LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwex mataduree 24
  • Yeroowwan Rakkisoo Taʼanitti Veenzuweelaatti Yihowaa Tajaajiluu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yeroowwan Rakkisoo Taʼanitti Veenzuweelaatti Yihowaa Tajaajiluu
  • Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Tajaajiluuf Carraaqqii Gochuun Eebba Argamsiisa
  • Kan Isaan Kakaase Amantii fi Jaalala Dha
  • Namni Kam Iyyuu Gargaaruu Dandaʼa
  • Buʼaan Isaa Baayʼee Ishii Dinqisiiseera
    Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
  • Firoota Keenyaaf Dhugaa Ba’uu kan Dandeenyu Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2004
  • Yihowaan Jabina Siif Kenna
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • ‘Namoonni Isin Dhagaʼan’ ni Oolu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
ijwex mataduree 24
Hiriyoota gaaʼelaa maaskii kaʼaatanii fi obboleettii maanguddoodhaaf nyaata geessaa jiran.

Yeroowwan Rakkisoo Taʼanitti Veenzuweelaatti Yihowaa Tajaajiluu

Waggoota dhihoodhaa asitti, Veenzuweelaan yeroo kam iyyuu caalaa rakkina dinagdee fi hawaasaatiin dararamaa jirti. Dhugaa Baatuun Edgaar jedhamu akkana jedheera: “Waggoota muraasa gidduutti, utuma Veenzuweelaa keessa jirruu akkuma waan biyya kan biraa dhaqneetti qaalaʼiinsi jireenyaa garmalee dabaleera!”

Edgaar haala kanaa dandamachuuf maaltu isa gargaare? Akkana jedheera: “Anii fi haati manaa koo Kaarman misiyoonota biyyoota wantoota jireenyaaf barbaachisan argachuun ulfaataa itti taʼe keessa jiraatanii fi wantoota buʼuuraa utuu hin qabaatin illee akkamitti jiraachuun akka dandaʼamu baratan irratti yaanne. Kunis jireenya keenya salphaa akka goonuu fi wantoota haaraa yaaluuf, jechuunis wanta nyaannu ofuma keenyaan dhaabuuf nu kakaaseera.”

Kaarmanii fi Edgaar qaaraa qeʼee isaaniitti facaasan argisiisaa jiran.

Kaarmanii fi Edgaar

Haa taʼu malee Edgaar fi Kaarman kan godhan kana qofa hin turre. Obboloota hidhata amantii isaanii taʼanii fi gaddan dabalatee obboloota hunda jajjabeessuuf galma baafataniiru. (1 Tasalonqee 5:11) Edgaar, “Isaan jajjabeessuu qofa utuu hin taʼin, namoota rakkatan kaan gargaaruudhaan gammachuu argachuuf carraaqqii akka godhan isaan jajjabeessina turre” jedheera.—Hojii Ergamootaa 20:35.

Tajaajiluuf Carraaqqii Gochuun Eebba Argamsiisa

Yeroo weerarri dhibee KOOVIID-19 jalqabetti, Arheniiz firoota isaatiif lallabuuf murteessee ture. Firoonni isaa tokko tokko bilbilaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf walii galan.

Arheniiz bilbila, Kitaaba Qulqulluu fi kitaaba “Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!” jedhamu qabatee minjaala irra taʼee jira

Arheniiz

Kana malees, Arheniiz firoonni isaa intarneetii argachuu hin dandeenye walgaʼii naannoo 2020 akka daawwatan barbaadee ture. Kanaaf, Dhugaa Baatuun magaalaa isaanitti dhihoo jiru tokko sagantaa viidiyoodhaan waraabame kana akka isaaniif kennu godhe. Achiis firoonni Arheniiz televizyinii guddaa fi ispiikarii ergifatan. Arheniiz saganticha jalqabuu isaanii dura bilbilaan kadhannaa isaaniif dhiheesse. Arheniiz carraaqqii cimaa gochuu isaatiin firoota isaa 4 fi namoonni kan biroon 15 saganticha irratti argamuu dandaʼaniiru.

Kan Isaan Kakaase Amantii fi Jaalala Dha

Hiriyoonni gaaʼelaa Haaʼiroo fi Johaanaa jedhaman gumii isaanii keessaa konkolaataa kan qaban isaan qofa turan; konkolaataa kanas warra kaan arjummaadhaan gargaaruuf itti fayyadamaniiru. Taʼus, Veenzuweelaa keessatti bobaʼaa argachuun baayʼee rakkisaa dha. Haaʼiroon, “Bobaʼaa guuttachuuf saʼaatii dheeraa, yeroo tokko tokko immoo halkan guutuu eeguu nu barbaachisa ture” jedheera.

Johaanaa fi Haaʼiroo konkolaataa isaanii keessa taaʼanii.

Johaanaa fi Haaʼiroo

Haaʼiroon carraaqqiin isaan konkolaataa isaaniitti fayyadamanii warra kaan gargaaruuf godhan akka isaan kiise isatti dhagaʼameera. Akkana jedheera: “Wanta obbolootaaf barbaachisu yommuu geessinu, nu utuu hin taʼin Yihowaa isa saba isaatiif wanta isaan barbaachisu kennu yommuu galateeffatan arguun baayʼee nama gammachiisa.”—2 Qorontos 9:11, 14.

Namni Kam Iyyuu Gargaaruu Dandaʼa

Obboleettiin Noriyaanii jedhamtu umurii waggaa dhuma 20mmannii keessa kan jirtu taʼus, namoonni kaan warra kaan gargaaruuf umuriin ishii akka hin geenyetti yaadu jettee yaaddi turte. Haa taʼu malee, 1 Ximotewos 4:12 isa, “Eenyu illee dargaggummaa kee akka tuffatu hin heyyamin. Kanaa mannaa, warra amanamoo taʼaniif . . . fakkeenya taʼi” jedhu dubbiste.

Noriyaaniin obboleettii maanguddoon xalayaadhaan akka tajaajilan isaan gargaaraa jirti.

Noriyaanii

Caqasni kun Noriyaaniin maanguddoota gumii ishii keessa jiranii wajjin yeroo dabarsuuf, xalayaadhaan yeroo tajaajilanitti isaan gargaaruuf, akkasumas Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼachiistutti ishii wajjin akka qoʼachiisan afeeruuf galma akka baafattu ishii kakaase. Kana malees, isaaniif bilbilti, ergaa gabaabaa isaan jajjabeessu isaaniif ergiti. Noriyaaniin, “Yihowaan wanta hedduu raawwachuu akkan dandaʼu natti argisiiseera” jetteetti.

Obboloonnii fi obboleettonni keenya Veenzuweelaa keessa jiran yeroowwan rakkisoo taʼan kanatti rakkoowwan hedduun isaan mudateera. Haa taʼu malee, tajaajila irratti hinaaffaadhaan hirmaachaa jiru, akkasumas “madda jajjabinaa guddaa” waliif taʼaniiru.—Qolosaayis 4:11; 2 Ximotewos 4:2.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi