LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 4/15 ful. 6-7
  • Jaalala

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jaalala
  • Dammaqaa!—2015
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ittiin Baafata
    Dammaqaa!—2015
  • Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe: Kitaabni Qulqulluun Qajeelfama Amansiisaa Kenna
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2024
  • Hiriyaa Ga⁠a⁠ʼelaatiif Amanamuu
    Dammaqaa!—2015
  • Mata Duree Fuula Jalqabaa
    Dammaqaa!—2016
Dammaqaa!—2015
g 4/15 ful. 6-7

MATA DUREE FUULA JALQABAA | MACAAFNI QULQULLUUN YEROO HARʼAATTI NI FAYYADAA?

Seerawwan buʼuuraa Namoota Hundaaf Hojjetanii fi Yeroon Itti Hin Dabarre​—Jaalala

SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU: “Jaalala waan hundumaa tokkummaa hirdhinna hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.”—Qolosaayis 3:14, Hiikkaa Waltaʼaa Haaraya.

FAAYIDAA ISAA: Jaalalli Macaafa Qulqulluu keessatti baayʼinaan caqasame jaalala saala faallaa miti. Kanaa mannaa, jaalala seera buʼuuraa irratti hundaaʼee fi amaloota kanneen akka obsaa, gara laafinaa, waliif dhiisuu, gad of deebisuu, amanamummaa, gaarummaa fi garraamummaatiin beekamu dha. (Miikiyaas 6:8; Qolosaayis 3:12, 13) Jaalalli kun, jaalala sinsinnii yeroo booda badu irraa haala adda taʼeen, yeroo hunda guddachaa deema.

Breendaan, isheen erga heerumtee gara waggaa 30 ishee taʼe, “Jaalalli namoonni reefuu wal fuudhan waliif qaban, jaalala gaaʼelli turaa yeroo deemu jiraatuu wajjin yeroo wal bira qabamu hammana miti” jetteetti.

Saam, inni erga fuudhee waggaa 12 isa taʼe akkana jedheera: “Anii fi haati manaa koo gorsi Macaafa Qulqulluu faayida qabeessaa fi salphaa taʼuun isaa nu gammachiisa, darbees nu dinqisiisa! Yeroo hojii irra oolfamu wanti hundumtuu gaarii taʼa. Haa taʼu malee, yeroo hunda hojii irra oolchuu kanan barbaadu taʼus, yeroo tokko tokko fakkeenyaaf yeroo miirri koo dafee miidhamu, yeroon hamma tokko ofittoo taʼuu fi yeroon dadhabu hojii irra hin oolchu. Yeroo akkasiitti, Yihowaan ilaalcha dogoggoraa of irraa akkan ittisu akka na gargaarun isa kadhadha. Achii haadha manaa koon hammadha; sana booda baayʼee utuu hin turin waan hundumtuu nagaa taʼa!”

“Ogummaan Waaqayyoo ija hojii isaatiin dhugaa argate”

Yesus Kiristos, “Ogummaan Waaqayyoo ija hojii isaatiin dhugaa argate” jedheera. (Maatewos 11:19) Kanaafuu, Macaafni Qulqulluun kitaaba ogummaa dhugaa of keessatti qabate dha jechuu ni dandeenya. Barumsii fi seerri buʼuuraa achi keessa jiru buʼa qabeessaa fi yeroon kan itti hin dabarre dha. Aadaa fi saba hunda keessatti ni hojjeta. Qaamni seerawwan kana baase uumama namootaa akka gaariitti akka beekuu fi namootaa ol akka taʼes nuu mirkaneessa; qaamni kun Uumaa keenya Yihowaadhaan ala eenyu iyyuu taʼuu hin dandaʼu. Dhugaa dha, namni tokko dhugaawwan kana mirkaneeffachuu kan dandaʼu, seerawwan kana yeroo hojii irra oolchu qofa dha. Macaafni Qulqulluun, “Gaarummaan Waaqayyoo attam akka taʼe, isin miyeeffadhaa ilaalaa!” jedhee kan nu afeeru kanaafi. (Faarfannaa 34:8) Afeerraa kana ni fudhattaa?

MACAAFNI QULQULLUUN JIREENYA KOO FOOYYESSEERA

Liin Kibba Baha Eeshiyaa jiraatti. Macaafni Qulqulluun akkamitti jireenya ishee akka jijjiire Dammaqaatti! himteetti.

Kanaan dura amantii kam hordofta turte?

Maatiin koo amantii Budihiizmii hordofu; akkasumas aadaa irratti xiyyeeffatu. Waaʼee Waaqa isa dhugaa waan tokko iyyuu hin beekun ture.

Jireenya keetti ni gammadda turtee?

Lakki! Rakkina hedduun qaba ture. Qarshii kootti sirriitti fayyadamuu hin dandaʼun ture; hiriyaa gaarii argachuu kanan dandaʼu akkamitti akka taʼe hin beekun ture; akkasumas, rakkina isaanii irratti maatii koo gargaaruu hin dandeenyen ture.

Achii jireenyi kee ni fooyyaʼe. Akkamitti akka taʼe nutti himi mee.

Shamarran Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan Macaafa Qulqulluu na qayyabsiisuu jalqaban. Rakkinni yeroo na mudatu, gorsan isaan gaafadha ture. Umuriidhaan kanan isaan caalu taʼus gorsa baayʼee gaarii taʼe naa kennu turan; gorsa kan naa kennan garuu yaada ofii isaanii irratti utuu hin taʼin, Macaafni Qulqulluu irratti hundaaʼanii ti.

Amma barumsa Macaafa Qulqulluu hojii irra oolchuun faayidaa akkamii akka qabu jireenya koo keessatti waanan argeef, kitaaba kana kan barreessise Waaqayyo taʼuu isaa, akkasumas nama hojii irra oolchuuf carraaqu hunda kan gargaaru taʼuu isaa guutummaattan amana. Barumsi biyya lafaa faayidaa mataa isaa kan qabu taʼus, kana gochuu hin dandaʼu.

Yaada kana balʼinaan nuu ibsuu dandeessaa?

Warri koo koolleejiitti barataniiru, akkasumas hawaasa keessatti iddoo guddaa qabu. Haa taʼu malee, rakkoowwan isaaniitiif furmaata hin arganne. Wal hiikaniiru, akkasumas gammachuu hin qaban. Yommuun koolleejii turetti, yeroon hawaasni tokko fincilaan qofa itti fooyyaʼu jira ennaa jedhamu dhagaʼeen ture. Haa taʼu malee, Waaqayyo dandeettiis taʼe aangoo ofiin of bulchuu waan nuu hin kennineef, carraaqqiin namoonni godhan furmaata dhugaa akka hin fidne Macaafni Qulqulluun ni dubbata. Bulchiinsi namaa hundi mudaa kan qabuu fi malaanmaltummaadhaaf kan saaxilame kan taʼe kanaafi.a Waaqayyoof yeroo bullu garuu, jireenya keenya fooyyeffachuu fi namoota irratti dhiibbaa gaarii gochuu ni dandeenya.

Macaafni Qulqulluun kan si gargaare akkamitti?

Karaawwan hedduudhaan na gargaareera. Wanti na yaaddessu hedduun hin jiru; akkasumas yeroo ammaa hiriyoota gaarii qaba. Qarshiitti sirriitti fayyadamuu waanan bareef qarshii iddoo tokko tokko deemuuf na dandeessisu qaba. Hunda caalaa immoo, namoota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruu dandaʼeera.

a Lallaba 8:9 fi Ermiyaas 10:23 ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi