MATA DUREE QOʼANNAA 49
FAARFANNAA 44 Kadhannaa Nama Miirri Isaa Miidhamee
Kitaabni Iyyoob Yeroo Gorsa Kennitu Si Gargaara
“Yaa Iyyoob, amma maaloo dubbii koo dhagaʼi.”—IYO. 33:1.
YAADA IJOO
Mata duree kana keessatti gorsa gaarii kennuu ilaalchisee kitaaba Iyyoobirraa barumsa akkamii akka argannu ilaalla.
1-2. Michoonni Iyyoob sadanii fi Eliihuun Iyyoobiin jajjabeessuun kan isaanitti ulfaate maaliifi?
IYYOOB qabeenyasaa hunda yeroo dhabetti namoonni naannoo sana jiraatan hedduun wanta isarra gaʼe ni dhagaʼan. Michoonni Iyyoob sadan Eliifaaz, Bildaadii fi Zofaaris wanta isarra gaʼe yeroo dhagaʼan isa jajjabeessuuf gara Uuzitti imalan. Haa taʼu malee, yeroo achi gaʼan wanti argan baayʼee isaan naasise.
2 Mee wanta isa mudate haa ilaallu. Iyyoob wanta qabu hundumaa waan dhabeef baayʼee gaddee jira. Hoolonnisaa, loonsaa, gaalonnisaa fi harroonnisaa ajjeefamaniiru ykn jalaa hatamaniiru. Ijoolleensaa duʼaniiru, tajaajiltoonnisaa baayʼeenimmoo ajjeefamaniiru. Manni ijoolleensaa keessatti duʼan jigeera. Kanarratti immoo Iyyoob baayʼee dhukkubsate. Qaamnisaa dhullaa nama dhukkubsuun uwwifame. Michoonnisaa sadan fageenyarraa yeroo isa ilaalan Iyyoob baayʼee gaddee daaraa keessa taaʼee isa argan. Maarree maal godhan? Iyyoob baayʼee dhukkubsatee waan jiruuf gara guyyaa torbaatiif jecha tokkollee isatti hin dubbanne. (Iyo. 2:12, 13) Achiis dargaggeessi Eliihuu jedhamu dhufee isaan bira taaʼe. Sana booda Iyyoob guyyaa itti dhalate abaaruu fi duʼuu akka barbaadu dubbachuu jalqabe. (Iyo. 3:1-3, 11) Dhugumayyuu, Iyyoob gargaarsi michootasaa isa barbaachisa. Namoonni kun Iyyoobiin jajjabeessuu fi michoota dhugaa akka isaaf taʼan argisiisuuf carraa argataniiru. Mee wanta isaan godhan haa ilaallu.
3. Mata duree kana keessatti maal baranna?
3 Yihowaan Museen wanta michoonni Iyyoob sadanii fi Eliihuun dubbatanii fi raawwatan akka barreessu godheera. Eliihuun kan dubbate wanta Yihowaan barbaadu akka taʼe beekna. Eliifaaz garuu wantoota tokko tokko akka dubbatu kan isa taasise jinnii taʼuu hin oolu. (Iyo. 4:12-16; 33:24, 25) Kanaafuu, kitaabni Iyyoob gorsawwan baayʼee gaggaarii taʼan kan qabate taʼus, gorsa gadhee tokko tokkos qabateera. Mata duree kana keessatti kitaabni Iyyoob yeroo gorsa kennuun nu barbaachisutti kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ilaalla. Jalqaba, wanta dubbachuu fi raawwachuu hin qabne ilaalchisee michoota Iyyoob sadanirraa maal akka barannu mariʼanna. Achiis fakkeenya Eliihuu irraa maal akka barannu ilaalla. Akkasumas Israaʼelonni kitaaba Iyoobirraa maal baratanii taʼuu akka dandaʼuu fi nutis yeroo harʼaatti maal akka barannu ilaalla.
MICHOONNI IYYOOB SADAN KAN ISA GORSAN AKKAMITTI?
4. Michoonni Iyyoob sadan utuu isa hin jajjabeessin kan hafan maaliifi? (Fakkichas ilaali.)
4 Kitaabni Qulqulluun michoonni Iyyoob sadan rakkina isarra gaʼe erga dhagaʼanii booda, “Iyyoobiin jajjabeessuu fi isaaf gadduu isaanii argisiisuuf” garasaa akka deeman dubbata. (Iyo. 2:11) Haa taʼu malee, utuu isa hin jajjabeessin hafaniiru. Maaliif? Yoo xinnaate sababii sadiin kan kaʼedha. Tokkoffaa, isa dhaggeeffachuu fi haala inni keessa jiru hubachuuf hin yaalle. Fakkeenyaaf, Iyyoob cubbuu hojjeteef adabamaa akka jiru godhanii yaadaniiru.a (Iyo. 4:7; 11:14) Lammaffaa, gorsi isaanii kan hin fayyadne, gaarummaa kan hin qabnee fi kan nama miidhu ture. Fakkeenyaaf, sadan isaaniiyyuu wanti dubbatan gaarii kan fakkaatu taʼus faayidaa kan hin qabne ture. (Iyo. 13:12) Bildaad Iyyoob dubbii akka dheeressu dubbateera. (Iyo. 8:2) Zofaar immoo Iyyoob “sammuun isaa duwwaa” akka taʼe dubbateera. (Iyo. 11:12) Sadaffaa, sagalee isaanii ol kaasanii kan hin dubbanne taʼus, akkaataan itti isaan dubbatan tuffii, ciigoo fi ceephoo kan of keessaa qabu ture. (Iyo. 15:7-11) Namoonni kun isa jajjabeessuu fi amantiisaa cimsuurratti utuu hin taʼin, akka inni dogoggore mirkaneessuu irratti xiyyeeffatanii turan.
Yeroo gorsa kennitu nama sana akka tuffattu akka isatti dhagaʼamu hin godhin. Kaayyoon kee nama sana gargaaruu taʼuu qaba (Keeyyata 4 ilaali)
5. Gorsi michoonni Iyyoob isaaf kennan miidhaa akkamii isarraan geessise?
5 Gorsi michoonni Iyyoob isaaf kennan buʼaa gaarii argamsiisuu dhiisuunsaa nama hin ajaaʼibu. Iyyoob dubbii isaaniitiin miidhameera. (Iyo. 19:2) Qulqullummaasaatiif falmachuu akka qabu kan isatti dhagaʼame kanaafi. Kunimmoo ilaalcha madaalamaa akka hin qabaannee fi wanta dogoggoraa akka dubbatu isa taasiseera. (Iyo. 6:3, 26) Wanti isaan dubbatan ilaalcha Yihowaa wajjin kan wal simu hin turre; akkasumas Iyyoobitti gara laafina hin argisiisne. Kanaan kan kaʼes, utuu hin beekin meeshaa Seexanaa taʼaniiru. (Iyo. 2:4, 6) Seenaan kun Israaʼelota fayyadee taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Yeroo harʼaatti kan nu fayyadu hoo akkamitti?
6. Jaarsoliin Israaʼel keessa turan dogoggora michoonni Iyyoob sadan raawwatanirraa maal baratanii taʼuu dandaʼa?
6 Israaʼelonni akkamitti fayyadamanii taʼuu dandaʼa? Yihowaan saba Israaʼel erga hundeessee booda, ulaagaa qajeelinaa isaarratti hundaaʼanii sabichaaf murtii akka kennaniif dhiirota gaʼumsa qaban muudee ture. (Kes. 1:15-18; 27:1) Namoonni kun gorsa kennuu ykn murtii dabarsuu isaanii dura sirriitti dhaggeeffachuu qabu turan. (2 Sen. 19:6) Akkasumas dhugaa jiru hunda akka beekan yaaduu mannaa, gaaffii gaafachuu qabu turan. (Kes. 19:18) Gorsitoonni Israaʼel keessa turan namoota gargaarsaaf garasaanii dhufanitti gaarummaadhaan dubbachuu qabu turan. Maaliif? Sababnisaas, aariidhaan yoo dubbatan namni sun wanta garaasaa keessa jiru dubbachuu dhiisuu dandaʼa. (Bau. 22:22-24) Jaarsoliin Israaʼel seenaa Iyyoob irraa barumsawwan kana argatanii taʼuu dandaʼa.
7. Israaʼel keessatti jaarsoliidhaan alatti gorsa kan kennan eenyufaa turan? Isaanoo seenaa Iyyoobirraa fayyadamanii taʼuu kan dandaʼu akkamitti? (Fakkeenya 27:9)
7 Israaʼel keessatti gorsa kan kennan jaarsolii qofa hin turre. Namni kamiyyuu dargaggeessas taʼe maanguddoo, dhiiras taʼe durba michuunsaa tokko caalaatti Yihowaatti akka dhihaatu ykn dogoggorasaa akka sirreessu gorsuu dandaʼa ture. (Far. 141:5) Gorsi gaariin akkasii mallattoo michummaa dhugaati. (Fakkeenya 27:9 dubbisi.) Israaʼelonni dogoggora michoonni Iyyoob sadan raawwatan irraa yeroo gorsa kennanitti wanta dubbachuu hin qabnee fi raawwachuu hin qabne ilaalchisee barumsa argatanii taʼuu dandaʼa.
8. Yeroo gorsa kenninu maal gochuu hin qabnu? (Fakkiiwwanis ilaali.)
8 Yeroo harʼaatti akkamitti fayyadamuu dandeenya? Kiristiyaanota waan taaneef obbolootaa fi obboleettota keenyarra rakkinni yeroo gaʼu isaan gargaaruu barbaanna. Haa taʼu malee, obboloota keenya gargaaruuf dogoggora michoonni Iyyoob sadan raawwatan irraa fagaachuu qabna. Tokkoffaa, gorsa kennuu keenya dura odeeffannoo guutuu argachuu qabna. Lammaffaa, akkuma Eliifaaz irra deddeebiʼee godhe muuxannoo keenyarratti hundoofnee gorsa kennuu hin qabnu; kanaa mannaa, gorsi keenya Dubbii Waaqayyoo irratti kan hundaaʼe taʼuu qaba. (Iyo. 4:8; 5:3, 27) Sadaffaa, dubbii nama sana miidhu dubbachuu ykn isa qeequu hin qabnu. Wanti Eliifaazii fi michoonnisaa dubbatan tokko tokko dhugaa akka taʼe yaadadhaa; Phaawulosillee wanta Eliifaaz dubbate caqaseera. (Iyyoob 5:13 fi 1 Qorontos 3:19 wal bira qabii ilaali.) Taʼus waaʼee Waaqayyoo wanti isaan dubbatan baayʼeensaa dhugaa hin turre, Iyyoobiinis miidheera; kanaafuu, Yihowaan wanti isaan dubbatan soba akka taʼe dubbateera. (Iyo. 42:7, 8) Gorsi kenninu namoonni Yihowaan hamaa akka taʼetti akka yaadan kan godhu taʼuu hin qabu; akkasumas tajaajiltoonnisaa jaallatamuu akka hin dandeenye akka isaanitti dhagaʼamu kan godhu taʼuu hin qabu. Mee ammammoo fakkeenya Eliihuu irraa maal akka barannu haa ilaallu.
Yeroo gorsa kennitu, (1) odeeffannoo guutuu argachuuf yaali, (2) Dubbii Waaqayyootti fayyadami, akkasumas (3) gaarummaadhaan dubbadhu (Keeyyata 8 ilaali)
ELIIHUUN IYYOOBIIN KAN GORSE AKKAMITTI?
9. Iyyoob michoonnisaa erga callisanii booda gargaarsi kan isa barbaachise maaliifi? Yihowaanoo kan isa gargaare akkamitti?
9 Iyyoobii fi michoonnisaa sadan yeroo dheeraadhaaf wal falmaniiru. Kitaaba Iyyoob keessaa boqonnaan 28 wanta isaan dubbatan kan qabatedha. Wanta baayʼee kan dubbatan immoo aarii fi dheekkamsaan ture. Iyyoob ammayyuu akkuma gaddetti jira. Jajjabinnii fi sirreeffamni isa barbaachisa. Yihowaan kan isa gargaare akkamittiree? Eliihuutti fayyadamee gorsa isaaf kenne. Eliihuun utuu hin dubbatin kan ture maaliifi? “Ani ijoollee dha, isin immoo maanguddoota dha. Kanaafuu, isin kabajeen dubbachuu irraa of qusadhe” jedheera. (Iyo. 32:6, 7) Eliihuun maanguddoonni umurii dheeraa waan jiraatanii fi dargaggoota caalaa muuxannoo waan qabaniif, yeroo baayʼee ogeeyyii akka taʼan beeka ture. Iyyoobii fi michootasaa obsaan erga dhaggeeffatee booda garuu dubbachuu jalqabe. “Umuriin qofti nama tokko ogeessa hin godhu, wanta sirrii taʼe kan hubatanis maanguddoota qofa miti” jedheera. (Iyo. 32:9) Maarree, ittaansuudhaan maal dubbate? Kan dubbate hoo akkamitti?
10. Eliihuun Iyyoobiif gorsa kennuusaa dura maal godhe? (Iyyoob 33:6, 7)
10 Eliihuun Iyyoobiif gorsa kennuusaa dura haala mijeesseera. Akkamitti? Jalqaba, miirasaa toʼateera. Kitaabni Qulqulluun Eliihuun jalqabarratti aaree akka ture waan dubbatuuf akkas akka godhe beekuu dandeenya. (Iyo. 32:2-5) Kanaafuu, aariidhaan Iyyoobitti hin dubbanne. Kanaa mannaa, karaa isa jajjabeessuun isatti dubbateera. Fakkeenyaaf, “Kunoo, Waaqa dhugaa duratti anis akkuma kee ti” isaan jedheera. (Iyyoob 33:6, 7 dubbisi.) Achiis Eliihuun gorsa isaaf kennuusaa dura wanta Iyyoob dubbate keessaa qabxiilee ijoo taʼan irra deebiʼee dubbachuudhaan sirriitti akka isa dhaggeeffate ifa godheera. (Iyo. 32:11; 33:8-11) Eliihuun irra deebiʼee yeroo Iyyoobiif gorsa kennettis akkasuma godheera.—Iyo. 34:5, 6, 9; 35:1-4.
11. Eliihuun Iyyoobiin kan gorse akkamitti? (Iyyoob 33:1)
11 Eliihuun Iyyoobiif gorsa kan kenne karaa akka isa kabaju argisiisuun ture. Fakkeenyaaf, michootasaa sadanirraa haala adda taʼeen maqaa isaatiin isa waameera. (Iyyoob 33:1 dubbisi.) Tarii yeroo Iyyoobii fi michoonnisaa wal falmanitti dubbachuuf baayʼee barbaadee akka ture yaadachuudhaan, yeroo inni gorsa isaaf kennutti Iyyoob akka dubbatu carraa isaaf kenneera. (Iyo. 32:4; 33:32) Kana malees, Eliihuun wanti Iyyoob dubbate tokko tokko balaa akka qabu isa akeekkachiiseera; akkasumas Yihowaan ogummaa, humna, haqaa fi jaalala amanamaa akka qabu gaarummaadhaan isa yaadachiiseera. (Iyo. 36:18, 21-26; 37:23, 24) Gorsi gaariin Eliihuun isaaf kenne Iyyoob barumsa dabalataa Yihowaan isaaf kenne akka fudhatu sammuusaa akka qopheesse hin shakkisiisu. (Iyo. 38:1-3) Israaʼelonni fakkeenya Eliihuu irraa kan fayyadaman akkamitti taʼuu dandaʼa? Nutoo yeroo harʼaatti kan fayyadamnu akkamitti?
12. Yihowaan sabasaa gargaaruuf raajotatti kan fayyadame akkamitti? Israaʼelonni fakkeenya Eliihuu irraa fayyadamanii taʼuu kan dandaʼu akkamitti?
12 Israaʼelonni akkamitti fayyadamanii taʼuu dandaʼa? Yihowaan kaayyoosaa Israaʼelotatti beeksisuuf yeroo baayʼee raajotatti ni fayyadama ture. Fakkeenyaaf, bara Abbootii Murtiitti Dibooraan sabichaaf qajeelfama hafuuraa kennaa turteetti; Saamuʼelis ijoollummaa isaatii kaasee Israaʼelota barsiisaa tureera. (Abo. 4:4-7; 5:7; 1 Sam. 3:19, 20) Achiis yeroo mootonni Israaʼeliin bulchaa turanitti, Yihowaan sabicha karaa hafuuraa akka jabeessanii fi warra waaqeffannaa dhugaarraa jalʼatan akka gorsaniif utuu walirraa hin kutin raajota isaaniif kaaseera. (2 Sam. 12:1-4; HoE. 3:24) Kanaafuu, namoonni amanamoon yeroo gorsa kennanitti, wanta dubbachuu qabanii fi akkaataa itti dubbachuu qaban ilaalchisee fakkeenya Eliihuu isa kitaaba Iyyoob keessatti ibsamerraa fayyadamanii taʼuu dandaʼa.
13. Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran obboloota isaanii jajjabeessuu kan dandaʼan akkamitti?
13 Yeroo harʼaatti akkamitti fayyadamuu dandeenya? Kiristiyaanota waan taaneef nutis ergaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu labsuudhaan fedhii Waaqayyoo namootatti beeksisna. Kana malees, jechoota sirrii taʼanitti fayyadamnee obbolootaa fi obboleettota keenya ni jajjabeessina. (1 Qor. 14:3) Keessumaa jaarsoliin warra aariidhaan ykn “utuu itti hin yaadin” dubbatan dabalatee obbolootaa fi obboleettota isaaniitti yeroo hundumaa dubbii nama ‘jajjabeessu’ dubbachuu qabu.—1 Tas. 5:14; Iyo. 6:3.
14-15. Jaarsi tokko yeroo gorsa kennu fakkeenya Eliihuu hordofuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe fakkeenyaan ibsi.
14 Mee jaarsi tokko obboleettiin gumiisaa keessa jirtu tokko dhiphattee akka jirtu hubate haa jennu. Achiis obboleessa tokko wajjin ishii jajjabeessuuf mana ishii dhaqan. Yeroo ishii haasofsiisanitti obboleettiin kun gumiirratti kan argamtuu fi tajaajila kan baatu taʼus gammachuu akka hin qabne dubbatte. Maarree jaarsi kun maal godha?
15 Tokkoffaa, sababii itti ishiin gaddite hubachuuf yaala. Kana hubachuuf obsaan ishii dhaggeeffata. Jaalalli Waaqayyoo akka ishiidhaaf hin malle ishiitti dhagaʼamaa? Wanta jireenyaaf barbaachisu argachuun baayʼee ishii yaaddessaa jiraa? (Luq. 21:34) Lammaffaa, jaarsi kun wanta gaarii ishiin gochaa jirtuuf ishii galateeffachuuf ni carraaqa. Fakkeenyaaf, dhiphinaan kan liqimfamte taʼus walgaʼiirratti argamuu fi tajaajila baʼuu ishii waan itti fufteef ishii galateeffachuu dandaʼa. Akkasumas sadaffaa, jaarsi kun haala ishiin keessa jirtuu fi wanta ishii dhiphise erga hubatee booda Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee Waaqayyo akka ishii jaallatu ishiidhaaf mirkaneessuu dandaʼa.—Gal. 2:20.
KITAABA IYYOOBIRRAA FAYYADAMUU KEE ITTI FUFI
16. Kitaaba Iyyoobirraa fayyadamuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?
16 Kitaaba Iyyoob qorachuudhaan faayidaa hedduu arganneerra. Akkuma mata duree darberratti ilaalle kitaaba Iyyoobirraa Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliif akka taʼe qofa utuu hin taʼin, akkamitti dandamachuu akka dandeenyus baranneerra. Mata duree kana keessattimmoo fakkeenya michoota Iyyoob sadanii utuu hin taʼin, fakkeenya Eliihuu hordofuudhaan gorsa gaarii kennuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranneerra. Kanaafuu, gara fuulduraatti nama tokkoof gorsa kennuu kee dura barumsa kitaaba Iyyoobirraa argatte irra deebitee ilaaluun kee si gargaara. Kitaaba Iyyoob erga dubbistee turteetta taanaanimmoo irra deebitee dubbisuuf galma baafachuu dandeessa. Taanaan, barumsa dabalataa irraa argachuu dandeessa.
FAARFANNAA 125 “Warri Gara Laafeyyii Taʼan Gammadoo Dha!”
a Eliifaaz Yihowaan nama kamiiniyyuu qajeelaa akka taʼetti akka hin ilaallee fi namni kamiyyuu Yihowaa gammachiisuu akka hin dandeenye akka dubbatu kan isa taasise hafuura hamaa taʼuu hin oolu. Ilaalchi Eliifaaz yaada dogoggoraa kanarratti kan hundaaʼedha. Al sadii yeroo dubbatetti yaada kana irra deddeebiʼee caqaseera.—Iyo. 4:17; 15:15, 16; 22:2.