IBOOLYAA BARTAA | SEENAA JIREENYAA
“Dubbii Malee” Abbaa Manaa Koo Moʼeera
Wantoonni gaggaarii hedduun Yihowaatti akkan dhihaadhu na gargaaraniiru. Jaalalli hoʼaan obboloota gidduu jiru garaa koo tuqeera; akkasumas karaan dhugaa Kitaaba Qulqulluu itti barsiisan baayʼee na ajaaʼibsiisee ture. Waaqayyo dhugumaan namootaaf akka yaaduu fi gara fuulduraatti jireenya gaarii isaaniif kennuu akka barbaadu barachuun koo baayʼee na gammachiiseera. Haa taʼu malee, abbaan manaa koo akka koo hin gammanne; kunimmoo anaaf qorumsa guddaa ture.
Guyyaa cidha keenyaa
Bara 1952tti Roomaaniyaa keessattin dhaladhe. Haati koo Dhugaa Baatuu Yihowaa kan turte taʼus, qabbanooftee turte; kanaafuu, walgaʼiiwwan gumiirratti hin argamun ture. Kana malees, Roomaaniyaan bulchiinsa Koominiistii jala waan turteef Dhugaa Baatonni barreeffamoota akka hin maxxansinee fi akka hin lallabneef dhorkamanii turan. Kanaan kan kaʼes, hanga umuriin koo waggaa 36 taʼutti Yihowaan eenyu akka taʼee fi Kitaabni Qulqulluun maal akka barsiisu hin beekun ture. Haa taʼu malee, bara 1988, abbaa manaa koo Istiivaan wajjin yeroon magaalaa Saatu-Maaree keessa jiraachaa turretti wanti jireenya koo jijjiiru tokko ni uumame.
Affeerraan Diduu hin Dandeenyetu Naaf Dhihaate
Gaaf tokko haati koo na gaafachuu dhufte. “Adaadaa kee gaafachuuf deemaan jira. Maaliif waliin hin deemnu? Erga achii baanee boodammoo gabaa waliin deemuu dandeenya” naan jette. Anis hojii qabadhee hin turre; kanaaf wajjin deemuufan walii gale.
Yommuu mana adaadaa koo geenyu mana ishiitti namoota sagal wajjin taʼuudhaan walgaʼii gumii geggeeffachaa akka jiranin arge. Haati koo karaa hafuuraa deebitee jajjabaachaa akka jirtuu fi Dhugaa Baatuu hinaaffaa qabdu taʼaa akka jirtun bare. Wantin ganama sana dhagaʼe baayʼee na ajaaʼibe.
Walgaʼichi erga xumuramee booda obboleessi walgaʼicha geggeessaa ture dhufee, “Yaanooshin jedhama” jedhee maqaa isaa natti hime. Achiis xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa akka turte hubadheera. “Walgaʼiin akkam ture?” jedhee na gaafate. Anis walgaʼii akkasiirratti argamee akkan hin beeknee fi deebiʼee argamuu akkan barbaadun itti hime. Achiis “Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu ni barbaaddaa?” jedhee na gaafate. Kun affeerraan diduu hin dandeenye ture. Waaqayyo gara saba kanaatti na waamaa akka jirun hubadhe.
Guyyaa itti aanutti Yaanoosh, Aayidaa wajjin wal na barsiise; ishiinis Kitaaba Qulqulluu na qoʼachiisuu jalqabde. Taʼus, Istiivaaniin Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa akkan jiru yoo beeke maal akka godhu yeroon yaadu nan sodaadhe. Yeroo baayʼee isatti himuuf yaalan ture; taʼus wantin isatti hime isa hin gammachiisne. Wanta ani gochaa ture akka isa hin gammachiisne beekan ture.
Taʼus, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu koo itti fufuudhaan Hagayya 1989tti nan cuuphame. Jiʼa afur booda mootummaan Kooministii Roomaaniyaa keessa ture ni kufe; bulchaan sirnicha geggeessaa tures ni ajjeefame.
Mormiin Narra Gaʼu ni Dabale
Sirnichi kufuun isaa bilisummaa hedduu fideera. Dhugaa Baatonni Yihowaa walitti qabamuu fi lallabuuf bilisummaa argataniiru. Anaaf garuu, bilisummaan kun argamuun isaa mormii guddaa natti fideera. Istiivaan, “Wanti itti amantu na hin ilaallatu, garuu lallaba jettee mana namaarra akka joortu hin barbaadu” naan jedhe.
Lallabuu koo dhaabuu hin dandaʼu. (Hojii Ergamootaa 4:20) Kanaafuu, hamma naaf dandaʼame dhoksaadhaan gochuufan yaale. Gaaf tokko garuu hiriyoonni Istiivan manaa gara manaa utuun lallabuu na arganii Istiivaanitti himan. Abbaan manaa koo yommuun manatti galu, “Ananis taʼe maatii keenya salphisaa jirta” jedhee natti iyye! Achiis morma kootti albee qabee, “Lallabuu kee hin dhiistu yoo taʼe sin ajjeesa” naan jedhe.
Sababan itti lallabu Istiivaaniif ibsuufan yaale; achiis akkan isa jaalladhun isaaf ibse. Wantan isaan jedhe yeroo muraasaaf isa tasgabbeessee ture. Haa taʼu malee, cidha fira dhihoo waldaatti geggeeffamurratti argamuu yommuun didu ammas baayʼee aare. Achiis garmalee na arrabse.
Kan nama gaddisiisu waggaa 13f aarii Istiivaan dandamachuun na barbaachiseera. Yeroowwan kanatti sin hiika jedhe na doorsisa ture. Yeroo tokko tokkommoo balbala natti cufuudhaan akkan manatti hin seenne na dhowwa ture. Miʼa koo fudhee akkan baʼus natti hima ture.
Haala ulfaataa akkasii dandamachuuf wanti na gargaare maalidha? Yihowaan akka na tasgabbeessun kadhadha; akkan dandamadhuuf na gargaaraa akka tures natti dhagaʼama ture. (Faarfannaa 55:22) Gumiin koos deggersa guddaa naaf godheera. Jaarsolii fi obboleettonni muuxannoo qaban tokko tokko tajaajila kootti abdii akka hin kutanne na jajjabeessaniiru. Isaan Kitaabni Qulqulluun, haadhotiin manaa ejjennoo isaanii utuu hin laaffisin Yihowaadhaaf amanamoo taʼuudhaan, “dubbii malee” abbootii manaa isaanii moʼuu akka dandaʼan akka dubbatu na yaadachiisaniiru. (1 Pheexiros 3:1) Yeroo booda kun jireenya koo keessatti raawwatameera.
Wanti Hundi ni Jijjiirame
Bara 2001tti Istiivaan sammuu isaa keessatti dhiigni waan dhangalaʼeef deemuu dadhabe. Kanaafuu, jiʼootaaf hospitaala ciise; achiis torbeewwan hedduudhaaf walʼaanamaa ture. Yeroowwan kana hundatti isa cinaan ture. Isa sooraa fi isa haasofsiisaa, akkasumas wanta isa barbaachisu hundumaa isaa gochaan ture.
Obboloonni gumii koos dhufanii isa gaafataniiru. Istiivaan jaalalaa fi kunuunsa obboloonni isaaf godhan arguu dandaʼeera. Baayʼeen isaanii hojii guyyaa guyyaadhaan raawwachuu qabnurratti nu gargaaraa turan. Jaarsoliinis nu jajjabeessuu fi nu deggeruuf yeroo hunda qophaaʼoo turan.
Akkaataan obboloonni itti nu kunuunsan Istiivaanirratti jijjiirama guddaa fideera; akkasumas wanta narratti raawwate hundatti akka gaabbu godheera. Kana malees, hiriyoota isaa keessaa tokkollee dhufee akka isa hin gaafanne hubate. Kanaafuu, Istiivaan yommuu hospitaalaa baʼu, “Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuun barbaada” jedhe. Yeroo kanatti baayʼee waanan gammadeef, imimmaan koollee toʼachuu hin dandeenye!
Istiivaan Caamsaa 2005tti, ni cuuphame. Deemuu waan hin dandeenyeef obboloonni wiilcheriidhaan gara gandaa cuuphaatti isa geessan; achiis suuta jedhanii baatanii isa cuuphan. Istiivaan sana booda hinaaffaadhaan waaʼee Mootummichaa lallabuu jalqabe. Tajaajilarratti yeroo gaarii wajjin dabarsineerra. Namni kanaan dura dhugaa dubbii Waaqayyoo keessa jiru waanan lallabeef na mormaa ture naa wajjin gammachuudhaan yeroo warra kaanitti misiraachicha himu arguun baayʼee nama ajaaʼiba!
Istiivaan Yihowaa baayʼee waan jaallatuuf yeroo isaa qoʼachuu fi caqasoota Kitaaba Qulqulluu sammuutti qabachuudhaan dabarsa. Caqasoota kana obboloota gumii keessa jiran wajjin irratti mariʼachuun isa gammachiisa. Carraa kana obboloota jajjabeessuuf itti fayyadama.
Walgaʼii naannoorratti michoota keenya wajjin taanee
Dhukkubni isaa itti hammaachaama deeme. Dhibee Istirookii salphaan sun erga irra gaʼee booda dandeettii dubbachuu isaa dhabe, yeroo boodammoo sireerratti kunuunfamaa ture. Haalli kun Yihowaa tajaajiluu akka dhaabu isa taasiseera? Matumaa! Hamma isaaf dandaʼame dubbisuu fi qoʼachuu isaa itti fufeera. Yeroo michoonni isaa isa gaafachuu dhufan meeshaa eleektirooniksii isaatti fayyadamuudhaan isaanii wajjin haasaʼa, akkasumas isaan jajjabeessa. Obboleessi tokko: “Istiivaan gaafachuun na gammachiisa. Isa gaafadhee yeroon baʼu haaromee fi jajjabaadheen manatti deebiʼa” jedheera.
Kan baayʼee nama gaddisiisu Istiivaan Muddee 2015 duʼaan boqote. Kun gadda guddaa narraan gaʼee ture. Haa taʼu malee, duʼuu isaa yeroo dheeraa dura michuu Yihowaa waan taʼeef nagaa sammuu argadheera. Kunimmoo gammachuu guddaa naaf argamsiiseera. Istiivaanii fi haati koo yeroo ammaatti yaadannoo Yihowaa keessa jiru. Yeroon addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatuu fi Yihowaan fidu keessatti deebiʼee hammadhee isaan simadhu hawwii guddaadhaanan eega.
Haadha koo waliin adaadaa koo gaafachuuf erga deemnee waggoonni 35 darbaniiru; yeroon sun yeroon matumaa hin irraanfannedha. Yeroo ammatti umuriin koo waggaa 70 oli; qajeelchituu yeroo hundaa taʼee tajaajilaan jira. Wanta Yihowaan naaf godhe hundumaaf karaan kan biraan itti isa galateeffachuu dandaʼu hin qabu. (Faarfannaa 116:12) Yeroo mormiin narra gaʼaa turetti amanamtuu taʼee akkan itti fufuu fi akkan tasgabbaaʼu na gargaareera. Mormiin jiraatus haalli keenya jijjiiramuu akka dandaʼu baradheera. Matumaa wanta hin yaadamne taʼus, dubbii malee abbaa manaa koo moʼeera.