LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g17 Lakk. 5 ful. 3-7
  • Yommuu Balaan Gaʼu Tarkaanfii Nama Oolchuu Dandaʼu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yommuu Balaan Gaʼu Tarkaanfii Nama Oolchuu Dandaʼu
  • Dammaqaa!—2017
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • BALAA DURA​—QOPHAAʼI!
  • YEROO BALAAN GAʼU​—ARIITIIDHAAN TARKAANFII FUDHADHU
  • BALAA BOODA​—OF EEGGANNOO TAASISI!
  • Yeroo Balaan Uumamaa Ga’uuf Of Qopheesitaniittuu?
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • Qophooftaniittuu?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Dhuma ‘Guyyoota Dhumaatiif’ Qophaaʼoo Taʼaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Warri Kaan Rakkina Akka Dandamatan Gargaari
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2017
g17 Lakk. 5 ful. 3-7
Namoota ibidda dhaamsaa jiran

MATA DUREE FUULA JALQABAA

Yommuu Balaan Gaʼu Tarkaanfii Nama Oolchuu Dandaʼu

“Dhoʼinsi guddaan gurra namaa duuchu lafaan na dhaʼee oole. Aarri karaa qaawwa qilleensa galchuun ol seenuu jalqabe. Waajjira keenya isa gamoo irra tures ibiddi ni qabate.” —Jooshuwaa.

Kirkira lafaa . . . obmboleettii . . . balaa shororkeessitootaa . .  dhukaasa mana barumsaatti raawwatamu. Jechoonni kun yeroo baayʼee angafaa oduu taʼanii baʼu. Dhugaa dubbachuuf garuu, waaʼee balaa dubbisuu fi balaa keessa darbuun baayʼee garaa gara. Carraa balaa irraa ooluuf qabdu guddisuuf, balaa dura, yeroo balaatti fi balaa booda maal gochuu dandeessa?

BALAA DURA​—QOPHAAʼI!

BALAAN hunda keenya irra iyyuu gaʼuu dandaʼa. Dursanii qophaaʼuun balaa irraa ooluuf murteessaa dha. Kun maalfaa dabalata?

  • Sammuu kee qopheessi. Balaan uumamuu akka dandaʼuu fi siinis taʼe namoota ati jaallattu miidhuu akka dandaʼu amanii fudhadhu. Erga balaan gaʼee booda qophaaʼuuf yaaluun, ‘erga waraabessi darbee booda sareen dutte’ akkuma jedhamu taʼa.

  • Waaʼee balaawwan naannoo keetti taʼuu dandaʼanii odeeffannoo qabaadhu. Bakki itti baqachuun dandaʼamu dursii beeki. Akkaataan manni kee itti ijaaramee fi bakki inni itti ijaarame balaadhaaf kan hin saaxille taʼuu isaa mirkaneessi. Meeshaa ibiddi akka uumamu taasisu dhabamsiisi. Fakkeenyaaf, qoricha farra ilbiisaa, tamboo xuuxame, dungoo, kibriitii, bobaʼaa. Akkasumas ibidda qabsiistanii dhiistanii hin deeminaa.

  • Wantoota yeroo balaan gaʼutti barbaachisan qopheeffadhu. Yeroo balaan gaʼutti humni ibsaa, bishaan, bilbilaa fi geejjibni jiraachuu dhiisuu dandaʼu. Konkolaataa yoo qabaatte bobaʼaa konkolaataa kee yoo xinnaate walakkaa ol akka qabaatu godhi; yeroo hunda nyaata, bishaanii fi saanduqa miʼa barbaachisaa taʼe hunda qabate qopheeffadhu.—Saanduqa “Wanta Si Barbaachisu Qabdaa?” jedhu ilaali.

    Maatii wanta balaadhaaf isaan barbaachisu qopheessaa jiran

    Qophii gochuun kee balaa irraa ooluuf murteessaa dha

  • Lakkoofsa bilbilaa michoota kee dhihoos taʼe fagoo jiranii qabaadhu.

  • Tooftaa balaa jalaa itti ooltu qopheeffadhu, akkasumas shaakali. Mana kee keessaa karaan dhihoo ittiin baʼuu dandeessu isa kam akka taʼe beeki; akkasumas tooftaa manni barumsaa ijoollee kee yeroo balaatiif qopheesse beeki. Iddoowwan maatiin itti walgaʼu, jechuunis mana barumsaa ykn mana kitaaba ykn iddoo isinitti dhihoo taʼee fi bakka naannoo kee irraa fagoo taʼe kan biraa murteessaa. Namoonni gama kanaan hubannaa isaa qaban, maatii kee wajjin akkamitti bakka sana akka deemtu akka shaakaltu jajjabeessu.

  • Namoota kaan gargaaruuf karoorfadhu, kunis maanguddootaa fi warra rakkina qaamaa qaban dabalata.

YEROO BALAAN GAʼU​—ARIITIIDHAAN TARKAANFII FUDHADHU

Jooshuwaan inni jalqaba irratti caqasame akkana jedheera: “Ibiddi yeroo kaʼetti namoonni baayʼeen waan hin naaneef, qaqqabachaa turan. Tokko tokko kompiitara isaanii dhaamsaa, kaan immoo koddaa isaaniitti bishaan waraabbachaa turan. Namichi tokko, ‘Tarii takka turree ilaaluu qabna’ jedhe.” Warri kaan mamaa kan turan taʼus, Jooshuwaan “Ammuma asii baʼuu qabna!” jedhee iyye. Yeroo kanatti namoonni isaa wajjin hojjetan mamuu isaanii dhiisanii isaa wajjin gamoo sana irraa buʼuu jalqaban. Jooshuwaan itti fufee akkana jedhe: “Namni tokko yoo kufe ol isa kaasaatii deemuu keessan itti fufaa. Hundi keenya iyyuu ni oolla!”

  • Yeroo ibiddi kaʼu. Lafa irra gangalachaa karaa dhihoo gadi baʼuuf si dandeessisutti ariitiidhaan deemi. Aarri sirriitti arguu kan nama dhowwu taʼuu isaa irra iyyuu, yeroo ibiddi kaʼu yeroo baayʼee namoonni kan duʼan aaraan ukkaamamanii ti. Miʼa keessan dhiisaa deemaa. Sekoondiin muraasni illee dhimma duʼaaf jireenyaa taʼuu dandaʼa.

  • Yeroo kirkira lafaa. Miʼa manaa cimaa taʼe jala seenaa ykn gara keenyan keessa manaatti siqi. Kirkirri lafaa isa duraa booda, sochiin lafaa jiraachuu waan dandaʼuuf hamma si dandaʼametti dafii gadi baʼiitii gamoo irraa fagaadhu. Lubbu baraartonni leenjiʼan kan dhufan saʼaatii hedduu booda taʼuu waan dandaʼuuf, kan dandeessu yoo taʼe warra kaan oolchuuf yaali.

  • Yeroo dambaliin bishaanii kaʼu. Bishaan akka tasaa qarqara galaanaa irraa yoo baqate, ariitiidhaan gara lafa ol kaʼaatii baqadhu. Dambaliin isa duraa caalu kaʼuu akka dandaʼu eegi.

  • Yeroo obomboleettiin kaʼu. Ariitiidhaan gara daʼoo qilleensatti baqadhu.

  • Yeroon Lolaan gaʼutti. Manneen lolaadhaan guutaman irraa fagaadhu. Lolaa keessa hin deemin ykn konkolaataas hin oofin. Lolaa keessa dhangalaʼaa mana boolii, caccabaa nama muruu dandaʼu, boollaa fi shiboon korreentii lafa buʼe jiraachuu dandaʼa.

  • Kana beektaa? Lolaan meetira 0.6 lafa irraa ol kaʼu konkolaataa fudhatee deemuu dandaʼa. Namoonni yeroo baayʼee lolaadhaan kan duʼan, lolaa keessa konkolaataa oofuuf yeroo yaalanitti dha.

  • Abbootiin taayitaa iddoo sanaa akka gadhiistu yoo ajajan, saffisaan gadhiisi! Michoonni kee si barbaaduutti jireenya isaanii balaadhaaf akka hin saaxilleef, bakka jirtu isaaniitti himi.

    Maatii raadiyoo dhaggeeffachaa jiru

    Abbootiin taayitaa naannoo sana akka gadhiistan yoo ajajan, yeruma sana gadhiisaa!

  • Kana beektaa? Ergaa barreeffamaa erguun bilbila bilbiluu caalaa amansiisaa dha.

  • Abbootiin taayitaa jiraattonni manaa akka hin bane yoo ajajan, gadi hin baʼin. Balaan keemikaalaa, baayooloojiikaalaa ykn niwuukilaraa akka tasaa ykn namaan mana kee alatti yoo uumame, manaa hin baʼin, meeshaalee alaa qilleensa galchuudhaan mana qabbanneessan dhaamsi, balbalaa fi foddaa hunda sirriitti cufi. Balaa niiwukilaraa yoo taʼe, carallaan isaa akka si hin miinetti mana kee keessa lafa irra ciisi. Oduu televizyinii ykn raadiyoo naannoo keessanii dhaggeeffadhu. Abbootiin taayitaa balaan uumame toʼatamuu isaa hamma beeksisanitti manaa hin baʼin.

BALAA BOODA​—OF EEGGANNOO TAASISI!

Dhukkubaa fi wantoota sodaachisoo kaan irraa of eeguuf yaadawwan armaan gadii hubadhu:

  • Kaampii keessa turuu manaa yoo dandaʼame michoota kee wajjin taʼi.

  • Bakka jireenyaa kee qulqullinaan eegi.

  • Yeroo wantoota caccabanii fi diigaman qulqulleessitu meeshaalee of eeggannoo dhuunfaa keetti fayyadami. Kan dandaʼamu yoo taʼe, guwaantii, kophee cimaa, baarmexaa cimaa, wanta afaanii fi funyaanitti uwwifamu fayyadami. Shiboo elektiriikii fi ibidda dhokatee jiru irraa of eegi.

  • Sochii guyyaa guyyaatti gootu itti fufi. Ijoolleen kee tasgabbaaʼaa taʼuu kee fi abdii qabachuu kee arguu qabu. Hojii manaa mana barumsa ijoollee keetiif kenname wajjin hojjedhu, taphadhu, akkasumas maatiidhaan waaqeffadhaa. Oduu balaa uumame ilaalchisee gabaafamu irratti hin xiyyeeffatin. Dhiphina ykn aarii kee miseensota maatii kee irratti hin baʼin. Gargaarsa fudhadhu, warra kaanis gargaari.

    Maatii balaan erga gaʼee booda sochii isaanii itti fufan

    Balaa sana booda, sochii guyyaa guyyaatti gootu itti fufi

  • Balaan wanta qabdu balleessuu akka dandaʼu amanii fudhadhu. Mootummoonnii fi qaamonni gargaarsa kennan kaan lubbuu namaa oolchuu irratti malee, wanta bade hunda iddoo buusuu irratti hin xiyyeeffatan. Lubbuudhaan ooluuf, bishaan qulqulluu, nyaata, uffataa fi bakka qilleensa hamaa jalaa daʼoo itti argannu nu barbaachisa.—1 Ximotewos 6:7, 8.

  • Miirri kee miidhamuu akka dandaʼu hubadhu, gargaarsas gaafadhu. Kun yeroo baayʼee balaan inni jalqabaa erga darbee booda mulʼata. Mallattoowwan isaas yaaddoo, dhiphina, geggeederama miiraa, yaadaa ofii toʼachuu fi hojjechuu dadhabuu, akkasumas hirriba dhabuu dha. Wantoonni kun yoo si mudatan michoota sii yaadanitti himi.

Jooshuwaan balaa ibiddaa bakka hojii isaatti gaʼe irraa kan oole taʼus, namoonni inni beeku hedduun duʼaniiru. Jaarsoliin Kiristiyaanaa fi ogeessonni fayyaa sammuu isa gargaaraniiru. Jooshuwaan akkana jedheera: “Gaddi natti dhagaʼamuun isaa miirri koo fayyaa akka jiru akka argisiisuu fi kunis akka darbu naa mirkaneessan. Jiʼa jaʼa booda halkan wareeruu dhiisaan dhufe. Mallattoowwan kaan garuu yeroo dheeraadhaaf turaniiru.”

Balaan, miira haqaa of keessaa qabnu nu keessaa balleessa. Kanaafuu, namoonni tokko tokko dogoggoraan Waaqayyoon komatu. Namoonni akka Jooshuwaa hedduun sammuun isaanii isaan ceephaʼa. Inni akkana jedheera: “Namoota dabalataa oolchuu nan dandaʼan turee laata jedheen amma yoonaatti yaada. Waaqayyo dhiheenyatti lafa irratti haqa guutuu akka fiduu fi wantoota dogoggora taʼan hunda akka sirreessu amanuun koo na jajjabeesseera. Hammasitti garuu, guyyaa tokko lubbuudhaan jiraachuu kootti nan gammada, jabaadhee dhaabachuufis wantan gochuu dandaʼu hunda nan godha.”—Mulʼata 21:4, 5.a

a Abdii Waaqayyo gara fuulduraa ilaalchisee kennee fi rakkinni akka jiraatu maaliif akka heyyame ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu ilaali. Kitaabichi www.jw.org/om irratti ni argama.

WANTA SI BARBAACHISU QABDAA?

Gargaarsa ariitii yeroo balaan gaʼu kennamu

Dhaabilleen yeroo balaatti gargaarsa godhan maatiiwwan wantoota yeroo balaatiif isaan barbaachisu akka qopheeffatanii fi waggaatti al tokko akka fooyyessan jajjabeessu. Wantoonni barbaachisan akka naannoo ykn haala keetti garaa gara taʼuu dandaʼu; kanaaf wanta naannoo keetti hojjetu beekuuf dhaabbata gargaarsaa naannoo kee jiru haasofsiisi.

Akka walii galaatti nama tokkoof yoo xinnaate gara bishaan liitira 11, akkasumas nyaata qophaaʼaa yeroo dheeraa turuu fi guyyaa sadiif si gaʼu akka qopheeffattu jajjabeeffama.

Kana malees, maatiiwwan tokko tokko shaanxaa yeroo balaatiif taʼuu fi meeshaalee akka armaan gadii jiran qabate qopheeffataniiru:b

  • Birdilibsii, uffata qorraa dabalataa fi kophee cimaa

  • Baatirii harkaa, raadiyoo fi dhagaa baatirii dabalataa

  • Saanduqa miʼa yaalii fayyaa jalqabaatiif barbaachisu qabatee fi fiishikaa gargaarsa argachuuf afuufamu

  • Qodaa irratti nyaatan, wanta xaasaa ittiin banan, korojoo meeshaa ittiin waa suphan qabatee fi kibriitii bishaan hin seenne

  • Wanta afaanii fi funyaan ittiin haguuggatan, pilaasterii cimaa, laastikii uffatamu

  • Biruushii ilkaanii, saamunaa, fooxaa fi sooftii mana boolii

  • Furtuu dabalataa kan manaa fi konkolaataa

  • Wantoota daaʼima kunuunsuuf gargaaranii fi maanguddoota ykn qaama miidhamtootaaf barbaachisan

  • Shaanxaa sibiilaa qorichawwan barbaachisan qabate, waraqaa qorichi ittiin ajajamee fi dookmantoota barbaachisoo taʼan

  • Lakkoofsa bilbilaa namoota yeroo balaatti qunnamtu, bakka itti wal argitanii fi kaartaa naannoo sanaa

  • Kaardii ETM fi qarshii

  • Waraqaa, irsaasii, kitaabaa fi ashaangulliitii ijoollee

  • Kitaaba Qulqulluu

b Wantonni olitti ibsaman hundi haala keessaniif ykn naannoo keessaniif taʼuu dhiisuu dandaʼu. Wantoota as irratti hin ibsamne tokko tokkos itti dabaluun isin barbaachisuu dandaʼa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi