MATA DUREE QOʼANNAA 51
FAARFANNAA 132 Amma Tokko Taaneerra
Cidhni Keessan Yihowaadhaaf Ulfina Akka Fidu Godhaa
“Wanti hundi karaa naamusa qabuun, akkasumas karaa seera qabeessa taʼeen haa raawwatamu.”—1 QOR. 14:40.
YAADA IJOO
Mata duree kana keessatti Kiristiyaanonni guyyaa cidha isaaniitti Yihowaadhaaf ulfina kennuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ilaalla.
1-2. Yihowaan cidha gaaʼelaatiif ilaalcha akkamii qaba?
GAAʼELA dhaabbachuuf kaadhimatteettaa? Taanaan baga gammadde! Amma guyyaa cidha keetiif qophaaʼaa jirta taʼa. Yihowaan guyyaa cidhaa keetti akka gammadduu fi sana boodas gammachuudhaan akka waliin jiraattan barbaada.—Fak. 5:18; Wed. 3:11.
2 Guyyaa cidha keetti Yihowaadhaaf ulfina kennuun kee barbaachisaadha. Akkas kan jennu maaliifi? Akkas gochuu kan dandeessu hoo akkamitti? Mata dureen kun adda durummaadhaan namoota cidha godhachuuf yaadaa jiraniif kan qophaaʼedha; taʼus qajeelfamoonni ibsaman, hundumti keenyayyuu cidharratti yeroo argamnu ykn gorsa yeroo gaafatamnu Yihowaadhaaf ulfina kennuu akkamitti akka dandeenyu hubachuuf nu gargaaru.
YIHOWAADHAAF ULFINA KENNUU KAN QABNU MAALIIFI?
3. Kiristiyaanonni guyyaa cidha isaaniitiif yeroo qophaaʼan maal tilmaama keessa galchuu qabu? Maaliif?
3 Cidhni Kiristiyaanotaa qajeelfama Yihowaan baasee fi Dubbiisaa keessatti argamuu wajjin kan wal simu taʼuu qaba. Maaliif? Gaaʼela kan hundeesse Yihowaa waan taʼeefi. Cidha jalqabaa qopheessuudhaan Addaamii fi Hewaaniin kan wal fuusise isadha. (Uma. 1:28; 2:24) Kanaafuu, Kiristiyaanonni wal kaadhimatan cidha yeroo qopheeffatan hunda caalaa ilaalcha Yihowaa tilmaama keessa galchuu qabu.
4. Namoonni wal kaadhimatan guyyaa cidha isaaniitti Yihowaadhaaf ulfina kennuuf wanti isaan kakaasu maalidha?
4 Yihowaan Abbaa fi michuu keessanidha; sababni qophii cidhaaf gootanirratti ilaalcha Yihowaa tilmaama keessa galchuu itti qabdan inni kan biraan kanadha. (Ibr. 12:9) Hariiroon Yihowaa wajjin qabdan akka itti fufu akka barbaaddan beekamaadha. Guyyaa cidha keessaniittis taʼe yeroo kamittiyyuu wanti hariiroo isaa wajjin qabdan isin jalaa miidhu matumaa akka uumamu hin barbaaddan. (Far. 25:14) Wanta Yihowaan hanga yoonaatti isiniif godhee fi gara fuulduraatti isiniif godhurratti yeroo yaaddan guyyaa cidha keessaniitti isaaf ulfina kennuuf hin kakaatanii?—Far. 116:12.
YIHOWAADHAAF ULFINA KENNUU KAN DANDEESSAN AKKAMITTI?
5. Kitaabni Qulqulluun namoonni wal kaadhimatan cidha isaaniif akka qophaaʼan kan isaan gargaaru akkamitti?
5 Kitaabni Qulqulluun haasaa gaaʼelaa ykn affeerraa cidhaa irratti wanta raawwatamuu qabuu fi hin qabne hundumaa hin ibsu. Kanaafuu, namoonni wal kaadhimatan haala isaanii, aadaa ykn filannaa isaaniirratti hundaaʼanii murtoo gochuu dandaʼu. Kiristiyaanonni seera mootummaan baases kabajuu qabu. (Mat. 22:21) Taʼus, qajeelfama Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼanii kan qopheeffatan yoo taʼe cidhni isaanii Yihowaadhaaf ulfina kan fiduu fi kan isa gammachiisu taʼa. Maarree, qajeelfamoota kamfaa tilmaama keessa galchuu qabdu?
6. Namoonni wal kaadhimatan gaaʼela ilaalchisee wanta seerri isaanirraa eegu guutuu kan qaban maaliifi?
6 Wanta seerri isin gaafatu guutaa. (Rom. 13:1, 2) Biyyoota hedduutti namoonni wal kaadhimatan wal fuudhuusaanii dura wanta seerri biyyattii isaanirraa eegu guutuu qabu. Kanaafuu, wanta seerri biyya isaanii ajaju beekuu qabu. Kana gochuu kan dandeessan akkamitti akka taʼe gaaffii yoo qabaattan jaarsolii gaafachuu dandeessu.b
7. Cidhni Kiristiyaanotaa ulfina qabeessa akka taʼu gochuun kan dandaʼamu akkamitti?
7 Qophichi ulfina qabeessa akka taʼu godhaa. (1 Qor. 10:31, 32) Wantoonni cidha keessanirratti raawwataman hafuura addunyaa utuu hin taʼin, firii hafuura Waaqayyoo akka calaqqisiisan gochuuf carraaqaa. (Gal. 5:19-26) Seera matummaa Kitaaba Qulqulluu wajjin haala wal simuun cidhichi gammachiisaa fi ulfina qabeessa akka taʼu gochuuf itti gaafatamummaa kan qabu misirrichadha. Maarree kana gochuuf maaltu isa gargaara? Haasaan gaaʼelaa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe jaalalaan, miira hoʼaa fi karaa kabaja qabuun kan dhihaatu yoo taʼe, namoonni gaaʼela isa qophii Waaqayyoo taʼeef dinqisiifannaa akka qabaatan godha. Haasaan akkasii namoonni irratti argaman hundi qophichi iddoo guddaa akka qabu akka hubatan waan godhuuf isaan fayyada. Kanaafuu, Kiristiyaanonni hedduun yoo dandaʼame haasaan gaaʼelaa isaanii Galma Walgaʼiitti akka dhihaatu filatu. Galma Walgaʼiitti akka dhihaatu yoo barbaadde dursitee xalayaadhaan qaama jaarsolii gaafachuu qabda.
8. Affeerraan qopheessitan ulfina qabeessa akka taʼu gochuuf maaltu isin gargaara? (Roomaa 13:13)
8 Roomaa 13:13 dubbisi. Cidha keessanirratti affeerraa qopheessuuf yoo filattan, hafuura addunyaa akka hin calaqqisiisne gochuu kan dandeessan akkamiitti? Jechi Afaan Giriikii “gadhiisii” jedhamee hiikame, affeerraa hanga halkaniitti turuu fi garmalee dhuguu fi muuziqaa dabalatu argisiisa. Dhugaatii alkoolii dhiheessuuf yoo filattan namni kamiyyuu garmalee akka hin dhugneef dursaatii of eeggannoo godhaa.c Kana malees, muuziqaan jira yoo taʼe sagaleesaa garmalee ol kaasuudhaan keessummoonni keessan waliin haasaʼuun akka isaanitti ulfaatu hin godhinaa. Muuziqaan filattan namoota akka hin gufachiisneef walaloosaa sirriitti gamaaggamaa.
9. Misirroonni dubbii affeerraa isaaniirratti dubbatamu ykn bashannana dhihaatu ilaalchisee maal gochuu qabu?
9 Affeerraa cidhaa keessanirratti namoonni yaada gabaabaa akka kennan, suuraan akka mulʼatu, viidiyoon akka argisiifamu ykn gosti bashannanaa kan biraan akka dhihaatu qophii gootaniittuu? Wantoonni akkasii cidhni keessan akka bareedu gochuu dandaʼu. Haa taʼu malee, wanti dhihaatu sun kan nama ijaaru akka taʼu godhaa. (Filp. 4:8) Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Warra kaan akka kabajnu ni argisiisaa? Gaaʼela akka kabajnu ni argisiisaa?’ Hunda caalaammoo ‘Yihowaadhaaf ulfina ni fidaa?’ Qoosaan tokko tokko gaarii taʼus, namoonni waaʼee saalqunnamtii akka yaadan wanta godhu dubbachuun sirrii miti. (Efe. 5:3) Miseensonni maatii fi michoonni keessan yaada gabaabaa dubbachuu barbaadan ejjennoo keessan akka hubatanii fi akka kabajan godhaa.
10. Namoonni wal kaadhimatan cidhasaanii yeroo qopheessan xiyyeeffannaa ofitti harkisuu kan hin qabne maaliifi? (1 Yohaannis 2:15-17)
10 Xiyyeeffannaa ofitti harkisuuf hin yaalinaa. (1 Yohaannis 2:15-17 dubbisi.) Yihowaan tajaajiltoonnisaa garmalee xiyyeeffannaa ofitti harkisuu mannaa, isaaf ulfina kennuuf yeroo carraaqan baayʼee gammada. Kanaafuu, Kiristiyaanonni gad of qaban maallaqa hedduu baasuu fi ‘of argisiisuu’ irraa ni fagaatu. Qophii cidha keessanii salphaa gochuun keessan kan isin fayyadu akkamitti? Mee fakkeenya obboleessa Maayik jedhamuu fi Noorweeyi keessa jiraatuu haa ilaallu. Akkana jedheera: “Liqii keessa galuurraa oolleerra, akkasumas qajeelchitoota taanee tajaajiluu keenya itti fufneerra. Cidhni keenya salphaa taʼus bareedaa fi kan hin irraanfatamne ture.” Obboleettiin Hindii keessa jiraattuu fi Taabitaa jedhamtu akkana jetteetti: “Yaaddoo hedduurraa oolleerra. Cidha keenya salphaa gochuun keenya hojii fi falmii baayʼee hirʼisuuf nu gargaareera.”
Bakki jiraannu eessayyuu yoo taʼe cidhni keenya salphaa, bareedaa fi kan hin irraanfatamne akka taʼu gochuu ni dandeenya (Keeyyata 10-11 ilaali)
11. Misirroonni uffata filatanii fi akkaataa itti of miidhagsaniin xiyyeeffannaa ofitti harkisuurraa fagaachuu kan dandaʼan akkamitti? (Fakkiiwwanis ilaali.)
11 Guyyaa cidha keessaniitti maal akka uffattan murteessitaniittuu? Guyyaa sana miidhagdanii mulʼachuu akka barbaaddan hin shakkisiisu. Bara duriittillee misirroonni akkaataa miidhaginaa isaaniitiif xiyyeeffannaa guddaa kennu turan. (Isa. 61:10) Uffanni guyyaa cidha keessaniitti uffattan uffata yeroo kaanitti uffattanirraa hamma tokko adda taʼuu akka dandaʼu beekamaadha; taʼus seera qabeessa taʼuu qaba. (1 Xim. 2:9) Guyyaa cidha keessaniitti uffannaanii fi akkaataan itti of miidhagsitan hundumaa caalaa iddoo guddaa akka qabaatu hin godhinaa.—1 Phe. 3:3, 4.
12. Misirroonni aadaawwan naannoosaanii deeggarsa Kitaaba Qulqulluu hin qabnerraa fagaachuu kan qaban maaliifi?
12 Aadaawwan deeggarsa Kitaaba Qulqulluu hin qabnerraa fagaadhaa. (Mul. 18:4) Yeroo harʼaatti namoonni hedduun cidha isaaniirratti wantoota amantaa sobaa, gocha hafuurota hamoo fi barsiifata dogoggoraa wajjin wal qabatan ni raawwatu. Yihowaan wantoota xuraaʼoo akkasiirraa akka fagaannu nu akeekkachiiseera. (2 Qor. 6:14-17) Aadaawwan ykn barsiifanni tokko tokko sirrii taʼuusaanii yoo shakkitan, maddasaanii fi qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu murtoo gochuuf isin gargaaranirratti qorannoo godhaa.
13. Misirroonni kennaa fudhachuu ilaalchisee fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti?
13 Naannoo keessanitti namoonni affeeraman misirrootaaf kennaa ni kennuu? Kennaan namni tokko kennu qabeenya inni qaburratti kan hundaaʼe taʼuu dandaʼa. Dhugaadha, Kiristiyaanonni warra kaaniif akka kennan ni jajjabeeffamu, akkas gochuunis isaan gammachiisa. (Fak. 11:25; HoE. 20:35) Haa taʼu malee, keessummoonni keenya kennuuf dirqamni akka isaanirra jiru akka isaanitti dhagaʼamu gochuu hin qabnu; ykn kennaa gatii guddaa qabu yoo kennuu baatan akka qaanaʼan gochuu hin qabnu. Kennaa namoonni dirqamaan utuu hin taʼin fedhiidhaan nuuf kennan kamiifiyyuu galateeffachuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofna.—2 Qor. 9:7.
HAALA RAKKISAA HAMBISUU FI INJIFACHUU
14. Namoonni wal kaadhimatan tokko tokko haala rakkisaa akkamiitu isaan mudata?
14 Cidha Yihowaadhaaf ulfina fidu qopheessuuf yeroo yaaltan haalli rakkisaan isin mudachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, cidha salphaa taʼe qopheessuun isin rakkisuu dandaʼa. Chaarliin inni Odolawwan Solomoon keessa jiraatu akkana jedheera: “Affeerraa cidhaa keenyarratti namoota hammamii akka waamnu murteessuun baayʼee ulfaataa ture. Michoota baayʼee qabna; akka aadaa keenyaattimmoo namni hundi akka isa affeertu eega.” Taabitaan ishiin olitti ibsamte akkana jetteetti: “Naannoon jiraadhutti namoota hedduu affeeruun baramaadha. Warri keenya gara nama 100 qofa affeeruuf akka murteessine fudhachuun isaanitti ulfaatee ture.” Saaraan ishiin Hindii keessa jiraattu akkana jetteetti: “Namoonni tokko tokko ilaalchi warri kaan isaaniif qaban garmalee isaan yaaddessa. Durbiiwwan koo cidha guddaa qopheessan; kanaafuu, anis cidha kan isaaniirra caalu akkan qopheessu dhiibbaan narratti godhamee ture.” Haalawwan rakkisoo kanaa fi kanneen biroo injifachuuf maaltu isin gargaara?
15. Waaʼee qophii cidha keessanii kadhachuun keessan barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
15 Waaʼee qophii cidha keessanii kadhadhaa. Rakkina isin mudate ykn miira isinitti dhagaʼamu kamiyyuu kadhannaadhaan Yihowaatti himuu dandeessu. (Filp. 4:6, 7) Murtoo gaarii gochuuf, yeroo dhiphattanitti tasgabbaaʼuuf, akkasumas yeroo barbaachisutti ija jabeeyyii taʼuuf akka isin gargaaru kadhachuu dandeessu. (1 Phe. 5:7) Deeggarsa inni isiniif godhu yeroo argitanimmoo amantiin isarratti qabdan ni cima. Taabitaan ishiin olitti ibsamte akkana jetteetti: “Anii fi kaadhimaan koo walii wajjinis taʼe warra keenya wajjin walii galuu dadhabnaa laata jennee yaaddofnee turre. Kanaafuu, waaʼee qophii cidha keenyaa yeroo mariʼannu hundatti kadhannaadhaan jalqabna. Yihowaan akka nu gargaare nutti dhagaʼameera; akkasumas walii keenya wajjinis taʼe maatii keenya wajjin nagaa qabaachuu dandeenyeerra.”
16-17. Cidhaaf yeroo qophooftanitti akka gaariitti waliin haasaʼuun keessan kan isin fayyadu akkamitti?
16 Iftoominaa fi kabajaan haasaʼaa. (Fak. 15:22) Cidha keessan ilaalchisee murtoowwan hedduu waliin murteessuun isin barbaachisa. Kunis guyyaa cidha keessanii, maallaqa hammamii akka baastan, namoota affeertanii fi wantoota kan biroo hedduu murteessuu dabalata. Murteessuu keessan dura filannoo qabdanirratti yaadaa; akkasumas qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu dhimmicha wajjin wal qabatanii fi gorsa Kiristiyaanota bilchaatoorraa argattanirratti mariʼadhaa. Filannaa keessan yeroo ibsitan gaarummaadhaan dubbadhaa, yaada keessanitti hin cichinaa, akkasumas sirreeffama gochuuf fedhii qabaadhaa. Fakkeenyaaf, warri keessan cidha keessanirratti waa akka jiraatu yoo isin gaafatan tole jechuuf yaalaa. Guyyichi isaaniifis guyyaa addaati. Wanta isaan gaafatan gochuu hin dandeessan yoo taʼe sababasaa malaan ibsaafii. (Qol. 4:6) Kaayyoon keessan inni guddaan cidha gammachiisaa Yihowaadhaaf ulfina fidu qopheessuu akka taʼe isaaniif ibsaa.
17 Warri keessan dhugaa keessa hin jiran taanaan filannaa keessan isaaniif ibsuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Obboleessi Hindii keessa jiraatuu fi Saantoosh jedhamu akkana jedheera: “Maatiin keenya sirnoota amantaa Hinduu wajjin wal qabatan tokko tokko akka raawwannu barbaadanii turan. Anii fi kaadhimaan koo murtoo goone isaaniif ibsuun yeroo dheeraa nutti fudhatee ture. Wanta Yihowaa gaddisiisu utuu hin raawwatin wantoota isaan barbaadan tokko tokko gochuuf walii galle. Fakkeenyaaf, filannaa keenya dhiisnee nyaata isaan barbaadan dhiheessuuf murteessine; akkasumas isaan biratti baramaa waan hin taaneef sirbii fi shubbisni akka hafu goone.”
18. Cidhni keessan qindoomina akka qabaatu gochuuf maaltu isin gargaara? (1 Qorontos 14:40) (Fakkichas ilaali.)
18 Karoora baafadhaa. Akka gaariitti qindaaʼuun keessan guyyaa cidha keessaniitti baayʼee akka hin dhiphanne isin gargaara. (1 Qorontos 14:40 dubbisi.) Obboleessi Waayin jedhamuu fi Taayiwaan keessa jiraatu akkana jedheera: “Cidhni keenya gaʼuusaa guyyoota muraasa dura namoota qophicharratti nu gargaaran wajjin walgaʼii gabaabaa goone. Wanti hundi akkuma yaannetti akka raawwatamuuf qophii goonerratti ni mariʼanne, akkasumas wantoota tokko tokko ni shaakalle.” Wanta hunda saʼaatii murteessitanitti raawwachuuf wanta dandeessan hunda gochuudhaan keessummoota keessan akka kabajjan argisiisaa.
Dursanii akka gaariitti karoorfachuun cidhichi qindoomina akka qabaatu gochuu dandaʼa (Keeyyata 18 ilaali)
19. Affeerraa cidhaa keessanirratti wanta raawwatamu toʼachuuf maaltu isin gargaara?
19 Dursanii yaaduudhaan rakkina hedduu hambisuun ni dandaʼama. (Fak. 22:3) Fakkeenyaaf, naannoo keessanitti namoonni utuu hin affeeramin ni dhufu yoo taʼe kana hambisuuf maal gochuu akka dandeessan dursaa yaadaa. Cidha keessanirratti wanta raawwatamuu fi aadaawwan cidha wajjin wal qabatan ilaalchisee ilaalcha qabdan firoota keessan Dhugaa Baatota Yihowaa hin taaneef ibsaa. Mata duree “Cidha Gaaʼelaa Dhugaa Baatota Yihowaa Irratti Maaltu Raawwatama?” jedhu jw.org irraa isaanitti argisiisuu dandeessu. Wantoota affeerraa cidhaa sanarratti raawwataman toʼachuuf akka si gargaaruuf obboleessa bilchina qabu tokko “geggeessaa cidhichaa” gochuu dandeessa. (Yoh. 2:8) Qophii goote ifatti yoo isaaf ibsite cidhichi Yihowaadhaaf ulfina kan fidu akka taʼuu fi akka yaadametti akka raawwatamu si gargaaruu dandaʼa.
20. Namoonni wal kaadhimatan waaʼee cidhasaanii maal yaadachuu qabu?
20 Cidha qopheessuun maalfaa akka dabalatu yeroo yaaddan hamma tokko dhiphachuun keessan hin oolu. Haa taʼu malee, cidhni keessan guyyaa tokko qofa akka taʼe yaadadhaa. Guyyaa tajaajila Yihowaa keessatti jireenya gammachiisaa itti waliin jalqabdanidha. Cidha keessan salphaa fi ulfina qabeessa gochuuf wanta isiniif dandaʼame hunda godhaa. Yihowaatti amanamaa. Qajeelfama inni isiniif kennuun, cidha duubatti deebitanii yeroo yaaddan itti gammaddanii fi isin hin gaabbisiisne qopheeffachuu dandeessu.—Far. 37:3, 4.
FAARFANNAA 107 Fakkeenya Jaalalaa
a IBSA JECHAA: Aadaawwan hedduu keessatti cidhni haasaa gaaʼelaa, qubeelaa waliif kaaʼuu, Waaqayyo duratti kakuu waliif galuu fi affeerraa dabalachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, aadaawwan tokko tokko keessatti misirroonni guyyaa cidhasaaniitti wantoota kana keessaa tokko tokko ykn hundasaanii hin raawwatan. Taʼus, guyyaa cidhasaaniitti qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hordofuunsaanii barbaachisaadha.
b Seera mootummaan gaaʼelaaf baase ilaalchisee Kiristiyaanni tokko ilaalcha akkamii qabaachuu akka qabu caalaatti beekuuf, Masaraa Eegumsaa, Sadaasa 1, 2006 irraa mata duree “Cidhawwan Waaqayyoofi Nama Biratti Ulfina Qaban” jedhu ilaali.
c Viidiyoo Dhugaatii Alkoolii Dhiheessuun Qabaa? jedhu jw.org irraa ilaali.