsiisi

QABIYYEEa

1. Walgaʼiirratti yaada kan kenninu maaliifi?

WALGAʼII gumiirratti kan argamnu maaliifi? Sababiin itti walgaʼiirratti argamnu inni guddaan Yihowaa jajachuufi. (Far. 26:12; 111:1) Sababiin walgaʼiirratti itti argamnu kan biraanimmoo, yeroo rakkisaa taʼe kana keessatti wal jajjabeessuu akka dandeenyuufi. (1 Tas. 5:11) Harka baasnee yeroo yaada kenninu kaayyoo kana lamaanuu galmaan geenya.

2. Walgaʼiiwwan keenyarratti yaada kennuuf carraawwan akkamii qabna?

2 Torban torbaniin, walgaʼiirratti yaada kennuuf carraa arganna. Fakkeenyaaf, dhuma torbaniitti Qoʼannaa Masaraa Eegumsaarratti hirmaannaa gochuu dandeenya. Walgaʼii torban gidduutti godhannu irrattimmoo Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu, Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii fi kutaawwan mariidhaan dhihaatan kan biroorratti yaada kennuu dandeenya.

3. Walgaʼiirratti deebii deebisuun rakkisaa akka nutti taʼu kan godhu maal taʼuu dandaʼa? Yaanni Ibroota 10:24, 25 irratti argamu nu gargaaruu kan dandaʼuhoo akkamitti?

3 Hundi keenyayyuu Yihowaa jajachuu fi obboloota keenya jajjabeessuu barbaanna. Taʼus, walgaʼiirratti yaada kennuu wajjin wal qabatee haalawwan rakkisoon nu mudachuu dandaʼu. Tarii yaada kennuun nu dhiphisa taʼa, yookiinimmoo hirmaachuuf fedhii guddaa kan qabnu taʼus, hamma barbaanne carraa hedduun nuuf hin kennamu taʼa. Rakkoowwan kana dandamachuuf maaltu nu gargaara? Xalayaan Phaawulos ergamaan Ibrootaaf barreesse deebii gaaffii kanaa argachuuf nu gargaara. Walitti qabamuun barbaachisaa taʼuu isaa yeroo ibsu, ‘wal jajjabeessuu’ irratti xiyyeeffachuu akka qabnu addeesseera. (Ibroota 10:24, 25 dubbisi.) Yaada salphaa amantii keenya ibsu kennuun keenya qoftillee namoota walgaʼicharratti argaman jajjabeessuu dandaʼa; kana beekuun keenya sodaan nutti dhagaʼamu akka hirʼatu godha. Yaada kennuuf carraa hedduun yoo nuuf kennamuu baatellee, warri gumicha keessa jiran kaan yaada kennuuf carraa argachuu isaaniitti gammaduu ni dandeenya.—1 Phe. 3:8.

4. Qabxiileen sadan mata duree kana keessatti ilaallu kamfaʼi?

4 Mata duree kana keessatti, jalqaba gumii xinnoo hirmaattota muraasa qabu keessatti wal jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla. Itti aansuudhaanimmoo, gumii guddaa hirmaattota hedduu qabu keessatti wal jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe qorra. Dhumarrattis, karaawwan yaanni kenninu warra kaan kan jajjabeessu akka taʼu gochuu itti dandeenyurratti mariʼanna.

GUMII XINNOO KEESSATTI WAL JAJJABEESSAA

5. Gumii xinnoo keessatti wal jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Gumii xinnoo tokko ykn garee tokko keessatti namoonni walgaʼiirratti yaada kennan baayʼee miti. Yeroo tokko tokko obboleessi geggeessu hamma namni deebii kennu harka baasutti takka eeguun isa barbaachisuu dandaʼa. Kanaan kan kaʼes, walgaʼichi nuffisiisaa fakkaachuu dandaʼa; kunimmoo warra kaan hin jajjabeessu. Maarree, maal gochuu dandeessa? Irra deddeebiʼii harka baasi. Akkas gochuun kee warri kaan caalaatti hirmaannaa akka godhan kakaasuu dandaʼa.

6-7. Walgaʼiirratti yaada yeroo kenninu sodaa nutti dhagaʼamu hirʼisuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Haa taʼu malee, walgaʼiirratti yaada kennuun baayʼee kan si sodaachisu yoo taʼehoo? Obboloonni hedduun akkas isaanitti dhagaʼama. Taʼus, obbolootaa fi obboleettota kee caalaatti jajjabeessuu akka dandeessuuf, karaa sodaa kee hirʼisuuf si gargaaru maaliif hin barbaaddattu? Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?

7 Yaada maxxansawwan Masaraa Eegumsaa kanaan dura baʼanirratti ibsame dubbisuun si gargaaruu dandaʼa.b Fakkeenyaaf, akka gaariitti qophaaʼi. (Fak. 21:5) Barumsa qoʼatamu akka gaariitti beekuun kee yaada kennuun caalaatti akka siif salphatu godha. Akkasumas, deebii gabaabaa kenni. (Fak. 15:23; 17:27) Deebiin kennitu gabaabaa taʼuun isaa sodaan sitti dhagaʼamu akka hirʼatu godha. Obboloonnis deebii dheeraa yaada hedduu of keessatti qabaterra, deebii gabaabaa hima tokko ykn lama of keessatti qabate hubachuutu isaanitti salphata. Jecha mataa keetiin yaada gabaabaa kennuun kee, akka gaariitti akka qophooftee fi barumsa dhihaatu sirriitti akka hubatte argisiisa.

8. Yihowaan carraaqqii goonuuf ilaalcha akkamii qaba?

8 Gorsa olitti kenname hojiirra kan oolchite taʼus, deebii tokko ykn lamaa ol deebisuun kan sitti ulfaatu yoo taʼehoo? Yihowaan carraaqqii gootu akka dinqisiifatu mirkanaaʼaa taʼi. (Luq. 21:1-4) Yihowaan wanta humna keetii ol taʼe sirraa hin eegu. (Filp. 4:5) Wanta dandeessu gochuuf kutadhu, galma baafadhu, akkasumas Yihowaan garaa kee akka siif tasgabbeessu kadhadhu. Galmi jalqabarratti baafattu deebii gabaabaa tokko kennuu taʼuu dandaʼa.

GUMII GUDDAA KEESSATTI WAL JAJJABEESSAA

9. Gumiiwwan guguddaa keessatti deebii kennuu wajjin haala wal qabateen haalli rakkisaan akkamii mudachuu dandaʼa?

9 Gumiin keessan babalʼistoota hedduu kan qabu yoo taʼemmoo, haalli rakkisaa kan biraan si mudachuu dandaʼa. Hirmaattonni baayʼeen jiraachuu isaaniitiin kan kaʼe ati deebii deebisuuf carraa baayʼee hin argattu taʼa. Fakkeenyaaf, Daaniyeel yeroo hunda walgaʼiirratti yaada kennuun ishii gammachiisa.c Walgaʼiirratti yaada kennuun kutaa waaqeffannaa ishii akka taʼetti ilaalti, akkasumas karaa itti warra kaan jajjabeessituu fi amantii dhugaa Kitaaba Qulqulluurratti qabdu itti cimsattu akka taʼe ishiitti dhagaʼama. Yeroo gara gumii guddaatti jijjiiramtetti garuu akka duraanii yaada kennuuf carraa baayʼee hin arganne; yeroo tokko tokkommoo, guutummaa walgaʼichaarratti deebii tokkollee deebisuuf carraa hin argattu. Akkana jetteetti: “Baayʼee gaddeen ture. Mirga tokko akkan dhabe natti dhagaʼame. Yeroo baayʼee harka baastus carraan siif hin kennamu taanaan, ‘Beekaadhaa laata?’ jettee yaaduu jalqabda.”

10. Carraa deebii kennuu itti dandeenyu balʼifachuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Atoo akka Daaniyeel sitti dhagaʼamee beekaa? Taanaan, abdii kutachuudhaan calluma jettee dhaggeeffachuuf qoramta taʼa. Taʼus, deebii kennuuf yaaluu kee hin dhiisin. Maal gochuu dandeessa? Tokkoon tokkoon walgaʼiitiif deebii hedduu qophaaʼuun kee si fayyaduu dandaʼa. Jalqabarratti carraan sii kennamuu baatullee gara boodaarra carraan sii kennamuu dandaʼa. Qoʼannaa Masaraa Eegumsaatiif yeroo qophooftu keeyyanni hundi yaada ijoo mata durichaa wajjin kan wal qabatu akkamitti akka taʼe yaadi. Akkas yoo goote, mata dureen sun qoʼatamee hamma xumuramutti yaada gaarii kennitu qabaachuu dandeessa. Kana malees, keeyyatawwan dhugaawwan gadi fagoo ibsuuf ulfaatan qabatanirratti yaada kennuuf qophaaʼuu dandeessa. (1 Qor. 2:10) Maaliif? Namoonni barumsa akkasiirratti yaada kennan hedduun jiraachuu dhiisuu waan dandaʼaniifi. Gorsawwan kana hunda hojiirra erga oolchitee boodas, yeroo dheeraadhaaf walgaʼiirratti yaada kennuuf carraa yoo argachuu baattehoo? Walgaʼiin jalqabuu isaa dura obboleessa walgaʼicha geggeessutti dhihaattee gaaffii deebisuu yaadde itti himuu dandeessa.

11. Filiphisiyus 2:4 maal akka goonu nu jajjabeessa?

11 Filiphisiyus 2:4 dubbisi. Phaawulos ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee faayidaa warra kaanii akka yaadan Kiristiyaanota jajjabeesseera. Yeroo walgaʼiirratti argamnutti gorsa kana hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti? Warri kaanis akkuma keenya hirmaannaa gochuu akka barbaadan yaadachuudhaani.

Obboloonnii fi obboleettonni muraasni nyaata waliin nyaachaa jiru. Obboleessi tokko yeroo dubbatu warri kaan xiyyeeffannaadhaan isa dhaggeeffachaa jiru.

Yeroo warra kaan wajjin haasoftu akka isaan dubbatan akkuma carraa isaaniif laattu, walgaʼiirrattis warri kaan deebii akka kennan carraa isaaniif kenni (Keeyyata 12 laali)

12. Walgaʼiirratti karaa gaariin warra kaan jajjabeessuu itti dandeenyu isa kami? (Fakkichas ilaali.)

12 Mee kana yaadi. Michoota kee wajjin yeroo haasoftu baayʼee dubbachuudhaan isaan carraa itti dubbatan akka hin arganne ni gootaa? Akkas akka hin goone beekamaadha. Isaanis haasaa keessanirratti akka hirmaatan barbaadda. Haaluma wal fakkaatuun, walgaʼiirrattis hamma dandaʼame namoonni baayʼeen akka hirmaatan barbaanna. Karaa gaariin obbolootaa fi obboleettota keenya itti jajjabeessinu tokko amantii isaanii ibsuuf carraa akka argatan gochuudha. (1 Qor. 10:24) Mee kana gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

13. Warri kaanis yaada kennuuf carraa akka argatan gochuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Tokkoffaa, deebii gabaabaa kennuudhaan warri kaanis hirmaachuuf carraa akka argatan gochuu dandeenya. Jaarsolii fi obboloonni muuxannoo qaban kan biroon gama kanaan fakkeenya taʼuu dandaʼu. Deebii gabaabaa yeroo kennituttillee, yaada ijoo baayʼee caqasuurraa of qusadhu. Wanta keeyyaticha keessa jiru hunda yoo deebiste, warri kaan yaada dabalataa kennan dhabuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, keeyyata kana keessatti yaadawwan lama kennamaniiru; isaanis, deebii gabaabaa kennuu fi yaada ijoo baayʼee caqasuurraa of qusachuudha. Keeyyata kanarratti deebii akka kennitu carraan jalqabaa yoo siif kenname qabxiilee kana keessaa isa tokko qofa maaliif hin caqastu?

Fakkiiwwan garaa garaa: 1. Walgaʼii gumii tokkorratti obboloota olitti mulʼatan keessaa tokko deebii deebisuuf harka baasee jira. 2. Boodas, obboleessi sun yeroo warri kaan harka baasanitti harka baasuurraa of qusatee jira.

Walgaʼiirratti harka baasuu dhiisuuf kan murteessinu yoom taʼuu dandaʼa? (Keeyyata 14 laali)f

14. Walgaʼiirratti yeroo hammamii harka akka baasnu murteessuuf maaltu nu gargaara? (Fakkichas ilaali.)

14 Deebii kennuuf yeroo hammamii harka akka baastu murteessuuf dandeettii hubannaa keetti fayyadami. Irra deddeebinee harka kan baasnu yoo taʼe, obboleessi qoʼannaa sana geggeessu warri carraa hin arganne utuma jiranii carraa akka nuu kennu dhiibbaa isarratti gochuu dandaʼa. Kunimmoo warri kaan abdii kutatanii harka baasuu isaanii akka dhiisan gochuu dandaʼa.—Lal. 3:7.

15. (a) Deebii kennuuf carraa yoo argachuu baanne maal gochuurraa of qusachuu qabna? (b) Obboloonni qoʼannaa geggeessan nama hundumaaf akka yaadan argisiisuu kan dandaʼan akkamitti? (Saanduqa, “Situ Geggeessa yoo Taʼe” jedhu ilaali.)

15 Qoʼannaa tokkorratti babalʼistoonni hedduun harka kan baasan yoo taʼe, hamma barbaanne yaada kennuuf carraa argachuu dhiisuu dandeenya. Yeroo tokko tokkommoo, obboleessi qoʼannaa sana geggeessu carraa nuu kennuu dhiisuu dandaʼa. Kun abdii kan nama kutachiisu taʼuu dandaʼa; garuu deebii kennuuf yeroo carraa hin argannetti obboleessa qoʼannaa sana geggeessutti mufachuu hin qabnu.—Lal. 7:9.

Situ Geggeessa yoo Taʼe

Kutaa gaaffii fi deebiidhaan dhihaatu kan geggeessitu yoo taʼe hamma dandaʼame namoonni hedduun akka hirmaatan gochuuf yaali. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?

  • Baayʼee hin dubbatin. Yaada seensaa fi yaada xumuraa gabaabaa, gidduuttimmoo iddoo barbaachisutti yaada muraasa dubbadhu.e Keeyyanni hundi dubbifamuu isaa dura qabiyyee keeyyatichaa beeksisuun hin barbaachisu.

  • Gaaffii isaa erga dubbistee booda babalʼistoonni baayʼeen hamma harka baasanitti xinnoo eegi. Babalʼistoonni carraa hin arganne harka baasanii utuu jiranii irra deddeebitee namoota muraasaaf qofa carraa hin kennin. Babalʼistoonni bilchina qabanillee yeroo baayʼee carraan isaaniif hin kennamu yoo taʼe abdii kutachuu akka dandaʼan yaadadhu.

  • “Harka haaraa barbaadaan jira” ykn “Namni hanga ammaatti hin deebisne eenyu?” jechuurraa of qusadhu.

  • Walgaʼii torban gidduurratti gara dhumaatti kutaa gaaffii fi deebiidhaan dhihaatu kan geggeessitu yoo taʼe, warri carraa hin arganne hirmaachuu akka dandaʼaniif obboloota kutaawwan sana dura dhihaatanirratti deebii kennan yaadachuuf yaali.

  • Yeroo siif ramadametti hubannaadhaan fayyadami. Keeyyatoota jalqabaarratti yeroo dheeraa kan dabarsitu yoo taʼe, keeyyatoota gara boodaa jiranirratti ariifachuu fi warra kaaniif carraa kennuuf yeroo dhabuu dandeessa.

16. Obboloota walgaʼiirratti deebii deebisan jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Hamma barbaadde yaada kennuuf yoo carraa argachuu baattellee, yaada warri kaan kennan sirriitti dhaggeeffachuudhaan walgaʼiin yeroo xumuramu maaliif isaan hin galateeffattu? Akkuma yaada walgaʼiirratti kennitutti isaan galateeffachuun kees baayʼee isaan jajjabeessuu dandaʼa. (Fak. 10:21) Galateeffachuun karaa warra kaan itti jajjabeessinu keessaa tokkodha.

KARAAWWAN WAL JAJJABEESSUU ITTI DANDEENYU KAN BIROO

17. (a) Warri ijoolleen isaanii deebii walgaʼiirratti kennan akka qophaaʼan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? (b) Viidiyicharratti akka mulʼatutti tarkaanfiiwwan deebii qophaaʼuuf gargaaran arfan kamfaʼi? (Miiljalees ilaali.)

17 Karaan walgaʼiirratti wal jajjabeessuu itti dandeenyu kan biraan isa kami? Warra yoo taatan, ijoolleen keessan akkuma umurii isaaniitti deebii kennuuf akka qophaaʼan isaan gargaaraa. (Mat. 21:16) Yeroo tokko tokko kan qoʼatamu waaʼee rakkina gaaʼela keessatti uumamuu ykn dhimma naamusa wajjin wal qabatu taʼuu dandaʼa; mata dureewwan ciccimoo taʼan akkasii yeroo qoʼatamanittillee, keeyyanni ijoolleen yaada irratti kennuu dandaʼan tokko ykn lama jiraachuu dandaʼa. Kana malees, ijoolleen keessan yeroo harka baasan hundumaatti carraan isaaniif kennamuu dhiisuu kan dandaʼu maaliif akka taʼe akka hubatan isaan gargaaraa. Kana hubachuun isaanii utuma isaan harka baasanii jiranii yeroo warra kaaniif carraan kennamu akka hin mufanne isaan gargaara.—1 Xim. 6:18.d

18. Walgaʼiirratti deebii yeroo kenninu xiyyeeffannaa ofitti harkisuurraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkeenya 27:2)

18 Hundi keenyayyuu walgaʼiirratti deebii Yihowaadhaaf ulfina fiduu fi obboloota keenya jajjabeessu kennuuf qophaaʼuu dandeenya. (Fak. 25:11) Darbee darbee muuxannoo dhuunfaa dubbachuu kan dandeenyu taʼus, waaʼee ofii keenyaa baayʼee dubbachuurraa of qusachuu qabna. (Fakkeenya 27:2 dubbisi; 2 Qor. 10:18) Kanaa mannaa, Yihowaa, Dubbii isaa fi saba isaarratti xiyyeeffachuuf carraaqqii goona. (Mul. 4:11) Haa taʼu malee, gaaffiin keeyyatichaaf dhihaate muuxannoo keenya akka dubbannu kan jajjabeessu yoo taʼe akkas gochuun keenya sirriidha. Fakkeenyi kana argisiisu keeyyata itti aanurratti ibsameera.

19. (a) Warra walgaʼiirratti argaman hundaaf kan yaannu yoo taʼe buʼaa akkamiitu argama? (Roomaa 1:11, 12) (b) Walgaʼiirratti deebii kennuu ilaalchisee wanti dhuunfaatti dinqisiifattu maalidha?

19 Deebii walgaʼiirratti kenninu ilaalchisee seerri baʼe jiraachuu baatus, hundi keenyayyuu yaanni kenninu warra kaan kan jajjabeessu akka taʼu gochuuf carraaquu dandeenya. Kunis caalaatti hirmaannaa gochuu nu gaafachuu dandaʼa. Yookiin carraa deebii kennuuf argannetti gammaduu fi warri kaanis akkuma keenya deebii kennuuf mirga argachuu isaaniitti gammaduu taʼuu dandaʼa. Walgaʼiirratti faayidaa warra kaaniitiif dursa kan kenninu yoo taʼe, hundi keenyayyuu ‘wal jajjabeessuudhaan’ gammaduu dandeenya.—Roomaa 1:11, 12 dubbisi.

AKKA WALIIF YAANNU ARGISIISUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Yeroo babalʼistoonni hirmaannaa godhan muraasa taʼanitti

  • Yeroo babalʼistoonni deebii kennan baayʼee taʼanitti

  • Yeroo deebii kenninu qophoofnutti

FAARFANNAA 93 Walgaʼii Keenya Nuu Eebbisi

a Walgaʼiirratti yeroo yaada kenninu warra kaan jajjabeessina. Obboloonni tokko tokko garuu, walgaʼiirratti deebii kennuun isaan dhiphisa. Warri kaanimmoo deebii kennuun kan isaan gammachiisu taʼus, carraa gaʼaa akka hin arganne isaanitti dhagaʼama. Haalawwan lamaanuu keessatti, hundi keenyayyuu jajjabina akka argannuuf, waliif akka yaannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Yaada obbolootaa fi obboleettota keenya jaalalaa fi hojii gaariidhaaf kakaasu kennuu kan dandeenyuhoo akkamitti? Mata duree kana keessatti deebii gaaffilee kanaa ilaalla.

b Yaada dabalataa argachuuf, maxxansa Masaraa Eegumsaa, Amajjii 2019, ful. 8-13 fi Fulbaana 1, 2003, ful. 19-22 (Amaariffa) ilaali.

c Maqaan jijjiirameera.

d Viidiyoo Michuu Yihowaa Taʼi—Deebii Deebisuuf Qophaaʼi jedhamu jw.org irraa ilaali.

e Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2013, ful. 32 fi Fulbaana 1, 2003 (Amaariffa) ful. 21-22 ilaali.

f IBSA FAKKII: Gumii guddaa tokko keessatti obboleessi dursee deebii kennuuf carraa argate, harka baasuurraa of qusachaa jira.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi