LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Muddee ful. 2-7
  • Kitaabni Iyyoob Yeroo Rakkinni Sirra Gaʼu Si Gargaara

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaabni Iyyoob Yeroo Rakkinni Sirra Gaʼu Si Gargaara
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Matadureewwan Yaada Walfakkaataa Qaban
  • WAAQAYYO IYYOOBIRRA RAKKINNI AKKA GAʼU HEYYAME
  • KITAABNI IYYOOB JABAANNEE AKKA DHAABBANNU KAN NU GARGAARU AKKAMITTI?
  • KITAABA IYYOOBITTI FAYYADAMUUDHAAN WARRA KAAN GARGAARI
  • Iyoob Maqaa Yihowaatiif Ulfina Guddaa Kenneera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • “Yihowaa Abdadhu”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • “Balleessaa Malee Jiraachuu Koo Irraa hin Deebiʼu!”
    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa
  • Kitaabni Iyyoob Yeroo Gorsa Kennitu Si Gargaara
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Muddee ful. 2-7

MATA DUREE QOʼANNAA 48

FAARFANNAA 129 Jabaannee Dhaabbachuu Keenya Itti Fufna

Kitaabni Iyyoob Yeroo Rakkinni Sirra Gaʼu Si Gargaara

“Dhuguma iyyuu Waaqayyo hammina hin raawwatu.”—IYO. 34:12.

YAADA IJOO

Kitaabni Iyyoob Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliif akka taʼee fi yeroo rakkinni nurra gaʼutti dandamachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiisa.

1-2. Sababiiwwan kitaaba Iyyoob dubbisuun keenya barbaachisaa itti taʼe tokko tokko maalfaʼi?

KITAABA Iyyoob dhiheenyatti dubbisteettaa? Kitaabni kun gara waggaa 3,500 dura kan barreeffame taʼus, namoonni hedduun ammayyuu kitaabota gaggaarii addunyaarra jiran keessaa tokko akka taʼetti ilaalu. Barreessaan kitaaba kanaa jechoota gaggaarii, humna guddaa qabanii fi salphaatti hubataman waan fayyadameef namoonni baayʼee isa dinqisiifatu. Kitaaba kana kan barreesse Musee taʼus, kan barreessisiise garuu Yihowaadha.—2 Xim. 3:16.

2 Kitaabni Iyyoob kutaa Kitaaba Qulqulluu baayʼee barbaachisaa taʼedha. Maaliif? Kitaabni kun uumamawwan yaaduu dandaʼan hundi, jaalala Yihowaa fi maqaa isaatiif qabaniin kakaʼanii akka isa tajaajilaniif filannaan akka isaaniif dhihaate ibsa. Akkasumas waaʼee jaalala, ogummaa, haqaa fi humna Yihowaa nu barsiisa. Fakkeenyaaf, kitaabni Iyyoob, Yihowaa siʼa 31 ‘Isa Hundumaa Dandaʼu’ jedhee waama; kutaawwan Kitaaba Qulqulluu kaan keessatti kan ibsame hundi walitti idaʼamee hamma kana hin taʼu. Kana malees kitaabni kun, Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliif akka taʼe dabalatee, gaaffilee guguddaa namoonni hedduun gaafataniif deebii kenna.

3. Kitaaba Iyyoob qoʼachuudhaan faayidaawwan akkamii arganna?

3 Akkuma namni tokko gaararra dhaabbachuunsaa wanta naannoosaa jiru sirriitti ilaaluuf isa gargaaru, kitaabni Iyyoob rakkoowwan jireenya keessatti nu mudatan akka Yihowaan ilaalutti ilaaluuf nu gargaara. Mee kitaabni Iyyoob yeroo rakkinni nurra gaʼutti akkamitti akka nu gargaaru haa ilaallu. Israaʼelonni tokko tokko seenaa Iyyoob irraa akkamitti fayyadamanii taʼuu akka dandaʼuu fi yeroo harʼaatti seenaasaarraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranna. Kana malees, warra kaan gargaaruuf seenaa Kitaaba Qulqulluu kanatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranna.

WAAQAYYO IYYOOBIRRA RAKKINNI AKKA GAʼU HEYYAME

4. Iyyoobii fi Israaʼelonni Gibxii keessa turan garaagarummaa guddaa akkamii qabu turan?

4 Yeroo Israaʼelonni garboota taʼanii Gibxii keessa jiraachaa turanitti, namni Iyyoob jedhamu biyya Uuz jedhamu keessa jiraachaa ture; Uuz kan argamtu kallattii baha Biyyattii Abdachiifamteetiin, kaaba Arabiyaa keessaa bakka taʼe tokkotti taʼuu hin oolu. Israaʼelonni Gibxii keessatti waaqolii tolfamoo waaqeffachuu yeroo jalqabanitti, Iyyoob garuu amanamummaadhaan Yihowaa tajaajila ture. (Iya. 24:14; His. 20:8) Yihowaan, Iyyoobiin ilaalchisee, “Lafa irra namni akka isaa tokko iyyuu hin jiru” jedheera.a (Iyo. 1:8) Iyyoob namoota Bahatti argaman hundumaa caalaa baayʼee sooressaa fi kabajamaa ture. (Iyo. 1:3) Seexanni namni beekamaa fi sooressa taʼe kun amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajiluusaatti baayʼee aaree taʼuu qaba.

5. Yihowaan Iyyoobirra rakkinni akka gaʼu kan heyyame maaliifi? (Iyyoob 1:20-22; 2:9, 10)

5 Seexanni, Iyyoob yoo rakkinni isarra gaʼe Yihowaa waaqeffachuu akka dhiisu dubbate. (Iyo. 1:7-11; 2:2-5) Yihowaan Iyyoobiin baayʼee jaallata. Taʼus Yihowaan, Seexanni wanti dubbate sun dhugaa taʼuu fi dhiisuusaa mirkaneessuuf akka yaalu isaaf heyyame. (Iyo. 1:12-19; 2:6-8) Seexanni Iyyoob horiisaa akka dhabu godhe, ijoolleesaa kudhan jalaa ajjeese, akkasumas quba miilla isaatii kaasee hamma mataasaatti dhullaa nama dhukkubsuun isa rukute. Haa taʼu malee, yaaliin cimaan Seexanni godhe kun Iyyoob Waaqayyoof amanamaa akka hin taane isa hin taasisne. (Iyyoob 1:20-22; 2:9, 10 dubbisi.) Yeroo booda Yihowaan, Iyyoob fayyaasaa, qabeenyasaa fi kabajasaa deebisee akka argatu godhe; akkasumas ijoollee dabalataa kudhan isaaf kenne. Waggaa dabalataa 140 akka jiraatu gochuudhaanis dinqiidhaan umuriisaa isaaf dheeresse; kanaan kan kaʼes, ijoollee ijoolleesaa hamma dhaloota afuriitti arguu dandaʼeera. (Iyo. 42:10-13, 16) Seenaan kun namoota bara duriitti jiraatan fayyadee taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Yeroo harʼaatti hoo nu fayyaduu kan dandaʼu akkamitti?

6. Seenaan Iyyoob Israaʼelota gargaaree taʼuu kan dandaʼu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

6 Israaʼelonni seenaa Iyyoob irraa akkamitti fayyadamanii taʼuu dandaʼa? Israaʼelonni Gibxii keessatti jireenya ulfaataa jiraachaa turan. Fakkeenyaaf, Iyyaasuu fi Kaaleb ijoollummaa isaaniitti garboota turan. Sana boodammoo balleessaa isaanii malee waggaa 40f lafa onaa keessa jooraniiru. Kanaafuu, seenaan Iyyoob Israaʼelota jajjabeessee taʼuu dandaʼa. Maddi rakkinaa Waaqayyo utuu hin taʼin, Seexana akka taʼe hubachuu dandaʼu turan. Kana malees, Waaqayyo rakkinni namootarra akka gaʼu kan heyyame maaliif akka taʼee fi namoota yeroo ulfaataa taʼettillee isaaf amanamoo taʼan akka jaallatuu fi akka badhaasu hubachuu dandaʼu.

Namichi Israaʼel tokko Gibxii keessatti xuubii utuu walirra kaaʼuu xiinxalaa jira. Isa biratti Gibxoonni Israaʼelota hojjechaa jiran uleedhaan reebaa jiru.

Israaʼelonni warri yeroo dheeraaf Gibxii keessatti garboota turan wanta Iyyoobiin mudate beekuun isaanii isaan fayyadee taʼuu dandaʼa (Keeyyata 6 ilaali)


7-8. Kitaabni Iyyoob namoota rakkina keessa jiran kan gargaaru akkamitti? Muuxannoo tokko dubbadhu.

7 Seenaa Iyyoob irraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Kan nama gaddisiisu, namoonni yeroo harʼaatti argaman hedduun namoota gaariirra rakkinni kan gaʼu maaliif akka taʼe waan hin beekneef amantii Waaqayyo irratti qaban dhabaniiru. Mee muuxannoo Heezelb ishii Ruwaandaa keessa jiraattuu haa ilaallu. Ijoollummaa ishiitti Waaqayyotti ni amanti turte. Booda garuu haalli ishii ni jijjiirame. Warri ishii wal hiikan, kanaan kan kaʼes, haati ishii nama kan biraatti heerumte, innis baayʼee ishii miidha ture. Achiis dargaggummaa ishiitti ni gudeedamte. Jajjabina argachuuf bakka waaqeffannaa yeroo deemtus jajjabina argachuu hin dandeenye. Boodas Heezel Waaqayyoof xalayaa barreessite. Xalayaa ishiirratti akkana jetteetti: “Yaa Waaqayyo, kadhannaa sitti dhiheesseen ture, wanta gaarii gochuuf yaaleera, ati garuu wanta gaarii ani godhuuf hamaa naaf deebiste. Anis kana booda si dhiiseera, wanta na gammachiisu kamiyyuu raawwachuuf karoorfadheera.” Namoota akka Heezel rakkina kan isaanirraan geessisu Waaqayyo akka taʼe yaadaniif baayʼee gaddina!

8 Nuti garuu rakkina kan namootarraan gaʼu Waaqayyo utuu hin taʼin, Seexana akka taʼe kitaaba Iyyoobirraa baranneerra. Kana malees, namoonni rakkachaa jiran wanta facaasan haammachaa akka jiranitti yaaduu akka hin qabne baranneerra. Kitaabni Qulqulluun wanti hamaan, yeroo kamittiyyuu nama kamirrayyuu gaʼuu akka dandaʼu ibsa. (Lal. 9:11; Iyo. 4:1, 8) Akkasumas qorumsa amanamummaadhaan dandamachuun keenya, Yihowaan Seexanni sobduu taʼuusaa akka mirkaneessu gumaacha godha. (Iyo. 2:3; Fak. 27:11) Wanta baranne kana salphisnee hin ilaallu. Barumsi arganne kun nurras taʼe, namoota jaallannurra rakkinni kan gaʼu maaliif akka taʼe hubachuuf nu gargaareera. Yeroo booda Heezel Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼachuudhaan rakkina kan namootarraan gaʼu Waaqayyo akka hin taane hubatteetti. Akkana jetteetti: “Irra deebiʼeen Waaqayyotti garaadhaa kadhannaa dhiheesse. Si dhiiseera yommuun isaan jedhetti, garaa kootii akka hin taanen isatti hime. Akkas kanan jedhe waanan sirriitti isa hin beekneefi. Amma garuu Yihowaan akka na jaallatu hubadheera. Amma gammachuu guddaan qaba.” Waaqayyo rakkina akka jiraatu kan heyyame maaliif akka taʼe beekuu keenyatti baayʼee galateeffanna! Mee amma seenaan Iyyoob yeroo rakkinni nurra gaʼu kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

KITAABNI IYYOOB JABAANNEE AKKA DHAABBANNU KAN NU GARGAARU AKKAMITTI?

9. Iyyoob yeroo rakkinni isarra gaʼetti maal godheera? (Yaaqoob 5:11)

9 Mee rakkina Iyyoobiin mudate yaadi. Iyyoob kophaasaa daaraa keessa taaʼee jira, qaamnisaa dhullaadhaan uwwifamee garmalee dhukkubsachaa jira. Dhukkubichaan kan kaʼe gogaansaa gurraachaʼeera, akkasumas baayʼee huuqqateera. Baayʼee waan dadhabeef, taaʼee qiraaciidhaan of hooquu fi waaʼee dhukkubbiisaa gungumuudhaan alatti wanti gochuu dandaʼu hin jiru. Haa taʼu malee, Iyyoob lubbuudhaan itti fufuuf qofa yaalaa hin turre, kanaa mannaa, jabaatee dhaabbateera. (Yaaqoob 5:11 dubbisi.) Iyyoob jabaatee akka dhaabbatu wanti isa gargaare maalidha?

10. Hariiroon Iyyoob Yihowaa wajjin qabu cimaa akka ture wanti argisiisu maalidha? Ibsi.

10 Iyyoob miira isatti dhagaʼame Yihowaatti himeera. (Iyo. 10:1, 2; 16:20) Fakkeenyaaf, boqonnaa 3 irratti, Iyyoob rakkina isarra gaʼe ilaalchisee baayʼee akka gungumee fi rakkina kana kan isarraan geessise Yihowaadha jedhee akka yaade ibsameera. Ittaansuudhaan michoonni Iyyoob sadan Waaqayyo cubbuu isaatiif isa adabaa akka jiru dubbatan. Inni garuu amanamaa akka taʼe dubbachuusaa itti fufeera. Iyyoob wanti inni dubbate yeroo muraasaaf Waaqayyo caalaa qajeelaa akka taʼetti akka of ilaale argisiisa. (Iyo. 10:1-3; 32:1, 2; 35:1, 2) Iyyoob amanamummaa isaatiif falmaa yeroo turetti “utuu itti hin yaadin” akka dubbate booda amaneera. (Iyo. 6:3, 26) Achiis boqonnaa 31 irratti, Iyyoob Waaqayyo deebii akka isaaf kennu akka barbaaduu fi adabamuun akka isaaf hin malle dubbateera. (Iyo. 31:35) Haa taʼu malee, sababii itti rakkinni isarra gaʼe ilaalchisee Waaqayyo kallattiidhaan deebii akka isaaf kennu gaafachuunsaa dogoggora ture.

11. Wanta Iyyoob amanamummaasaa ilaalchisee dubbateef Yihowaan deebii kan kenne akkamitti?

11 Iyyoob akkasitti kan dubbate maaliif akka taʼe amma hubanneerra. Yihowaa wajjin michummaa cimaa waan qabuu fi Yihowaan amanamummaasaa akka hubatu guutummaatti waan amanuuf ture. Yihowaan booda obomboleettii keessaa yeroo deebii isaaf kennetti sababa itti rakkinni isarra gaʼe ilaalchisee waan hundumaa hin dubbanne. Akkasumas Iyyoob waan gungumeef ykn qulqulluu akka taʼe waan dubbateef isa hin balaaleffanne. Kanaa mannaa, Yihowaan akkuma abbaan tokko ilmasaa barsiisutti isa barsiiseera. Kunis mala gaarii ture. Kanaan kan kaʼes, Iyyoob gad of qabuudhaan waan baayʼee akka hin beekne amaneera, akkasumas ariifatee waan dubbateef yaada geddarateera. (Iyo. 31:6; 40:4, 5; 42:1-6) Seenaan kun namoota bara duriitti jiraatan kan fayyade akkamitti taʼuu dandaʼa? Nu warra yeroo harʼaa jirru hoo kan fayyadu akkamitti?

12. Israaʼelonni seenaa Iyyoob irraa akkamitti fayyadamanii taʼuu dandaʼa?

12 Israaʼelonni seenaa Iyyoob irraa akkamitti fayyadamanii taʼuu dandaʼa? Israaʼelonni seenaa Iyyoob irraa baratanii taʼuu dandaʼa. Mee fakkeenya Musee haa ilaallu. Museen yeroo Israaʼelota geggeessaa turetti rakkoowwan garaagaraa hedduun isa mudataniiru. Israaʼelota finciltoota taʼanii fi yeroo baayʼee Yihowaa irratti gunguman irraa haala adda taʼeen, Museen yaaddoosaa Yihowaatti himata ture. (Bau. 16:6-8; Lak. 11:10-14; 14:1-4, 11; 16:41, 49; 17:5) Museen yeroo Yihowaan isa adabettis fakkeenya Iyyoob irraa fayyadamee taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Israaʼelonni Qaadesh keessa buufatanii yeroo turanitti, Museen ‘arraba isaatiin ariifatee dubbachuudhaan’ Yihowaadhaaf utuu ulfina hin kennin hafeera; kun kan taʼe lafa onaa keessa jooruu erga jalqabanii waggaa 40ffaa isaaniitti taʼuu hin oolu. (Far. 106:32, 33) Kanaan kan kaʼes, Yihowaan Biyyattii Abdachiifamtetti akka hin galle isa dhowweera. (Kes. 32:50-52) Adabni isaaf kenname kun akka isa miidhe ifadha; taʼus Museen gad of qabuudhaan fudhateera. Seenaan Iyyoob Israaʼelonni bara Musee booda jiraatan rakkoowwan isaan mudatan akka dandamatan isaan gargaaree taʼuu dandaʼa. Namoonni amanamoon seenaa kanarratti xiinxaluudhaan miirasaanii akkamitti ibsuu akka dandaʼan hubatanii taʼuu dandaʼa. Akkasumas Yihowaa caalaa qajeeloo taʼuu akka hin dandeenye baratanii taʼuu dandaʼa. Kana malees, adaba Yihowaa gad of qabuudhaan fudhachuu akka qaban isaan barsiisee taʼuu dandaʼa.

13. Kitaabni Iyyoob jabaannee akka dhaabbannu nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? (Ibroota 10:36)

13 Seenaa Iyyoob irraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Kiristiyaanota waan taaneef nutis jabaannee dhaabbachuun nu barbaachisa. (Ibroota 10:36 dubbisi.) Tarii baayʼee dhukkubsannee ykn dhibee sammuutiin qabamnee ykn maatii keenya keessatti rakkinni nu mudatee taʼuu dandaʼa. Yookiinimmoo nama jaallannu duʼaan dhabnee ykn rakkinni cimaan kan biraa nu mudatee taʼuu dandaʼa. Yeroo tokko tokkommoo wanti warri kaan dubbatan ykn raawwatan rakkina nu mudatu dandamachuun akka nutti ulfaatu gochuu dandaʼa. (Fak. 12:18) Haa taʼu malee, kitaabni Iyyoob akka inni nu dhagaʼu amanuudhaan miira nutti dhagaʼamu Yihowaadhaaf ibsuu akka dandeenyu nu barsiisa. (1 Yoh. 5:14) Nutis akkuma Iyyoob yeroo tokko tokko “utuu itti hin yaadin” wanta sirrii hin taane yoo dubbanne nutti hin murteessu. Kanaa mannaa, Waaqayyo jabinaa fi ogummaa rakkina nu mudate keessatti jabaannee dhaabbachuuf nu gargaaru nuuf kenna. (2 Sen. 16:9; Yaq. 1:5) Akkasumas akkuma Iyyoobiin sirreesse, sirreeffama nu barbaachisu nuuf kennuu dandaʼa. Kana malees, kitaabni Iyyoob, Dubbii Waaqayyoorraa, jaarmiyaa isaarraa ykn michoota keenya bilchaatoo taʼanirraa gorsi ykn adabni yeroo nuuf kennamu akkamitti jabaannee dhaabbachuu akka qabnu nu barsiisa. (Ibr. 12:5-7) Akkuma Iyyoob sirreeffama isaaf kenname fudhachuudhaan fayyadame, nutis sirreeffama nuuf kennamu yommuu fudhannu ni fayyadamna. (2 Qor. 13:11) Eeyyee, Iyyoob irraa barumsawwan barbaachisoo taʼan arganneerra. Mee ammammoo seenaa Iyyoobitti fayyadamnee warra kaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

KITAABA IYYOOBITTI FAYYADAMUUDHAAN WARRA KAAN GARGAARI

14. Tajaajilarratti sababa itti rakkinni jiraate namootaaf kan ibsinu akkamitti?

14 Rakkinni kan jiraate maaliif akka taʼe tajaajilarratti gaafatamtee beektaa? Maarree deebii akkamii kennite? Tarii wanta iddoo biqiltuu Eedan keessatti raawwatame Kitaaba Qulqulluurraa caqasteefii taʼuu dandaʼa. Seexanni inni uumama hafuuraa hamaa taʼe, namoota jalqabaatti soba akka dubbatee fi kanaan kan kaʼes Waaqayyorratti akka fincilan caqastee taʼuu dandaʼa. (Uma. 3:1-6) Achiis Addaamii fi Hewaan erga fincilanii booda addunyaa kun rakkinaa fi duʼaan akka guutame ibsitee taʼuu dandaʼa. (Rom. 5:12) Dhumarrattis, Waaqayyo Seexanni sobduu taʼuusaa mirkaneessuuf, akkasumas misiraachoon namoonni deebiʼanii cubbuurraa bilisa akka taʼan ibsu akka babalʼatuuf, yeroo gaʼaa akka kenne ibsitee taʼuu dandaʼa. (Mul. 21:3, 4) Gaaffii kana deebisuuf kun mala gaariidha; buʼaa gaariis argamsiisuu dandaʼa.

15. Nama rakkinni kan jiraate maaliif akka taʼe gaafatu tokkoof deebii kennuuf kitaaba Iyyoobitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkiiwwanis ilaali.)

15 Sababii itti rakkinni jiraate namootaaf ibsuuf kitaaba Iyyoobittis fayyadamuu dandeenya. Namichi sun gaaffii barbaachisaa waan gaafateef isa galateeffachuudhaan jalqabuu dandeessa. Achiis, Iyyoob inni nama amanamaa taʼee fi rakkinni hedduun isarra gaʼe gaaffiidhuma akkasii gaafatee akka ture ibsiif. Rakkina isarra gaʼe kan isatti fide Waaqayyo akka taʼellee isatti dhagaʼamee ture. (Iyo. 7:17-21) Namni haasofsiistu sun namoonni bara duriitti jiraataniyyuu rakkinni kan jiraate maaliif akka taʼe gaafatanii akka turan hubachuunsaa isa dinqisiisuu dandaʼa. Ittaansuudhaan, Iyyoobitti rakkina kan fide Waaqayyo utuu hin taʼin, Diyaabilos akka taʼe malaan ibsiif. Diyaabilos kana kan godhe namoonni Waaqayyoon kan tajaajilan fedhii ofittummaatiin kakaʼanii akka taʼe mirkaneessuu barbaadeeti. Waaqayyo Iyyoobitti rakkina kan hin fidne taʼus, rakkinni akka isarra gaʼu heyyameera; kunis ilmaan namootaa amanamoo taʼan Seexanni sobduu taʼuusaa akka mirkaneessan amantii akka isaanirratti qabu argisiisa. Boodas Iyyoob amanamaa waan taʼeef Waaqayyo akka isa eebbise ibsuufii dandeessa. Kanaafuu, rakkina kan fidu Yihowaa akka hin taane isaaniif mirkaneessuudhaan namoota jajjabeessuu dandeenya.

Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Dubartiin baayʼee gaddite tokko suuraa mana ibiddaan gubate keessaa argatte tokko harkatti qabattee jirti. 2. Boodas gara gaarii barreeffamaa bakka gargaarsi yeroo balaa itti kennamu bira jiru dhaqxee obboleettiin tokko caqasa yeroo ishiidhaaf dubbistu dhaggeeffachaa jirti.

Waaqayyo wanta hamaa akka hin raawwanne warra kaaniif mirkaneessuuf kitaaba Iyyoobitti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti? (Keeyyata 15 ilaali)


16. Kitaabni Iyyoob nama rakkinni irra gaʼe tokko kan gargaare akkamitti?

16 Mee kitaabni Iyyoob namicha Maariyoo jedhamu akkamitti akka gargaare haa ilaallu. Bara 2021 gaaf tokko obboleettiin takka bilbilaan lallabaa turte. Jalqabuma akka bilbilteen namicha Maariyoo jedhamu tokkoof caqasa dubbiste. Achiis Waaqayyo kadhannaa keenya dhagaʼuu qofa utuu hin taʼin, abdiis akka nuuf kenne isaaf ibsite. Obboleettiin kun caqasa kana ilaalchisee wanta isatti dhagaʼamu yeroo isa gaafattu, yeroo ishiin bilbilte of ajjeesuuf waan jedhuuf maatii isaatiif xalayaa barreessaa akka ture ishiitti hime. “Waaqayyotti nan amana, ganama kana garuu akka inni na dhiise natti dhagaʼame” ishiidhaan jedhe. Yeroo lammataatiif yeroo isaaf bilbiltu waaʼee Iyyoob mariʼatan. Maariyoon guutummaa kitaaba Iyyoob dubbisuuf murteesse. Kanaafuu, obboleettiin keenya liinkii Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa isaaf ergite. Maarree buʼaa akkamiitu argame? Maariyoon Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf tole jedhe, akkasumas waaʼee Waaqa jaalala qabeessa taʼee fi isaaf yaaduu barachuusaa itti fufe.

17. Kitaabni Iyyoob kutaa Kitaaba Qulqulluu taʼuusaatiif Yihowaa kan galateeffattu maaliifi? (Iyyoob 34:12)

17 Eeyyee, Dubbiin Waaqayyoo warra rakkatan dabalatee, namoota gargaaruuf humna guddaa qaba. (Ibr. 4:12) Yihowaan seenaan Iyyoob akka barreeffamu gochuusaatiif baayʼee isa galateeffanna. (Iyo. 19:23, 24) Kitaabni Iyyoob akka dubbatutti, “Dhuguma iyyuu Waaqayyo hammina hin raawwatu.” (Iyyoob 34:12 dubbisi.) Kitaabni Iyyoob Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliif akka taʼee fi dandamachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes nu barsiisa. Akkasumas namoota rakkina keessa jiran jajjabeessuuf nu gargaara. Mata duree itti aanurratti kitaabni kun gorsa gaarii kennuurratti akkamitti akka nu gargaaru ilaalla.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Waaqayyo Iyyoobirra rakkinni akka gaʼu kan heyyame maaliif akka taʼe beekuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

  • Seenaan Iyyoob rakkina nurra gaʼu dandamachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

  • Warra kaan gargaaruuf kitaaba Iyyoobitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

FAARFANNAA 156 Amantiidhaan

a Iyyoob kan jiraate Yoseef erga duʼee booda (Dh.K.D. bara 1657) Museen geggeessaa Israaʼel taʼee muudamuusaa dura (Dh.K.D. naannoo bara 1514) taʼuu hin oolu. Yihowaa fi Seexanni kan waliin haasaʼanii fi Iyyoobirra rakkinni kan gaʼe yeroo kanatti taʼuu hin oolu.

b Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi