LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Bitootessa ful. 2-7
  • Dafii Cuuphami

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dafii Cuuphami
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • NAMOONNI SAMAARIYAA NI CUUPHAMAN
  • SAAʼOL INNI NAMA BIYYA XARSEES TAʼE NI CUUPHAME
  • QORNEELEWOS NI CUUPHAME
  • NAMOONNI QORONTOS NI CUUPHAMAN
  • AMANTIIN KEE GAARA SOCHOOSUU NI DANDAʼA
  • Erga Cuuphamtee Booda ‘Yeroo Hunda Yesuus Duukaa Buʼi’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Yihowaadhaaf Of Murteessuuf Qophoofteettaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Wanti Ati hin Beekne Akka Jiru Gad Of Qabuudhaan Amanii Fudhadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Bitootessa ful. 2-7

MATA DUREE QOʼANNAA 9

FAARFANNAA 51 Waaqaaf Of Murteessineerra!

Dafii Cuuphami

“Maal eegda ree? Kaʼiitii cuuphami.”—HOE. 22:16.

YAADA IJOO

Mata duree kana keessatti fakkeenya namoota Samaariyaa, Saaʼol isa nama biyya Xarsees taʼe, Qorneelewosii fi namoota Qorontos qorra. Kunis jabina cuuphamuuf si barbaachisu siif argamsiisa.

1. Sababiiwwan cuuphamuuf nu kakaasan tokko tokko maalfaʼi?

SABABIIWWAN cuuphamuuf nu kakaasan tokko tokko maalfaʼi? Yihowaa isa jireenya dabalatee kennaawwan gaggaarii taʼan hunda siif kenne ni jaallattaa? Jaalala isaaf qabdu argisiisuu ni barbaaddaa? Karaa gaariin kana gochuu itti dandeessu isaaf of murteessuu fi murtoo kee kanammoo cuuphamtee argisiisuudha. Tarkaanfiiwwan kun kutaa maatii Yihowaa taʼuuf si gargaaru. Tarkaanfii kana fudhachuun kee qabeenya Yihowaa waan si taasisuuf Abbaan kee fi michuun kee Yihowaan si qajeelcha, akkasumas si kunuunsa. (Far. 73:24; Isa. 43:1, 2) Of murteessitee cuuphamuun kee abdii jireenya barabaraas siif argamsiisa.—1 Phe. 3:21.

2. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

2 Cuuphamuurraa wanti duubatti akka jettu si taasisu jiraa? Taanaan, gufuun akkasii kan mudatu si qofa miti. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman cuuphamuuf gochasaanii fi ilaalchasaanii irratti jijjiirama gochuun isaan barbaachiseera. Namoonni kun amma gammachuu fi hinaaffaadhaan Yihowaa tajaajilaa jiru. Namoota jaarraa tokkoffaatti cuuphaman tokko tokkorraa barumsa akkamii argatta? Mee gufuuwwan isaan mudatan tokko tokkoo fi fakkeenyasaaniirraa maal akka barannu haa ilaallu.

NAMOONNI SAMAARIYAA NI CUUPHAMAN

3. Namoonni Samaariyaa tokko tokko yeroo cuuphamuuf jedhanitti gufuun akkamii isaan mudatee taʼuu dandaʼa?

3 Namoonni Samaariyaa bara Yesuusitti turan amantaa mataasaanii qabu turan. Baayʼeensaanii kaaba Yihudaa naannoo magaalaa Sheekemii fi Samaariyaa keessa jiraatu turan. Namoonni Samaariyaa cuuphamuusaanii dura guutummaa Dubbii Waaqayyoo fudhachuu qabu turan. Namoonni Samaariyaa kitaabota Kitaaba Qulqulluu shanan, jechuunis Uumamaa hanga Keessa Deebii qofa fudhatu turan; kitaabni Iyyaasuus geggeessaa hafuura qulqulluutiin akka barreeffame kan amanan fakkaata. Haa taʼu malee, waadaa Waaqayyo Keessa Deebii 18:18, 19 irratti galerratti hundaaʼuudhaan Masiihichi akka dhufu ni eegu turan. (Yoh. 4:25) Cuuphamuudhaaf Yesuus Masiihicha abdachiifame akka taʼe amanuu qabu turan. ‘Namoonni Samaariyaa hedduunis’ akkas godhaniiru. (Yoh. 4:39) Warri kaanimmoo jibba halaalaa cimaa Yihudootaa fi namoota Samaariyaa gidduu jiru injifachuun isaan barbaachisee taʼuu dandaʼa.—Luq. 9:52-54.

4. Akka Hojii Ergamootaa 8:5, 6, 14 irratti ibsametti namoonni Samaariyaa tokko tokko ergaa Filiphoosiif deebii akkamii kennan?

4 Namoonni Samaariyaa wanti akka cuuphaman isaan gargaare maalidha? Filiphoos inni lallabaa wangeelaa taʼe yommuu “Kiristoosiin isaaniif lallabu” namoonni Samaariyaa tokko tokko ‘dubbii Waaqayyoo fudhatan.’ (Hojii Ergamootaa 8:5, 6, 14 dubbisi.) Filiphoos Yihudii kan ture taʼus isa dhaggeeffataniiru. Yaada Kitaaba Qulqulluu Waaqayyo akka hin loogne ibsu yaadatanii taʼuu dandaʼa. (Kes. 10:17-19) Kiristoosiin ilaalchisee ‘wanta inni dubbateef xiyyeeffannaa kennaniiru.’ Akkasumas ragaa Waaqayyo Filiphoosiin akka erge argisiisu fudhataniiru. Filiphoos warra dhukkubsatan fayyisuu fi jinniiwwan baasuu dabalatee dinqiiwwan hedduu raawwateera.—HoE. 8:7.

5. Namoota Samaariyaarraa maal baratte?

5 Namoonni Samaariyaa sun jibbi halaalaa ykn beekumsa dhabuun guddina gochuurraa duubatti akka isaan taasisu heyyamuu dandaʼu turan. Taʼus kun akka taʼu hin heyyamne. Namoonni Samaariyaa Filiphoos dhugaa akka isaan barsiise mirkanaaʼoo erga taʼanii booda cuuphamuurraa duubatti hin jenne. Seenaansaa akkana jedha: “Filiphoos misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo fi maqaa Yesuus Kiristoos yommuu isaaniif labsu dhiironnis taʼan dubartoonni wanta inni jedhu amananii cuuphaman.” (HoE. 8:12) Dubbiin Waaqayyoo dhugaa akka taʼe, akkasumas Dhugaa Baatonni Yihowaa jibba halaalaa akka injifatanii fi jaalala dhugaa isa mallattoo Kiristiyaanota dhugaa adda baasee beeksisu taʼe argisiisuuf akka carraaqan mirkanaaʼaa taateettaa? (Yoh. 13:35) Taanaan, Yihowaan akka si eebbisu mirkanaaʼaa taʼuudhaan kutannoodhaan tarkaanfii fudhadhu.

6. Fakkeenyi Ruuban kan si fayyadu akkamitti?

6 Ruuban inni Jarman jiraatu maatii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan keessatti guddate. Haa taʼu malee, dargaggummaasaatti Yihowaan kan jiru taʼuusaa shakkuu jalqabe. Shakkiisaa kan injifate akkamitti? Beekumsi akka isatti hirʼatu waan hubateef wanta tokko gochuuf murteesse. Akkana jedheera: “Qoʼannaa dhuunfaa koorratti shakkii koo ilaalchisee qorannaan godhe. Waaʼee jijjiirama tirannaa irra deddeebiʼee qoʼadheera.” Ruuban kitaaba Uumaan Siif Yaadu Jiraa? jedhamu dubbiseera. Kitaabni kun baayʼee isa fayyadeera. Kitaabicha erga dubbisee booda, ‘Baayʼee namatti tola, Yihowaan Waaqa dhugumaan jirudha’ ofiin jedhe. Ruuban yommuu waajjira muummee daawwatetti tokkummaa obboloonni addunyaa maratti argaman qaban caalaatti dinqisiifateera. Jarmanitti erga deebiʼee booda umuriisaa waggaa 17​tti cuuphameera. Wanta baratte ilaalchisee shakkii qabda yoo taʼe barreeffamoota keenyarratti qorannoo godhi. “Beekumsa sirrii” argachuun kee shakkii kee injifachuuf si gargaara. (Efe. 4:13, 14) Jaalalaa fi tokkummaa saba Yihowaa gidduutti argamu ilaalchisee gabaasa biyyoota kan biroo yommuu dhageessuu fi haalli gumii keetiis akkasuma taʼuusaa yommuu argitu dinqisiifannaan waldaa obbolummaa addunyaa maraatiif qabdu ni dabala.

SAAʼOL INNI NAMA BIYYA XARSEES TAʼE NI CUUPHAME

7. Saaʼol ilaalcha akkamii sirreessuu qaba ture?

7 Mee fakkeenya Saaʼol isa nama biyya Xarsees taʼee haa ilaallu. Saaʼol amantaa Yihudii keessatti guddina gochaa kan ture yeroo taʼu, Yihudoota biratti beekamtii qaba ture. (Gal. 1:13, 14; Filp. 3:5) Yeroo Yihudoonni hedduun Kiristiyaanonni gantoota akka taʼanitti ilaalaa turanitti, Saaʼol aarii guddaadhaan isaan ariʼachaa ture. Yeroo kanatti fedhii Waaqayyoo raawwachaa akka ture isatti dhagaʼamee ture. (HoE. 8:3; 9:1, 2; 26:9-11) Saaʼol Yesuusitti amanee Kiristiyaana cuuphame taʼuuf ariʼatamni akka isarra gaʼu eeguu qaba ture.

8. (a) Saaʼol akka cuuphamu maaltu isa gargaare? (b) Akka Hojii Ergamootaa 22:12-16​rratti ibsametti Anaaniyaas Saaʼoliin kan gargaare akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

8 Saaʼol akka cuuphamu maaltu isa gargaare? Saaʼol Yesuus inni ulfina argate yommuu isatti mulʼatetti ijjisaa ni jaame. (HoE. 9:3-9) Sana booda guyyaa sadiif soomaa ture; yeroo kanatti wanta isa mudaterratti akka xiinxale hin shakkisiisu. Saaʼol, Yesuus Masiihicha akka taʼe, duuka buutonnisaas amantaa dhugaa hordofaa akka jiran mirkanaaʼaa taʼe. Yeroo kanatti ajjeechaa Isxifaanosirratti walii galuusaatti baayʼee akka gadde ifadha. (HoE. 22:20) Guyyaa sadaffaatti barataan Anaaniyaas jedhamu gaarummaadhaan isatti dhihaatee ijasaa isaaf fayyise, akkasumas dafee akka cuuphamu isa jajjabeesse. (Hojii Ergamootaa 22:12-16 dubbisi.) Saaʼol gad of qabuudhaan gargaarsa isaaf kenname fudhateera, akkasumas jireenya haaraa jalqabeera.—HoE. 9:17, 18.

Sa⁠a⁠ʼol cuuphamuuf bishaan keessa seenaa jira. Namoonni muraasni gammachuudhaan isa ilaalaa jiru.

Akkuma Saaʼol jajjabina akka cuuphamtuuf sii kennamu ni fudhattaa? (Keeyyata 8 ilaali)


9. Saaʼolirraa maal baratte?

9 Saaʼolirraa barumsa argannu hedduu qabna. Koorri ykn sodaan namaa cuuphamuurraa duubatti akka isa taasisu heyyamuu dandaʼa ture. Taʼus, kun akka taʼu hin heyyamne. Saaʼol dhugaa waaʼee Kiristoos ibsu yommuu fudhatetti gad of qabuudhaan jireenya isaarratti jijjiirama godheera. (HoE. 26:14, 19) Ariʼatama akka isarraan geessisu kan beeku taʼus Kiristiyaana taʼuuf fedhii qaba ture. (HoE. 9:15, 16; 20:22, 23) Erga cuuphamee boodas qorumsa garaagaraa dandamachuuf akka isa gargaaru Yihowaatti amanamuusaa itti fufeera. (2 Qor. 4:7-10) Cuuphamtee Dhugaa Baatuu Yihowaa yommuu taatu qorumsi amantii ykn rakkinni si mudachuu dandaʼa, taʼus gargaarsa ni argatta. Yihowaa fi Kiristoos yeroo hundumaa akka si deggeran mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—Filp. 4:13.

10. Fakkeenyi Aanaa kan si fayyadu akkamitti?

10 Aanaan Baha Awurooppaatti maatii Kurdoota taʼan keessatti guddatte. Haati ishii erga cuuphamtee booda Aanaan heyyama abbaa ishiitiin umurii ishii waggaa 9​tti Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabde. Haa taʼu malee, firoonni ishii warri maatii ishii faana jiraatan Kitaaba Qulqulluu Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼachaa akka jirtu yommuu hubatan ishii mormuu jalqaban. Firoottan ishii amantii abbootiisaanii dhiisuu akka salphina guddaatti ilaalu. Aanaan yommuu umuriin ishii waggaa 12 taʼu cuuphamuuf akka ishiidhaaf heyyamu abbaa ishii gaafatte. Abbaan ishiis murtoo kana kan goote ofii ishiitiin kakaateetimoo namni kan biraan dhiibbaa ishiirratti godheeti kan jedhu beekuu barbaadee ture. Ishiinis, “Ani Yihowaa nan jaalladha” jettee isaaf deebiste. Yeroo kanatti abbaan ishii akka cuuphamtu ishiidhaaf heyyame. Sana booda firoonni ishii miidhaa garaagaraa ishiirraan gaʼaniiru. Firri ishii tokko, “Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu kee mannaa jireenya naamusaan ala taʼe jiraachuu fi sijaaraa xuuxuu kee wayya” ishiidhaan jedhee ture. Maarree, Aanaan haala kana kan dandamatte akkamitti? “Yihowaan akkan cimu na gargaareera, haati koo fi abbaan koos baayʼee na deggeraniiru” jetteetti. Aanaan yeroo jireenya ishii keessatti harka Yihowaa akka argite ishiitti dhagaʼamu hunda galmeessitee qabatti. Wanta Yihowaan ishiidhaaf godhe akka hin daganneef yeroo yerootti wanta barreessite ni ilaalti turte. Mormiin narra gaʼaa laata jettee kan sodaattu yoo taʼe Yihowaan siinis akka si gargaaru yaadadhu.—Ibr. 13:6.

QORNEELEWOS NI CUUPHAME

11. Qorneelewosiin haala akkamiitu mudate?

11 Kitaabni Qulqulluun fakkeenya Qorneelewosis qabateera. Qorneelewos raayyaa Roomaa keessatti “ajajaa dhibbaa” ture. (HoE. 10:1) Kanaan kan kaʼes, hawaasicha keessattis taʼe raayyaa waraanaa keessatti beekamaa ture. Kana malees “namootaaf kennaa gara laafinaa hedduu kan kennu” ture. (HoE. 10:2) Yihowaan misiraachicha akka isatti himuuf Pheexiros ergamaa garasaatti ergeera. Aangoon Qorneelewos qabu cuuphamuurraa duubatti akka jedhu isa taasiseeraa?

12. Qorneelewos cuuphamuuf maaltu isa gargaare?

12 Qorneelewos cuuphamuuf maaltu isa gargaare? Kitaabni Qulqulluun Qorneelewos “guutummaa maatii isaa wajjin Waaqayyoon kan sodaatu” akka ture dubbata. Kana malees, Qorneelewos yeroo hunda Waaqayyotti wawwaannaa dhiheessa ture. (HoE. 10:2) Pheexiros misiraachicha Qorneelewositti yommuu himu innii fi maatiinsaa Kiristoositti amananii yeruma sana cuuphaman. (HoE. 10:47, 48) Qorneelewos maatiisaa wajjin taʼee Yihowaa waaqeffachuuf jecha sirreeffama kamiyyuu gochuuf fedhii akka qabu homaa hin shakkisiisu.—Iya. 24:15; HoE. 10:24, 33.

13. Qorneelewos irraa maal baratte?

13 Qorneelewos aangoon inni qabu Kiristiyaana taʼuurraa duubatti akka isa jechisiisu heyyamuu dandaʼa ture. Haa taʼu malee, kun akka taʼu hin heyyamne. Atoo cuuphamuuf jireenya kee keessatti jijjiirama guddaa gochuun si barbaachisaa? Taanaan, Yihowaan si gargaara. Kutannoo qajeelfama Kitaaba Qulqulluu wajjin haala wal simuun isa tajaajiluuf gootes siif eebbisa.

14. Fakkeenyi Suyooshii kan si fayyadu akkamitti?

14 Suyooshiin inni Jaappaan jiraatu cuuphamuuf hojiisaarratti sirreeffama gochuun isa barbaachisee ture. Mana barumsaa beekamaa habaaboo qopheessuu barsiisu keessatti gargaaraa hogganaa taʼee hojjeta ture. Suyooshiin yeroo hogganaansaa sirna awwaalchaa amantaa Budiizimiirratti argamuu hin dandeenyetti bakkasaa buʼee hirmaata ture. Suyooshiin duʼa ilaalchisee dhugaasaa erga baratee booda garuu barsiifanni kun akka hin cuuphamne gufuu akka isatti taʼu hubate. Kanaafuu, sirna amantaa Budiizimiirratti hirmaachuu dhiisuuf murteesse. (2 Qor. 6:15, 16) Dhimma kana ilaalchisees hogganaasaa mariisise. Maarree, buʼaa akkamiitu argame? Suyooshiin sirna amantaa sanarratti utuu hin hirmaatin hojiisaa itti fufuu dandaʼeera. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu erga jalqabee gara waggaa tokkoo booda cuuphamuu dandaʼeera.a Waaqayyoon gammachiisuuf jecha hojii keerratti sirreeffama gochuun yoo si barbaachise, Yihowaan siifis taʼe maatii keetiif wanta isin barbaachisu akka guutu mirkanaaʼaa taʼi.—Far. 127:2; Mat. 6:33.

NAMOONNI QORONTOS NI CUUPHAMAN

15. Namoonni Qorontos cuuphamuuf gufuu akkamii moʼuun isaan barbaachiseera?

15 Namoonni Qorontos durii keessa jiraatan qabeenya kan jaallatanii fi jireenya naamusaan ala taʼe kan jiraatan turan. Namoonni magaalattii keessa jiraatan hedduun wanta Waaqayyoon hin gammachiisne raawwatu turan. Kanaafuu, namni magaalaa akkasii keessa jiraatu Yihowaa tajaajiluu jalqabuun hammam isatti ulfaachuu akka dandaʼu tilmaamuu dandeenya. Haa taʼu malee, yommuu Phaawulos ergamaan gara magaalaa sanaa deemee misiraachoo waaʼee Kiristoos ibsu isaaniif lallabetti “namoonni Qorontos warri ergaa sana dhagaʼan [hedduun] amanuu fi cuuphamuu jalqaban.” (HoE. 18:7-11) Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos Phaawulositti mulʼatee, “Ani magaalaa kana keessaa namoota hedduu qaba” isaan jedhe. Kanaafuu Phaawulos waggaa tokkoof walakkaadhaaf achitti lallabuusaa itti fufeera.

16. Namoonni Qorontos tokko tokko gufuu isaan mudate injifatanii cuuphamuuf maaltu isaan gargaare? (2 Qorontos 10:4, 5)

16 Namoonni Qorontos akka cuuphaman maaltu isaan gargaare? (2 Qorontos 10:4, 5 dubbisi.) Dubbiin Waaqayyoo fi hafuurrisaa inni humna guddaa qabu jireenya isaanii keessatti jijjiirama guddaa akka godhan isaan gargaareera. (Ibr. 4:12) Namoonni Qorontos misiraachoo waaʼee Kiristoos ibsu fudhatan barsiifatawwan gadhee kanneen akka machii, hannaa fi sodoomummaa jiran dhiisuu dandaʼaniiru.—1 Qor. 6:9-11.b

17. Namoota Qorontosirraa maal barachuu dandeessa?

17 Namoonni Qorontos tokko tokko jijjiirama guguddaa gochuun kan isaan barbaachisu taʼus, Kiristiyaana taʼuun baayʼee ulfaataadha jedhanii akka hin yaanne hubadhu. Daandii dhiphaa jireenya barabaraatti geessurra deemuudhaaf carraaqqii cimaa godhaniiru. (Mat. 7:13, 14) Cuuphamuu akka dandeessuuf barsiifata gadhee tokko injifachuuf walʼaansoo gochaa jirtaa? Matumaa abdii kutattee walʼaansoo gochuu kee hin dhaabin! Yihowaan hafuurasaatti fayyadamee wanta hamaa taʼe hawwuurraa fagaachuuf akka si gargaaru kadhadhu.

18. Fakkeenyi Moonikaa kan si fayyadu akkamitti?

18 Moonikaa ishiin Joorjiyaa jiraattu cuuphamuudhaaf dubbii gadhee fi bashannana sirrii hin taanerraa fagaachuuf carraaqqii cimaa gooteetti. Akkana jetteetti: “Dargaggummaa kootti kadhannaan baayʼee na gargaareera. Yihowaan wanta sirrii taʼe raawwachuu akkan barbaadu beeka, yeroo hundumaas na gargaaraa fi na qajeelchaa ture.” Moonikaan umurii ishii waggaa 16​tti cuuphamteetti. Atoo karaa fudhatama qabuun Yihowaa tajaajiluuf barsiifanni dhiisuun si barbaachisu jiraa? Humna jijjiirama gochuuf si barbaachisu akka siif kennuuf kadhachuu kee itti fufi. Yihowaan arjummaadhaan hafuurasaa siif kenna.—Yoh. 3:34.

AMANTIIN KEE GAARA SOCHOOSUU NI DANDAʼA

19. Gufuuwwan akka gaaraa taʼan injifachuuf maaltu si gargaara? (Fakkichas ilaali.)

19 Yihowaan akka si jaallatuu fi kutaa maatiisaa akka taatu akka barbaadu mirkanaaʼaa taʼi. Wanti akka hin cuuphamne gufuu sitti taʼe maaliyyuu yoo taʼe kana hin shakkin. Yesuus barattootasaa jaarraa tokkoffaatti turaniin akkana jedheera: “Amantii hanga firii sanaaficaa geessu yoo qabaattanii fi gaara kanaan, ‘Asii kaʼiitii achi deemi’ yoo jettan ni deema; wanti isiniif hin dandaʼamnes hin jiraatu.” (Mat. 17:20) Namoonni yeroo kanatti Yesuusiin dhagaʼaa turan isa wajjin kan turan waggoota muraasaaf qofa waan taʼeef amantiinsaanii ammayyuu guddachaa ture. Taʼus, Yesuus amantii gahaa yoo horatan gufuuwwan akka gaaraa jiran injifachuuf akka isaan gargaaru isaaniif mirkaneesseera. Yihowaan atis akkas akka gootu si gargaara!

Obboloota walg⁠a⁠ʼii naannoorratti namoota reefu cuuphamaniif gammachuudhaan harka rukutaa jiran.

Yihowaan akka si jaallatuu fi kutaa maatiisaa akka taatu akka barbaadu mirkanaaʼaa taʼi (Keeyyata 19 ilaali)c


20. Fakkeenyi Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa fi bara keenyatti argamanii maal gochuuf si kakaasa?

20 Wantoota akka hin cuuphamne gufuu sitti taʼan erga hubattee booda injifachuuf dafii tarkaanfii fudhadhu. Fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa fi bara keenyatti jiraatanirraa jajjabinaa fi cimina argachuuf yaali. Fakkeenyisaanii jireenya kee Yihowaadhaaf murteessitee cuuphamuuf akka si kakaasu hawwina. Murtoon kun murtoo jireenya kee keessatti gootu kamirrayyuu kan caaludha!

GUFUU SI MUDATE INJIFATTEE CUUPHAMUU ILAALCHISEE KIRISTIYAANOTA JAARRAA JALQABAA ARMAAN GADIIRRAA MAAL BARATTE?

  • Namoota Samaariyaa

  • Saaʼol isa biyya Xarseesii fi Qorneelewos

  • Namoota Qorontos

FAARFANNAA 38 Inni Si Jabeessa

a Seenaa jireenyaa obboleessa keenya Suyooshii Fuujii barruu Dammaqaa! Hagayya 8, 2005 (Ingiliffa) ful. 20-23 irratti baʼe ilaali.

b Viidiyoo, ‘Cuuphamuu Irraa Duubatti kan Jettu Maaliifi?’ jedhamu jw.org irraa ilaali.

c IBSA FAKKII: Obbolootaa fi obboleettota warra reefuu cuuphaman miira hoʼaadhaan simachaa jiran.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi