Carraaqqiin Nagaa Eegsisuuf Godhamu Addunyaaf Nagaa Fidaa?
Waraannii fi lolli utuu walirraa hin citin addunyaa irratti geggeeffamaa jira. Kanaan kan kaʼes, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi jaarmiyaawwan kaan naannoo walitti buʼiinsi jirutti bakka buutota kaaʼuu dabalatee hojii nagaa eegsisuua irratti hirmaatu. Abdiin isaanii naannoowwan walitti buʼiinsi jiru kanatti nagaan akka jiraatu gochuudha. Barreessaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez akkas jedhaniiru; “Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Nagaa Eegsisu, carraaqqii godhu keessaa wanti hunda caalaa barbaachisaa taʼe addunyaa nagaa qabu fiduudha.”
Hojiin nagaa eegsisuu waggoota hedduu darbanitti milkaaʼina tokko tokko argamsiiseera. Fakkeenyaaf nagaa siviilootaa eeganiiru, godaantonni gara biyya isaaniitti akka deebiʼan godhaniiru, gargaarsa namummaa dhiheessaniiru akkasumas wantoota buʼuuraa diigaman deebisanii ijaaraniiru. Haataʼu malee rakkoowwan ciccimoo hedduun waan mudataniif carraaqqiin nagaa eegsisuuf godhamu milkaaʼina yaadame hin argamsiisne. Addunyaa dhugumaan nagaa qabu fiduuf furmaanni jiraa laata? Kitaabni Qulqulluun deebii akkamii kenna?
Rakkoowwan hojii nagaa eegsisuu fi furmaata Kitaabni Qulqulluun Kennu
Rakkina: waliigaltee dhabuu. Loltootaa fi dhaabbileen siviilootaa hedduun biyyoota garagaraa irraa dhufan waliigalteedhaan hojjechuun yeroo hunda salphaa miti. Yeroo tokko tokko dhaabbileen kun wal hubachuu dadhabuudhaan akkasumas fedhiin isaanii garaagara waan taʼeef akka gaariitti waliigalteedhaan hojjechuun isaan rakkisa.
Furmaata Kitaabni Qulqulluun Kennu: “Waaqni samii mootummaa matumaa hin balleeffamne tokko ni hundeessa. Innis mootummoota kana hundumaa [mootummoota ilmaan namootaa] caccabsee ni balleessa; kophaa isaas bara baraaf ni dhaabbata.”—Daaniʼel 2:44.
Waaqayyo dhiheenyatti lola hunda balleessuudhaan addunyaa irratti nagaa fida. (Faarfannaa 46:8, 9) Mootummoota addunyaarra jiran hunda Mootummaa Waaqayyoo qofaan bakka buusa. Mootummaan mudaa hin qabnee fi samiirra jiru addunyaa lolli keessa hin jirre bulcha; achi keessa jaarmiyaan ilmaan namootaa nagaa eegsisu hin jiraatu.
Rakkina: maallaqa gaʼaa dhabuu fi dandeettii. Hojiin nagaa eegsisuu yeroo baayʼee humna namaa gaʼaa hin qabu akkasumas deggersa maallaqaa waan hin arganneef jijjiirama akka hin finne godheera. Namoonni hojii nagaa eegsisuu irratti hirmaatan naannoo haala wal xaxaa taʼee fi balaa guddaa qabu keessatti hojjetu.
Furmaata Kitaabni Qulqulluun kennu: ‘Waaqni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos [Yesuus] iddoowwan samii keessatti karaa mirga isaa akka taaʼu godheera; mootummaa, aangoo, humna hundumaa gararraatti ol isa qabeera.’—Efesoon 1:17, 20, 21.
Waaqni hundumaa dandaʼu, Yihowaanb Yesuus isa Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee muudameef wanta bulchuuf barbaachisu hunda isaaf kenneera. (Daaniʼel 7:13, 14c) Waaqayyo Yesuusiif humna guddaa, beekumsa, ogummaa fi hubannaa mootummoota ykn dhaabbata ilmaan namootaa kamiyyuu caalu kenneeraaf. (Isaayaas 11:2) Yesuus raayyaa maleekotaa humna qaban isaaf ajajamanis qaba. (Mulʼata 19:14) Yesuusiif haalli wal xaxaa ykn baayʼee rakkisaa taʼe hin jiru.
Qabeenyi fi dandeettiin Waaqayyo Yesuusiif kenne lola balleessuudhaan qofa kan daangaye miti. Yesuus namoota Mootummaa Waaqayyoo keessa jiraatan hundaaf tasgabbii dhugaa fi nagaa argamsiisa.—Isaayaas 32:17, 18.
Rakkina: dhorkaa seeraa. Jaarmiyaan nagaa eegsisuu irratti hirmaatu yeroo tokko tokko qajeelfamni ifa hin taane waan isa mudatuuf akka barbaade sochoʼuu hin dandaʼu. Qajeelfamni akkasii akka gaariitti warra kaaniif eegumsa akka hin goone ykn guutummaatti kaayyoo isaa akka hin raawwanne gochuu dandaʼa.
Furmaata Kitaabni Qulqulluun Kennu: “Samii fi lafa irratti aangoon hundi [Yesuusiif] kennameera.”—Maatewos 28:18.
Waaqayyo Yesuus addunyaa irratti nagaa akka fiduuf qajeelfama ifa ta‵e isaaf kenneera. (Yohaannis 5:22) Yesuus matumaa jalʼina hin raawwatu. (Isaayaas 11:3-5) Kitaabni Qulqulluun Yesuus, “Bulchaa Nagaa” isa Mootummaan isaa “Haqaa fi qajeelummaa” irratti hundaaʼe taʼuusaa yeroo dubbatu sababa gaʼaa qaba.—Isaayaas 9:6, 7.
Mootummaan Waaqayyoo nagaa dhugaa fida
Humni ilmaan namootaa nagaa eegsisu naannoo tokkotti tasgabbii fiduu akkasumas lolli akka dhaabatu gochuu dandaʼa. Haataʼu malee hammina isa namoonni akka wal jibban godhu garaa namaa keessaa balleessuu hin dandaʼan.
“Rakkinni guddaan sirumayyuu nagaa kan jedhamu kan hin jirre taʼuusaati.”—Deniis Jeet, ambaasaaddara Yuu Eess kan turan.
Mootummaan Waaqayyoo garuu, tokkoon tokkoon namootaa jibba garaa isaanii keessaa akka balleessan waan gargaaruuf humna dhugumaan nagaa deebisee fidhu dha. Fakkeenyaaf, wanta Yesuus yommuu lafarra jiraate godhe hubadhaa; nagaa buusuu fi warra kaanitti jaalala argisiisuu duuka buutota isaa yommuu barsiisutti wanta dubbatu hojiidhaan argisiiseera.
Akkasumas Yesuus namoonni Mootummaa Waaqayyoo jalatti bulan jaalala warra kaaniif qabaniin akka beekaman dubbateera. Mootummaan Waaqayyoo namoota warra kaan jibban calluma jedhee akka bira hin dabarre Kitaabni Qulqulluun ni ibsa.
Yihowaa inni ilmaan namootaa uume karaan nagaan addunyaa irratti dhufuu danda‵u inni gaariifi hundarra wayyu isa kam akka ta‵e beeka. Mootummaan Yihowaa nagaa eegsisuu dabalatee wantoota ilmaan namootaa raawwachuu dadhaban raawwata.
a Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi jaarmiyaa hedduun jechoota “ijaarsa nagaa,” “nagaa uumuu,” “deggersa nagaa” “hojii nagaa” jedhutti fayyadamu.
b Yihowaan maqaa Waaqayyo qofti ittiin waamamudha. (Faarfannaa 83:18) Mata duree, “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali.”
c Daaniʼel 7:13, 14 irratti, yaanni “ilma namaa” jedhu Yesuus Kiristoosiin argisiisa.—Maatewos 25:31; 26:63, 64.