Miseensota Qaama Olaanaa Haaraa Lama
ONKOLOOLESSA 5, 2024 walgaʼii addaarratti beeksisni addaa tokko dubbifamee ture: Obboleessi Joodii Jeedlii fi obboleessi Jeekoob Raamfi miseensota Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼanii muudaman. Obboloonni lamaanuu waggoota hedduuf amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaniiru.
Joodii Jeedlii fi haadha manaasaa Damaaris
Obboleessi Jeedliin Yuunaayitid Isteetis, Miizuurii keessatti kan dhalate yeroo taʼu, dhugaa keessatti guddate. Warrisaa naannoo Dhugaa Baatonni Yihowaa baayʼinaan hin jirre keessa jiraatu turan. Kanaafuu, obboloota akkaataa guddinaa garaagaraa qabanii fi misiraachicha lallabuurratti gargaarsa gochuuf gara naannoo sanaa dhufan hedduu wajjin wal arga ture. Jaalallii fi tokkummaan obboloota kanaa dhiibbaa gaarii isarratti godheera. Onkoloolessa 15, 1983tti umurii waggoota kurnanii gara jalqabaa keessa utuu jiruu cuuphame. Tajaajila ni jaallata; barumsa sadarkaa lammaffaa erga xumuree booda Fulbaana 1989tti qajeelchaa yeroo hundaa taʼee tajaajiluu jalqabe.
Jeedliin ijoollee yeroo turetti warrisaa isaa fi obboleettiisaa Beeteliin ni daawwachiisu turan. Daawwannaan kun ijoolleen kun Beetel galuuf galma akka baafatan isaan kakaaseera; boodas galma kanarra gaʼuu dandaʼaniiru. Jeedliin Fulbaana 1990 Beetel isa Woolkiil jiru gale. Jalqabarratti Dippaartimantii Qulqullinaa keessa, boodammoo Tajaajila Yaalii Fayyaa keessa hojjeteera.
Yeroo sanatti gumiiwwan Afaan Ispaanishii naannoo sanatti argaman guddina gochaa waan turaniif, obboloota dabalataa ni barbaadu turan. Kanaafuu, obboleessi Jeedliin gumiiwwan kana keessaa gara gumii isa tokkootti jijjiiramuudhaan Afaan Ispaanishii barachuu jalqabe. Utuma baayʼee hin turinis obboleettii Damaaris jedhamtuu fi aanaasaa keessatti qajeelchituu taatee tajaajiltu wajjin wal bare. Boodas, gaaʼela godhatanii Beetelitti waliin tajaajiluu jalqaban.
Bara 2005tti warrasaanii amanamoo taʼan kunuunsuuf Beetelii baʼan. Yeroo sanatti qajeelchitoota yeroo hundaa taʼanii tajaajilu turan. Obboleessi Jeedliin Mana Barumsaa Tajaajila Qajeelchitootaa irratti barsiisaa taʼee tajaajileera; akkasumas Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisuu fi Koree Ijaarsaa Naannoo keessatti tajaajileera.
Bara 2013tti obboleessi Jeedlii fi haati manaasaa piroojektii ijaarsaa Woorwiikiif deebiʼanii Beetel akka galan affeeraman. Sana booda Paatarsanii fi Woolkiilittis tajaajilaniiru. Obboleessi Jeedliin Kutaa Diizaayinii fi Ijaarsaa Naannoo, akkasumas Tajaajila Odeeffannoo Hospitaalaa keessatti hojjeteera. Achiis Bitootessa 2023 gargaaraa Koree Tajaajilaa taʼee muudame. Ramaddii garaagaraa isaaf kenname ilaalchisee akkana jedheera: “Ramaddii haaraan yeroo siif kennamu yeroo tokko tokko sodaan sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, yeroo akkasiitti Yihowaatti amanamuu akka qabnu yaadachuu qabna; sababiin isaas, inni wanta nu gaafate kamiyyuu akka raawwannu nu gargaara.”
Jeekoob Raamfii fi haadha manaasaa Iingaa
Obboleessi Raamfi Yuunaayitid Isteetis, Kaalifoorniyaa keessatti dhalate. Ijoollummaasaatti haatisaa qabbanooftee kan turte taʼus, dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu isa barsiisuuf carraaqqii ni gooti turte. Kana malees, waggaa waggaadhaan akkoosaa ishii obboleettii amanamtuu taate bira ni dhaqa ture. Ishiinis dhugaa beekuuf fedhii akka qabaatu isa gargaarteetti; kanaafuu, umuriisaa waggaa 13tti Kitaaba Qulqulluu akka isa qoʼachiisan gaafate. Achiis Fulbaana 27, 1992tti utuma umurii waggoota kurnanii keessa jiruu ni cuuphame. Kan nama gammachiisu haatisaa deebitee karaa hafuuraa sochii gochuu jalqabde; abbaansaa fi obbolaan isaas guddina godhanii ni cuuphaman.
Obboleessi Raamfi ijoollummaasaatti qajeelchitoonni gammachuu akka qaban ni arga ture. Kanaafuu, barumsa sadarkaa lammaffaa erga xumuree booda, Fulbaana 1995tti qajeelchaa taʼe. Bara 2000tti immoo gara Ikuwaador deemee bakka gargaarsi caalaatti barbaachisutti tajaajiluu jalqabe. Achittis qajeelchituu Kaanaadaadhaa dhuftee fi Iingaa jedhamtu wajjin wal bare; boodas gaaʼela dhaabbatan. Gaaʼela erga dhaabbatanii booda magaalaa Ikuwaador keessatti argamtuu fi babalʼistoonni muraasni qofti itti argaman tokkotti tajaajiluu jalqaban. Yeroo ammaatti babalʼistoonni sun baayʼatanii gumii guddaa taʼaniiru.
Yeroo booda Raamfii fi haati manaasaa qajeelchitoota addaa taʼan; achiis hojii aanaarratti hirmaachuu jalqaban. Bara 2011tti mana barumsaa Giiliyaad kutaa 132ffaa irratti akka hirmaatan affeeraman. Erga eebbifamanii booda addunyaa maratti bakka addaddaatti tajaajilaniiru; akkasumas gosa tajaajilaa garaagaraarratti hirmaataniiru; fakkeenyaaf, Beetelitti tajaajilaniiru, misiyoonota taʼaniiru, akkasumas hojii aanaarratti hirmaataniiru. Kana malees, obboleessi Raamfi Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaarratti barsiisaa taʼee tajaajileera.
Sababa Kooviid-19n kan kaʼe obboleessi Raamfii fi haati manaasaa gara Yuunaayitid Isteetisitti deebiʼanii turan. Achiis Beetel isa Woolkiilitti argamutti akka tajaajilan kan affeeraman yeroo taʼu, obboleessi Raamfi Dippaartimantii Tajaajilaa keessatti leenjii fudhateera. Boodas, deebiʼanii waajjira damee Ikuwaadoritti ramadaman; obboleessi Raamfi miseensa Koree Waajjira Damee taʼee tajaajilaa ture. Bara 2023tti immoo Woorwiikitti jijjiiraman. Amajjii 2024 obboleessi Raamfi gargaaraa Koree Tajaajilaa taʼee muudame. Obboleessi Raamfi bakkawwan itti tajaajile ilaalchisee akkana jedheera: “Ramaddii tokko adda kan godhu bakkasaa utuu hin taʼin, namoota wajjin hojjennudha.”
Hojii obboloonni kun jabaatanii hojjetan ni dinqisiifanna; akkasumas ‘namoota akkasiitiif ulfina guddaa kennina.’—Filp. 2:29.