LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 24
  • Nagaan Addunyaa Abjuu Qofa kan Taʼe Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Nagaan Addunyaa Abjuu Qofa kan Taʼe Maaliifi?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Namoonni Nagaa Buusuu kan hin Dandeenye Maaliifi?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Nagaa Argachuu kan Dandeessu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Lafa Irratti Nagaan kan Dhufu Akkamitti?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 24
Xiyyaara waraanaa

Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu / Mootummaa Waaqayyoo / Nagaan Addunyaa Abjuu Qofa kan Taʼe Maaliifi?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Carraaqqiin namoonni addunyaa irratti nagaa fiduuf godhan milkaaʼaa hin jiru; gara fuulduraattis hin milkaaʼu. Sababiin isaas:

  • ‘Namni ofii isaatiin tarkaanfii isaa illee qajeelchuu hin dandaʼu.’ (Ermiyaas 10:23) Namoonni wal bulchuuf dandeettii hin qaban; mirgi isaas isaaniif hin kennamne. Kanaafuu, nagaa bara baraa fiduu hin dandaʼan.

  • “Bulchitootatti, ilmaan namootaa warra fayyina argamsiisuu hin dandeenyettis hin amanaminaa. Hafuurri isaa ni baʼa, innis gara biyyootti ni deebiʼa; guyyuma sanatti yaanni isaa ni bada.” (Faarfannaa 146:3, 4) Bulchitoonni ilmaan namootaa kakaʼumsa gaarii qaban illee wantoota waraanaaf buʼuura taʼan hundee isaaniitii buqqisanii bara baraaf balleessuu hin dandaʼan.

  • “Guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe akka dhufu beeki. Sababiin isaas, namoonni . . . gara jabeeyyii, wanta gaarii kan hin jaallanne, gantoota, mata jabeeyyii, boonuudhaan kan of bokoksan . . . taʼu.” (2 Ximotewos 3:1–4) “Guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa waan jirruuf, amalli namoonni qaban nagaa buusuun ulfaataa akka taʼu godha.

  • “Lafaa fi galaanaaf garuu wayyoo! Sababiin isaas, Diyaabilos yeroo gabaabduu akka qabu waan beekeef, aarii guddaadhaan gara keessanitti gad buʼeera.” (Mulʼata 12:12) Diyaabilos inni diina Waaqayyoo taʼe sochiin isaa lafa kanarratti waan daangeffameef, namoonni amala isaa isa hammina irratti hundaaʼe akka horatan dhiibbaa gochaa jira. Hamma “bulchaan addunyaa kanaa” Seexana taʼetti lafa kanarra nagaadhaan jiraachuun baayʼee ulfaataa dha.—Yohaannis 12:31.

  • “[Mootummaan Waaqayyoo] mootummoota kana hundumaa caccabsee ni balleessa; kophaa isaas bara baraaf ni dhaabbata.” (Daaniʼel 2:44) Addunyaa maratti nagaa buusuudhaan fedhii ilmaan namootaa hundumaa kan guutu mootummoota ilmaan namootaa utuu hin taʼin Mootummaa Waaqayyooti.—Faarfannaa 145:16.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi