LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g20 Lakk. 2 ful. 8-9
  • 2. Rakkina Keenyaaf Numatu Itti Gaafatamaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 2. Rakkina Keenyaaf Numatu Itti Gaafatamaa?
  • Dammaqaa!—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kana Beekuu Kan Qabnu Maaliifi?
  • Mee Yaadi
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Baafata Mata Duree
    Dammaqaa!—2020
  • 4. Akka Rakkannuuf Uumamnee?
    Dammaqaa!—2020
  • 1. Rakkina Keenyaaf Waaqayyotu Itti Gaafatamaa?
    Dammaqaa!—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2020
g20 Lakk. 2 ful. 8-9
Namni tokko harka isaa tokkotti sijaaraa, harka isaa kan biraatti immoo biiraa baname qabatee mana isaa keessa taaʼaa jira.

2. Rakkina Keenyaaf Numatu Itti Gaafatamaa?

Kana Beekuu Kan Qabnu Maaliifi?

Deebiin isaa eeyyee yoo taʼe, nuti rakkina keenya hirʼisuuf humna qabna jechuu taʼuu dandaʼa.

Mee Yaadi

Rakkoowwan armaan gadiitiif namoonni hangam gumaacha godhan?

  • Mallattoo nama aboottifatee jiruu fi miidhaa argisiisu.

    Miidhaa.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) akka tilmaametti, dhiirota gaʼeessa taʼan 4 keessaa 1 ijoollummaatti yeroo taʼe tokkotti miidhaan qaamaa kan isaan irra gaʼe siʼa taʼu, dubartoota 3 keessaa 1 immoo miidhaan qaamaa ykn miidhaan saalaa (ykn lamaanuu) jireenya isaanii keessatti yeroo taʼe tokko isaan irra gaʼeera.

  • Dhagaa awwaalchaa iddoo awwaalaa argisiisuuf mallattoo taʼe.

    Nama jaallatan duʼaan dhabuu.

    Gabaasni Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin bara 2018titti qophaaʼe, “Bara 2016 addunyaa maratti tilmaamaan namoonni 477,000 taʼan akka ajjeefaman” argisiisa. Lakkoofsi kun namoota 180,000 waggaa kanatti sababa waraanaa fi walitti buʼiinsaatiin ajjeefaman hin dabalatu.

  • Mallattoo onnee sarara EKG qabuu fi dhibee fayyaa argisiisu.

    Rakkoowwan Fayyaa.

    Barreessaan Firaan Ismiiz jedhaman, mata duree barruu Naashinaal Jiʼoogiraafii irratti baʼe tokko irratti, “namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman tamboo ni xuuxu; tamboon immoo wantoota duʼaaf sababa taʼan, kan akka dhukkuba onnee, dhiigni kantaruu fi dhukkuba sombaa keessaa isa guddaa dha” jedhaniiru.

  • Mallattoo madaallii gara tokkotti madaalee fi wal caalmaa hawaasaa argisiisu.

    Wal caalmaa Hawaasa keessatti mulʼatu.

    Ogeessi xin-sammuu, Jeey Waatis jedhaman, “hiyyummaan, wal caalmaan, sanyiidhaan nama qooduun, akkasumas saalaa ofiitiin jibbamuun, godaanuu fi wal dorgommiin carraa dhibee sammuutiin qabamuu dabalu” jedhaniiru.

    CAALAATTI BARADHU

    Viidiyoo Waaqayyo Lafa Kan Uume Maaliifi? jedhu jw.org irraa ilaali.

Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Namichi olitti ilaalle siree hospitaalaa irra ciisee jira. Doktarichi waaʼee fayyaa abbaa manaa ishii oduu gaddisiisaa yommuu dubbatu haati manaa isaa achi garagalti.

Rakkoowwan yeroo harʼaa addunyaa irra jiran hedduun namootaan kan dhufani dha.

Rakkoowwan hedduun mootummoota namoota ni tajaajilla jedhan irratti abbaa irree taʼuudhaan, jireenyi akka isaanitti ulfaatu godhaniin dhufu.

‘Inni tokko warra kaan irratti mo’ee isaan miidha.’—LALLABA 8:9.

Rakkina hirʼisuun ni dandaʼama.

Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu fayyaa gaarii fi warra kaanii wajjin hariiroo gaarii qabaachuu jajjabeessa.

“Yaadni nagaa qabu namummaa namaatiif jireenya in kenna; hinaaffaan garuu lafee in bososiisa.”—FAKKEENYA 14:30.

“Jibba guddaa, aarii, dheekkamsa, iyya, arrabsoo fi wanta miidhaa geessisu hundumaa of irraa fageessaa.”—EFESOON 4:31.

Rakkina keenyaaf numatu itti gaafatamaa?

Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: “Namni waanuma facaase sana haammata.” (Galaatiyaa 6:7) Rakkoowwan tokko tokko kan nutti dhufan filannoo gooneen kan kaʼe dha. Doktaroonni, namoonni nyaata madaalamaa akka nyaatan, sochii qaamaa akka godhanii fi gochawwan miidhaa geessisan kan akka tamboo xuuxuu irraa akka fagaatan kan gorsan kanaafi. Taʼus, rakkoowwan hunda kan fidu namoota dha jedhanii yaaduun dogoggora dha. Namoonni balleessaa hin qabne hedduun, balaa nam-tolchee fi gaagaʼama akkasumas wantoota gaddisiisoo kan biroodhaan dararamu.

Namoonni gaariin kan rakkatan maaliifi?

Gaaffii 3⁠ffaa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi