LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g17 Lakk. 2 ful. 3
  • Waaʼee Humnoota Addaa Baruuf Fedhii Guddaa Qabaachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaʼee Humnoota Addaa Baruuf Fedhii Guddaa Qabaachuu
  • Dammaqaa!—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ittiin Lixa
    Dammaqaa!—2017
  • Ittiin Lixa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Ittiin Baafata
    Dammaqaa!—2017
  • Kitaabni Qulqulluun Gocha Hafuurota Hamoo Irratti Hirmaachuu Ilaalchisee Maal Barsiisa?
    Dammaqaa!—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2017
g17 Lakk. 2 ful. 3
Mucaa wanta meeshaa elektirooniksii isaatiin ilaalaa jirutti gammadaa jiru

MATA DUREE FUULA JALQABAA | HUMNOOTA ADDAA DUUBA MAALTU JIRA?

Waaʼee Humnoota Addaa Baruuf Fedhii Guddaa Qabaachuu!

“Vaampaayerii, weerwoolfii fi zoombii warra jedhaman caalaa, gochi jinniiwwanii babalʼachaa waan jiran fakkaata.” —Za Wool Istiriit Joornaal.

HUMNOONNI ADDAA kan akka qaalluu, moortuu fi vaampaayeroonni babbareedoo taʼan, kitaabota, fiilmotaa fi taphawwan viidiyoo keessatti garmalee babalʼachaa jiru. Qalbii namaa hawwachuu kan dandaʼan maaliifi?a

Piroofeesara dhimma hawaasaa kan taʼan Kilood Fiishar akkana jedhanii barreessaniiru: “Ekeraatti amanuun waggoota kurnanii asitti dabalaa dhufeera; lammiilee Ameerikaa keessaa duraan namoonni ekeraatti amanan kudhan keessa tokko kan turan siʼa taʼu, amma garuu namoota sadii keessaa namni tokko ekeraatti ni amana. Dargaggoonni Ameerikaa raagdoota bira dhaqan, ekeraatti amananii fi gara manneen jinniiwwan akka jiran yaadaman akka dhaqan dubbatan maanguddoota wantoota akkasii godhan irra harka lama caalu.”

Seenaawwan hafuurota hamoo namoota keessa jiraatanii haala sodaachisaa taʼeen deebiʼanii dhufuun isaanii nu dinqisiisuu hin qabu. Maayikil Kaaliyaan barruu Za Wool Istiriit Joornaal jedhamu irratti akkana jedhee barreesseera: “Waggoota kurnan darban keessatti namoonni jinniidhaan qabamuun isaanii aadaa beekamoo adda addaa keessatti deebiʼee dhufuu isaatiif sababii kan taʼan, zoombii, weerwoolfii fi vaampaayeroota dha.”

Gabaasni tokko akka jedhetti, “namoonni dhibbeentaa 25 hanga 50 taʼanii fi iddoo adda addaatti argaman ekeraatti ni amanu; akkasumas waaʼeen ekeraa barreeffamoota aadaawwan hedduu keessatti balʼinaan ni ibsama.” Qorannaan piroofeesaroonni dhimma hawaasaa Kiriistoofar Baaderii fi Kaarson Meenken Yunaayitid Isteetis keessatti adeemsisan akka argisiisutti immoo, “namoota Ameerikaa keessaa yoo xinnaate dhibbeentaa 70 hanga 80 kan taʼan humna addaa tokkotti cimsanii amanu.”

Gocha hafuurota hamoo fi humnoota addaatti amanuun wanta miidhaa hin qabne dhaa?

a Humnoota addaa: Wanta “gama saayinsiitiin ykn seera uumamaatiin ibsamuu hin dandaʼamne dha.”—Miiriyaam Weebistarsi Larnarsi Diikshinarii.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi