VEERGEELEYUS PUDIZIYUUVIS | SEENAA JIREENYAA
Yihowaan Yeroo Hunda Karaa Itti Keessaa Baanu Nuuf Qopheessa
Durbiin koo fi eessumni koo bara 1976 dhufanii nu gaafachuu isaaniitti maatiin koo baayʼee galateeffata. Eessumni koo yeroo sanatti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼachaa waan tureef Kitaaba Qulqulluu irraa wanta haaraa barate maatii kootti hime. Jalqaba, wanta Yesuus geggeessitoota amantaa barasaa turan ilaalchisee Maatewos boqonnaa 23 irratti dubbate itti argisiise. Achiis, geggeessitoonni amantaa bara Yesuus turanii fi geggeessitoonni amantaa yeroo harʼaa kan wal fakkaatan akkamitti akka taʼe ibse. Haati koo amantii Kaatolikii cimsitee kan hordoftu yommuu taʼu Yesuus geggeessitoota amantaa bara isaatti turan haala kanaan cimsee qeequun isaa baayʼee ishii ajaaʼibe. Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun maal akka jedhu beekuuf murteessite.
Lutuwaaniyaa keessa jiraachaa kan turre yommuu taʼu yeroo sanatti Tokkummaa Sooviyeet durii keessa turte. Mootummaan mirga amantaa garmalee waan daangesseef Kitaaba Qulqulluu kan qabu nama muraasa qofa ture. Kanaafuu, haati koo waldaarraa Kitaaba Qulqulluu ergifattee erga dubbistee booda Yesuus dhuguma geggeessitoonni amantaa barasaatti turan fakkeessitoota waan taʼaniif isaan qeeqee akka ture barte. Kun haadha koo waan ajaaʼibsiiseef wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu caalaatti beekuuf Dhugaa Baatota Yihowaa eessumni koo wajjin qoʼatu irraa barreeffamoota fudhatte.
Utuma hin turin, maatiin keenya walgaʼiiwwan gumii Dhugaa Baatonni Yihowaa geggeessan irratti argamuu jalqabe. Hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa dhorkaa jala waan tureef yeroo hunda walgaʼiiwwan bakka gara garaatti, akkasumas bosona isaanitti dhihoo jiru keessatti geggeeffatan jira ture. Bara 1978tti haati koo, anii fi Daangulee ishiin lakkuu koo taate Dhugaa Baatota Yihowaa taanee cuuphamne. Yeroo sanattii anii fi obboleettiin koo umuriin keenya waggaa 15 ture. Achiis abbaan koo waggaa muraasa booda ni cuuphame.
Obboleettii koo Daangulee fi ana umurii keenya waggaa afuriitti
Yihowaan Yeroo Dargaggummaa Kootti Karaan Itti Keessaa Baʼu Naaf Qopheesseera
Cuuphamnee jiʼa tokko booda anaa fi Daangulee irra mana barumsaatti ariʼatamni gaʼuu jalqabe. Siyaasa irraa walaba waan taaneef mana barumsaatti dhaabbannee faaruu alaabaa Sooviyeet hin faarfannu; barsiisonni keenyas kana ni argan. Achiis maqaa keenya barreessanii dura buʼaa barsiisotaatti geessan. Innis poolisii iccitiidhaan sochoʼu ykn KGB jedhamu kan beeksise yeroo taʼu innis yeruma sana maatii keenya dhufee qorate.
Anii fi Daanguleen olola Waaqayyo akka hin jirre yeroo hunda dubbatamu moʼuu qabna turre. Fakkeenyaaf, umuriin keenya waggaa 16 yeroo turetti, mata duree “Waaqayyotti Kanan Hin Amanne Maaliifi?” jedhuun gabaasa akka qopheessinu hojiin manaa nuuf kenname. Ani garuu mata duricharratti waanan walii hin galleef “Waaqayyotti nan Amana” jedhee waraqaa xinnoo tokkorratti barreessuudhaan deeskii koorran kaaʼe. Barsiistuun waraqaa kana erga dubbistee booda aariidhaan dheekkamtee, “maaliif akka amantu barreessi!” naan jette. Sababan itti amanu barreessuuf heyyama argachuu kootti baayʼeen gammade, obboleettiin koos sababa itti amantu barreessuu jalqabde. Shamarran lama wanta barreessine erga arganii booda isaanis Waaqayyotti maaliif akka amanan barreessuu jalqaban. Yihowaan haalawwan rakkisaa mudatan keessatti ‘karaa ittiin keessaa baʼan kan qopheessu’ taʼuusaa wantootan yeroo hedduu arge keessaa kun isa tokko dha.—1 Qorontos 10:13.
Obboloonni itti gaafatamummaa qaban kitaaba From Paradise Lost to Paradise Regained jedhamuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe jiʼa tokkoof nuuf ergisan. Hangan yaadadhutti yeroo sanatti Lituweeniyaa keessa baayʼinni kitaaba kanaa koppii afur ykn shan hin caalu. Anii fi Daanguleen, “Kitaabicha utuu of bira tursinee gaarii” akka taʼe waliin mariʼanne. Haa taʼu malee, of bira tursuu waan hin dandeenyeef kitaabicha harkaan garagalchine. Barreessuun quba keenya kan dhukkubse taʼus kitaaba amantii keenya nuuf cimsu argachuu keenyatti baayʼee gammanne.
Bara 1982, umuriin koo waggaa 19 guutee utuu hin turin loltuu taʼuu waanan dideef waggaa lama akkan hidhamu natti murteeffame. Namoota yakka raawwatan gidduutti hidhamuun baayʼee natti ulfaatee ture. Haa taʼu malee, Dhugaa Baatota kutaa Yihowaa mana sirreessaa sana keessa jiran kan biroo wajjin darbee darbee waanan wal arguuf baayʼeen galateeffadha. Hidhaa koo xumuree kanan hiikame taʼus, hidhaan kun isa xumuraa miti.
Haadha Manaa Yihowaa Jaallattun Argadhe
Liidiyaa fi ani gaaʼela godhachuu keenya yeroo muraasa dura
Mana sirreessaatii ergan baʼee booda bara 1984, Liidiyaa ishii bareedduu Yuukreen jiraattuu fi nama hafuuraa taateen fuudhe. Cidha keenya booda Liidiyaan biyya ishii dhiiftee naa wajjin Lutuwaaniyaa dhufte. Liidiyaa fi maatiin ishii Dhugaa Baatota Yihowaa waan taʼaniif, mana barumsaatti ariʼatamni cimaan ishiirra gaʼee ture. Qorumsawwan yeroo ishiirra gaʼan sanatti muuxannoowwan obboloota mana sirreessaa Naazii keessa turanii fi warra Saayibeeriyaatti geeffamaniirraa jabina argatteetti.
Baroota 1980n keessa Lutuwaaniyaa keessatti hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa ammayyuu dhorkaa jala ture. Kanaafuu, cidhi gaaʼelaa yeroo jiraatutti ittiin qabannee dhoksaadhaan walgaʼii naannoo guyyaa lamaa geggeessina turre. Kun yeroo cidha keenyaattis taʼeera. Keessummoonni cidha keenya irratti argamaniiru, haasaawwan hedduu dhaggeeffanneerra, faarfannaawwan baayʼee faarfanneerra, diraamaawwan uffata namoota bara durii uffachuudhaan dhihaatu afuris ilaalleerra. Firoottan guutummaa Tokkummaa Sooviyeet keessaa dhufan dabalatee namoonni gara 450 taʼan kan argaman yeroo taʼu obboloonni tokko tokko akka hubatanitti namoonni KGB taʼanillee utuu hin affeeramin argamanii akka turan nan yaadadha.
Cidha keenya kan godhanne walgaʼiin naannoo guyyaa lamaa yeroo geggeeffamutti ture. Cidhi durbii kootiis guyyuma sana waan tureef waltajjii irratti qophii lamatu geggeeffame
Mana Murtiitti deebiʼee dhihaachuu
Dhugaa Baatuun tokko hidhamee erga hiikamee booda siyaasa Sooviyeet hin fudhatu taanaan mootummaan deebisee isa hidha. Gaaʼela godhannee waggaa utuu hin guutin himatameen mana murtiitti dhihaadhe. Ani mana murtii kanan oole yeroo taʼu, Liidiyaa ishiin yeroo sanatti ulfa turte kophaa ishii hospitaala naannichatti dhihoo jiru oolte. Guyyaan mana murtiitti dhihaadhetti Liidiyaa akkan gaafadhu naaf hin heyyamamne. Haa taʼu malee, Abbaan murtii boqonnaadhaaf yeroo baʼutti gara hospitaalichaa deemee bakkee dhaabadhee karaa foddaa ishii arguu dandaʼeera. Ishiinis foddaa erga bantee booda daqiiqaa muraasaaf yaada nu jajjabeessu waliin haasofneerra. Achiis gaafuma sana hidhaan waggaa sadii natti murteeffame.
Kan nama gaddisiisu guyyaa lama booda Liidiyaarraa ulfi ni baʼe. Miirri ishii baayʼee akka miidhame naaf barreessiteetti. Gadda ishii mudate dandaʼuu malees biyya haaraa keessatti akkaataa jireenyaa ishii jijjiiruu fi maatii koo wajjin jiraachuu ishii gaafateera; warri koo immoo afaan Yuukreen ykn Raashiyaa isa Liidiyaan dubbattu hin dandaʼan. Liidiyaan yoomiyyuu guutummaatti Yihowaatti kan amanamtu yeroo taʼu warri koos kunuunsa guddaa ishiidhaaf kennaniiru, yeroo rakkisaa sanattis karaa miiraa ishii deggeraniiru.
Yihowaan Karaa Itti Keessaa Baanu Nuu Qopheessuu Isaa Itti Fufeera
Wantin hidhaa jalqabaarraa baradhe hidhaa isa lammataatiif na gargaareera. Wantoota jabaadhee dhaabbachuuf na gargaaran keessaa tokko warra kaaniif lallabuudha. Fakkeenyaaf, hidhamtoota konkolaataa fi baaburaan walitti ugguranii gara mana sirreessaatti geessu turan. Yeroo tokko tokko dhiirota 15 hanga 20 taʼan bakka nama shan ykn jaʼa qofa qabachuu dandaʼutti dhiibanii galchu turan. Carraa kanatti fayyadamuudhaan ergaa Kitaaba Qulqulluu namoota naa wajjin hidhamanii jiranittan hime. Sababan waraanarratti hin hirmaannee fi siyaasa keessa itti hin galle akkasumas kanan hidhames kanaaf akka taʼen isaanitti hime. Waaqayyo jiraachuusaatti kanan amanu maaliif akka taʼes isaanittan himaan ture.
Manni hidhaa ani itti hidhame Maareyaampoolaaa keessa jira. Namoota yakka raawwachuudhaan beekaman 2,000 keessaa Dhugaa Baatuun Yihowaa ana qofa akka taʼe nan yaadadha. Garmalee kanan rukutame al tokko qofa taʼus, hidhamtoonni doorsifamuun, rukutamuunii fi kanarrayyuu darbee ajjeefamuun baramaadha. Haalli jireenyaa rakkisaa taʼus warra gaddanitti gaarummaa argisiisuudhaan isaan jajjabeessuufan yaala, kun amala sirreeffamtoonni mana sirreessaa keessatti matumaa hin agarredha.
Mana sirreessaa yeroo jirrutti warri KGB dhugaa jiru ilaalchisee akka burjaajofnu gochuuf yaalaniiru. Wanta warri koo mana keessatti waliin dubbachaa turan hamma tokko kan beekan yeroo taʼu, wanta isaan waliin dubbatan natti himuuf yaalu turan. Haa taʼu malee, warri KGB wanta warri koo isaan waliin dubbatan haqaaqanii jalʼisuudhaan akka wal lolanii fi tokkummaa akka hin qabne godhanii natti himu turan. Wanta warri KGB natti himan matumaa itti amanee kanan hin beekne taʼus hiikamee utuu hin turin wanta isaan jedhanii fi wanta warri koo dhugumaan dubbatan maal akka taʼe walbira qabuun jalqabe.—Maatewos 10:16.
Gaaf tokko obboleettiin tokko waardiyyaa ollaa ishii taʼee fi akka gaariitti beektu Kitaaba Qulqulluu afaan Raashiyaa xinnoo tokko akka ishiif dabarsu gaafatte. Halkan halkan Lallaba Yesuus Isa Gaaraa waraqaa xinnoo irratti garagalchuudhaan guyyaa ittaanutti yommuun warshaa mana sirreessaa keessa hojjedhutti utuu namni na hin argin irra deddeebiʼeen dubbisa ture. Afaan Raashiyaa afaan dhalootaa koo taʼuu baatus afaan kanaan Lallaba Yesuus Isa Gaaraa yaadatti qabachuu dandaʼeera. Yeroo booda garuu waardiyyoonni Kitaaba Qulqulluu kana na jalaa fudhataniiru. Taʼus, yeroo sanatti Lallaba Yesuus Isa Gaararraa hunda yaadatti qabadheera.
Akkasumas Liidiyaan yeroo hunda xalayaa nama jajjabeessu naa ergiti turte. Haa taʼu malee, xalayaa ishiidhaaf erguun kan naaf heyyamamu jiʼatti al lama qofa. Taʼus, xalayaawwan ani barreessuuf wantoota sadii jechuunis; lubbuudhaan akkan jiru, Yihowaaf amanamaa akkan taʼee fi ammayyuu akkan ishii jaalladhu kan ishiidhaaf mirkaneessu ture.
Yihowaan Kadhannaa Keenya Nuu Deebisuudhaan Karaa Itti Keessaa Baanu Nuuf Qopheesseera
Yeroo tokko gareen sirreeffamtootaa tokko abbootiin taayitaa hojii hanga tokko fooyyaʼaa taʼe akka isaaniif qopheessu gaafate. Hanga kun guutamutti sirreeffamtoonni hojii dhaaban. Sirreeffamtoonni fincila kaasan kun adabbii cimaa adabamaniiru. Achiis abbootiin taayitaa anii fi warri kaan garee hojjettootaa haaraa warra fincilan sana bakka buusu keessatti akka ramadamne nutti himan.
Ramaddii haaraa kana yoon dide adabbii cimaatu narra gaʼa. Yoon fudhadhe immoo sirreeffamtoota biratti akka gantuutti waanan ilaalamuuf haaloo baʼuudhaan na reebuu ykn waraananii na ajjeesuu dandaʼu. Wanti kun waan natti ulfaateef baayʼeen dhiphadhe. (2 Seenaa Baraa 20:12) Kanaafuu, Yihowaan akka na gargaaru cimseen kadhadhe.
Utuu kanaan jirruu sirreeffamaan gareen keessatti hojjechaa ture duraanii keessa waliin turre tokko deemnee itti gaafatamaa hojichaa akka gaafannuuf walitti nu qabe. Sirreeffamaan kun michuu koo utuu hin taʼin, nama waliin hojjechaa turredha. Haa taʼu malee, garee koo duraanii keessa akkan turu gaafate. Dhimmi kun isaa fi itti gaafatamicha gidduutti wal falmii cimaa kaase. Dhumarratti, itti gaafatamaan matumaa ejjennoo isaa hin laaffisne kun biiroo isaatii nu ariʼe, garee koo duraanii keessa akkan turus naaf heyyame; kun deebii kadhannaa koo ture. (2 Pheexiros 2:9) Waggoota ani mana sirreessaa keessa ture hundatti sirrreeffamaa nama akkumasaa hidhamee jiru gargaaru matumaa argee hin beeku. Yihowaan kadhannaa keenya deebisuuf eenyuttiyyuu akka fayyadamu kanarraa baradheera.
Yihowaan Liidiyaan Karaa Itti Keessaa Baatu Ishiif Qopheesseera
Yeroon mana sirreessaa turetti wanta Liidiyaa mudaten isiniif ibsa. Qacaramtee hojjechuun ishii barbaachisee ture. Haa taʼu malee, mana sirreessaa waanan jiruuf namoonni warra KGB waan sodaataniif ishii qacaruu hin barbaanne. Dhuma irratti hojii guyyaatti saʼaatii 12 hojjettu kan argatte yeroo taʼu, hojiin kun oolmaa daaʼimmaniitti ijoollee 30 kunuunsuu ture. Hojii baayʼee nama dadhabsiisu ture. Yihowaan garuu humna yeroo hunda hojiishee raawwachuuf ishii dandeessisu ishiif kenneera. Kana malees, obboloonnii fi obboleettonni guutummaa Lutuwaaniyaa keessaa kiilomeetira dhibba hedduutti lakkaaʼamu konkolaataa oofanii deemuudhaan ishii jajjabeessu, ishii ilaalu akkasumas barreeffamoota afaan Raashiyaa geessuuf turan. Kophummaan matumaa ishiitti dhagaʼamee hin beeku.
Maatiidhaan Yihowaa Tajaajiluu
Mana sirreessaatii ergan baʼee booda hojii barreeffamoota iccitiidhaan afaan Lutuwaaniyaatti hiikuu gurmeessuu irratti gargaareera. Waggoota muraasa booda, Tokkummaan Sooviyeet kan kufe yeroo taʼu hojiin keenyas Lutuwaaniyaa keessatti gama seeraatiin beekamtii argate. Achiis, biiroon hiikkaa afaan Lutuwaaniyaa ifatti ni baname. Saʼaatii tokkoo fi walakkaa ol fagaannee kan jiraannu taʼus, oofee deemuudhaan hojii hiikkaa gargaaruun na gammachiiseera, haala kanaan waggaa shaniif torban torbaniin dhaqee gargaareera.
Hagayya 1997, Liidiyaa fi ani waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa Lutuwaaniyaa jiruu fi Beetel jedhamee waamamutti akka tajaajillu affeeramne. Affeerraa kanatti baayʼee gammanne. Ijoollee durba lama kan qabnu; yeroo taʼu, Ooksaanaan waggaa sagal, Sivaajuneen immoo waggaa shan turte. Appaartimantii Beetelitti dhihoo jirrutti galuu fi Ooksaanaa mana barumsaa haaraatti galmeessisuuf kan nuuf kenname guyyaa sadii qofa ture.
Doʼii Ahaashweros, Asteerii fi Mordekaayi argisiisu kanarraa akkuma hubatamu waaqeffannaan maatii barumsa kan kennuu fi kan nama gammachiisu akka taʼu barbaanna
Madaallii keenya eeggannee itti gaafatamummaa qabnu baʼuu kan dandeenyu akkamitti? Yeroo hunda ganama ganama gara Beetel yommuun deemu Liidiyaan immoo ijoolleen erga mana barumsaa deemanii booda dhufti ture. Achiis Liidiyaan utuu isaan hin deebiʼin galuudhaan ijoollee keenya mana hoʼaatti simatti ture.
Bara 2003 yeroo waajjirri damee Lutuwaaniyaa balʼifame murteeffametti uffata aadaa Lutuwaaniyaa uffannee
Maatiin keenya Jimaata galgala hawwiidhaan eegna. Waliin nyaata bilcheessina, ni qulqulleessina, waaqeffannaa maatii geggeeffanna akkasumas yeroo gammachiisaa waliin dabarsina turre. Uumama Yihowaa ilaaluu fi obbolootaa fi obboleettota keenya biyyoota kaan keessa jiran beekuuf gara gaarotaa, galaanaa ykn Beetel biyyoota Awurooppaa keessa jiran deemuuf sagantaa baafanna. Ijoolleen keenya umurii waggaa 15tti qajeelchaa yeroo hundaa taʼanii tajaajiluu waan jalqabaniif anii fi Liidiyaan baayʼee isaanitti boonna. Yeroo harʼaa Ooksaanaa fi abbaan manaashee Jiin Benoot waajjira hiikkaa fagoo afaan Lutuwaaniyaa keessatti hojjechaa kan jiran yeroo taʼu, Sivaanee fi abbaan manaa ishii Niikolaas immoo Beetel Faransaayi keessatti tajaajilaa jiru.
Tajaajilli Yihowaa jireenya keenya keessatti bakka guddaa waan qabuuf Liidiyaa fi ani “foon tokko” taaneerra. (Efesoon 5:31; Lallaba 4:12) Waggoota hedduudhaaf “dhiibbaa” fi ariʼatamni cimaan nurra gaʼaa kan ture taʼus matumaa hin gatamne, ‘sochoʼuus hin dadhabne.’ (2 Qorontos 4:8, 9) Yihowaan yeroo hunda karaa itti keessaa baanu nuuf qopheessaa akka ture argineerra, yeroo hunda kana akka godhus amanannaa qabna.
Haadha manaa koo Liidiyaa wajjin
a Bara 1955 hanga 1990tti Kaapisukaas jedhamee waamama ture.