LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 61
  • Wanti Namoonni Duʼuu Jala Gaʼan Akka Argan Dubbatan Sirrii Dhaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wanti Namoonni Duʼuu Jala Gaʼan Akka Argan Dubbatan Sirrii Dhaa?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Yeroo Duunu Maal Taana?
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Jaalleewwan Kee Warri Duʼan Abdii Akkamii Qabu?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Yesuus Alaazaariin Duʼaa Kaase
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 61

Wanti Namoonni Duʼuu Jala Gaʼan Akka Argan Dubbatan Sirrii Dhaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Namoonni duʼuu jala gaʼan hedduun qaama isaanii irraa adda akka baʼan ykn ifa calaqqisu ykn bakka baayʼee miidhagaa taʼe akka argan dubbatu. Kitaabni Recollections of Death jedhamu, ‘Namoonni tokko tokko haalli kun addunyaa kan biraa arguuf carraa akka argatan kan argisiisu akka taʼe godhanii yaadu’ jedheera. Kitaabni Qulqulluun haala kana ilaalchisee wanta ibsu qabaachuu baatus, dhugaa buʼuuraa, kun mulʼata jireenya itti aanu argisiisu akka hin taane ibsu qabateera.

Namoonni duʼan homaa hin beekan.

Kitaabni Qulqulluun namoonni duʼan “homaa hin beekan” jechuudhaan dubbata. (Lallaba 9:5) Yeroo duunu bakka biraa jiraanna ykn ilaalcha biraa qabaanna jechuu utuu hin taʼin jireenyaa ala taana jechuu dha. Barumsi erga foon keenya duʼee booda lubbuun jiraachuu ishii itti fufti jedhu, Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe miti. (Hisqiʼel 18:4) Kanaafuu, wanti namni tokko yeroo duʼuu jala gaʼu isatti mulʼatu kam iyyuu samii, Siʼool ykn jireenya duʼa booda jiru kan argisiisu taʼuu hin dandaʼu.

Alaazaar jireenya duʼa boodaa ilaalchisee maal jedheera?

Seenaan Kitaaba Qulqulluu waaʼee Alaazaar ibsu, Alaazaar dhugumaan duʼee akka ture kan argisiisu dha: Alaazaar erga duʼee guyyaa afur booda Yesuus duʼaa isa kaaseera. (Yohaannis 11:38-44) Alaazaar erga duʼee booda jireenya gaarii jiraachaa ture utuu taʼee, Yesuus duʼaa isa kaasee gara lafaatti isa deebisuun isaa gara jabina taʼa ture. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Alaazaar erga duʼee booda jireenya kan biraa jiraachaa akka ture wanta ibsu hin qabu. Alaazaar jireenya gaarii jiraachaa ture utuu taʼe waaʼee isaa akka dubbatu beekamaa dha. Yesuus, Alaazaar yeroo duʼetti homaa iyyuu akka hin beekne argisiisuuf duʼa isaa hirribaa wajjin wal fakkeesseera.—Yohaannis 11:11-14.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi