MAATIIDHAAF | GAA’ELA
Dhiifama Gochuun Kan Danda’amu Akkamitti?
HAALA RAKKISAA
Hiriyaa gaa’elaa keessanii wajjin yommuu wal qoccoltan, yeroo baay’ee waa’ee walitti bu’iinsa kanaan dura gidduu keessanitti uumamee tureefi furmaata argatee kaastu ta’a. Sababiinsaa maalidha? Tokkoon keessan ykn lamaan keessaniyyuu akkaataa itti dhiifama waliif godhan hin beektan ta’a.
Haata’u malee, dhiifama waliif gochuu barachuu ni dandeessu. Mee jalqaba hiriyoonni gaa’elaa dhiifama waliif gochuun kan isaanitti ulfaatu maaliif akka ta’e haa ilaallu.
SABABIINSAA MAALIDHA?
Olaantummaa. Hiriyoonni gaa’elaa tokko tokko dhiifama kan waliif hin goone hiriyaa gaa’elaasaaniirratti olaantummaa argisiisuufidha. Achiis, walitti bu’iinsi yeroo uumamu isaan sirrii akka ta’an argisiisuuf dogoggora kanaan dura raawwatame kaasu.
Haaloo qabachuu. Namni tokko dabni yoo irratti raawwatame miidhaa sana dafee hin irraanfatu. Hiriyaan gaa’elaa tokko afaaniin dhiifama akka godhe kan dubbatu ta’us, komii garaatti qabachuudhaan haaloo ba’uuf carraa eeggata ta’a.
Abdii kutachuu. Namoonni tokko tokko, jireenya jaalala asoosama keessatti ibsameefi gammachiisaa ta’ee wajjin wal fakkaatu qabaachuu akka danda’an yaaduudhaan gaa’ela dhaabatu. Kanaaf, walitti bu’iinsi yommuu gidduusaanitti uumamu, namoonni duraan “guutummaatti waan walii galan fakkaatan” ilaalcha garaagaraa akka qaban amananii fudhachuun baay’ee isaanitti ulfaata. Waan hin danda’amne namarraa eeguun, dogoggora funaanuutti nama geessuufi dhiifama gochuun ulfaataa akka ta’u gochuu danda’a.
Karaa dogoggora ta’een wal hubachuu. Hiriyoonni gaa’elaa hedduun dhiifama gochuudhaaf ilaalcha sirrii waan hin qabaanneef, haaloo qabatu. Fakkeenyaaf:
Dhiifama gochuunkoo dogoggora uumame salphisee ilaaluu natti ta’a.
Dhiifama yoon godhe, miidhaa raawwatame irraanfachuun qaba.
Dhiifama gochuunkoo, dogoggorri kan biraan akka raawwatamu godha.
Dhugaasaa dubbachuuf garuu, dhiifama gochuun wantoota olitti caqasaman kan argisiisu miti. Haata’u malee, dhiifama gochuun keessumaa hiriyoota gaa’elaa hariiroo cimaa qabaniif baay’ee ulfaataa ta’uu danda’a.
MAAL GOCHUU DANDEESSU?
Dhiifama gochuun maalfaa akka dabalatu hubadhaa. Yeroo tokko tokko Macaafa Qulqulluu keessatti, jechi “dhiifama gochuu” jedhu “dhiisuu” jedhamee itti hojjetameera. Kanaaf dhiifama gochuun, miidhaa raawwatame irraanfachuu ykn salphisanii ilaaluu kan gaafatu miti. Kanaa mannaa, yeroo tokko tokko fayyaafi gaa’ela keenyaaf jennee dhimmicha dhiisuu jechuudha.
Miidhaa dhiifama gochuu dhiisuun geessisu hubadhaa. Hayyoonni tokko tokko, haaloo qabatanii turuun gaa’elarratti miidhaa geessisu malees, dhiphina sammuufi dhiibbaa dhiigaa dabalatee miidhaa qaamaafi miiraa garaagaraatiif nama saaxiluu akka danda’u dubbatu. Macaafni Qulqulluun, “Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta’aa; . . . waliif dhiisaa!” kan jedhu kanaafidha.—Efesoon 4:32.
Faayidaa dhiifama gochuun qabu hubadhaa. Amala dhiifama walii gochuu qabaachuun keessan, dogoggora funaanuu mannaa bira darbuun faayidaa akkamii akka qabu hubachuuf isin gargaara. Kunimmoo haaloo akka hin qabanneefi jaalalli isin waliif qabdan akka guddatu godha.—Seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu: Qolosaayis 3:13.
Dhugaa jiru amanaa. Hiriyaan gaa’elaa keessan hir’ina akka qabu amantanii yoo fudhattan dhiifama gochuun salphaa ta’uu danda’a. Kitaabni Faayitiing foor Yuur Maareej jedhamu, “Wanta hin argannerratti yoo xiyyeeffattan wanta argattan hunda salphaatti irraanfattu. Kanaaf, jireenya keessan isa ammaa keessatti isa kamirratti xiyyeeffachuu barbaaddu?” jechuudhaan dubbateera. Isiniin dabalatee namni mudaa hin qabne akka hin jirre yaadadhaa.—Seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu: Yaaqoob 3:2.
Sababa qabeessa ta’aa. Kana booda gochi ykn dubbiin hiriyaa gaa’elaa keessanii yoo isin aarse akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Dhimmichi dhuguma hangana kan nama aarsudhaa? Dhiifama gaafatamuun na barbaachisaa? Akkasumatti irra darbuuhoo nan danda’a?’—Seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu: 1 Phexros 4:8.
Barbaachisaa taanaan dhimmicharratti mari’adhaa. Akkas kan mufattan maaliif akka ta’e tasgabbiidhaan ibsaa. Hiriyaa gaa’elaa keessan karaa hin taaneen hin hubatinaa ykn ‘wantin jedhe qofti haata’u’ hin jedhinaa; akkas gochuun inni biraanis sirrii ta’uusaa ibsuuf falmii keessa akka seenu godha. Kanaa mannaa, miidhaa gochi hiriyaa gaa’elaa keessanii isinirraan ga’e qofa dubbadhaa.