LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Sadaasa ful. 16-21
  • Yesuus Luba Olaanaa Gara Laafessadha

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesuus Luba Olaanaa Gara Laafessadha
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Matadureewwan Yaada Walfakkaataa Qaban
  • ILMI WAAQAYYOO INNI JAALLATAMAAN GARA LAFAA DHUFE
  • YESUUS MIIRA NAMOOTAA HUBATEERA
  • FAKKEENYA LUBA OLAANAA KEENYAA HORDOFUU
  • LUBNI OLAANAAN KEENYA SI GARGAARA
  • Furicharraa Maal Baranna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Wanti Ati hin Beekne Akka Jiru Gad Of Qabuudhaan Amanii Fudhadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Guyyoota Dhumaa 40n Yesuus Lafarratti Dabarserraa Maal Baranna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Sadaasa ful. 16-21

MATA DUREE QOʼANNAA 46

FAARFANNAA 17 “Nan Fedha”

Yesuus Luba Olaanaa Gara Laafessadha

“Lubni ol aanaan nuti qabnu . . . isa dadhabina keenyatti nuuf gadduu hin dandeenye miti.”—IBR. 4:15.

YAADA IJOO

Yesuus kan namaaf gadduu fi gara laafessa taʼuunsaa Luba Olaanaa taʼuuf gaʼumsa akka qabaatu kan isa taasise akkamitti akka taʼee fi tajaajila lubummaasaarraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

1-2. (a) Yihowaan Ilmasaa gara lafaatti kan erge maaliifi? (b) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna? (Ibroota 5:7-9)

GARA waggaa 2,000 dura Yihowaan Ilmasaa isa baayʼee jaallatu gara lafaatti erge. Maaliif? Sababni inni tokko, ilmaan namootaa cubbuu fi duʼa jalaa bilisa akka baasuu fi miidhaa Seexanni geessise akka sirreessuufi. (Yoh. 3:16; 1 Yoh. 3:8) Kana malees, Yihowaan Yesuus nama taʼee lafarra jiraachuunsaa Luba Olaanaa namaaf gadduu fi gara laafessa taʼuuf akka isa gargaaru beeka ture. Yesuus Luba Olaanaa taʼee tajaajiluu kan jalqabe Dh.K.B. bara 29tti yeroo cuuphamettidha.a

2 Mata duree kana keessatti, Yesuus nama taʼee lafarra jiraachuunsaa Luba Olaanaa namaaf gaddu taʼuuf caalaatti gaʼumsa akka qabaatu kan isa gargaare akkamitti akka taʼe ilaalla. Yesuus hojii isaaf kennameef ‘gaʼumsa akka qabaatu’ kan godhame akkamitti akka taʼe caalaatti hubachuun keenya, yommuu cubbuu ykn dadhabina keenyaan abdii kutannuttillee Yihowaatti dhihaachuun akka nuuf salphatu godha.—Ibroota 5:7-9 dubbisi.

ILMI WAAQAYYOO INNI JAALLATAMAAN GARA LAFAA DHUFE

3-4. Yesuus gara lafaa yeroo dhufetti jijjiirama guddaa akkamiitu isa mudate?

3 Baayʼeen keenya jijjiiramni nu mudateera; fakkeenyaaf, mana jaallannu tokko jijjiiruun, akkasumas maatii fi michoota keenyarraa fagaannee deemuun nu barbaachisee taʼuu dandaʼa. Jijjiiramni akkasii salphaa miti. Haa taʼu malee, ilmaan namootaa keessaa namni akka Yesuus jijjiiramni guddaan isa mudate hin jiru. Yeroo samii keessa turetti ilmaan hafuuraa Yihowaa keessaa iddoo hundarra caalu qaba ture. Yihowaan baayʼee isa jaallata; innis Waaqayyoo wajjin hojjechaa yeroo turetti yeroo hunda baayʼee gammada ture. (Far. 16:11; Fak. 8:30) Taʼus, Filiphisiyus 2:7 ilmaan namootaa cubbamoota taʼan gidduu jiraachuuf iddoo guddaa samii keessatti qabu fedhiidhaan dhiisee ‘duwwaa akka of godhe’ dubbata.

4 Mee yeroo Yesuus dhalatettii fi daaʼima turetti haalli akkamii akka ture haa ilaallu. Aarsaa warrisaa erga inni dhalatee booda dhiheessanirraa akka hubannutti Yesuus maatii hiyyeeyyii taʼe keessatti dhalate. (Lew. 12:8; Luq. 2:24) Heroodis Mootichi inni hamaa taʼe, akka inni dhalate yeroo hubatetti Yesuusiin ajjeesisuuf yaaleera. Yesuusiin duʼarraa oolchuuf maatiinsaa yeroo murtaaʼeef Gibxii keessa baqattoota taʼanii jiraatan. (Mat. 2:13, 15) Dhugumayyuu Yesuus jijjiirama guddaatu isa mudate.

5. Yesuus lafarra yeroo turetti maalfaa argeera? Kunoo gaʼee inni Luba Olaanaa taʼuudhaan qabuuf kan isa qopheesse akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

5 Yesuus yeroo lafarra turetti rakkina namootarra gaʼu hedduu argeera. Abbaa buddeenaasaa Yoseef dabalatee namoota jaallatu duʼaan dhabee taʼuu hin oolu. Yesuus lafarra tajaajilaa yeroo turetti namoota dhukkuba nadaayiitiin qabaman, namoota qaro dhabeeyyii taʼan, namoota naafatanii fi warra ijoollee isaanii duʼaan dhaban argeera, akkasumas garaa isaaniif laafeera. (Mat. 9:2, 6; 15:30; 20:34; Mar. 1:40, 41; Luq. 7:13) Dhugaadha, yeroo samii keessa turetti rakkinni namootarra yeroo gaʼu argeera. Nama taʼee lafarra yeroo turetti garuu rakkina namootarra gaʼu caalaatti hubachuu dandaʼeera. (Isa. 53:4) Wanti Yesuus yeroo lafarra turetti isa mudate miira namootaa, gaddaa fi dhiphina isaanii guutummaatti hubachuuf isa gargaareera. Yesuus akkuma namoota kaanii dadhabeera, dhiphateera, akkasumas gaddeera.

Namoonni hedduun Yesuusitti marsanii akka inni isaan fayyisu kadhachaa jiru. Innis gara laafinaan harkasaa diriirsee harka maanguddoo dhukkubsate tokko qabee jira.

Yesuus namoota rakkataniif garaa laafeera, akkasumas miirasaaniitiif akka yaadu argisiiseera (Keeyyata 5 ilaali)


YESUUS MIIRA NAMOOTAA HUBATEERA

6. Gara laafina Yesuus namootaaf qabu ilaalchisee raajii Isaayyaas dubbaterraa maal baranna? (Isaayyaas 42:3)

6 Yesuus lafarra tajaajilaa yeroo turetti warra dadhaboo taʼanittii fi cunqurfamanitti gara laafina guddaa argisiiseera. Akkas gochuudhaan raajiin waaʼeesaa dubbatame akka raawwatamu godheera. Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti namoonni Yihowaarratti amantii cimaa qaban, yeroo baayʼee iddoo biqiltuu bishaan gaʼaa qabutti ykn muka dheeraa cimaa taʼetti fakkeeffamaniiru. (Far. 92:12; Isa. 61:3; Er. 31:12) Namoonni hiyyeeyyiinii fi cunqurfaman garuu shomboqqoo buruqfamee fi foʼaa ibsaa aarutti fakkeeffamaniiru. (Isaayyaas 42:3 dubbisi; Mat. 12:20) Isaayyaas raajichi jaalalaa fi gara laafina Yesuus namoota warri kaan gatii akka hin qabnetti isaan ilaalanitti argisiisu ibsuuf fakkeenya kana raajiidhaan dubbateera.

7-8. Yesuus raajii Isaayyaas dubbate kan raawwate akkamitti?

7 Maatewos inni barreessaa Wangeelaa taʼe yaanni Isaayyaas, “Inni shomboqqoo buruqfame hin cabsu, foʼaa ibsaa aarus hin dhaamsu” jechuudhaan dubbate Yesuus irratti raawwiisaa akka argate barreesseera. Dinqiiwwan Yesuus raawwate tokko tokko namoota cunqurfamoo akkuma shomboqqoo buruqfamee akka taʼan isaanitti dhagaʼamu ykn akkuma foʼaa ibsaa dhaamuuf aaraa jirutti abdii akka hin qabne isaanitti dhagaʼamu gargaareera. Isaan keessaa tokko namicha dhukkuba nadaayiitiin qabamedha. Namichi kun fayyee maatiisaa fi michootasaa wajjin taʼuuf abdii akka hin qabne isatti dhagaʼamee taʼuu qaba. (Luq. 5:12, 13) Namichi dhagaʼuu fi dubbachuu hin dandeenye tokkos isa mudateera. Namichi kun warri kaan yeroo waliin haasaʼanitti kan argu taʼus, dhagaʼuu dadhabuunsaa miira akkamii isatti uumee taʼuu akka dandaʼu mee yaadi. (Mar. 7:32, 33) Garuu rakkinni namoota kanaa kana qofa miti.

8 Yeroo Yesuus lafarra turetti Yihudoonni hedduun namoonni dhukkubsatan ykn hirʼina qaamaa qaban cubbuu ofiisaaniif ykn cubbuu warra isaaniitiif adabamaa akka jiranitti amanu turan. (Yoh. 9:2) Ilaalcha dogoggoraa kanaan kan kaʼe namoonni kun gatii akka hin qabne isaanitti dhagaʼama ture. Akkuma Isaayyaas raajiidhaan dubbate Yesuus warra dhukkubsatan ykn hirʼina qaamaa qaban fayyisuudhaan Waaqayyo akka isaaniif yaadu akka hubatan isaan gargaareera. Kun amanannaa akkamii akka qabaannu nu gargaara?

9. Ibroonni 4:15, 16 Lubni Olaanaan keenya ilmaan namootaa mudaa qabaniif akka gaddu kan addeessu akkamitti?

9 Ibroota 4:15, 16 dubbisi. Yesuus yeroo hundumaa akka nuuf gaddu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Maarree kun maal nu hubachiisa? Namni namaaf gaddu tokko rakkinnii fi miirri warra kaanii isatti dhagaʼama. Jechi Afaan Giriikii “namaaf gadduu” jedhamee hiikame haalaa fi miira warra kaanii hubachuu argisiisa. Dinqiiwwan Yesuus raawwate Yesuus namoota rakkinni irra gaʼeef baayʼee akka gaddu argisiisu. Namoota kan fayyise dirqamuma waan isatti taʼeef miti. Garaadhaa isaaniif yaada ture, isaan gargaaruus ni barbaada. Fakkeenyaaf, yeroo namicha dhukkuba nadaayiitiin qabame fayyisetti halaalumarraa isa fayyisuu ni dandaʼa ture; inni garuu isa qaqqabee isa fayyisuu filateera. Tarii waggoota hedduu booda nama kana yeroo jalqabaatiif harkaan kan qaqqabe Yesuus taʼuu dandaʼa. Yesuus namicha gurrisaa hin dhageenye kan fayyise namootarraa kophaatti adda baasuudhaani. Yommuu Fariisonni dubartii yaada geddarattee fi imimmaan ishiitiin miila Yesuus jiistee rifeensa ishiitiin haxoofte qeeqanitti ishii deggeree dubbateera. (Mat. 8:3; Mar. 7:33; Luq. 7:44) Yesuus warra dhukkubsatan ykn warra cubbuu cimaa raawwatan irraa hin fagaanne. Kanaa mannaa, isaan simateera, akkasumas akka isaan jaallatu isaaniif mirkaneesseera. Nuttis gara laafina akka argisiisu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.

FAKKEENYA LUBA OLAANAA KEENYAA HORDOFUU

10. Yeroo harʼaatti warra gurri isaanii hin dhageenyee fi qaro dhabeeyyii taʼan gargaaruuf qophii hafuuraa kamitti fayyadamuu dandeenya? (Fakkiiwwanis ilaali.)

10 Duuka buutota Yesuus waan taaneef warra kaanitti jaalala argisiisuu, miira isaanii hubachuu fi gara laafina isaanitti argisiisuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuuf carraaqqii goona. (1 Phe. 2:21; 3:8) Namoota gurrisaanii hin dhageenye ykn qaro dhabeeyyii taʼan fayyisuu kan hin dandeenye taanus, karaa hafuuraa isaan gargaaruu ni dandeenya. Fakkeenyaaf, yeroo ammaatti barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan afaan mallattoo 100 oliin argamu. Namoota sirriitti arguu hin dandeenye gargaaruuf barreeffamoonni bireelii afaanota 60 oliin qophaaʼaniiru, akkasumas viidiyoowwan keenya ibsa sagalee qaban afaanota 100 oliin ni argamu. Qophiiwwan kun namoonni gurri isaanii hin dhageenyee fi qaro dhabeeyyii taʼan Yihowaa fi Ilma isaatti akka dhihaatan isaan gargaaru.

Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Obbolootaa fi obboleettota walgaʼii gumiirratti afaan mallattootiin faarfachaa jiran. 2. Obboleettii qaro dhabeettii Kitaaba Qulqulluu bireeliidhaan dubbisaa jirtu.

Barreeffamoonni keenya Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan afaan 1,000 oliin ni argamu

Bitaa: Afaan mallattoo 100 ol

Mirga: Bireelii afaanota 60 ol

(Keeyyata 10 ilaali)


11. Jaarmiyaan Yihowaa akkuma Yesuus namoota hundumaaf akka yaadu argisiisaa kan jiru akkamitti? (Hojii Ergamootaa 2:5-7, 33) (Fakkiiwwanis ilaali.)

11 Jaarmiyaan Yihowaa haalli isaanii maaliyyuu yoo taʼe namoota hundumaa gargaaruuf carraaqqii ni godha. Yesuus duʼaa erga kaʼee booda namoonni ayyaana Phenxeqosxee kabajuuf walitti qabaman hundi “afaan dhalootaa . . . isaaniitiin” misiraachicha dhagaʼuu akka dandaʼaniif hafuura qulqulluu akka dhangalaase yaadadhu. (Hojii Ergamootaa 2:5-7, 33 dubbisi.) Jaarmiyaan keenyas qajeelfama Yesuus hordofuudhaan barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan afaan 1,000 oliin qopheessaa jira. Afaanota kana keessaa tokko tokko namoota muraasaan qofa dubbatamu. Fakkeenyaaf, afaanota Ameeriindiyaan jedhaman keessaa tokko tokko namoota muraasa Kaabaa fi Kibba Ameerikaa jiraatan qofatu dubbata. Haa taʼu malee, namoonni hedduun misiraachicha dhagaʼuu akka dandaʼaniif barreeffamoonni keenya afaanota kana keessaa 160 oliin ni argamu. Kana malees, barreeffamoonni keenya afaanota Roomaanii 20 oliin ni argamu. Namoota afaanota kana dubbatan keessaa kumaan kan lakkaaʼaman dhugaa fudhataniiru.

Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Obboleettiin namoota Ameeriindiyaan keessaa tokko taate Kitaaba Qulqulluu afaan ishiitiin hiikame qabattee jirti. 2. Obboleettiin namoota Roomaanii keessaa tokko taate intala ishii wajjin walgaʼii tiʼookraasii tokkorratti argamtee jirti.

Bitaa: Afaanota Ameeriindiyaan 160 ol

Mirga: Afaanota Roomaanii 20 ol

(Keeyyata 11 ilaali)


12. Yeroo harʼaatti jaarmiyaan Yihowaa namootaaf gargaarsa kan biraa akkamii gochaa jira?

12 Jaarmiyaan Yihowaa namoonni misiraachicha akka dhagaʼan gargaaruu malees, warra balaan uumamaa mudate ni gargaara. Kana galmaan gaʼuuf, obboloonni kumaan lakkaaʼaman obbolootaa fi obboleettota isaanii gargaarsi barbaachisu deggeruuf fedhiidhaan of dhiheessu. Kana malees, jaarmiyichi bakka waaqeffannaa namoonni walgaʼanii waaʼee jaalala Waaqayyoo itti baratan ni ijaara.

LUBNI OLAANAAN KEENYA SI GARGAARA

13. Karaawwan Yesuus itti nu gargaaru tokko tokko kamfaʼi?

13 Yesuus tiksee gaarii waan taʼeef fedhii hafuuraa tokkoon tokkoon keenyaatiif xiyyeeffannaa ni kenna. (Yoh. 10:14; Efe. 4:7) Yeroo tokko tokko haalli jireenya keessatti nu mudatu akkuma foʼaa ibsaa aaruu ykn shambaqqoo buruqfamee akka taane akka nutti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Dhibee cimaadhaan waan qabamneef, dogoggora waan raawwannee fi obboleessa tokko wajjin waan wal dhabneef abdii kutannee taʼuu dandaʼa. Rakkina nu mudate dhiisnee abdii keenya irratti xiyyeeffachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yesuus haala keessa jirtu akka arguu fi miira sitti dhagaʼamu akka hubatu yaadadhu. Yesuus gara laafessa taʼuunsaa si gargaaruuf tarkaanfii akka fudhatu isa kakaasa. Fakkeenyaaf, yeroo dadhabdee jirtutti hafuura qulqulluutti fayyadamee humna siif kennuu dandaʼa. (Yoh. 16:7; Tit. 3:6) Kana malees, ‘namoota kennaa’ taʼanii fi obboloota keetti fayyadamee si jajjabeessuu, si deggeruu fi si gargaaruu dandaʼa.—Efe. 4:8.

14. Yeroo abdii kutannutti maal gochuu dandeenya?

14 Yeroo abdii kutattutti gaʼee Yesuus Luba Olaanaa taʼuudhaan qaburratti yaadi. Yihowaan gara lafaatti kan isa erge lubbuusaa furii godhee akka nuuf kennuuf qofa utuu hin taʼin, rakkina ilmaan namootaarra gaʼu caalaatti akka hubatu isa gargaaruufi. Cubbuu ykn dadhabina keenyaan yeroo abdii kutannutti, Yesuus gargaarsa yeroo sanatti nu barbaachisu nuuf kennuuf qophaaʼaadha, akkasumas fedhii qaba.—Ibr. 4:15, 16.

15. Obboleessi tokko gara gumiitti akka deebiʼu wanti isa gargaare maalidha?

15 Yesuus sabnisaa namoota Yihowaarraa fagaatan barbaadanii gargaaruuf yeroo carraaqanitti isaan qajeelcha. (Mat. 18:12, 13) Mee muuxannoo Isteefaanoob haa ilaallu. Gumiidhaa baafamee waggaa 12 booda, walgaʼii gumiirratti argamuuf murteesse. Akkana jedheera: “Salphaa taʼuu baatus obbolootaa fi obboleettota koo wajjin deebiʼee Yihowaa tajaajiluu barbaadeen ture. Jaarsoliin na haasofsiisan miira hoʼaadhaan na simatan. Yeroo tokko tokko gatii akkan hin qabne natti dhagaʼama, akkasumas abdii kutachuufan qorama. Haa taʼu malee, obboloonni, Yihowaa fi Yesuus carraaqqii gochuu koo akkan itti fufu akka barbaadan na yaadachiisan. Yommuun gumiitti deebiʼu gumichi anaa fi maatii koo miira hoʼaadhaan simate. Yeroo boodas haati manaa koo Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan jalqabde yeroo taʼu, amma maatiidhaan taanee Yihowaa tajaajilla.” Lubni Olaanaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe, namoonni yaada geeddaratan gargaarsa gumiitti deebiʼuuf isaan barbaachisu yommuu argatan yeroo argu baayʼee gammada.

16. Luba Olaanaa namaaf gaddu akkasii qabaachuu keetti kan galateeffattu maaliifi?

16 Yesuus yeroo lafarra jiraachaa turetti yeroo gargaarsi isaan barbaachisutti namoota hedduu gargaareera. Yeroo harʼaattis yeroo gargaarsi nu barbaachisu hundatti akka nu gargaaru amanannaa qabaachuu dandeenya. Addunyaa haaraa dhiheenyatti dhufu keessattimmoo namoonni ajajamoo taʼan miidhaa cubbuun geessiserraa guutummaatti bilisa akka taʼan godha. Waaqni keenya Yihowaan jaalalaa fi gara laafinaan kakaʼee Ilmasaa Luba Olaanaa nuuf gaddu godhee waan nuu muudeef baayʼee galateeffanna!

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Wanti Yesuus yeroo lafa turetti isa mudate hojii Luba Olaanaa taʼuudhaan hojjetuuf kan isa qopheesse akkamitti?

  • Yesuus raajiin Isaayyaas 42:3 irratti argamu akka raawwatamu kan godhe akkamitti?

  • Lubni Olaanaan keenya yeroo harʼaatti kan nu gargaaru akkamitti?

FAARFANNAA 13 Kiristoos, Fakkeenya Keenya

a Yesuus luba olaanaa Yihudootaa bakka buʼuudhaan Luba Olaanaa kan taʼe akkamitti akka taʼe ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree “Mirga Mana Qulqullummaa Hafuuraa Keessatti Yihowaa Waaqeffachuuf Argattan Dinqisiifadhaa” jedhu maxxansa Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 2023 ful. 26, key. 7-9 ilaali.

b Maqaan jijjiirameera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi