MATA DUREE QOʼANNAA 43
FAARFANNAA 41 Maaloo Kadhannaa Koo Naa Dhagaʼi
Warra Kaaniif Kadhachuu hin Dagatinaa
“ Waliif kadhadhaa. Wawwaannaan nama qajeelaa humna qaba, namoota gargaaruus ni dandaʼa.”—YAQ. 5:16.
YAADA IJOO
Mata duree kana keessatti warra kaaniif kadhachuun barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼee fi kana gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.
1. Yihowaan kadhannaa keenyaaf iddoo guddaa akka kennu akkamitti beekna?
KADHANNAAN qophii ajaaʼibsiisaadha. Mee yaadi: Yihowaan hojii tokko tokko maleekotaaf kenneera. (Far. 91:11) Ilma isaatiifis itti gaafatamummaa guguddaa kenneera. (Mat. 28:18) Haa taʼu malee, kadhannaa dhagaʼuu hoo? Itti gaafatamummaa kana qaama kan biraa kamiifiyyuu hin kennine. Yihowaan ‘isa kadhannaa namaa dhagaʼu’ waan taʼeef kadhannaa keenya ofumasaatiin dhagaʼa.—Far. 65:2.
2. Phaawulos ergamaan warra kaaniif kadhachuu ilaalchisee fakkeenya akkamii nuuf taʼa?
2 Wanta nu yaaddessu bilisummaadhaan Yihowaatti himuu kan dandeenyu taʼus, warra kaaniifis kadhachuu qabna. Phaawulos ergamaan akkas godheera. Fakkeenyaaf, gumii Efesoon keessa tureef, “Gara fuulduraattis isiniif kadhachuu koo ittan fufa” jedhee barreesseera. (Efe. 1:16) Phaawulos namootaafis dhuunfaatti kadhateera. Fakkeenyaaf, Ximotewosiin akkana jedheera: “Ani Waaqa . . . nan galateeffadha; . . . wawwaannaa ani halkanii fi guyyaa dhiheessu keessatti yeroo hundumaa sin yaadadha.” (2 Xim. 1:3) Phaawulos wantoota isa yaaddessanii fi kadhannaasaa keessatti caqasuu dandaʼu hedduu qaba. (2 Qor. 11:23; 12:7, 8) Taʼus, warra kaaniif kadhachuuf yeroo ramadeera.
3. Warra kaaniif kadhachuu kan dagannu maaliif taʼuu dandaʼa?
3 Yeroo tokko tokko warra kaaniif kadhachuu irraanfachuu dandeenya. Maaliif? Obboleettiin Saabriinaaa jedhamtu sababii tokko ibsiteetti. Akkana jetteetti: “Jireenyi sirna kanaa fiigichaan kan guutamedha. Rakkina keenyarratti garmalee xiyyeeffachuu keenyaan kan kaʼe, waaʼee wantoota nu barbaachisanii qofa kadhachuu dandeenya.” Haalli akkasii si mudatee beekaa? Taanaan, mata dureen kun si gargaara. Mata dureen kun (1) warra kaaniif kadhachuun barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼee fi (2) kana gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ibsa.
WARRA KAANIIF KADHACHUUN BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
4-5. Kadhannaan warra kaaniif dhiheessinu “humna qaba” kan jennu maaliifi? (Yaaqoob 5:16)
4 Kadhannaan warra kaaniif dhiheessinu “humna qaba.” (Yaaqoob 5:16 dubbisi.) Kadhannaan warra kaaniif dhiheessinu jijjiirama fidu qabaa? Eeyyee qaba. Yesuus Pheexiros ergamaan yeroo muraasa booda akka isa ganu waan beekeef, “Amantiin kee akka hin badne wawwaannaa siif dhiheesseera” isaan jedheera. (Luq. 22:32) Phaawulosis warra kaaniif kadhachuun jijjiirama akka fidu beeka ture. Roomaa keessatti seeraan ala hidhamee yeroo turetti, “Kadhannaa isin anaaf gootaniin gara keessanitti akkan deebiʼu [nan abdadha]” jechuudhaan Fiilmooniif barreesseera. (Film. 22) Akkuma jedhemmoo Phaawulos utuma baayʼee hin turin gadhiifamee lallabasaa itti fufuu dandaʼeera.
5 Dhugaadha, kana jechuun kadhannaadhaan Yihowaarratti dhiibbaa goona jechuu miti. Yihowaan tajaajiltoonnisaa wanti isaan kadhachaa jiran hammam akka isaan yaaddesse ni hubata; yeroo tokko tokkommoo wanta isaan gaafatan raawwachuuf filachuu dandaʼa. Kana beekuun keenya waaʼee dhimma sanaa cimsinee kadhachuu fi erga kadhannee booda dhimmicha isaaf dhiisuuf nu gargaara.—Far. 37:5.
6. Warra kaaniif kadhachuun keenya miira isaaniif qabnurratti dhiibbaa kan godhu akkamitti? (1 Pheexiros 3:8)
6 Warra kaaniif kadhachuun keenya “gara laafina” qabaachuuf nu gargaara. (1 Pheexiros 3:8 dubbisi.) Gara laafinni rakkina namni tokko keessa jiru hubachuu fi rakkinicha furuuf hawwuu argisiisa. (Mar. 1:40, 41) Jaarsi gumii Maayikil jedhamu akkana jedheera: “Waaʼee wantoota warra kaan barbaachisuu yeroon kadhadhu, waldhaansoo isaan godhan caalaattan hubadha; kunimmoo jaalalan isaaniif qabu naaf cimsa. Isaan beekuu yoo baatanillee caalaatti akkan isaanitti dhihaadhe natti dhagaʼama.” Jaarsi gumii Riichaardi jedhamus faayidaa kan biraa ibseera. Akkana jedheera: “Nama tokkoof yeroo kadhannu isa gargaaruuf waa gochuuf caalaatti kakaana. Nama kadhanneef sanaaf gargaarsa qabatamaa yeroo goonu, kadhannaan isaaf dhiheessine deebii akka argatu gumaacha gochaa jirra jechuun ni dandaʼama.”
7. Warra kaaniif kadhachuun keenya rakkina keenyaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (Filiphisiyus 2:3, 4) (Fakkichas ilaali.)
7 Warra kaaniif kadhachuun rakkina keenyaaf ilaalcha sirrii qabaachuuf nu gargaara. (Filiphisiyus 2:3, 4 dubbisi.) Hundi keenya addunyaa toʼannaa Diyaabilos jala jiru keessa waan jiraannuuf rakkinni tokko tokko nurra gaʼa. (1 Yoh. 5:19; Mul. 12:12) Barsiifata warra kaaniif kadhachuu yoo qabaanne “guutummaan waldaa obboloota [keenyaa] rakkina akkasii keessa akka jiran” yaadanna. (1 Phe. 5:9) Qajeelchituun Kaatriin jedhamtu akkana jetteetti: “Warra kaaniif kadhachuun koo isaanirras rakkinni gaʼaa akka jiru na yaadachiisa. Kunimmoo rakkina koorratti garmalee akkan hin xiyyeeffanne na gargaara.”
Warra kaaniif kadhachuun rakkina keenyaaf ilaalcha sirrii qabaachuuf nu gargaara (Keeyyata 7 ilaali)d
KADHANNAAN KEENYA ISAAN BARBAACHISA
8. Eenyufaʼiif kadhachuu dandeenya?
8 Waaʼee eenyuufaa kadhachuu dandeenya? Fakkeenyaaf, warra rakkina fayyaa qabaniif, dargaggoota mana barumsaatti qoosaa fi dhiibbaan hiriyaa irra gaʼuuf ykn warra dulloomaniif kadhachuu dandeenya. Obboloonni keenya hedduun miseensota maatii isaaniirraa ykn mootummaarraa mormiin isaanirra gaʼa. (Mat. 10:18, 36; HoE. 12:5) Obboloonni keenya tokko tokko sababa jeequmsa siyaasaatiin qeʼee isaaniirraa buqqaʼuuf dirqamaniiru. Warra kaanirrammoo balaan uumamaa gaʼeera. Obbolootaa fi obboleettota kana dhuunfaatti hin beeknu taʼa. Yeroo isaaniif kadhannu garuu ajaja Yesuus, “Wal jaalladhaa” jechuudhaan kenne hojiirra oolchaa akka jirru argisiisna.—Yoh. 13:34.
9. Obboloota jaarmiyaa Yihowaa keessatti dura buutota taʼanii fi haadhotii manasaaniitiif kadhachuu kan qabnu maaliifi?
9 Obboloota jaarmiyaa Yihowaa keessatti dura buutota taʼaniifis kadhachuu dandeenya. Kunis miseensota Qaama Olaanaa fi gargaartota isaanii, miseensota Koree Waajjira Damee, obboloota waajjira dameetti ilaaltota olaanaa taʼan, ilaaltota olaanaa aanaa, jaarsolii gumii fi tajaajiltoota gumii dabalata. Obboloonni kun baayʼeen isaanii wantoota isaan yaaddessan wajjin waldhaansoo utuma godhanii nu gargaaruuf carraaqqii guddaa godhu. (2 Qor. 12:15) Fakkeenyaaf, ilaaltuun olaanaa aanaa Maarki jedhamu akkana jedheera: “Wanti natti ulfaate inni guddaan warra koo dullooman irraa fagaadhee jiraachuu kooti. Lamaan isaaniiyyuu rakkina fayyaa qabu. Obboleettiin koo fi abbaan manaa ishii kan isaan kunuunsan taʼus, isaan gargaaruuf wanta baayʼee gochuu dadhabuun koo baayʼee na gaddisiisa.” Wanta obboloota jabaatanii hojjetan kana yaaddessu hunda beekuu baannus isaaniif kadhachuun keenya gaariidha. (1 Tas. 5:12, 13) Haadhotiin manaasaanii obboloonni kun itti gaafatamummaasaanii akka baʼan amanamummaadhaan waan isaan deeggaraniif isaaniifis kadhachuu qabna.
10-11. Kadhannaan obboloota keenyaaf akka walii galaatti dhiheessinu Yihowaa ni gammachiisaa? Ibsi.
10 Akkuma olitti ilaalle yeroo baayʼee obbolootaa fi obboleettota keenyaaf akka gareetti ni kadhanna. Fakkeenyaaf, nama tokko adda baasnee utuu hin caqasin, Yihowaan warra hidhamanii jiran akka gargaaru ykn warra nama jaallatan duʼaan dhaban akka jajjabeessu kadhachuu dandeenya. Jaarsi gumii Doonaaldi jedhamu akkana jedheera: “Obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun rakkina garaagaraa keessa jiru; kanaafuu, yeroo tokko tokko hundasaaniitiif akka gareetti ni kadhanna.”
11 Kadhannaan akkasii Yihowaa ni gammachiisaa? Eeyyee. Wanta tokkoon tokkoon obboloota keenyaaf barbaachisu hin beeknu. Kanaafuu, akka walii galaatti obboloota keenyaaf kadhachuun keenya gaariidha. (Yoh. 17:20; Efe. 6:18) Kadhannaan akkasii ‘guutummaa waldaa obbolootaatiif jaalala akka qabnu’ argisiisa.—1 Phe. 2:17.
DHUUNFAATTI NAMOOTAAF KADHACHUU
12. Haala obboloonni keenya keessa jiran hubachuun keenya adda baasnee isaaniif kadhachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
12 Hubataa taʼi. Obboloota keenyaaf akka gareetti kadhachuu malees, maqaa nama tokkoo caqasnee kadhachuun keenya gaariidha. Gumii keessan keessa namni dhukkuba cimaa wajjin waldhaansoo gochaa jiru jiraa? Dargaggeessi dhiibbaa mana barumsaatti isarra gaʼeen kan kaʼe abdii kutate jiraa? Haati qeenxeen mucaa ishii “adabaa fi gorsa Yihowaatiin” guddisuuf yaalaa jirtu jirtii? (Efe. 6:4) Haala obboloonni keessa jiran sirriitti kan ilaaltu yoo taʼe caalaatti miirasaanii hubachuu dandeessa; kunimmoo isaaniif kadhachuuf si kakaasa.b—Rom. 12:15.
13. Obboloota hin beekneef kadhachuu kan dandeenyu akkamitti?
13 Maqaasaanii dhaʼuudhaan warra kaaniif kadhadhu. Obboloota keenya arginee hin beekneefillee akkas gochuu dandeenya. Fakkeenyaaf, mee waaʼee obboloota keenya Kiraayimiyaa, Ertiraa, Raashiyaa fi Singaapoor keessatti hidhamanii jiranii yaadi. Weebsaayitii keenya jw.org irraa maqaa obboloota hidhamanii jiran kanaa argachuu dandeessa.c Ilaaltuun olaanaa aanaa Biraayan jedhamu akkana jedheera: “Maqaa obboloota hidhamanii jiranii barreeffadhee sagalee koo ol kaasee waamuun koo, yeroon kadhadhu maqaasaanii yaadadhee isaaniif kadhachuuf na gargaareera.”
14-15. Waaʼee dhimma tokkoo adda baasnee kadhachuu kan dandeenyu akkamitti?
14 Adda baasii kadhadhu. Maayikil inni olitti ibsame akkana jedheera: “Waaʼee obboloota hidhamanii jiranii jw.org irraa yeroon dubbisu, ani utuun haala isaanii keessa taʼee miirri akkamii akka natti dhagaʼamu tilmaamuufan yaala. Waaʼeen haadha manaa koo akka na yaaddessu beeka; akkasumas wanta ishii barbaachisu argachuu ishii mirkaneeffachuun barbaada. Kanaafuu, kun waaʼee obboloota gaaʼela dhaabbatanii fi hidhamanii jiranii yeroon kadhadhu wanta isaan barbaachisu adda baasee caqasuuf na gargaareera.”—Ibr. 13:3, milj.
15 Jireenyi obboloota keenya hidhamanii jiranii maal akka fakkaatu yaaduun keenya, wanta adda baasnee isaaniif kadhachuu dandeenyu kan biraa argachuufis nu gargaara. Fakkeenyaaf, eegdonni mana hidhaa gaarummaa akka isaanitti argisiisanii fi abbootiin taayitaa obboloonni keenya bilisummaadhaan akka waaqeffatan akka isaaniif heyyaman kadhachuu dandeenya. (1 Xim. 2:1, 2) Obboloonni gumiisaanii keessa jiran amanamummaa obboloota hidhamanii jiran kanaa ilaalanii akka jajjabaatan ykn namoonni hin amanne amala gaarii obboloonni kun argisiisan ilaalanii ergaa keenya dhagaʼuuf akka kakaʼan kadhachuu dandeenya. (1 Phe. 2:12) Obboloota rakkina kan biraa keessa jiraniif yeroo kadhannus akkasuma gochuu dandeenya. Hubatoo taʼuudhaan, maqaasaanii caqasnee kadhachuudhaan, akkasumas wanta isaan barbaachisu adda baasnee isaaniif kadhachuudhaan ‘jaalalli waliif qabnu baayʼee’ akka taʼe argisiisuu dandeenya.—1 Tas. 3:12.
KADHANNAADHAAF ILAALCHA MADAALAMAA QABAACHUU
16. Kadhannaadhaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? (Maatewos 6:8)
16 Akkuma olitti ilaalle kadhannaan dhiheessinu haalli nama tokkoo akka jijjiiramu gochuu dandaʼa. Haa taʼu malee, ilaalcha madaalamaa qabaachuun keenya barbaachisaadha. Yeroo kadhannu wanta Yihowaan hin beekne isatti himaa jirra jechuu miti; yookiin rakkina tokko akkamitti furuu akka dandaʼu gorsa isaaf kennaa jirra jechuu miti. Yihowaan nuti ykn namni kadhannuuf sun beekuusaa durallee wanta tajaajiltootasaa barbaachisu beeka. (Maatewos 6:8 dubbisi.) Maarree, warra kaaniif kadhachuun maaliif barbaachise? Sababiiwwan olitti ibsamaniin alattis warra kaaniif kadhachuun, karaa itti namootaaf akka yaannu argisiisnudha. Jaalalli akka waliif kadhannu nu kakaasa. Yihowaanis tajaajiltoonnisaa jaalalasaa yeroo calaqqisiisan arguun isa gammachiisa.
17-18. Obboloota keenyaaf kan kadhannu maaliif akka taʼe fakkeenyaan ibsi.
17 Kadhannaan warra kaaniif dhiheessinu haala tokkorratti jijjiirama kan hin fidne yoo fakkaatellee, jaalala obbolootaa fi obboleettota keenyaaf qabnu argisiisa; Yihowaanis kana ni hubata. Kana fakkeenyaan ibsuuf, maatiin tokko ijoollee lama, jechuunis dhiiraa fi durba tokko qabu haa jennu. Mucaan inni dhiiraa ni dhukkubsate. Achiis ishiin durbaa, “Maaloo obboleessa kootiif waa godhi. Baayʼee dhukkubsateera” jettee abbaa ishii kadhatte. Abbaan kun haala mucaansaa keessa jiru durumayyuu beeka; mucaasaa waan jaallatuuf kunuunsa isaaf gochaa jira. Haa taʼu malee, intallisaa waaʼee obboleessa ishii yaaddee akka inni isa gargaaru isa kadhachuun ishii baayʼee isa gammachiisa.
18 Yihowaanis akkasuma akka goonu, jechuunis akka waliif yaannuu fi akka waliif kadhannu nu jajjabeessa. Akkas yeroo goonu kadhannaan keenya garaadhaa warra kaaniif akka yaannu argisiisa; Yihowaanis kanaaf xiyyeeffannaa ni kenna. (2 Tas. 1:3; Ibr. 6:10) Kana malees, akkuma olitti ilaalle yeroo tokko tokko kadhannaan keenya haalli nama tokkoo akka jijjiiramu gochuu dandaʼa. Kanaafuu, warra kaaniif kadhachuuf wanta dandeenyu hunda haa goonu.
FAARFANNAA 101 ‘Gammachuu Waaqayyo Kennu’
a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.
b Viidiyoo Taakeshii Shimiizuu: Yihowaan ‘Isa Kadhannaa Dhagaʼu Dha’ jedhu jw.org irraa ilaali.
c Maqaa obboloota hidhamanii jiranii jw.org irraa kutaa “Dhugaa Baatota Yihowaa Sababii Amantii Isaaniitiin Hidhaman—Biyya Biyyaan” jedhu jalaa argachuu dandeessa.
d IBSA FAKKII: Obbolootaa fi obboleettota rakkina mataasaanii utuma qabanii warra kaaniif kadhachaa jiran.