Keeneez Kuukii fi haadha manaa isaa Jaamee
Miseensa Qaama Ol Aanaa Haaraa
AMAJJII 24, 2018 Roobii ganama miseensonni maatii Betʼel Yunaayitid Isteetisii fi Kaanaadaa beeksisa addaa “Obboleessi keenya Keeneez Kuuk miseensa Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa Taʼeera” jedhu dhagaʼan.
Obboleessi keenya Kuuk dhalatee kan guddate kibba giddu galeessa Pensilvaaniyaa Yunaayitid Isteetisitti dha. Dhugaa kan dhagaʼe mana barumsa sadarkaa lammaffaa xumuruu isaa yeroo muraasa dura hiriyaa wajjin baratu irraa siʼa taʼu Waxabajjii 7, 1980tti of murteessuudhaan cuuphameera. Fulbaana 1, 1982tti qajeelchaa yeroo hundaa taʼuudhaan tajaajila yeroo guutuu jalqabe. Waggaa lamaaf qajeelchaa taʼee erga tajaajilee booda gara Betʼel isa Woolkiil, Niiwu Yoorkitti argamutti kan afeerame siʼa taʼu, Onkoloolessa 12, 1984tti hojii jalqabe.
Waggoota 25 sana booda turanitti Obboleessi keenya Kuuk kutaa Maxxansaa fi Waajjiroota Betʼel dabalatee iddoo baayʼeerra hojjeteera. Bara 1996 obboleettii Jaamee jedhamtu wajjin gaaʼela kan godhatan siʼa taʼu, ishiinis Betʼel isa Woolkiiltti argamu keessatti isaa wajjin tajaajiluu jalqabdeetti. Muddee 2009 obboleessi keenya Kuukii fi haati manaa isaa gara Wiirtuu Barumsaa Masaraa Eegumsaa Paatarsan, Niiwu Yoorkitti argamutti kan jijjiiraman siʼa taʼu, obboleessi keenya Kuuk Kutaa Xalayaatti ramadame. Achiis Ebla 2016 gara Woolkiilitti erga jijjiiramanii utuma baayʼee hin turin, gara Biruukiliin, Niwuu Yoorkitti jijjiiraman. Jiʼa shan booda, gara waajjira muummee Waarwiik, Niiwu Yoorkitti galan. Amajjii 2017, obboleessi keenya Kuuk gargaaraa Koree Barreeffamaa Qaama Ol Aanaa taʼee muudame.