LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g21 Lakk. 1 ful. 12-13
  • Barumsa Abdii Nuuf Argamsiisu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barumsa Abdii Nuuf Argamsiisu
  • Dammaqaa!—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyo Namoota Hamoo ni Balleessa
  • Waaqayyo Seexana ni Balleessa
  • Waaqayyo Dhukkubaa fi Duʼa ni Balleessa
  • Uumaan Keenya Lafa Jannata Godha
  • Waaqayyo Namoota Duʼan Duʼaa ni Kaasa
  • Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maalinnii?
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maalinni?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Michoonni Waaqayyoo Jannata Keessa Jiraatu
    Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Rakkinni Dhiheenyatti Ni Bada!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2021
g21 Lakk. 1 ful. 12-13
Namoonni jannata bareedaa nyaata hedduu qabu keessa bineensotaa wajjin nagaadhaan jiraachaa jiru.

Barumsa Abdii Nuuf Argamsiisu

Waaqayyo dhiheenyatti jijjiiramni baayʼee nama gammachiisu akka dhufu waadaa galeera. Rakkina balleessuudhaan ilmaan namootaa gammachuudhaan lafa irra akka jiraatan godha. (Faarfannaa 37:11) Waadaan kun amansiisaa kan taʼe maaliifi? Sababiin isaas, “Waaqayyo akka namaa soba hin dubbatu.” (Lakkoofsa 23:19) Mee wantoota gaggaarii Uumaan keenya gara fuulduraatti raawwatu muraasa haa ilaallu.

Waaqayyo Namoota Hamoo ni Balleessa

“Hamoonni akka aramaatti kan biqilan, warri balleessaa raawwatanis kan lalisan taʼus, bara baraaf ni balleeffamu.”—FAARFANNAA 92:7.

Akkuma mata duree darbe irratti ilaalle hamminni yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira. Garuu kun nu dinqisiisuu hin qabu. Sababiin isaas, kun akka taʼu Kitaaba Qulqulluu keessatti dursee dubbatameera; 2 Ximotewos 3:1-5 “guyyoota dhumaatti” namoonni caalaatti hamoo akka taʼan dubbata. Guyyoota dhumaa jechuun maal jechuu dha? Guyyoota dhumaa namoota Waaqayyoof hin ajajamnee jechuu dha. Dhiheenyatti, Waaqayyo namoota amala isaanii isa gadhee jijjiiruu hin barbaanne ni balleessa. Achiis namoota gaarii, jechuunis namoota Waaqayyoof ajajaman qofatu hafa. “Qajeelonni lafa ni dhaalu, bara baraafis ishii irra ni jiraatu.”—Faarfannaa 37:29.

Waaqayyo Seexana ni Balleessa

“Waaqayyo inni nagaa kennu ofii isaatii dhiheenyatti Seexana . . . ni buruqsa.”—ROOMAA 16:20.

Seexanaa fi jinniiwwan isaa dabalatee namoonni hamoon hundi yeroo balleeffamanitti lafti nagaa argatti. Uumaan keenya waadaa, “Eenyu iyyuu [isin] hin sodaachisu” jedhu nuuf galeera.—Miikiyaas 4:4.

Waaqayyo Dhukkubaa fi Duʼa ni Balleessa

“Dunkaanni Waaqayyoo namootaa wajjin jira . . . Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu.”—MULʼATA 21:3, 4.

Waaqayyo waan hundumaa waan haaressuuf dhiphinaa fi dhukkuba sababa Seexanaatiin, sababa Addaamii fi Hewaaniin, akkasumas cubbuu dhaalleen kan kaʼe nutti dhufe ni balleessa. Kanaafuu, “duutis kana booda hin jiraatu.” Namoonni Uumaa isaanii jaallatanii fi isaaf ajajaman bara baraaf jiraatu. Garuu eessa jiraatu?

Uumaan Keenya Lafa Jannata Godha

“Lafti onaanii fi lafti waxalamaan ni gammadu, gammoojjiin ni gammada, akkuma saafronittis ni daraara.”—ISAAYYAAS 35:1.

Waaqayyo yeroo hammina balleessutti lafti jannata taati! Iddoowwan biqiltuu babbareedoo fi nyaata gaʼaas ni qabaatti. (Faarfannaa 72:16) Garbawwan, haroowwanii fi lageen qulqulluu ni taʼu; lubbu qabeeyyii hedduunis isaan keessa ni jiraatu. Yeroo sanatti jecha “faalama” jedhu iyyuu hin dhageenyu! Namoonni mana ni ijaarratu, keessas ni jiraatu. Eenyu iyyuu mana keessa jiraatu hin dhabu, hin beelaʼu, akkasumas hin hiyyoomu.—Isaayyaas 65:21, 22.

Waaqayyo Namoota Duʼan Duʼaa ni Kaasa

‘Namoonni duʼaa ni kaafamu.’—HOJII ERGAMOOTAA 24:15.

Namoota jaallattuu fi duʼaan dhabde deebistee argachuu ni barbaaddaa? Waaqni inni Hundumaa Dandaʼu duʼaa isaan kaasuudhaan lafa Jannata taate irra isaan jiraachisa. Ati isaan ni yaadatta, isaanis si yaadatu. Mee atis taate warri duʼaa kaʼan hammam akka gammaddan yaadi! Abdiin kun akka raawwatamu mirkanaaʼoo kan taane maaliifi? Sababiin isaas, Kitaabni Qulqulluun namoonni guguddaanis taʼan ijoolleen duʼaa akka kaafamanii fi deebiʼanii maatii isaanii wajjin akka jiraatan ni dubbata. Kana malees, Yesuus yeroo baayʼee namoota duʼan duʼaa kan kaase bakka namoonni hedduun jiranitti dha.—Luqaas 8:49-56; Yohaannis 11:11-14, 38-44.

Amma Gammachuu Dhugaan Qaba

“Lafti jannata akka taatu, akkasumas rakkinni, dhukkubnii fi duuti akka balleeffamu jalqaba yeroon dhagaʼetti miira natti dhagaʼame nan yaadadha. ‘Kun matumaa taʼuu hin dandaʼu’ jedhee waanan yaadeef keessa kootti nan kolfe! Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun koo garuu wanta kitaabni adda taʼe kun waaʼee gara fuulduraa dubbatu dhugaa taʼuu isaa amanuuf na kakaaseera. Kitaabni Qulqulluun Kitaaba Waaqaa akka taʼe nan hubadhe. Kanaan dura, yeroo baayʼee fuula koo irraa yaaddoo fi gaddatu mulʼata ture. Amma garuu gammachuu dhugaan qaba. Maatii fi michoonni koo illee kana hubataniiru.”—Raavii.

Raavii.

Caalaatti baradhu:

Waaʼee kaayyoo Uumaan keenya ilmaan namootaa bara baraaf lafa jannata taate irra akka jiraataniif qabu ilaalchisee barumsa dabalataa argachuuf, jw.org/om irraa BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU > DEEBII GAAFFII KITAABA QULQULLUU > JIREENYAA FI DUʼA jedhu jalaa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi