LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 75
  • Michuun Koo Tokko yoo na Miidhe Maal Gochuun Qaba?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Michuun Koo Tokko yoo na Miidhe Maal Gochuun Qaba?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Wanta beekuu qabdu
  • Wanta gochuu dandeessu
  • Hiriyaan Koo Kan Na Miidhe Maaliifi?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Dhiifama Gochuu Jechuun Maal Jechuu Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • “Warra Xixinnoo Kana” hin Gufachiisinaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • 4 Dhiifama Gochuu
    Dammaqaa!—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 75
Shamarreen tokko shamarree kan biraatti wanta nama miidhu dubbachaa jirti

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Michuun Koo Tokko yoo na Miidhe Maal Gochuun Qaba?

  • Wanta beekuu qabdu

  • Wanta gochuu dandeessu

  • Hiriyoonni kee maal jedhu?

Wanta beekuu qabdu

  • Hariiroon rakkinarraa walaba taʼe hin jiru. Hiriyaan kee gaarii taʼe, jechuunis hiriyaan kee baayʼee itti dhihaattullee mudaa waan qabuuf, wanta si miidhu dubbachuu ykn raawwachuu ni dandaʼa. Atis taanaan mudaa akka qabdu beekamaadha. Kanaan kan kaʼes, yeroo nama tokko itti miite hin yaadattu?​—Yaaqoob 3:2.

  • Intarneetiin salphaatti akka miidhamtu taasisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Deevid inni umurii waggoota kurnanii keessatti argamu akkana jedheera: “Yeroo intarneetii fayyadamtu suuraa hiriyaan kee tokko affeerraa tokkorratti namoota kaanii wajjin yeroo dabarsaa akka jiru argisiisu yoo argite; yeroo kanatti ‘Ani akkamittan utuu hin affeeramin hafe?’ jettee yaaduu jalqabuu dandeessa. Achiis hiriyaan kee akka si hin jaallanne yaaduudhaan ni gaddita.”

  • Rakkina furuu barachuu ni dandeessa.

Wanta gochuu dandeessu

Of qori. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Aariin mallattoo nama gowwaa waan taʼeef, aariidhaaf hin ariifatin.”​—Lallaba 7:9, miiljalee.

“Yeroo tokko tokko wanti si aarsee ture dhimma hamma kana bakka guddaa qabu akka hin taane yeroo booda ni hubatta.”​—Aliisaa.

Mee yaadi: Salphaatti mufattaa? Dogoggora namoonni kaan raawwatan irra darbuurratti fooyyaʼiinsa gochuun si barbaachisaa?​—Lallaba 7:​21, 22.

Faayidaa dhiifama gochuun qaburratti yaadi. Kitaabni Qulqulluun, ‘namni tokko balleessaa tuffatee bira darbuun isaa miidhagina isaaf ni kenna’ jedha.​—Fakkeenya 19:11.

“Sababii itti mufattu yoo qabaattellee tola dhiifama gochuun kee gaariidha; kunis miidhaa hiriyaan kee sirraan geessise deebistee kaasuu dhiisuu fi yeroo dhimmi sun kaʼu hundatti dhiifama akka si gaafatu eeguu dhiisuu dabalata. Takkaa dhiifama goonaan, lammata dhimma sana hin kaasin.”​—Maalarii.

Mee yaadi: Dhimmichi hamma kana wanta bakki guddaan kennamuufidha? Nagaa uumuuf jecha dhimmicha dhiifama gootee darbuu dandeessaa?​—Qolosaayis 3:​13.

Kutaa hoʼa qabutti qilleensa diilallaaʼaa galchuu

Rakkina hiriyoota gidduutti uumame hunda kaasuun, irra deddeebiʼanii balbala bananii qilleensa diilallaaʼaa gara kutaa hoʼa qabuutti galchuu wajjin wal fakkaata

Waaʼee nama sanaa yaadi. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.”​—Filiphisiyus 2:4.

“Atii fi hiriyaan kee kan wal jaallattanii fi kan wal kabajan yoo taʼe, sababii walitti buʼiinsa gidduu keessanitti uumame hiikuu itti qabdan qabdu; michummaan keessan akka jabaatuuf atis gama keetiin gumaacha gooteetta. Carraaqqiin michummaan keessan akka jabaatuuf goote lafatti akka badu akka hin barbaanne ifadha.”​—Niikool.

Mee yaadi: Ilaalchi hiriyaa kee hamma tokkollee haa taʼu sirriidha?​—Filiphisiyus 2:3.

Yaada ijoo: Miira yeroo namoonni si miidhan sitti dhagaʼamu dandamachuun, dandeettii yeroo nama guddaa taatus si fayyadudha. Maarree ammumaa dandeettii kana horachuu maaliif hin barattu?

Hiriyoonni kee maal jedhu?

Kiiʼaanaa

“Dhimma hundarratti taʼanii haasaʼuun hin barbaachisu. Dhimmicha dhiisuu kanan dandaʼu yoo taʼe guutummaattan dhiisa. Akkas gochuun miidhaa xixiqqoo nurra gaʼe hundumaa kaasuu caalaa nagaa argamsiisa.”​—Kiiʼaana.

Tiree

“Yeroo dhimmi na miidhu na mudatu hundatti, ‘Dhimma kanaaf jedhee michummaa keenya balaadhaaf saaxiluun qabaa?’ jedheen of gaafadha. Yeroo baayʼee deebiin argadhu ‘matumaa’ kan jedhudha.”​—Tiree.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi