MATA DUREE QOʼANNAA 42
FAARFANNAA 44 Kadhannaa Nama Miirri Isaa Miidhamee
Kadhannaa Kee Fooyyessuu kan Dandeessu Akkamitti?
“ Garaa koo guutuudhaan nan waammadha. Yaa Yihowaa, deebii naaf kenni.”—FAR. 119:145.
YAADA IJOO
Mata duree kana keessatti kadhannaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffaman irratti xiinxaluun keenya kadhannaa keenya fooyyessuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ilaalla.
1-2. (a) Wanti miira nutti dhagaʼamu kadhannaadhaan Yihowaaf ibsuurraa duubatti akka jennu nu taasisuu dandaʼu maalidha? (b) Yihowaan kadhannaa keenya xiyyeeffannaadhaan akka dhaggeeffatu akkamitti beekna?
YEROO tokko tokko kadhannaa kee keessatti waanuma walfakkaatu akka irra deddeebitu ykn kadhannaan kee gadi fageenya akka hin qabne sitti dhagaʼamaa? Taanaan miirri akkasii kan itti dhagaʼamu si qofa miti. Hojiin waan nutti baayʼatuuf yeroo tokko tokko kadhannaa gabaabaa dhiheessina taʼa. Yookiinimmoo isatti dhihaachuun akka nuuf hin malle waan nutti dhagaʼamuuf, miira nutti dhagaʼamu Yihowaadhaaf ibsuun nutti ulfaachuu dandaʼa.
2 Kitaabni Qulqulluun Yihowaan iddoo guddaa kan kennu yaada keenya sirriitti ibsuu dandaʼuu keenyaaf utuu hin taʼin, kadhannaan keenya garaadhaa kan madde taʼuusaatiif akka taʼe nuuf mirkaneessa. Inni “gaaffii garraamotaa” ni dhagaʼa. (Far. 10:17) Yihowaan garaadhaa waan nuu yaaduuf wanta dubbannu hundumaa xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffata.—Far. 139:1-3.
3. Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaʼiif deebii arganna?
3 Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kanaaf deebii arganna: Bilisummaadhaan Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu kan dandeenyu maaliifi? Kadhannaa keenya caalaatti fooyyessuu kan dandeenyu akkamitti? Kadhannaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffaman irratti xiinxaluun keenya kadhannaa keenya fooyyessuuf kan nu gargaaru akkamitti? Baayʼee dhiphachuu keenyaan kan kaʼe miira keenya jechaan ibsuun yoo nutti ulfaate maal gochuu dandeenya? Mee deebii gaaffilee kanaa haa ilaallu.
BILISUMMAADHAAN YIHOWAATTI KADHANNAA DHIHEESSI
4. Bilisummaadhaan Yihowaatti kadhannaa dhiheessuuf maaltu nu gargaara? (Faarfannaa 119:145)
4 Yihowaan michuu amanamaa akka nuuf milkaaʼu barbaadu taʼuusaa hubachuun keenya, bilisummaadhaan kadhannaa garasaatti dhiheessuuf nu gargaara. Barreessaan Faarfannaa 119 yommuu gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessetti akkasitti isa ilaaluuf carraaqqii godheera. Jireenyisaa rakkinarraa bilisa hin turre. Namoonni tokko tokko waaʼeesaa soba dubbatanii turan. (Far. 119:23, 69, 78) Mudaa qabuu wajjinis walʼaansoo gochaa ture. (Far. 119:5) Haa taʼu malee, barreessaan kun kadhannaadhaan miira isatti dhagaʼamu Yihowaatti himuu hin sodaanne.—Faarfannaa 119:145 dubbisi.
5. Miirri gaarii hin taane kadhachuurraa duubatti akka nu jechisiisu heyyamuu kan hin qabne maaliifi? Fakkeenya kenni.
5 Yihowaan namoonni cubbuu cimaa hojjetanillee kadhannaa akka isatti dhiheessan isaan affeereera. (Isa. 55:6, 7) Kanaafuu, miirri gaarii hin taane kadhachuurraa duubatti akka nu jechisiisu heyyamuu hin qabnu. Fakkeenyaaf, bakka haaraa tokko daawwachuu deemtee karaan si jalaa bade haa jennu; haa taʼu malee, namni naannichaa tokko karaa sitti argisiisuu ni dandaʼa. Maarree, karaan waan si jalaa badeef qaanoftee gargaarsa gaafachuurraa duubatti ni jettaa? Matumaa! Haaluma walfakkaatuun, nutis yeroo tokko tokko karaarraa akka jalʼanne ykn cubbuu akka hojjenne yoo nutti dhagaʼamellee bilisummaadhaan Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu ni dandeenya.—Far. 119:25, 176.
KADHANNAA KEE CAALAATTI FOOYYESSUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
6-7. Amaloota Yihowaarratti xiinxaluun keenya kadhannaa keenya caalaatti fooyyessuuf kan nu gargaaru akkamitti? Fakkeenya kenni. (Miiljalees ilaali.)
6 Yihowaatti kadhannaa yommuu dhiheessinu yaada keenyaa fi miira dhugumaan nutti dhagaʼamu ifatti kan isatti himnu yoo taʼe, kadhannaan keenya caalaatti fooyyaʼaa deema. Maarree, kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuuf maal gochuu dandeenya?
7 Amaloota Yihowaarratti xiinxali.a Amaloota Yihowaarratti caalaatti kan xiinxallu yoo taʼe, yaada keenya caalaatti bilisummaadhaan ibsuu ni dandeenya. (Far. 145:8, 9, 18) Mee fakkeenya obboleettii Kiristiin jedhamtuu fi abbaa gara jabeessa taʼeen guddattee haa ilaallu. Akkana jetteetti: “Yihowaa akka Abbaatti haasofsiisuun anaaf salphaa hin turre. Dogoggoran raawwadheen kan kaʼe Yihowaan na jaallachuu akka hin dandeenya natti dhagaʼama.” Maarree amala Yihowaa isa kamtu ishii gargaare? Akkana jetteetti: “Yihowaan Waaqa jaalala amanamaa argisiisu akka taʼe beekuun koo na tasgabbeesseera. Inni matumaa akka na hin dhiisne beeka. Yoon kufellee jaalalaan kakaʼee ol na kaasa. Kun wanta na gammachiises taʼe wanta na gaddisiise bilisummaadhaan akkan isatti himu na gargaara.”
8-9. Kadhachuu kee dura waaʼee maalii akka kadhattu dursitee yaaduun kee faayidaa akkamii qaba? Fakkeenya kenni.
8 Waaʼee maalii akka kadhattu dursii yaadi. Kadhachuu kee dura gaaffiiwwan tokko tokko of gaafachuu dandeessa. Fakkeenyaaf, ‘Yeroo ammaatti rakkina akkamiitu na mudachaa jira? Namni ani dhiifama gochuufii qabu jiraa? Rakkinni injifachuuf gargaarsi Yihowaa na barbaachisu na mudateeraa?’ (2 Mot. 19:15-19) Akkuma Yesuus nu barsiises maqaa Yihowaa, Mootummaasaa fi fedhiisaa ilaalchisee wanta kadhannu dursinee irratti yaaduu ni dandeenya.—Mat. 6:9, 10.
9 Obboleettiin Aliiskaa jedhamtu yommuu abbaan manaa ishii kaansarii sammuu cimaa taʼeen akka qabame hubattetti kadhachuun ishiitti ulfaatee ture. “Baayʼee dhiphachuu kootiin kan kaʼe sirriitti yaaduun waan natti ulfaateef kadhachuu hin dandeenye” jetteetti. Maarree maaltu ishii gargaare? Akkana jetteetti: “Kadhachuu koo dura yeroo fudhadheen irratti yaada; kunis waaʼee koo qofa akkan hin kadhanne na gargaareera. Akkas gochuun koo yommuun kadhadhu akkan tasgabbaaʼuu fi waaʼee wantoota garaagaraa akkan kadhadhu na gargaareera.”
10. Kadhannaa yommuu dhiheessinu ariifachuu kan hin qabne maaliifi? (Fakkichas ilaali.)
10 Kadhannaa yeroo dhiheessitu hin ariifatin. Kadhannaa gabaabaanillee Yihowaatti dhihaachuuf kan nu gargaaru taʼus, yeroo ramannee kadhannaa dheeraa dhiheessuun keenya yaada keenya caalaatti Yihowaadhaaf ibsuuf nu gargaara.b Elaayijaan inni abbaa manaa Aliiskaa taʼe akkana jedheera: “Guyyaa keessatti siʼa baayʼee kadhachuuf nan yaala, yeroo ramadee kadhannaa dheeraa dhiheessuun koo caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf na gargaareera. Yihowaan obsa dhabuudhaan kadhannaa koo dafee akkan xumuru waan hin eegneef, suuta jedhee kadhachuu nan dandaʼa.” Akkas gochuuf yaali: Yeroo fi bakka xiyyeeffannaan kee utuu hin hihiramin, tarii sagalee kee ol kaastee kadhannaa dheeraa dhiheessuu itti dandeessu argachuuf yaali, haala kanaan kadhachuu barsiifata godhadhu.
Yeroo fi bakka tasgabbiidhaan gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessuuf si gargaaru argachuuf yaali (Keeyyata 10 ilaali)
KADHANNAAWWAN KITAABA QULQULLUU KEESSATTI GALMEEFFAMAN IRRATTI XIINXALI
11. Kadhannaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffaman irratti xiinxaluun keenya faayidaa akkamii nuuf argamsiisa? (Saanduqa, “Miirri Akka Isaanii Sitti Dhagaʼamee Beekaa?” jedhu ilaali)
11 Kadhannaawwanii fi faarfannaawwan tajaajiltoota Yihowaa Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffaman irratti xiinxaluun kee si fayyaduu dandaʼa. Tajaajiltoonni Yihowaa yaadaa fi miirasaanii kan isaaf ibsan akkamitti akka taʼe qoruun kee, atis akkas akka gootu si kakaasuu dandaʼa. Kana malees, kadhannaan isaanii jechoota yeroo kadhatutti itti fayyadamtu argachuuf si gargaaruu dandaʼa. Kadhannaa tajaajilaan Yihowaa haala kan kee wajjin wal fakkaatu keessa ture dhiheesses argachuu dandeessa.
12. Qabiyyee kadhannaa tokkoorratti yommuu xiinxallu gaaffilee akkamii of gaafachuu dandeenya?
12 Qabiyyee kadhannaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu tokkoorratti yommuu xiinxaltu akkas jedhii of gaafadhu: ‘Yaada kana kan dubbate eenyudha? Haala akkamii keessa ture? Yaanni inni kadhannaasaa keessatti dhiheesse kan koo wajjin wal fakkaataa? Barumsa akkamiin irraa argadha?’ Gaaffiiwwan kanaaf deebii argachuuf qorannoo dabalataa gochuun si barbaachisuu dandaʼa, taʼus carraaqqiin kee si kiisa. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.
13. Kadhannaa ilaalchisee Haannaarraa barumsi argannu tokko maalidha? (1 Saamuʼel 1:10, 11) (Fakkii jirus ilaali.)
13 Saamuʼel Tokkoffaa 1:10, 11 dubbisi. Haannaan kadhannaa kana yommuu dhiheessitetti rakkinni ciccimaan lama ishii mudatee ture. Haannaan ijoollee godhachuu hin dandeessu, akkasumas masaanuun ishii jireenyi akka ishiitti hammaatu gooti turte. (1 Sam. 1:4-7) Rakkinni tokko itti fufiinsaan sirra gaʼaa jira yoo taʼe, kadhannaa Haannaan dhiheessiterraa maal barachuu dandeessa? Haannaan wanta ishii yaaddesse hundumaa Yihowaatti himteetti, sana boodas boqonnaa guddaatu ishiitti dhagaʼame. (1 Sam. 1:12, 18) Nutis rakkina nu mudate tokko ilaalchisee miira nutti dhagaʼamu isatti himuudhaan yommuu ‘baʼaa keenya Yihowaa irratti gannu’ boqonnaa argachuu dandeenya.—Far. 55:22.
Haannaan dhala godhachuu yeroo dadhabdetti, akkasumas masaanuun ishii utuu walirraa hin kutin ishii arrabsaa yeroo turtetti baʼaa ishii Yihowaa irratti gatteetti (Keeyyata 13 ilaali)
14. (a) Fakkeenya Haannaarraa barumsi argannu kan biraan maalidha? (b) Dubbii Waaqayyoo irratti xiinxaluudhaan kadhannaa keenya fooyyessuu kan dandeenyu akkamitti? (Miiljalee ilaali.)
14 Haannaan ilma ishii Saamuʼeliin erga deessee waggoota muraasa booda Eelii isa Luba Olaanaa taʼetti isa geessite. (1 Sam. 1:24-28) Kadhannaa dhiheessiterratti Yihowaan tajaajiltootasaa amanamoo taʼan akka eeguu fi akka kunuunsu amanannaa qabdu ibsiteetti.c (1 Sam. 2:1, 8, 9) Rakkinni masaanuun ishii ishiirraan gaʼaa turte hin furamne taʼa; haa taʼu malee, Haannaan eebba Yihowaarraa argatterratti xiyyeeffachuu ishii itti fufteetti. Kanarraa maal baranna? Yihowaan hanga yoonaatti kan nu gargaare akkamitti akka taʼe kan yaannu yoo taʼe, rakkina nu mudachaa jiru dandamachuuf caalaatti humna argachuu dandeenya.
15. Jalʼinni haqaa yommuu nurra gaʼu kadhannaa cimaa Ermiyaas raajichi dhiheesserraa maal baranna? (Ermiyaas 12:1)
15 Ermiyaas 12:1 dubbisi. Ermiyaas yeroo taʼe tokkotti hamoonni yeroo isaaniif milkaaʼu arguusaatti jeeqamee ture. Kana malees, Israaʼelonni kan isatti qoosan taʼuunsaa dhiibbaa isarratti godhee ture. (Er. 20:7, 8) Nutis namoonni amanamoo hin taane yommuu milkaaʼan arguun keenya ykn namoonni yommuu nutti qoosan akkumasaa nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Ermiyaas gadda isatti dhagaʼame kan ibse taʼus, Yihowaan haqa qabeessa taʼuusaa shakkiin isatti hin uumamne. Yihowaan namoota isarratti fincilan akkamitti akka adabe yommuu argu amantiin haqa Waaqayyoo ilaalchisee qabu cimee taʼuu qaba. (Er. 32:19) Nutis miidhaa jalʼinni haqaa nurraan geessise ilaalchisee miira nutti dhagaʼamu Yihowaatti himuu dandeenya; akkasumas Yihowaan yeroo sirrii taʼetti jalʼina haqaa hundumaa akka sirreessu amanannaa isarratti qabnu ibsuu dandeenya.
16. Haalli keessa jirru nu daangesseera yoo taʼe namicha Leewwii boojiʼamee turerraa maal barachuu dandeenya? (Faarfannaa 42:1-4) (Fakkichas ilaali.)
16 Faarfannaa 42:1-4 dubbisi. Faarfannaa kana kan barreesse namicha Leewwii boojuudhaan fudhatamee jiruu fi Israaʼelota kaanii wajjin Yihowaa waaqeffachuu hin dandeenye tokkodha. Faarfannaansaa miira isatti dhagaʼamaa ture ibsa. Manaa baʼuu hin dandeenyu yoo taʼe ykn sababii amantii keenyaan kan kaʼe hidhamneerra yoo taʼe, akkuma faarfataa kanaa nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Miirri keenya jijijjiiramuu dandaʼa; haa taʼu malee, miira nutti dhagaʼamu kadhannaadhaan Yihowaatti himuun keenya gaariidha. Kunis yaada keenya qoruu fi ilaalcha sirrii qabaachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namichi Leewwii kun carraawwan Yihowaa jajachuu itti dandaʼu kan biroo akka qabu hubatee ture. (Far. 42:5) Kunuunsa Yihowaan isaaf gochaa jirurrattis xiinxaleera. (Far. 42:8) Cimsinee kadhachuun keenya miira keenya hubachuuf, madaallii keenya eeggachuu fi cimina rakkina dandamachuuf nu barbaachisu nuuf argamsiisuu dandaʼa.
Namichi Leewwii Faarfannaa 42 barreesse miira isatti dhagaʼamu kadhannaadhaan Yihowaaf ibseera. Miira nutti dhagaʼamu kadhannaadhaan ibsuun keenya haala keessa jirruuf ilaalcha sirrii qabaachuuf nu gargaara (Keeyyata 16 ilaali)
17. (a) Kadhannaa Yoonaas raajichi dhiheesserraa maal baranna? (Yoonaas 2:1, 2) (b) Yommuu rakkinni nu mudatutti yaanni Faarfannaa keessatti argamu tokko tokko akkamitti nu gargaaruu dandaʼa? (Miiljalee ilaali.)
17 Yoonaas 2:1, 2 dubbisi. Yoonaas raajichi kadhannaa kana kan kadhate garaa qurxummii keessa yeroo turettidha. Yoonaas Yihowaadhaaf utuu hin ajajamin kan hafe taʼus, kadhannaa inni dhiheessu akka dhagaʼu amanannaa qaba ture. Kadhannaa dhiheesserratti yaadawwan kitaaba Faarfannaa keessatti argaman hedduu fayyadameera.d Faarfannaawwan kana akka gaariitti beekuu hin oolu. Faarfannaawwan kanarratti xiinxaluudhaan Yihowaan akka isa gargaaru mirkanaaʼaa taʼuu dandaʼeera. Haaluma walfakkaatuun, nutis caqasa Kitaaba Qulqulluu tokko tokko sammuutti yoo qabanne, haalawwan rakkisoo taʼan keessatti yommuu kadhannu yaadachuu fi jajjabina irraa argachuu dandeenya.
KADHANNAADHAAN YIHOWAATTI DHIHAACHUU KEESSAN ITTI FUFAA
18-19. Yeroo tokko tokko miira keenya jechaan ibsuu yoo dadhabne Roomaan 8:26, 27 maal nuuf mirkaneessa? Fakkeenya kenni.
18 Roomaa 8:26, 27 dubbisi. Yeroo tokko tokko dhiphinaan liqimfamuu keenyaan kan kaʼe miira keenya jechaan ibsuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Taʼus, yeroo akkasiitti wanti nu gargaaru jira. Yeroo akkasiitti hafuurri Waaqayyoo “nuuf kadhata.” Akkamitti? Yihowaan hafuura isaatti fayyadamuudhaan kadhannaawwan hedduun Dubbiisaa keessatti akka galmaaʼan godheera. Yihowaan yommuu yaada keenya sirriitti ibsuu dadhabnutti jechoota kadhannaawwan kanaan dura dhihaatanii fi Dubbiisaa keessatti argaman akkuma waan nuti dubbanneetti ilaaluudhaan deebii nuuf kennuu dandaʼa.
19 Yaanni kun obboleettii Yelenaa jedhamtuu fi Raashiyaa keessa jiraattu gargaareera. Waan kadhattee fi Kitaaba Qulqulluu waan dubbisteef qabamtee hidhamtee turte. Yeroo kanatti Yelenaan baayʼee waan dhiphatteef kadhachuun ishiitti ulfaatee ture. Akkana jetteetti: “Yeroon baayʼee dhiphadhee waaʼee maalii akkan kadhadhu wallaaletti Yihowaan kadhannaawwan tajaajiltoonnisaa bara durii dhiheessanii fi Dubbiisaa keessatti galmaaʼee jiru . . . akka waanan ani dhiheesseetti akka ilaalun yaadadhe. . . . Kunis yeroo baayʼee rakkisaa sanatti baayʼee na jajjabeesseera.”
20. Yommuu dhiphannutti sammuu keenya kadhannaadhaaf qopheessuu kan dandeenyu akkamitti?
20 Dhiphannee utuu jirruu kadhannaa yommuu dhiheessinutti yaada keenya sassaabachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Sammuu keenya qopheessuuf kitaaba Faarfannaa isa sagaleedhaan waraabame dhaggeeffachuu dandeenya. Akkuma Daawit Mootichi godhe miira nutti dhagaʼamu barreessuus ni dandeenya. (Far. 18, 34, 142; ibsa jalqaba boqonnaarra jiru.) Dhugaadha, akkaataa itti kadhannaadhaaf garaa keenya qopheessinu ilaalchisee seerri hordofuu qabnu hin jiru. (Far. 141:2) Hundumti keenyayyuu mala buʼa qabeessa taʼee argannetti fayyadamuu dandeenya.
21. Garaa keenya guutuudhaan kadhachuu kan qabnu maaliifi?
21 Yihowaan wanta tokkollee dubbachuu keenya dura miira nutti dhagaʼamu akka hubatu beekuun keenya baayʼee nu gammachiisa. (Far. 139:4) Taʼus, amanannaa isarratti qabnu yeroo ibsinu dhagaʼuun baayʼee isa gammachiisa. Kanaafuu, gara Abbaa kee isa samiitti kadhannaa dhiheessuurraa duubatti hin jedhin. Kadhannaawwan Dubbiisaa keessatti galmeeffamanii jiranirraa baradhu. Garaa kee guutuudhaan kadhadhu. Wanta si gammachiises taʼe si gaddisiise isatti himi. Yihowaan michuu kee isa dhugaa waan taʼeef yeroo hundumaa si gargaara.
FAARFANNAA 45 Wantan Garaa Kootti Yaadu
a Barreeffama Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan jedhamurraa mata duree “Yihowaa” jedhu jalaa, “Amalawwan Yihowaa dinqisiisoo taʼan tokko tokko” kan jedhu ilaali.
b Kadhannaan gumii bakka buunee namoota duratti dhiheessinu gabaabaa taʼuu qaba.
c Haannaan kadhannaa dhiheessite irratti yaadawwan kitaaba Museen barreesse keessatti argaman wajjin walfakkaatanitti fayyadamteetti. Kanaafuu, Dubbii Waaqayyoo irratti xiinxalaa akka turte ifadha. (Kes. 4:35; 8:18; 32:4, 39; 1 Sam. 2:2, 6, 7) Jaarraawwan hedduu booda Maariyaam haati Yesuus Yihowaa jajachuuf yaada Haannaan dubbattee wajjin walfakkaatutti fayyadamteetti.—Luq. 1:46-55.
d Fakkeenyaaf, Yoonaas 2:3-9, Faarfannaa 69:1; 16:10; 30:3; 142:2, 3; 143:4, 5; 18:6; fi 3:8 wajjin walbira qabii ilaali; caqasoonni kun kan tarreeffaman duraa duuba kadhannaa Yoonaas dhiheesserratti hundaaʼeeti.