LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfs mataduree 21
  • Hidhaan Yihowaa Irraa Adda na Baasuu Hin Dandaʼu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hidhaan Yihowaa Irraa Adda na Baasuu Hin Dandaʼu
  • Seenaa Jireenyaa Dhugaa Baatota Yihowaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mana Barumsaatti Amanannaa Yihowaa Irratti Qabu Eeggachuu
  • Akka Maatiitti Amanannaa Yihowaa Irratti Qabnu Eeggachuu
  • Mana Hidhaa Keessatti Amanannaa Yihowaa Irratti Qabu Eeggachuu
  • Yeroo Yaaliin Fayyaa Hatattamaa Na Barbaachisetti Amanannaa Yihowaa Irratti Qabu Eeggachuu
  • Mana Hidhaatii Ergan Hiikamee Booda Amanannaa Yihowaa Irratti Qabu Eeggachuu
  • Waggoota Dhihoodhaa Asitti Amanannaa Yihowaa Irratti Qabu Eeggachuu
Seenaa Jireenyaa Dhugaa Baatota Yihowaa
lfs mataduree 21
Ooleeh Raadiziiminiskii.

OOLEEH RAADIZIIMINISKII | SEENAA JIREENYAA

Hidhaan Yihowaa Irraa Adda Na Baasuu hin Dandeenye

Kanan dhaladhe bara 1964 Saayibeeriyaatti yommuu taʼu, kunis maatiin koo Yuukreenii erga ariʼamanii boodadha. Kanan yaadadhu durii kaasee warri koo, karaa abbaa koos taʼe karaa haadha koo akkoo fi akaakaan koo mana hidhaa utuu jiraniillee Yihowaarratti amanannaa guutuu akka qaban argisiisaniiru. Akaakaan koo ilaaltuu olaanaa aanaa taʼee waan tajaajileef waggaa torba hidhameera. Yeroo booda anis kanan hidhame yommuu taʼu, amanannaa ani Yihowaarratti qabu qorameera.

Bara 1966 Yuukreenitti deebine. Wantootan yaadadhu keessaa tokko, yeroo umuriin koo waggaa afur turetti akaakayyuu koo hidhamaa dhaqee gaafadheera. Anii fi haati koo Kiriivi Riih, Yuukreenii kaanee mana hidhaa hojii humnaa Mordoovaa isa giddu gala Raashiyaa jiru gaʼuuf baabura korree karaa fagoo deemuuf kaane. Bakka waardiyyoonni jiranitti akaakaa wajjin turuu kan dandeenye saʼaatii lamaaf qofadha; waardiyyoonni sun akka inni miilla isaa irratti na baatu isaaf heyyamanii turan.

Mana Barumsaatti Amanannaa Yihowaa Irratti Qabu Eeggachuu

Ooleeh xinnummaa isaaniitti Mikhaayiloo obboleessa isaa isa quxisuu bira dhaabbatee.

Obboleessa koo Miikaayiloo wajjin (mirgaa)

Xinnummaa kootti yeroon Yuukreenitti guddadhetti amanannaan Yihowaarratti qabu yeroo hedduu qoramee ture. Fakkeenyaaf, ijoolleen umuriin mana barumsaa itti galan yeroo gaʼu, yuunifoormii mallattoo urjii qabuu fi suuraa Leeniin yeroo dargaggeessa ture qabu akka uffatan dirqamu turan.a Waggoota muraasa boodammoo yaada Leeniin akka deggeran argisiisuuf shaashii diimaa morma isaanii irratti hidhachuu qabu turan. Yihowaan Waaqa inni qofti akka waaqeffamu barbaadu taʼuu isaa waanan beekuuf, mallattoo siyaasaa kana uffachuun dide.

Warri koo siyaasaa keessa galuu dhiisuu ilaalchisee obsaan ragaa dhiheessanii naaf ibsuudhaan, Yihowaa tajaajiluuf murtoo mataa koo akkan godhu na gargaaraniiru. Kana malees, Yihowaadhaaf ulfina waan argamsiisuuf, mana barumsaatti barataa cimaa akkan taʼu na jajjabeessu turan.

Gaaf tokko, gaazexessaan biyyoolessaa olola Waaqayyo akka hin jirre amanuu jajjabeessu tokko dhaabbata barruu Saayinsii fi Amantii (Nauka i religiia) jedhamu qopheessu irraa mana barumsaa keenya dhufe. Barsiisonni koo gaazexessaan sun ibsa yommuu kennutti toora fuulduraa irra na teessisan; kaayyoon ibsichaa barattoonni Waaqayyo akka hin jirre akka amanan gochuudha.

Ibsicha booda, waltajjiitti duubatti na geessanii gazexeessichi akka na haasofsiisu godhan. Innis amantiin koo maal akka taʼe na gaafate; anis sodaa tokko malee, “Ani Dhugaa Baatuu Yihowaati” jedheen deebiseef. Ibsa inni kenne xiyyeeffannaadhaan waanan dhaggeeffadhee na galateeffate; kanarraa kan hafe waan tokkollee naan hin jenne. Kunis barsiisota koo baayʼee aarse.

Akka Maatiitti Amanannaa Yihowaa Irratti Qabnu Eeggachuu

Guutummaan maatii keenyaa, mana keenyatti barreeffama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe maxxansuu fi raabsuuf akka nu gargaaru Yihowaatti amanameera. Kana malees, abbaan koo giddu gala Yuukreenitti ilaaltuu olaanaa aanaa taʼuudhaan gumiiwwanii fi tuutawwan daawwachaaa ture.

Gaaf tokko waaree booda, jechuunis Guraandhala bara 1978, obboleessi koo inni quxisuun Paaviliik dhalachuu isaa guyyaa lama dura, mana barumsaatii yommuun galu miʼi keenya mana keessa bittinnaaʼeen arge. Poolisoonni mana keenya sakattaʼuudhaan barreeffamoota keenya hunda nu jalaa fudhatan.

Guyyaa manni keenya sakattaʼamee kaasee barsiisonni koo, anii fi quxisuu koo Miikaayiloon ijoollee basaastota Ameerikaa akka taʼanitti nu ilaaluu jalqaban. Yeroo booda garuu, isaan keessaa hedduun isaanii dogoggoranii akka turan hubachuu dandaʼaniiru. Ijoolleen naa wajjin baratan keessaa muraasni yeroo booda Dhugaa Baatota Yihowaa taʼaniiru!

Bara 1981 ammas manni keenya ni sakattaʼame. Umuriin koo waggaa 18 guutuu baatullee poolisoonni ana, abbaa koo fi akaakaa koo wajjin nu qabanii waajjira abbaa alangaatti nu geessan. Qorataan tokko akka na hidhu dubbachuudhaan na dorsisuuf yaale. Yeroo kanatti namichi uffata loltootaa hin uffanne tokko isaan yoon gargaare egeree gaarii akkan qabu waadaa naaf gale. Karaa biraatiin inni tokko yommuu na dorsisu inni kaan immoo abdii naaf kenna. Na amansiisuuf yaalii gochuuf jedhanii, abbaan koo, akaakaan koo, eessumoonnii fi wasiiloonni koo mana hidhaa akka jiran na yaadachiisan. Yaadachiisni kun anis gargaarsa Yihowaatiin hidhaa obsaan akkan dandamadhu kan naaf mirkaneessu qofa akka taʼe poolisoonni sun hin beekan turan.—Filiphisiyus 4:13.

Bitaadhaa gara mirgaatti: Abbaa koo, ana, Paavileek, haadha koo fi Miikaayiloo hidhamuu koo yeroo muraasa dura

Mana Hidhaa Keessatti Amanannaa Yihowaa Irratti Qabu Eeggachuu

Guyyaa umuriin koo waggaa 18 guute bulee isaa tajaajila loltummaadhaaf akkan filatame natti himame. Tajaajila loltummaa irratti hirmaachuu waanan dideef nan hidhame. Kana jechuun mana hidhaa kutaa guddaa tokko keessatti namoota 85 hidhamanii fi siree 34 jiran irra ciisuuf dabareedhaan eeggatanii wajjin taʼuu jechuudha. Qaama keenya dhiqachuuf kan nuuf heyyamamu torbanitti al tokko qofadha.

Yeroon gara kutaa mana hidhaa sanaa seenu, balballisaa darbatamee kan cufame yommuu taʼu, namoonni achi keessa jiran hundi ija natti babaasan. Namoonni keenyan gama tokkoon jiran yeruma sana sababiin itti hidhame na gaafachuu jalqaban. Baayʼee sodaadhe kanan ture taʼus, seenaa Kitaaba Qulqulluu waaʼee Daaniʼel isa boolla leencotaa keessatti darbatamee fi miidhaan utuu isa irra hin gaʼin hafeen yaadadhe. Seenaan kun guutummaatti Yihowaatti akkan amanamuu fi akkan tasgabbaaʼu na gargaareera.—Isaayyaas 30:15; Daaniʼel 6:21, 22.

Irbaata booda, hidhamtoota sana keessaa inni tokko waaʼee amantii koo gaaffii hedduu na gaafachuu jalqabe. Suutuma suutas hidhamtoonni hundi callisanii maree keenya dhaggeeffachuu jalqaban. Waaʼee amantii koo gara saʼaatii afurii ykn shanii isaanii wajjin mariʼadhe. Yihowaan waan na gargaareef baayʼeen isa galateeffadha.

Mana murtiitti dhihaachuu koo dura, amantii kootiif falmuuf Yihowaan ogummaa fi jabina akka naa kennu isa kadhadhe. Abbaan alangaa tajaajila loltummaa kennuu diduuf qofa Waaqayyotti amanuu akkan filadhe godhee ragaa dhiheessuuf yaale. Raayyaa waraanaa keessatti tajaajiluun koo Waaqa isa uumama cufa keessatti humna olaanaa qabu kan gaddisiisu taʼuu isaa mana murtichaa amansiisuuf yaaleera. Haa taʼu malee, bara 1982, manni murtichaa yakkamaa akkan taʼe natti murteessuudhaan, mana hidhaa hojiin humnaa itti hojjetamutti waggaa lama akkan hidhamu murteesse.

Dhugaa Baatota mana hidhaa kana keessatti hidhaman shan argachuu kootti baayʼeen gammade. Daqiiqaa muraasaaf qofa kan waliin haasofnu taʼus, yeroo hunda caqasa Kitaaba Qulqulluu tokko irratti mariʼanna. Nu keessaa namni Kitaaba Qulqulluu qabu jiraachuu baatus, yeroo baayʼee maatii fi michoonni keenya xalayaawwan irratti caqasoota barreessanii nuuf ergu turan; yeroo tokko tokkommoo barreeffamoota daldalaa irraa caqasoota ni arganna.

Yeroo Yaaliin Fayyaa Hatattamaa Na Barbaachisetti Amanannaa Yihowaa Irratti Qabu Eeggachuu

Bara 1983, mana hidhaa kutaa hojiin maashinii itti hojjetamu keessa utuun jiruu, meeshaan miʼa ulfaatu kaasu tokko akka tasaa sibiila walitti hidhamee jiruu fi kiilogiraamaa 2,000 taʼu gadhiise. Tuullaan sibiilichaa duuba kootiin na rukutee kan na kuffise yommuu taʼu miilla koo bitaa cabse.

Yihowaan dhukkubbii cimaa natti dhagaʼamaa jiru dandaʼuuf akka na gargaarun isa kadhadhe. Narsiin mana hidhichaa dhukkubbii koo akka naaf balleessuuf sagalee koo guddisee jechoota arrabsoo akkan dubbadhu na gorsite; ani garuu faarfannaa Mootummichaan faarfadhe.

Hospitaala gaʼuuf konkolaataa feʼumsaa, bidiruu fi ambulaansii koreen deeme. Imalli kun saʼaatii jaʼa kan natti fudhate yommuu taʼu, yeroo kanatti dhiigi koo baayʼee dhangalaʼe. Yaaliin baqassanii hodhuu akka naaf godhamu mirkanaaʼaa waanan tureef, dhiiga fudhachuu dhiisuu ilaalchisee ejjennoo Kitaaba Qulqulluu ani qabu akka naaf kabajaniif Yihowaan doktarootaaf ogummaa akka kennun kadhadhe. Waaʼee amantii koo doktarichaaf yommuun ibsu na dhaggeeffachuu hin barbaanne; taʼus murtoo koo akka naaf kabaju isan kadhadhe. Yaalii fayyaa dhiiga malee kennamu ilaalchisee wanta gaʼuuf itti gaafatamummaa isaa akkan fudhun ibseef. Dhuma irratti, dhiiga malee yaalii naaf gochuuf waan sarmeef boqonnaa guddaatu natti dhagaʼame. Haa taʼu malee, miilli koo bitaa hamma tokko kutamuu qaba ture.

Yaaliin baqassanii hodhuu erga naaf godhamee booda garmaleen humna dhabe. Torban hedduuf duʼaa fi jireenya gidduun ture. Gaaf tokko waaree booda, narsiin tokko dafee fayyuuf akka na gargaaruuf nyaata madaalamaa mana hidhaatti argachuun hin dandaʼamne akka naaf kennamuu fi narsoonni firiijii natti dhihoo jiru keessa akka kaʼan natti himte. Guyya guyyaatti, damma falʼaana tokko, buphaa tokko fi dhadhaa falʼaana tokko akkan argadhu naaf heyyamame. Warri koo balaan kun narra gaʼuu isaa yommuu dhagaʼan, wantoota caqasaman kana akkan argadhu qophii godhan. Haa taʼu malee, dubartiin miʼa ergamu fuutu wantoota naaf ergaman siʼa tokkittii qofa malee ni didde.

Harki Yihowaa gabaabaa miti. (Isaayyaas 59:1) Narsoonni huccuu madaan koo ittiin hidhame erga naaf jijjiiranii booda, nyaata ofii isaaniitiif fidan naaf hiru turan. Akkasumas nyaata dabalataa firiijii keessa naaf kaaʼu. Kun seenaa Kitaaba Qulqulluu waaʼee dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi zayitiin hubboo keessaa jalaa hin dhumne na yaadachiise.—1 Mootota 17:14-16.

Suutuma suuta, bayyaannachuun jalqabe. Maatii koo fi michoota koo irraa xalayaa 107 naaf barreeffame irraa jajjabina guddaa kanan argadhe yommuu taʼu, anis hunduma isaaniitiif deebisee barreesseera. Obboloota koo mana hidhaa kan biraa keessa jiran irraas miʼi naaf ergameera.

Jiʼa lama booda, qaama koo dhiqachuun dandaʼe. Mana hidhaatti deebiʼee obboloota koo achi jiranii wajjin deebiʼee wal arguu yaaduun jalqabe.

Doktaroota yaalii naaf godhan keessaa inni tokko waraqaa hospitaalaa akkan baʼu naaf heyyamu yommuu qopheessutti, biiroo isaatti na waamee waaʼee amantii koo gaaffii hedduu na gaafate. Xumura maree keenyaa irratti amantii kootti jabaadhee akkan dhaabadhu hawwii isaa naaf ibse. Nama uffata loltuu uffatee jirurraa yaada akkasii dhagaʼuun baayʼee kan nama dinqisiisudha!

Ebla 1984, ol iyyannoo koo dhaggeeffachuuf kanan deeme yeroo taʼu, yoon hiikame waraanarratti akkan hirmaadhun gaafatame. Miilla tokko qofa kanan qabuu fi kiraanchii waanan fayyadamuuf gaaffichi akka na hin ilaallannen deebise. Takka turanii, “Miilla lama utuu qabaattee silaa maal goota?” jedhanii gaaffii kan biraa na gaafatan. Kutannoo Waaqa kootiif amanamaa taʼee jiraachuuf qabu ibsuudhaan waraana irratti akkan hin hirmaannen isaanitti hime. Waggaan natti murtaaʼe hanga xumuramutti manuma hidhaa turuu akkan qabu naaf deebisan. Haa taʼu malee, guyyaan itti hiikamuu qabu jiʼa lamaa fi guyyaa 12 durseen hiikame.

Miikaayiloo (mirgaa) mana hidhaatii ergan hiikamee booda

Mana Hidhaatii Ergan Hiikamee Booda Amanannaa Yihowaa Irratti Qabu Eeggachuu

Mana hidhaatii hiikamee waggaa tokko booda miilla nam tolchee taʼeen argadhe. Yeroo hunda ganama miilla nam tolchee kana godhachuuf saʼaatii tokko fudhata. Yeroo gannaatti immoo miilla nam tolchee godhachuun rakkisaadha; keessumaa walakkaan miilla koo inni cite sochii dhiigaa waan hin qabneef hoʼa hin argatu. Umurii koo waggaa 19 booda fiigee hin beeku; taʼus addunyaa haaraa keessatti fiiguuf hawwiin qaba.—Isaayyaas 35:6.

Ooleehii fi Isvetlaanaa guyyaa cidha isaanii.

Guyyaa cidha keenyaa

Namoonni hojii nama qacaran hedduun nama qaama miidhamaa taʼe qacaruu waan hin barbaanneef hojii argachuun baayʼee na rakkisee ture. Miilla nam tolcheetti kanan fayyadamu taʼus, matumaa hojii guyyaa guutuu taaʼanii hojjetan argadhee hin beeku. Yeroo muraasaaf, makaanikii konkolaataa garagaraa taʼeen hojjedhe. Boodas hojii ijaarsaa hojjechuun jalqabe.

Bara 1986 obboleettii Isvetlaanaa jedhamtun fuudhe. Isvetlaanaa akkuma koo akaakaa fi akkoon ishii Dhugaa Baatotadha. Gaaʼelaaf wal qorachuu yeroo jalqabnetti, yeroo baayʼee gaaʼela keenya keessatti Yihowaadhaaf dursa kennuuf walii galuun baayʼee akka ishii gammachiisu yeroo baayʼee dubbatti turte.

Ijoolleen keenya Ooliyaa fi Voloodiyaan ogummaa ijaarsaa kan baratan yommuu taʼu, mana dulloomaa keessa jiraannu haaressuu irratti na gargaaraniiru. Yommuu guddatan hojii Galma Walgaʼii ijaaruu irratti hirmaachuudhaan baayʼee isaan gammachisa ture. Kana malees, qajeelchaa taʼanii tajaajiluu jalqabaniiru. Yeroo ammaatti Ooliyaan tajaajiltuu hojii ijaarsaa taatee hojjechaa kan jirtu yommuu taʼu, Voloodiyaan immoo jaarsa gumii taʼee tajaajilaa jira.

Ooleehii fi maatiin isaa hojii ijaarsaa Galma Walgaʼii irratti baarmexaa ijaarsaa godhatanii jiru.

Abbaa-manaa-intala-keenyaa, Oleeg; intala keenya, Ooliyaa; Isvetlaanaa; ana; haadha-manaa-ilma-keenyaa, Aanaa; fi ilma keenya, Vooloodiyaa

Isvetlaanaa yeroo hunda gargaarsa guddaa naaf gooti; kunimmoo itti gaafatamummaa ani gumii keessatti qabu raawwachuuf na gargaareera. Waggoota bara 1990nii keessa gumiiwwan hedduun Yuukreen keessaa jiranii fi babalʼistoota 200 ol qaban, jaarsa gumii tokko ykn lama qofa qabu turan. Jiʼatti siʼa tokko Sanbadduraa fi Dilbata gumiiwwan giddu gala Yuukreen jiraniif barreeffamoota geessaan ture.

Waggoota Dhihoodhaa Asitti Amanannaa Yihowaa Irratti Qabu Eeggachuu

Bara 2022, anii fi Isvetlaanaan mana keenya Kiriivi Riih jiru dhiisnee deemuuf murteessine. Yeroo ammaa gumii Ostiriyaa jiru tokko keessatti tajaajilaa jirra.

Ijoolloollummaa kootii kaasee, firoota koo Dhugaa Baatota Yihowaa taʼanii fi rakkoowwan hedduun isaan mudatanis wanta qabanitti gammadanii jiraatan irraa barachaa tureera. Kitaabni Qulqulluun waaʼee Uumaa keenyaa wanta hedduu akka beeknuu fi isaa wajjin wajjin hariiroo cimaa akka qabaannu nu gargaara. (Yaaqoob 4:8) Hariiroon kun jireenya kaayyoo qabu akka jiraannu kan nu taasisudha. Rakkoowwan hedduu na mudatan hunda keessatti, ulfina Yihowaaf malu isaaf argamsiisuu dandaʼuu kootti guddaan galateeffadha.

Ooleehii fi Isvetlaanaa.

Isvetlaanaa wajjin Ostiriyaatti

a Vilaadimiir Leeniin hundeessaa Paartii Kooministi Raashiyaa fi geggeessaa Tokkummaa Sooviyeet jalqabaati.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi