LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g19 Lakk. 3 ful. 12-13
  • Karaa Hafuuraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Karaa Hafuuraa
  • Dammaqaa!—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ABDII
  • DEEBII GAAFFILEE JIREENYA ILAALCHISEE GAAFATAMANII
  • QAJEELFAMOOTA KITAABA QULQULLUU KAN BIROO
  • Gaaffiiwwan gurguddaa jireenya keessatti nu mudataniif eessaa deebii argachuu dandeenya?
    Gaaffiiwwan gurguddaa jireenya keessatti nu mudataniif eessaa deebii argachuu dandeenya?
  • Maatiidhaaf Gargaarsa Dabalataa
    Dammaqaa!—2018
  • Nama Hafuuraa Jechuun Maal Jechuudha? Amantaan Hordofu Utuu Hin Qabaatin Nama Hafuuraa Taʼuu Nan Dandaʼaa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Warraaf Gargaarsa Dabalataa
    Dammaqaa!—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2019
g19 Lakk. 3 ful. 12-13
Dubartiin takka paarkii keessa barcumarra teessee xiinxalaa jirti

Karaa Hafuuraa

Akkuma mata duree jalqabaarratti ibsametti namoonni hedduun Kitaaba Qulqulluu akka kitaaba amantaatti ilaalu. Kitaaba kana yeroo dubbisanii fi qajeelfama isaa yeroo hojiirra oolchan caalaatti Waaqayyotti akka dhihaatan isaanitti dhagaʼama, kaayyoo jireenya isaanii keessatti qabanis ni hubatu.

Kitaabni Qulqulluun akka dubbatutti “namni hafuuraa” jireenyaaf ilaalcha gaarii qaba. (1 Qorontos 2:15a) Nama foonii ofirratti xiyyeeffaturraa haala adda taʼeen, namoonni ilaalcha hafuuraa qaban ulaagaalee Waaqayyootiif iddoo guddaa kennu.—Efesoon 5:1.

ABDII

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Yeroo rakkinaatti yoo abdii kutatte, humni kee ni xiqqaata.”—Fakkeenya 24:10, miiljalee.

MAAL JECHUUDHA? Abdii kutannaan humna rakkina jireenya keessatti nu mudatu dandamachuuf nu barbaachisu nu jalaa fixuu dandaʼa. Abdiin garuu ija jabina carraaqqii gochuu keenya itti fufuuf nu barbaachisu nuuf argamsiisa. Abdii yoo qabaanne rakkinni nu mudatu hedduun yeroodhaaf qofa kan turu akka taʼe hubanna; dhugaa dubbachuuf, rakkinni nu mudatu buʼaa gaariis argamsiisuu dandaʼa.

WANTA GOCHUU DANDEESSU: Waaʼee wantoota gaggaarii gara fuulduraatti dhufanii yaadi. Waaʼee wanta uumamuu dandaʼuu yaaddaʼuu ykn haalli guutummaatti mijataa taʼe hamma dhufutti eeguu mannaa, tarkaanfii galmawwan kee wajjin wal simu fudhadhu. Dhugaadha, “wanti hin eegamne” uumamuu dandaʼa. (Lallaba 9:11) Taʼus garuu, yeroo baayʼee haalli isaa isa nuti eegnerra kan wayyu taʼuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun hojii qonnaa akka fakkeenyaatti fayyadamuudhaan haala isaa yeroo ibsu akkana jedha: “Ganamaan sanyii kee facaasi, hamma galgalaattis harki kee hin boqotin; sababiin isaas, inni kam akka guddatu, inni kun yookiin inni sun yookiin lamaanuu gaarii taʼuu fi dhiisuu isaanii hin beektu.”—Lallaba 11:6.

DEEBII GAAFFILEE JIREENYA ILAALCHISEE GAAFATAMANII

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Dubbiin kee dhugaa dha.”—Yohaannis 17:17.

MAAL JECHUUDHA? Kitaabni Qulqulluun gaaffilee namoonni hundi jechuun ni dandaʼama gaafataniif deebii ni kenna. Fakkeenyaaf, gaaffilee kanneeniif deebii ni kenna

  • Eessaa dhufne?

  • Kan uumamne maaliifi?

  • Namni tokko yeroo duʼu maal taʼa?

  • Jireenyi kanuma qofaa?

Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi addunyaa maratti argaman deebii Kitaabni Qulqulluun gaaffilee kanaa fi kan birootiif kennu qoruudhaan jireenya isaanii fooyyeffachuu dandaʼaniiru.

WANTA GOCHUU DANDEESSU: Wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu ofuma keetiin qori. Kitaaba Qulqulluu hubachuuf akka si gargaaruuf Dhugaa Baatuu Yihowaa tokko gaafadhu. Weebsaayitii keenya jw.org ilaali ykn walgaʼii keenya tokkorratti argami; walgaʼii keenyarratti argamuuf kaffaltiin hin gaafatamu, namoota hundumaafis banaadha.

QAJEELFAMOOTA KITAABA QULQULLUU KAN BIROO

Dubartiiin takka jw.org irraa viidiyoo Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu kan Qabnu Maaliifi? jedhamu ilaalaa jirti

Viidiyoo Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu kan Qabnu Maaliifi? jedhamu jw.org irraa ilaali. Afaan 880 oliin argama

KARAA HAFUURAA OF KUNUUNSI.

“Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha.”—MAATEWOS 5:3.

WAAʼEE WAAQA ISA KITAABA QULQULLUU KEESSATTI IBSAMEE CAALAATTI BARADHU.

“Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata.”—YAAQOOB 4:8.

ERGAA KITAABA QULQULLUU DUBBISII IRRATTI XIINXALI.

“Seera Yihowaattia ni gammada, seera isaa irrattis halkanii fi guyyaa ni xiinxala. . . . Wanti inni godhu hundis isaaf ni milkaaʼa.”—FAARFANNAA 1:2, 3, miiljalee.

a Akka Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsametti Yihowaan maqaa Waaqayyooti.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi