MATA DUREE QOʼANNAA 32
FAARFANNAA 38 Inni Si Jabeessa
Yihowaan Jabaannee Akka Dhaabbannu kan Nu Gargaaru Akkamitti?
“Waaqayyo inni gaarummaa guddaa hundumaatiin guutame . . . isin cimsa, isin jabeessa, akkasumas hundee jabaa irra isin dhaaba.”—1 PHE. 5:10.
YAADA IJOO
Mata duree kana keessatti qophiiwwan Yihowaan jabaannee akka dhaabbannu nu gargaaruuf godhe maalfaa akka taʼanii fi qophiiwwan kanarraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.
1. Jabaannee dhaabbachuun kan nu barbaachisu maaliifi? Jabaannee akka dhaabbannu hoo eenyutu nu gargaara? (1 Pheexiros 5:10)
GUYYOOTA dhumaa rakkisoo taʼan kana keessatti sabni Yihowaa jabaatanii dhaabbachuu qabu. Tokko tokko dhibee fayyaa cimaa wajjin walʼaansoo godhu. Kaanimmoo nama jaallatan duʼaan dhabaniiru. Miseensota maatiisaanii ykn mootummaarraa mormiin kan isaanirra gaʼus jiru. (Mat. 10:18, 36, 37) Rakkinni isin mudate maaliyyuu yoo taʼe, Yihowaan jabaattanii akka dhaabbattan isin gargaaruu dandaʼa.—1 Pheexiros 5:10 dubbisi.
2. Kiristiyaanonni jabaatanii dhaabbachuu kan dandaʼan maaliifi?
2 Jabaatanii dhaabbachuu jechuun utuma gufuun, ariʼatamni, rakkinni ykn qorumsi nu mudatuu amanamoo taanee jiraachuu fi gammachuudhaan tajaajiluu keenya itti fufuu jechuudha. Kiristiyaanonni jabaatanii dhaabbachuu kan dandaʼan cimina isaaniitiin utuu hin taʼin, Yihowaan ‘humna humna caalu’ waan isaaniif kennuufi. (2 Qor. 4:7) Mata duree kana keessatti qophiiwwan Yihowaan jabaannee akka dhaabbannu nu gargaaruuf godhe afur ilaalla. Kana malees, tokkoon tokkoon qophiiwwan kanaarraa akkamitti fayyadamuu akka dandeenyu ni mariʼanna.
KADHANNAA
3. Kadhannaan dinqiidha kan jennu maaliifi?
3 Yihowaan jabaannee akka dhaabbannu nu gargaaruuf qophii dinqisiisaa taʼe tokko godheera. Cubbamoota yoo taaneyyuu akka isa haasofsiisnu mirga nuu laateera. (Ibr. 4:16) Mee kana yaadi: Yeroo kamittiyyuu, waaʼee wanta kamiiyyuu Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu ni dandeenya. Obboloota keenyarraa fagaannee ykn mana hidhaa gallee jirra yoo taʼellee, afaan kamiiniyyuu, bakka kamittiyyuu yommuu kadhannu nu dhagaʼa. (Yon. 2:1, 2; HoE. 16:25, 26) Baayʼee dhiphachuu keenyaan kan kaʼe yaada keenya jechaan ibsuun yoo nutti ulfaatellee, Yihowaan wanta jechuu barbaanne ni hubata. (Rom. 8:26, 27) Dhugumayyuu, kadhannaan dinqiidha!
4. Kadhannaan jabaannee dhaabbachuuf dhiheessinu fedhii Yihowaa wajjin walsima kan jennu maaliifi?
4 Yihowaan ‘wanti kadhannu maaliyyuu yoo taʼe, akka fedhii isaatti yoo kadhanne akka nu dhagaʼu’ Dubbiisaa keessatti nuuf mirkaneesseera. (1 Yoh. 5:14) Jabaannee dhaabbachuuf akka nu gargaaru Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu ni dandeenyaa? Eeyyee! Kun wanta fedhiisaa wajjin walsimudha. Akkas kan jennu maaliifi? Yommuu rakkina keessa jabaannee dhaabbannu, Yihowaan Seexanaaf deebii akka kennu gumaacha goona. (Fak. 27:11) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan, “warra garaan isaanii isa biratti guutuu taʼeef jabina isaa argisiisuuf” baayʼee akka hawwu dubbata. (2 Sen. 16:9) Kanaafuu, Yihowaan jabaannee akka dhaabbannu nu gargaaruuf humnaa fi fedhii akka qabu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.—Isa. 30:18; 41:10; Luq. 11:13.
5. Kadhannaan nagaa sammuu kan nuuf argamsiisu akkamitti? (Isaayyaas 26:3)
5 Kitaabni Qulqulluun, wanta nu yaaddesse ilaalchisee garaadhaa yommuu kadhannaa dhiheessinu, ‘nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalu garaa keenyaa fi yaada keenya akka eegu’ dubbata. (Filp. 4:7) Mee kun maal jechuu akka taʼe haa ilaallu. Namoonni Yihowaa hin tajaajille, rakkinni yeroo isaan mudatu nagaa sammuu argachuudhaaf malawwan garaagaraatti fayyadamu. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko dhiphina dabalatee yaada hundumaa sammuusaanii keessaa baasuudhaan tasgabbaaʼuuf yaalu. Haa taʼu malee, sammuu ofii duwwaa gochuun karaa hafuuraa balaadhaaf nama saaxila. (Maatewos 12:43-45 wajjin wal bira qabii ilaali.) Nagaan Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudhaan argannu, nagaa mala akkasiitti fayyadamuudhaan argamurra baayʼee caala. Yihowaatti kadhannaa yommuu dhiheessinu guutummaatti akka isatti amanamnu argisiisna; innis, “nagaa wal irraa hin cinne” nuuf kenna. (Isaayyaas 26:3 dubbisi.) Karaan Yihowaan kana itti godhu tokko dhugaawwan nama jajjabeessanii fi Dubbii isaarraa baranne akka yaadannu nu gargaaruudhaani. Dhugaawwan kun Yihowaan akka nuuf yaaduu fi akka nuuf milkaaʼu akka barbaadu nu hubachiisu; kunimmoo sammuu fi garaan keenya akka tasgabbaaʼu godha.—Far. 62:1, 2.
6. Kadhannaa dhiheessitu fooyyessuu kan dandeessu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
6 Wanta gochuu dandeessu. Qorumsi amantii tokko yommuu si mudatu, “baʼaa kee Yihowaa irratti gati,” akkasumas nagaa sammuu akka siif kennu Yihowaa kadhadhu. (Far. 55:22) Ogummaa rakkina si mudate dandamachuuf si gargaaru akka siif kennus kadhadhu. (Fak. 2:10, 11) Jabaattee dhaabbachuuf akka si gargaaru wawwaannaa dhiheessuu malees, Yihowaa galateeffachuu hin dagatin. (Filp. 4:6) Yeroo qorumsi si mudatutti Yihowaan si gargaaraa akka jiru wanta argisiisu hubachuuf yaali. Deggarsa inni siif godhuufis isa galateeffadhu. Qorumsi sirra gaʼu eebba argachaa jirtu akka hin argine akka si dhowwu hin heyyamin.—Far. 16:5, 6.
Yommuu kadhattu Yihowaa haasofsiista. Yommuu Kitaaba Qulqulluu dubbistummoo Yihowaan sitti dubbata (Keeyyata 6 ilaali)b
DUBBII WAAQAYYOO
7. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun jabaannee dhaabbachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
7 Yihowaan jabaannee akka dhaabbannu nu gargaaruuf Dubbiisaa nuuf kenneera. Kitaabni Qulqulluun yaadawwan Yihowaan akka nu gargaaru ibsan hedduu qabateera. Mee tokko qofa haa ilaallu. Maatewos 6:8, “Abbaan keessan utuu isa hin gaafatin iyyuu wanta isin barbaachisu beeka” jedha. Yaada kana kan dubbate Yesuusidha; innimmoo eenyuyyuu caalaa Yihowaa akka gaariitti beeka. Kanaafuu, yommuu rakkinni nu mudatu Yihowaan wanta nu barbaachisu akka beekuu fi akka nu gargaaru matumaa shakkuu hin qabnu. Kitaabni Qulqulluun yaadawwan kanaa wajjin wal fakkaatanii fi murtoo jabaannee dhaabbachuuf goone cimsachuuf nu gargaaran hedduu qabateera.—Far. 94:19.
8. (a) Dhugaan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu jabaannee dhaabbachuuf nu gargaaru tokko isa kami? (b) Yeroo nu barbaachisutti qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu yaadachuuf maaltu nu gargaara?
8 Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu jabaannee akka dhaabbannu nu gargaaruu dandaʼu. Dhugaawwan buʼuuraa kun ogummaa murtoo gaarii gochuuf nu gargaaru nuuf kennu. (Fak. 2:6, 7) Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun wanta boru nu mudachuu dandaʼu ilaalchisee garmalee dhiphachuu mannaa, guyyaa hunda Yihowaatti akka amanamnu nu jajjabeessa. (Mat. 6:34) Barsiifata Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluu qabna taanaan, dhugaawwan buʼuuraa kana yeroo nu barbaachisutti yaadachuu ni dandeenya.
9. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu, amanannaa Yihowaarratti qabnu cimsachuuf kan nu gargaaran akkamitti?
9 Kitaabni Qulqulluun seenaawwan tajaajiltoota Yihowaa isatti amanamanii fi gargaarsasaa argatan hedduu qabateera. (Ibr. 11:32-34; Yaq. 5:17) Yihowaan tajaajiltootasaa kana akkamitti akka gargaare yommuu xiinxallu, nuunis akka nu gargaaru amantii qabnu cimsanna. Yihowaan, “iddoo kooluu itti galluu fi jabina keenya, yeroo dhiphinaattis salphaatti isa biraa gargaarsa arganna.” (Far. 46:1) Jireenya tajaajiltoota Yihowaa amanamoo bara duriirratti xiinxaluun keenya fakkeenya amantiisaanii hordofuu fi akkumasaanii jabaannee dhaabbachuuf nu kakaasa.—Yaq. 5:10, 11.
10. Dubbii Waaqayyootti guutummaatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
10 Wanta gochuu dandeessu. Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisi; yaadawwan si gargaaruu dandaʼanimmoo galmeessii qabadhu. Obboloonni hedduun caqasa guyyaa ganamaan dubbisuunsaanii guyyaa guutuu irratti xiinxaluuf akka isaan gargaare hubataniiru. Obboleettiin Maariia jedhamtu yeroo warri ishii kaansariidhaan qabamanitti kun dhugaa taʼuusaa hubatteetti. Warri ishii duʼuusaanii dura yeroo kunuunsa gochaafii turtetti jabaattee akka dhaabbatu wanti ishii gargaare maalidha? Akkas jetteetti: “Buukleetii Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu jedhamu ganama ganama yeroo hundumaa dubbiseen irratti xiinxala. Barsiifanni kun haalawwan dhiphisoo na mudatanirratti xiyyeeffachuu mannaa, sammuu koo yaada Kitaaba Qulqulluutiin akkan guutuu fi Yihowaa fi Dubbiisaarratti akkan xiyyeeffadhu na gargaareera.”—Far. 61:2.
OBBOLOOTA KEENYA
11. Rakkina keessatti jabaannee dhaabbachaa kan jirru kophaa keenya akka hin taane beekuun kan nu jajjabeessu maaliifi?
11 Yihowaan jabaannee akka dhaabbannu nu gargaaruuf obbolootaa fi obboleettota keenya addunyaa maratti argaman nuuf kenneera. ‘Addunyaa maratti guutummaan waldaa obboloota keenyaa rakkina akkasii keessa akka jiran’ beekuun keenya kophaa keenya akka hin taane nuuf mirkaneessa. (1 Phe. 5:9) Haalli nu mudate maaliyyuu yoo taʼe, warri kaanis haalli akkasii akka isaan mudatee fi jabaatanii akka dhaabbatan mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Kanaafuu, nutis jabaannee dhaabbachuu ni dandeenya jechuudha.—HoE. 14:22.
12. Obboloonni keenya nu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? Nutoo maal isaaniif gochuu dandeenya? (2 Qorontos 1:3, 4)
12 Jabaannee dhaabbachuuf yommuu carraaqqii goonu obboloonnii fi obboleettonni keenya nu jajjabeessu. Phaawulos ergamaan kun dhugaa akka taʼe argeera. Yeroo hidhamee turetti namoota isa gargaaran maqaasaanii adda baasee caqasuudhaan dinqisiifannaa qabu ibseera. Obboloonni kun isa jajjabeessaniiru, akkasumas gargaarsa qabatamaa isaaf godhaniiru. (Filp. 2:25, 29, 30; Qol. 4:10, 11) Nutis yeroo harʼaatti gargaarsa akkasii argachuu dandeenya. Jabaannee dhaabbachuuf yommuu gargaarsi nu barbaachisu obboloonnii fi obboleettonni keenya nuuf jiru; yeroo gargaarsi isaan barbaachisutti immoo nuti isaaniif jirra.—2 Qorontos 1:3, 4 dubbisi.
13. Wanti obboleettiin Maayaa jedhamtu jabaattee akka dhaabbattu ishii gargaare maalidha?
13 Obboloonnii fi obboleettonni keenya obboleettii keenya Raashiyaa keessa jiraattuu fi Maayaa jedhamtuuf jajjabina guddaa kennaniiru. Bara 2020tti manni ishii ni sakattaʼame, achiis waaʼee amantii ishii warra kaanitti waan himteef mana murtiitti dhihaatte. Maayaan akkas jetteetti: “Yeroon karaa miiraa baayʼee dadhabee ture sanatti obboloonnii fi obboleettonni naaf bilbiluu fi xalayaa naaf barreessuudhaan jaalala naaf qaban naaf ibsaniiru. Sana durayyuu maatii guddaa jaalala qabeessa taʼe akkan qabu beeka. Bara 2020 kaasee garuu kun caalaatti ifa naaf taʼeera.”
14. Jabaannee yommuu dhaabbannutti deggarsa obboloota keenyaarraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
14 Wanta gochuu dandeessu. Jabaattee dhaabbachuuf yommuu carraaqqii gootutti obbolootaa fi obboleettota keetti dhihaadhu. Jaarsolii gargaarsa gaafachuurraa duubatti hin jedhin. Isaan, “bakka bubbee jalaa dahoo itti argatan, bakka bokkaa yandoo jalaa kooluu itti galan” taʼuu dandaʼu. (Isa. 32:2 milj.) Obboloonni kees rakkina keessatti jabaatanii dhaabbachaa akka jiran yaadadhu. Nama rakkina keessa jiru tokkoof wanta gaarii gochuun kee, rakkina si mudate keessatti jabaattee dhaabbachuuf yommuu carraaqxu, madaallii kee eeggachuu fi ilaalcha sirrii qabaachuuf si gargaara.—HoE. 20:35.
Obbolootaa fi obboleettota keetti dhihaadhuu jiraadhu (Keeyyata 14 ilaali)c
ABDII KEENYA
15. Abdiin Yesuusiin dabalatee namoota amanamoo kan gargaare akkamitti? (Ibroota 12:2)
15 Yihowaan jabaannee akka dhaabbannu nu gargaaruuf abdii amansiisaa nuuf kenneera. (Rom. 15:13) Yesuus guyyaa ulfaataa jireenyasaa isa lafaarratti dabarse dandamachuuf abdiinsaa akkamitti akka isa gargaare yaadadhu. (Ibroota 12:2 dubbisi.) Yesuus amanamaa taʼuunsaa maqaa Yihowaa qulqulleessuurratti gumaacha akka godhu beeka ture. Yesuus gara Abbaasaa dhaquuf, yeroo boodammoo Mootummaa samii keessatti obbolootasaa wajjin tajaajiluuf hawwiidhaan eegaa ture. Haaluma wal fakkaatuun, abdiin addunyaa haaraa keessa barabaraaf jiraachuuf qabnu, rakkina addunyaa Seexanaa keessatti nu mudatu kamiyyuu keessatti jabaannee dhaabbachuuf nu gargaara.
16. Obboleettiin tokko jabaattee akka dhaabbattu abdiin ishii kan ishii gargaare akkamitti? Wanta ishiin dubbatterraa maal baratte?
16 Obboleettiin Raashiyaa keessa jiraattuu fi Aanaa jedhamtu, yeroo abbaan manaa ishii qabamee buufata poolisiitti hidhametti, abdiin Mootummichaa akkamitti akka ishii gargaare haa ilaallu. Yeroo haalli kun ishii mudatetti wanta goote ilaalchisee Aanaan akkas jetteetti: “Waaʼee abdii koo kadhachuu fi irratti xiinxaluun koo garmalee abdii akkan hin kutanne na gargaareera. Haala rakkisaa kana booda wanti gaariin akka dhufu beeka. Yihowaan ni injifata, nutis ni injifanna.”
17. Abdii keenya isa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼeef dinqisiifannaa qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
17 Wanta gochuu dandeessu. Wantoota dinqisiisoo Yihowaan gara fuulduraatti nuu fiduuf waadaa galerratti xiinxaluuf yeroo ramadi. Addunyaa haaraa keessatti of ilaali, akkasumas eebbawwan achitti argattu yaadi. Barabaraaf jannata keessa jiraachuu wajjin yommuu wal bira qabamu, rakkinni yeroo ammaatti nurra gaʼu kamiyyuu, “yeroo muraasaaf kan turuu fi [salphaadha].” (2 Qor. 4:17) Akkasumas waaʼee amantii kee namootatti himuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi. Namoonni kaayyoo Waaqayyo gara fuulduraa ilaalchisee qabu hin beekne, rakkina addunyaa Seexanaa kana keessatti isaan mudatuu wajjin walʼaansoo gochuun hammam isaanitti ulfaachuu akka dandaʼu yaadi. Maree gabaabaa gochuudhaan eebbawwan Mootummichi fidu beekuuf fedhii akka qabaatan kakaasuu dandeessa.
Yeroo dinqisiisaa Yihowaan gara fuulduraatti fidurratti xiinxaluuf yeroo ramadi (Keeyyata 17 ilaali)d
18. Waadaawwan Yihowaan galetti amanamuu kan dandeenyu maaliifi?
18 Iyyoob rakkina hedduu milkaaʼinaan erga dandamatee booda, Yihowaadhaan, “Ati wanta hundumaa gochuu akka dandeessu, wanti gochuuf yaadde kam iyyuu siif rakkisaa akka hin taane ani amma beekeera” jedheera. (Iyo. 42:2) Akkuma Iyyoob hubate Yihowaan kaayyoosaa akka hin raawwanne wanti gochuu dandaʼu tokkollee hin jiru. Kana beekuun keenya nutis jabaannee dhaabbachuuf yommuu carraaqqii goonu jabina nuuf kenna. Fakkeenyaaf, dubartii yeroo dheeraaf dhukkubsatte tokko yaadi. Dubartiin kun doktaroota hedduu bira kan dhaqxe taʼus tokkoon isaaniillee ishii fayyisuu waan hin dandeenyeef abdii kutatteetti. Haa taʼu malee, doktarri muuxannoo qabu tokko rakkina ishii adda baafatee akkamitti akka ishii yaalu yommuu ishiidhaaf ibsu, dubartiin kun fayyuuf yeroo muraasa kan ishiitti fudhatu yoo taʼellee boqonnaa argatti. Amma fayyuuf abdii waan qabduuf jabaattee dhaabbachuu dandeessi. Haaluma wal fakkaatuun, jannata keessa jiraachuuf abdii akka qabnu mirkanaaʼoo taʼuun keenya jabaannee dhaabbachuuf nu gargaara.
19. Jabaannee dhaabbachuuf maaltu nu barbaachisa?
19 Akkuma olitti ilaalle, Yihowaan karaa kadhannaa, karaa Dubbiisaa, karaa obboloota keenyaa fi karaa abdii keenyaa rakkina keessatti jabaannee akka dhaabbannu nu gargaara. Qophiiwwan kanatti guutummaatti yoo fayyadamne, hamma rakkinni addunyaa guutummaatti badutti, Yihowaan rakkina akkamiiyyuu akka dandamannu nu gargaara.—Filp. 4:13.
FAARFANNAA 33 Baʼaa Kee Yihowaa Irratti Gatii Dhiisi
a Maqaawwan mata duree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.
b IBSA FAKKII: Obboleessi maanguddoon tokko guyyaa guyyaadhaan jabaatee dhaabbachaa jira.
c IBSA FAKKII: Obboleessi maanguddoon tokko guyyaa guyyaadhaan jabaatee dhaabbachaa jira.
d IBSA FAKKII: Obboleessi maanguddoon tokko guyyaa guyyaadhaan jabaatee dhaabbachaa jira.