Ni Yaadattaa?
Barruulee Masaraa Eegumsaa waggaa kana baʼan sirriitti dubbisteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaali:
Yihowaadhaaf ulfina kennuuf wanti nu kakaasu maalidha?
Yihowaadhaaf ulfina kan kenninu waan isa kabajnuu fi garaadhaa waan isa jaallannuufi. Kana malees, ulfina kan isaaf kenninu warri kaan akka isa beekan waan barbaannuufi.—w25.01, ful. 3.
Namni tokko yoo nu gaddisiise dhiifama gochuuf maal gochuu dandeenya?
Homtuu akka hin uumamnetti yaanna jechuu miti; haa taʼu malee, aaruu fi haaloo qabachuu dhiisuun keenya miidhaa sababa kanaatiin nurra gaʼuu dandaʼurraa nu oolcha.—w25.02, ful. 15-16.
Maarqos dargaggootaaf fakkeenya gaarii taʼa kan jennu maaliifi?
Maarqos ramaddii tajaajilaa isaaf kenname fedhiidhaan fudhateera. Tarii haalli isa mudate tokko isa miidhee fi isa gaddisiisee taʼuu dandaʼa; taʼus tajaajilasaa addaan hin kunne. Hariiroo Phaawulosii fi Kiristiyaanota bilchaatoo taʼan kan biroo wajjin qabu cimsateera.—w25.04, ful. 27.
Yesuus, “maqaa kee isaanitti beeksiseera” jedhee yeroo kadhatu maal jechuusaati? (Yoh. 17:26)
Barattoonnisaa durumayyuu maqaa Waaqayyoo beeku turan. Yesuus garuu kaayyoosaa, hojiisaa fi amalootasaa dabalatee qaama maqaan kun bakka buʼu isaan beeksiseera.—w25.05, ful. 20-21.
Humna keenya beekna taanaan maal hubanna?
Wantoota tokko tokko akka hin beekne ni hubanna. Fakkeenyaaf, dhumni yoom akka dhufuu fi Yihowaan yeroo sanatti tarkaanfii kan fudhatu akkamitti akka taʼe hin beeknu. Wanta boru taʼu ykn Yihowaan hammam akka nu beekus hin beeknu.— w25.06, ful. 15-18.
Mata duree tokkorraa ykn haasaa sabaa tokkorraa fayyadamuuf maaltu nu gargaara?
Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Dhaggeeffattoota amansiisuuf ragaa akkamiitu dhihaate? Fakkeenyi gaariin yeroon barsiisutti itti fayyadamuu dandaʼu dhihaateeraa? Mata dureen kun eenyufaa hawwachuu dandaʼa?’—w25.07, ful. 19.
Dhiifama Yihowaa ilaalchisee seenaa Daawitirraa maal baranna?
Daawit cubbuuwwan ciccimoo kan raawwate taʼus garaadhaa waan yaada geddarateef Yihowaan dhiifama isaaf godheera. (1 Mot. 9:4, 5) Waaqayyo takkaa dhiifama goonaan sana booda cubbuu sana nutti hin lakkaaʼu ykn hin yaadatu.— w25.08, ful. 17.
Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko yaada tokko hubachuun yoo isatti ulfaate maal gochuu dandeessa?
Kitaaba Qulqulluurraa yaada sana akka hubatu erga gargaartee boodallee yoo isatti ulfaate, bira darbaatii booda itti deebiʼaa.—w25.09, ful. 24.
Kitaabni Qulqulluun cubbuun gowwoomsuuf humna akka qabu dubbata. (Ibr. 3:13) Akkamitti?
Cubbuun gocha dogoggoraa akka raawwannu nu kakaasuu dandaʼa. Akkasumas Waaqayyo dhugumaan akka nu jaallatu yeroo hundumaa akka shakkinu godha.—w25.10, ful. 16.
Wantoonni kadhannaan keenya caalaatti hiika akka qabaatu godhan sadan maalfaʼi?
(1) Amaloota Yihowaarratti xiinxaluu. (2) Rakkina nu mudachaa jirurratti yaaduudhaan kadhannaa keenyarratti caqasuu; fakkeenyaaf, nama tokkoof dhiifama gochuuf akka nu gargaaru kadhachuu dandeenya. (3) Kadhannaa yeroo dhiheessinu ariifachuu dhiisuu. Akkas gochuun keenya wanta garaa keenya keessa jiru caalaatti ibsuuf nu gargaara.—w25.10, ful. 19-20.
Maanguddoota gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
Dhaqnee isaan gaafachuu ykn isaaniif bilbiluu dandeenya. Beellama yaalii fayyaa yeroo qabaatan isaan wajjin deemuus ni dandeenya. Yookiin gosa tajaajilaa garaagaraa irratti isaan wajjin hirmaachuu dandeenya.—w25.11, ful. 6-7.
Cidha Yihowaadhaaf ulfina fidu qopheessuuf maal gochuu dandeessu?
Wanta seerri isinirraa barbaadu kamiyyuu guutaa. Wantoonni qophii cidhaa keessanirratti raawwataman firii hafuura Waaqayyoo kan calaqqisiisan akka taʼan godhaa. Uffannaa keessan yeroo filattan madaallii keessan eeggadhaa; aadaawwan deeggarsa Kitaaba Qulqulluu hin qabnerraa fagaadhaa. Cidhaaf yeroo qophooftanitti akka gaariitti waliin mariʼadhaa.—w25.12, ful. 21-24.