LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfs mataduree 19
  • “Namoonni Haqa Akka Argatan Yeroo Hundan Barbaada.”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Namoonni Haqa Akka Argatan Yeroo Hundan Barbaada.”
  • Seenaa Jireenyaa Dhugaa Baatota Yihowaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Haqa Barbaaduu
  • Deebii Barbaaduu
  • Bakka Babalʼistoonni Caalaatti Barbaachisan Dhaqanii Tajaajiluu
  • Dhibeen Fayyaa Na Mudatus Gammachuu Qabaachuu
  • Eebbi Yihowaa Nama Badhaasa
  • Afeerrii Nama Hundaaf Dhihaate!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Waggaa Torbaatamaaf Fiixee Uffata Nama Yihudii Tokkoo Qabadheera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Jijjiirama Tajaajilli Yeroo Guutuu Jireenya Koorratti Fide
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
Seenaa Jireenyaa Dhugaa Baatota Yihowaa
lfs mataduree 19
Kamaal Viirdee.

KAMAAL VEERDEE | SEENAA JIREENYAA

“Namoonni Haqa Akka Argatan Yeroo Hundan Barbaada”

Hagayya 1973, anii fi obboleettonni koo lama walgaʼii biyyoolessaa “Injifannoo Waaqayyo” Twiikenhaam, Ingilaanditti godhamee irratti argamnee ture. Walgaʼicharratti Obboleessa Ediwiin Iskiiner jedhamuu fi bara 1926 kaasee Hindiitti misiyoonii taʼee tajaajile wajjin wal argine. Afaan Puunjaabii akka dubbannu waan dhagaʼeef; “Asii maal hojjettu? Hindi kottaa” nuun jedhe. Achiis akkuma inni jedhe kan goone yommuu taʼu, afaan Puunjaabii irratti hojjechuu kanan jalqabe yeroo kanattidha. Mee garuu wanta maree kana dura taʼen isiniif ibsa.

Kanan dhaladhe Ebla 1951, Naayiroobii, Keeniyaatti dha. Warri koo Hindii kan deeman yommuu taʼu amantii Siikii hordofu turan. Abbaan koo obboleettii haadha koo ishii abbaan manaa irraa duʼe waan fuudheef haadha manaa lama qaba. Gama kanaan haati koo filannoo gootu hin qabdu turte. Haati koo fi adaadaan koo siʼa baayʼee yerooma tokko daʼu turan. Kanaafuu obbolootaa fi obboleettota hedduu dimshaashumatti ijoollee torba taanee guddanne. Bara 1964, umuriin koo waggaa 13 akkuma guuteen abbaan koo ni duʼe.

Haqa Barbaaduu

Ijoollummaa kootti walitti buʼiinsaa fi wal loluu hedduu argeera. Yeroo booda jireenyi maatii koo seenaa Liyaa fi Raahel isa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee wajjin hamma tokko akka wal fakkaatun hubadhe. Miseensonni maatii koo Keeniyaa jiraatan akka gad aantotaatti akka ilaalaman kan baranne yommuu taʼu jalʼina isaan irratti raawwatamun hubadhe. Abbaan koo isaan irraa barachuu waan dandeenyuuf olloota keenya namoota Awurooppaa taʼanii wajjin michoota akka taanu barbaada ture. Namoota Afriikaa irraa garuu wanti barachuu dandeenyu akka hin jirre waan yaaduuf isaan irraa akka fagaannu nutti hima ture. Akkasumas namoonni Paakistaan diinota keenya akka taʼanitti waan ilaalamaniif, isaanii wajjin michooma akka hin uumne jajjabeeffamna ture. Namoonni haqa akka argatan yeroo hunda waanan barbaaduuf, ilaalcha abbaa koo wajjin walii hin galun ture.

Amantiin Siikii jaarraa 15​ffaa keessa nama Guuruu Naanaak jedhamuun hundeeffame. Anis yaada Waaqni dhugaan tokkotu jira jedhu dabalatee wanta Naanaak barsiisu nan fudhadhe. Haataʼu malee jalʼinni haqaa ani hawaasa Siikii keessatti argu amanticha keessa rakkinni tokko akka jiru akkan yaadu na godhe.

Akkan yaadu kan na godhe kana qofa miti. Amantiin Siikii jaarraa hedduu muraasa qofa kan ture erga taʼee; ‘Sana dura maaltu ture? Akkaataan waaqeffannaa jalqabaa Waaqayyoo duratti fudhatama argate maal ture?’ jedheen of gaafadhan ture. Maatiin koo fakkiiwwan Siikii Guuruu kudhan kaalaandarii wajjin keenyan irratti fannisu turan. Haataʼu malee; ‘Maal akka fakkaatan beekuu kan dandeenyu akkamitti? Suuraawwan guuruu waaqeffannaa Waaqa dhugaa tokko akka bakka buʼu yaaduudhaan namoonni hundi akkuma maatii koo fakkiiwwaniif kan sagadan maaliifi?’

Bara 1965, umuriin koo waggaa 14 yommuu guutetti maatiin koo gara Hindiitti deebiʼan. Qarshii gaʼaa waan hin qabneef jireenyi baayʼee rakkisaa ture. Gara waggaa tokkoo booda irraa jalaan gara Ingilaandi deemuu jalqabne. Jalqaba lamaan keenya deemnee Leestar keessa jiraachuu jalqabne.

Umurii waggaa 16​tti hojii humnaa garagaraa hojjechuun jalqabe; mana barumsaa halkanii galuudhaan barumsan dhaabee tures ittan fufe. Haataʼu malee bakka hojiitti namoota tokko tokkorratti jalʼinni haqaa yommuu raawwatamu argaan ture. Fakkeenyaaf hojjettoota nama Ingilaandi taʼaniif godaantota caalaa kaffalamaaf ture. Fedhiin haqaaf qabu waldaa hojjettootaa keessatti dargaggeettii jijjiiramaaf falmitu akkan taʼu na godheera. Kaffaltii walqixxee taʼe argachuuf fincila akka kaasaniif dubartoota godaantota taʼan nan gurmeesse. Addunyaa haqa qabeessa baayʼeen hawwan ture.

Deebii Barbaaduu

Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin yeroo jalqabaatiif kanan wal bare bara 1968 Dhugaa Baatonni lama balbala koo yeroo rurrukutan ture. Waadaan Mootummichi namoota hundaaf tokkummaa akka fidu dubbatu baayʼee na gammachiise. Isaan keessaa Dhugaa Baatuu inni tokko haadha manaa isaa wajjin deebiʼee dhufe. Obboleettota koo Jaaswiinderii fi Chaanii waliin taanee Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabne. Boqonnaa jaʼa qofa erga xumuree booda Yihowaan waaqa dhugaa taʼuusaa, Kitaabni Qulqulluun Dubbii isaa akka taʼe akkasumas namoota hundaaf haqa dhugaa fiduu kan dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe amanne.

Haataʼu malee, maatiin keenya baayʼee nu mormuu jalqaban. Abbaan keenya erga duʼee booda obboleessi koo mataa maatichaa taʼe. Haati buddeenaa koo waan isa gorsiteef nu mormuu jalqabe. Obboleettota koo Jaaswiindarii fi Chaanii kophee huuruun isaa sibiilli keessa galee hojjetameen dhiite. Umuriin koo waggaa 18 waan taʼeef gama seeraatiin mirga akkan qabu waan beekuuf obboleettota koo irratti aarii isaa waan baʼu fakkaata. Yeroo tokko Kitaaba Qulqulluu banee ibidda erga itti qabsiisee booda gara fuula isaaniitti butee; “Yihowaan keessan ibidda kana akka dhaamsu gaafadhaa!” isaaniin jedhe. Yeroo sanatti dhoksaadhaan walgaʼiiwwan muraasa irratti argamnee turre. Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼe tajaajiluu baayʼee barbaanna ture. Haataʼu malee, haalli keessa jirru kana gochuuf rakkisaa fakkaata. Kanaafuu, manaa baʼuu fi bakka biraatti baqachuuf karoora baafachuu jalqabne. Akkamitti?

Qarshii laaqanaa fi atoobisii koruuf nu gargaaru, akkasumas qarshiin hojjedhee argadhuu fi haadha buddeenaa kootti kennu irraa muraasa dhoksinee kaaʼachuu jalqabne. Shaanxaa sadii erga binnee booda dhoksaadhaan keenyee suuta suuta uffata keenya guunne. Caamsaa 1972, Jaaswiindar umurii waggaa 18 yommuu guutte paawundii 100 (doolaara 260) nuu taʼee waan tureef, baabura korree Peenzaansi ishii kibba bahaa Ingilaandi jirtu deemne. Magaalicha erga geenyee booda keeskoo bilbilaa irraa Dhugaa Baatota naannichaatiif bilbille. Obboloonni achi jiran gammachuudhaan nu simatan. Qurxummii qalanii qulqulleessuu dabalatee hojii garagaraa hedduu kan arganne yommuu taʼu kun mana itti boqonnu kireeffachuuf nu gargaareera.

Hiriyoota gaaʼelaa maanguddoo Haarii fi Beetii Biriigs jedhamanii wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu keenya itti fufne. Fulbaana 1972, ammayyuu dhokannee utuu jirruu bakka cuuphaa xinnoo waltajjii Galma Walgaʼii Tiruuroo bira jiru keessatti cuuphamne. Chaaniin qajeelchituu taatee tajaajiluu kan jalqabde yommuu taʼu Jaaswiindarii fi ani qarshiidhaan ishii deggeruu eegalle.

Bakka Babalʼistoonni Caalaatti Barbaachisan Dhaqanii Tajaajiluu

Henarii fi Beetiin dhuma umurii waggoota 80manii keessa kan jiran taʼullee Odoolawwan Siilii kibba baha Ingilaandi jiran deemanii tajaajilu turan. Fakkeenyi isaanii nutis wanta kana fakkaatu gochuuf nu kakaaseera. Kanaafuu seensa irratti akkuman dubbadhe bara 1973, Obboleessa Iskiinarii wajjin erga haasofnee booda maal gochuu akka qabnu barre.

Amajjii 1974, Niiwu Deelii Hindii deemuuf tikeetii dhaqaa qofa kan kutanne yommuu taʼu, achitti Obboleessi Diik Kooteriil akka keessummaatti mana misiyoonotaa keessa akka turru nuuf heyyame. Chaaniin qajeelchituu yeroo hundaa taatee kan tajaajilte yommuu taʼu Jaaswiindarii fi ani saʼaatii tajaajila irratti dabarsinu daballeerra.

Yeroo booda bulchiinsa Puunjaabii isa kaaba baha Hindii jiru akka deemnu ajajamne; achittis yeroodhaaf magaalaa Chaandigaaraa mana misiyoonii tokkoo kan turre yommuu taʼu achiis appaartaamaa kireeffanne. Fulbaana 1974 qajeelchaa yeroo hundaa; bara 1975 immoo qajeelchaa addaan taʼe. Tajaajila irratti hirmaachuun koo namoota waaʼee jaalala Yihowaa fi haqaasa isaan barsiisuuf afaan Puunjaabiitiin barreeffamni akka barbaachisu hubachuuf na gargaareera. Bara 1976, waajjirri damee Hindii sadan keenya hiika afaan Puunjaabii irratti akka gargaarru nu affeere. Taayippii ykn kompiitara malee hojjechuun baayʼee ulfaataadha. Hojiin hiikkaa, sirreessuu fi funaanuu harkaan raawwatama ture. Achiis meeshaa maxxansaa daldalaa boodatti hafaa naannicha jiruu fi yeroo tokkotti qubee tokko qofa barreessuu wajjin hojjenna turre.

Kamaal michoota ishii gumii Chandigaaraa jiran torbaa wajjin bakkee taaʼanii.

Gumii keenya Chaandiigaaraa, Puunjaabii, Hindi

Dhibeen Fayyaa Na Mudatus Gammachuu Qabaachuu

Haalli keenya saffisaan jijjiirame. Jaaswiindar obboleessa abbaa manaa ishiif taʼu kan argatte yommuu taʼu isaanis Kaanaadaa deeman. Chaaniin immoo obboleessa Jarman Yuunaayitid Isteetis irraa daawwannaadhaaf dhufee wajjin gaaʼela erga godhatanii booda gara Ameerikaa deeman. Animmoo baayʼee waanan dhukkubsadheef Onkoloolessa bara 1976 gara Ingilaandittin deebiʼe. Haati koo fi obboleessi koo dhugaa hin mormine turanii fi Leestar jiraatan gaarummaa natti argisiisuudhaan mana isaaniitti na simatan. Dhukkuba dhibee Evaansi siindirom jedhamuu fi seelii dhiigaa balleessuudhaan dandeettii qaamaa dhukkuba ittisuuf qabu dhorkuun nan qabame; rajiijii qaama koo keessaa baasuu dabalatee yaalii fayyaa garagaraa gochuun kan barbaachisu ture. Kanaan kan kaʼes qajeelchaa taʼee tajaajiluu nan dhaabe.

Yoon fayye tajaajila yeroo guutuu akkan itti fufu waadaa galuudhaan Yihowaan akka na gargaaru garaadhaan kadhadhe. Akkuman jedhes nan godhe. Yeroo tokko tokko baayʼee kan na dhukkubu taʼus bara 1978 gara Woolveerhamtiton bakka namoonni afaan Puunjaabii dubbatan baayʼinaan jiraatanitti qajeelchaa taʼee tajaajiluuf nan deeme. Waraqaa affeerraa walgaʼii harkaan erga barreessinee booda suuqii naannoo jirutti heddummeessina turre. Achiis walgaʼii haasaa sabaa irratti akka argamaniif namoota afaan Puunjaabii dubbataniif raabsina. Yeroo harʼaa Biritaaniyaa keessa gumii afaan Puunjaabii shanii fi tuuta sadiitu jiru.

Waajjirri damee Biritaaniyaa hojii hiikaa afaan Puunjaabii irratti akkan hirmaadhe beeka ture. Kanaafuu dhuma baroota 1980mnii keessa waajjirri damee kun na qunname. Foontii fi sooftiweerii qopheessuu akkasumas akkaataa seera qubee afaan Guurmuukii barreeffamaan qopheessuuf gargaaru irratti hojjechuuf Waajjira damee Landanitti deddeebiʼuun jalqabe. Beetelitti deddeebiʼee tajaajiluu akkasumas haadha koo ishii narraa fagoo jiraattu gargaaruuf hojii waanan hojjedhuuf yeroo hin qabun ture. Haataʼu malee Beetelitti hojjechuu dandaʼuun baayʼee kan nama gammachiisu ture.

Kamaal kompiitara bira teessee obboleessi tokko yommuu ishii leenjisu.

Landan Beetelitti dhuma 1980maniitti yommuun leenjiʼu

Fulbaana 1991 miseensa maatii Beetel akkan taʼu kanan affeerame yommuu taʼu, barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan afaan Puunjaabiitiin qopheessuuf hojii hiikkaa keessatti hojjedheera. Mirga kana nan argadha jedhee matumaa hin yaanne. Gaʼumsa akkan hin qabne natti dhagaʼamee ture; akkasumas dhibee fayyaa kanan qabu ta‵uu isaarrayuu umuriin koo ulaagaa miseensa maatii Beetel haaraa taʼuuf gaafatamuu ol ture. Haataʼu malee Yihowaan mirga dinqisiisaa taʼe kana naaf kenneera. Beetel keessatti yommuun tajaajilutti dhibeen fayyaa ani qabu itti fufe ture. Yaaliin keemooteraappii fi kanneen biroo yommuu naaf godhamutti dhiiga fudhachuu wajjin haala wal qabateen yeroo baayʼee rakkinni na mudateera. Ogeessi dhiigaa wajjin haala wal qabateen yaalii naaf godhu fooyyaʼiinsi ani argisiise baayʼee waan isa dinqisiiseef walgaʼii ogeessonni yaalii fayyaa 40 taʼan hospitaala Landanitti godhan irratti akkan argamu nan affeerame. Anis ejjennoo dhiigaa wajjin haala walqabateen qabu ilaalchisee haasaa daqiiqaa 10 kenneera; itti aansuudhaanis obboleessi Deeskii Odeeffannoo Hospitaalaa keessatti tajaajilu gaaffii fi deebiidhaan marii godhe.

Yeroowwan rakkisaa taʼan sanatti obboleettonni koo Jaaswiindarii fi Chaaniin jaalala natti argisiisaniiru; deggersaa fi gaarummaa miseensonni maatii Beetelii fi michoonni kaan naaf godhaniif baayʼeen galateeffadha. Yihowaan qorumsa na mudatan hunda keessatti tajaajila koo raawwachuuf humna naaf kenneera.—Faarfannaa 73:26.

Eebbi Yihowaa Nama Badhaasa

Waggaa 33 ani Beetel keessatti tajaajile ‘Yihowaan gaarii taʼuu isaa dhandhamee ilaaluuf’ na dandeessiseera. (Faarfannaa 34:8; Fakkeenya 10:22) Fakkeenya tajaajiltoonni Yihowaa maanguddoota taʼan argisiisan na kakaaseera. Duubatti deebiʼee yeroon yaadu, barattoonni afaan Puunjaabiitiin Kitaaba Qulqulluu ani qoʼachiise tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼuu isaanii yommuun argu baayʼee na gammachiisa. Walitti dhufeenyi ani miseensota maatii koo wajjin qabus baayʼee gaariidha. Haati koo fi obboleessi koo Dhugaa Baatota taʼuu baatanis haati koo yeroo baayʼee, “Ati dhuguma Waaqayyoof of murteessiteetta” naan jetti. Beetelii deemee haadha koo dulloomte akkan gargaaru yommuun gaafadhetti obboleessi koo; “Hojii gaarii hojjechaa jirta. Achii hin deemin” naan jedhe. Haati koo kan jiraattu Beetel irraa fagoo, bakka namoota dullooman itti kunuunsan taʼus hanga naaf dandaʼame dafee dafeen dhaqee ishii gaafadha ture.

Jireenya koo keessatti qorumsi tokko yommuu na mudatu akkanan ofiin jedha: ‘Kamaal sodaan sitti hin dhagaʼamin! Yihowaan gaachana keeti. Eebba guddaa argatta.’ (Uumama 15:1) Yihowaa Waaqa “haqa qabeessa” isa shamarree yommuun turetti na yaadachuudhaan hojii kaayyoo qabu akkan hojjedhu na taasise baayʼeen galateeffadha. (Isaayaas 30:18) Yeroo gara fuulduraa, “Jiraattota biyyattii keessaa tokko illee, ‘Na dhukkuba’ hin je[nne]” hawwiidhaan nan eega—Isaayaas 33:24.

Kamaal Kelemisfoordi Beetel keessatti seeqaa jirti.

Keelimisfoordi Beetel keessatti

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi