LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Muddee ful. 26-30
  • Maanguddootaa—Isin Gumiidhaaf Qabeenya Guddaadha

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maanguddootaa—Isin Gumiidhaaf Qabeenya Guddaadha
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Matadureewwan Yaada Walfakkaataa Qaban
  • YIHOWAAN MAAL AKKA GOOTU BARBAADA?
  • WARRA KAAN GARGAARUU NI DANDEESSA
  • YIHOWAAN WANTA ISIN RAAWWATTAN HUNDUMAA NI DINQISIIFATA
  • HAMMA SIIF DANDAʼAME WARRA KAAN GARGAARUURRATTI XIYYEEFFADHU
  • Yihowaan Maanguddoota Isa Tajaajilaniif Garaadhaa Ni Yaada
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Wanta Hundarra Caalu Yihowaadhaaf Kennuudhaan Gammadi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Maanguddoota Amanamoo Taʼaniif Iddoo Guddaa Kennaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Barri Hamaan Utuu Hin Dhufin Yihowaa Tajaajiluu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Muddee ful. 26-30
Fakkiiwwan garaagaraa: Obbolootaa fi obboleettota maanguddoo gammachuudhaan Yihowaa tajaajilaa jiran. 1. Obboleessi tokko ofitti amanannaadhaan waaʼee gara fuulduraa yeroo yaadu seeqaa jira. 2. Obboleettiin wiilcheriirra teessee jirtu tokko dubartii ishii yaaltuuf tiraaktii kennaa jirti. 3. Obboleettii tokko walgaʼiirratti yaada kennaa jirti. 4. Obboleettiin tokko harka obboleessa dargaggeessa tokkoo qabattee waliin tajaajilaa jiru. 5. Obboleessi tokko Galma Walgaʼii keessatti ijoollee lamaa fi haadha isaanii wajjin haasaʼaa jira.

Maanguddootaa—Isin Gumiidhaaf Qabeenya Guddaadha

“Wantan dargaggummaa kootti raawwachaa ture yommuun yaadu, baayʼee na ajaaʼibsiisa. Amma garuu waanan dulloomeef wantan duraan raawwachaa ture hojjechuu hin dandaʼu.”—Keenii, waggaa 83.

Tarii atis waan dulloomteef wanta duraan raawwachaa turte raawwachuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼama taʼa. Waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan Yihowaa kan tajaajilte taʼus, humni kee waan xiqqaateef ilaalcha gaarii ofiif hin qabdu taʼa. Fakkeenyaaf, wanta yeroo ammaatti raawwachaa jirtu, wanta kanaan dura raawwachaa turtee wajjin wal bira qabda taʼa. Taanaan, ilaalcha akkasii injifachuuf maaltu si gargaara?

YIHOWAAN MAAL AKKA GOOTU BARBAADA?

‘Yihowaan maal akkan godhu barbaada?’ jedhii of gaafadhu. Yaadni Keessa Deebii 6:5 irratti argamu si jajjabeessuu dandaʼa. Caqasichi akkana jedha: “Atis Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaalladhu.”

Akka caqasni kun jedhutti Yihowaan garaa, lubbuu fi humna kee guutuudhaan akka isa tajaajiltu barbaada. Kana beekuun kee, warra kaanii wajjin akka wal bira of hin qabne ykn wanta amma gochaa jirtu wanta kanaan dura gochaa turtee wajjin akka wal bira hin qabne si gargaara.

Dargaggummaa keetti Yihowaadhaaf maal kennaa turte? Tajaajiltoonni Yihowaa hedduun wanta hundarra wayyu kennaa akka turan isaanitti dhagaʼama. Atis yeroo sanatti wanta qabdu keessaa isa hundarra caalu kennaa turte. Ammas haala keerratti hundaaʼuudhaan wanta dandeessu gochaa jirta taʼa. Ilaalcha akkasii yoo qabaatte, Yihowaadhaaf hammuma kanaan duraa kennaa akka jirtu hubachuu dandeessa. Yeroo sanatti wanta hundarra wayyu isaaf kennaa turte, ammas wanta hundarra wayyu isaaf kennaa jirta.

Fakkiiwwan garaagaraa: Obboleettii waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa turte. 1. Waggoota hedduu dura obboleettii dargaggeettiin tokko manaa gara manaa yeroo tajaajiltu dubartii tokko haasofsiisaa jirti. 2. Obboleettiin sun amma dulloomtee obboleettii dargaggeettii tokko wajjin bilbilaan tajaajilaa jirti.

Dargaggummaa keetti Yihowaadhaaf wanta hundarra wayyu kennaa turte; ammas bara dullumaa keetti wanta hundarra wayyu isaaf kennaa jirta

WARRA KAAN GARGAARUU NI DANDEESSA

Waaʼee wanta gochuu hin dandeenyee qofa yaaduu mannaa, carraa hedduu warra kaan gargaaruuf argatterratti yaadi. Kiristiyaana maanguddoo waan taateef, amma wanta dargaggummaa keetti gochuu hin dandeenye tokko tokko gochuu ni dandeessa. Fakkeenyaaf, akkas gochuu dandeessa:

Muuxannoo kee warra kaanitti himi. Mee caqasoota armaan gadiirratti yaadi:

Daawit Mooticha: “Ani dargaggeessan ture, amma garuu dulloomeera, taʼus namni qajeelaan kam iyyuu yommuu gatamu, ijoolleen isaas yommuu nyaata kadhatan hin argine.”—Far. 37:25.

Iyyaasuu: “Kunoo, ani duʼuufan jedha; waadaawwan gaggaarii Waaqni keessan Yihowaan isiniif gale hundumaa keessaa jechi tokko illee utuu hin raawwatamin akka hin hafne isin garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan akka gaariitti beektu. Hundi isaanii iyyuu isiniif raawwatamaniiru. Isaan keessaa jechi tokko illee utuu hin raawwatamin hin hafne.”—Iya. 23:14.

Tarii atis dargaggummaa keetti namoota jajjabeessuuf yaada kanaa wajjin wal fakkaatu dubbatteetta taʼa. Haa taʼu malee, Daawitii fi Iyyaasuun yaada kana kan dubbatan wanta waggoota hedduudhaaf arganii fi dhagaʼanirratti hundaaʼanii waan taʼeef, wanti isaan dubbatan kun humna guddaa qaba.

Atis yeroo dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilteetta taanaan, wanta Yihowaan siif ykn warra kaaniif godhe dubbachuu dandeessa. Yihowaan sabasaa karaa adda taʼeen akka gargaare yeroo itti argite ni yaadattaa? Taanaan waaʼee kanaa warra kaanitti himuu ni dandeessa. Waaʼee kanaa warra kaanitti himuun si jajjabeessuu dandaʼa. Tarii kanaan dura akkas gochuudhaan jajjabina argattee taʼuu dandaʼa. Warri kaanis muuxannoo kee dhagaʼuun isaanii baayʼee isaan jajjabeessuu dandaʼa.—Rom. 1:11, 12.

Karaan warra kaan jajjabeessuu itti dandeessu inni kan biraan hamma siif dandaʼame walgaʼii gumiirratti qaamaan argamuudha. Walgaʼiirratti argamuun kee warra kaan ni jajjabeessa, siinis ni fayyada. Keeniin ishiin olitti ibsamte akkana jetteetti: “Walgaʼiirratti argamuun koo akkan abdii hin kutanne na gargaareera. Galma Walgaʼiitti obboloonnii fi obboleettonni jaalala utuu natti argisiisanii akkamittan gadda? Kennaawwan xixinnoo isaaniif kennuudhaan dinqisiifannaan warra kaaniif qabu ibsuufan yaala. Obbolootaa fi obboleettota koo wajjin sochiiwwan hafuuraarratti hirmaachuu koo ittan fufa.”

YIHOWAAN WANTA ISIN RAAWWATTAN HUNDUMAA NI DINQISIIFATA

Kitaaba Qulqulluu keessatti namoonni sababa dullumaatiin hamma barbaadan hojjechuu hin dandeenye hedduun ibsamaniiru; taʼus Yihowaan isaan jaallata. Mee Simiʼoon isa maanguddoo taʼee fi yeroo Yesuus dhalatetti jiraate akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Yeroo gara mana qulqullummaa dhaqutti dargaggoonni hojii barbaachisaa yeroo hojjetan argee taʼuu hin oolu. Garuu inni hoo? Akka ilaalcha namaatti umuriisaa kanatti Yihowaa biratti gatii guddaa akka hin qabne yaadee taʼuu dandaʼa. Yihowaan garuu ilaalcha kanarraa adda taʼe qaba ture. Simiʼoon “nama qajeelaa fi nama Waaqayyoof bule” akka taʼetti isa ilaaleera. Akkasumas Yesuus isa daaʼima ture akka argu gochuudhaan isa eebbiseera. Waaʼee daaʼima gara fuulduraatti Masiihii taʼu kanaa raajii dubbachuufillee isatti fayyadameera; “hafuurri qulqulluunis isa irra ture.” (Luq. 2:25-35) Yihowaan dulluma isaarratti utuu hin taʼin, amantii cimaa inni qaburratti xiyyeeffateera.

Yoseefii fi Maariyaam Yesuusiin daaʼimummaa isaatti Simiʼoonitti argisiisaa jiru.

Yihowaan, Simiʼoon Yesuus isa daaʼima ture akka arguu fi daaʼimni kun gara fuulduraatti Masiihii akka taʼu raajii akka dubbatu gochuudhaan isa eebbiseera

Atis akka durii humna qabaachuu baattus Yihowaan tajaajila amanamummaadhaan raawwattuuf iddoo guddaa akka kennu mirkanaaʼaa taʼuu ni dandeessa. Akka ilaalcha Yihowaatti kennaan namni tokko kennu, “fudhatama kan argatu, hamma qabuun yoo kenne malee, hamma hin qabneen yoo kenne miti.”—2 Qor. 8:12.

Kana yaadatti qabachuudhaan wanta gochuu dandeessurratti xiyyeeffadhu. Fakkeenyaaf, yeroo gabaabaadhaaf yoo taʼellee, yeroo ammaatti gosa tajaajilaa kamirratti hirmaachuu dandeessa? Kana malees, isaaniif bilbiluu ykn xalayaa isaaniif erguudhaan obboloota jajjabeessuu ni dandeessaa? Obboloota jajjabeessuuf jaalalaan kakaʼanii wantoota xixiqqoo gochuunillee faayidaa guddaa qaba. Keessumaa namni yeroo dheeraadhaaf Yihowaa tajaajile yommuu akkas godhu wanti inni godhu sun caalaatti humna qabaata.

Isin maanguddoonni, humni keessan daangaa qabaatus, Yihowaa tajaajiluuf wanta hedduu gochuu dandeessu. Muuxannoo Baha Afriikaa irraa argamee fi saanduqa “Lubbuu Ishii Oolchiteetti” jedhu keessatti ibsame ilaali.

Waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajiluu fi ammas tajaajiluu kee itti fufuudhaan amanamummaan ati argisiiste warra kaan akka jajjabeessu yaadadhu. Jabaatanii dhaabbachuurratti fakkeenya gaarii taata. Kanaafuu, ‘Waaqayyo jalʼaa akka hin taane, inni hojii kee, akkasumas qulqulloota tajaajiluu fi tajaajiluu kee itti fufuudhaan jaalala maqaa isaatiif argisiiste akka hin irraanfanne’ mirkanaaʼaa taʼuu ni dandeessa.—Ibr. 6:10.

HAMMA SIIF DANDAʼAME WARRA KAAN GARGAARUURRATTI XIYYEEFFADHU

Qorannoowwan akka argisiisanitti maanguddoonni warra kaan gargaaran hedduun fayyaa gaarii qabu, sirriitti yaadu, akkasumas umurii dheeraa jiraatu.

Dhugaadha, hojii gaarii hojjechuun rakkinoota dullumaa wajjin wal qabatanii dhufan hunda hin balleessu. Cubbuu isa madda dullumaa fi duʼaa taʼe balleessuu kan dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofadha.—Rom. 5:12.

Haa taʼu malee, warri kaan Yihowaa akka beekan gargaaruu dabalatee tajaajilli isin Yihowaadhaaf dhiheessitan, abdiin keessan akka cimu godha; fayyaa keessaniifillee gaarii taʼuu dandaʼa. Maanguddootaa, Yihowaan tajaajila isin isaaf dhiheessitaniif iddoo guddaa akka kennuu fi gumiinis fakkeenya amantii keessan akka dinqisiifatu yaadadhaa.

Obboleettii maanguddoon tokko tajaajila addabaabayii irratti hirmaachaa jirti. Shamarree booʼaa jirtu tokkoof caqasa dubbisaa jirti.

Lubbuu Ishii Oolchiteetti

Gaaf tokko shamarreen tokko gaarii barreeffamaa keenya bira darbaa turte. Obboleettii maanguddoon gaarii sana bira turte, nagaa erga ishii gaafattee booda, caqasa nama jajjabeessu tokko ishiidhaaf dubbisuu akka barbaaddu ishiitti himte. Achiis Ermiyaas 29:11 isa Yihowaan badiisa utuu hin taʼin, nagaa akka qabaannu akka barbaadu ibsu ishiidhaaf dubbiste. Ittaansuudhaan, obboleettiin kun, “Waaqayyo egeree akkamii akka qabaattu barbaada?” jettee ishii gaafatte.

Shamarreen sun garaan ishii baayʼee tuqame. Achiis ijji ishii imimmaaniin guutamee akkana jette: “Waaqayyo nagaa fi abdii akkan qabaadhu barbaada. Caqasa kana waan naa dubbisteef baayʼeen si galateeffadha. Kun deebii kadhannaa koo akka taʼe natti dhagaʼama. Dhiheenya kana rakkina hedduutu narra gaʼaa jira. Wanti hundi baayʼee waan natti ulfaateef of ajjeesuuf yaadaan ture. Harʼa ganama Waaqayyo ammayyuu naaf yaada yoo taʼe mallattoo akka natti argisiisu kadhadheen ture. Atimmoo kan na hin beekne yoo taʼellee, Waaqayyo yaada akkamii akka naaf qabu caqasa ibsu naaf dubbiste. Kun wanta akka tasaa uumame miti.”

Obboleettiin kun mata dureewwan jw.org irratti argamanii fi fedhii of ajjeesuu injifachuuf Kitaabni Qulqulluun akkamitti akka ishii gargaaru ibsan ishiitti argisiiste. Achiis qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu akkamitti akka geggeeffamu ishiitti argisiiste; akkasumas walgaʼiiwwan keenyarratti akka argamtu ishii affeerte. Dubartiin kun torban ittaanu walgaʼii dhuma torbaniirratti kan argamte yeroo taʼu, yeroo ammaatti birooshura Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu qoʼachaa jirti.

Umuriin kee hammamiyyuu yoo taʼe lallaba addabaabayii irratti hirmaachuu ni dandeessa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi