LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g21 Lakk. 3 ful. 10-13
  • Kitaaba Qulqulluurraa Maal Baranna?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Qulqulluurraa Maal Baranna?
  • Dammaqaa!—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Wanta Kitaabni Qulqulluun hin barsiisne
  • Waaqayyo Hawaa Uumuu kan Jalqabe Yoomi?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Uumamaa Dhokatee Jiru
    Dammaqaa!—2014
  • Saayinsii fi Seenaa Kitaaba Uumamaa
    Jireenyi Uumamaan Argamee?
  • Uumama 1:1—“Waaqayyo Jalqabatti Bantiiwwan Waaqaa fi Lafa Uume”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2021
g21 Lakk. 3 ful. 10-13

Kitaaba Qulqulluurraa Maal Baranna?

“Yeroo samii fi lafti uumamanitti . . . wanti raawwatame kana dha.” (Uumama 2:4) Kitaabni Qulqulluun jechoota kanatti fayyadamuudhaan pilaaneetiin keenya akkamitti akka argame ibsa. Wanti Kitaabni Qulqulluun dubbatu wantoota saayinsiidhaan mirkanaaʼan wajjin wal simaa? Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.

Jalqaba irratti: Hawaanii fi lafti ni uumaman

Hawaan jalqaba qabaa?

Uumamni 1:1, “Jalqaba irratti Waaqayyo samii fi lafa uume” jedha.

Hamma naannoo bara 1950⁠tti saayintistoonni beekamoo hedduun hawaan jalqaba hin qabu jedhanii amanu turan. Amma garuu, saayintistoonni hedduun ragaawwan dhiheenyatti argaman irratti hundaaʼuudhaan, hawaan keenya jalqaba akka qabu hubataniiru.

Lafti jalqaba irratti maal fakkaatti turte?

Uumamni 1:2, 9 jalqaba irratti lafti “bifa kan hin qabnee fi ona,” akkasumas bishaaniin kan uwwifamte akka turte dubbata.

Saayintistoonnis ibsa kana irratti walii galu. Ogeessa baayooloojii kan taʼan Paatriik Shiin akka jedhanitti, pilaaneetiin keenya jalqaba irratti oksijiinii kan hin qabne turte. Bifti ishiis isa amma qabdu irraa baayʼee adda ture. Barruun Astronomy jedhamu akka gabaasetti, “lafti jalqaba irratti bishaaniin waan uwwifamteef, dachee gogaan akka hin mulʼanne qorannoowwan haaraan ni argisiisu.”

Qilleensi naannoo keenya yeroo booda kan jijjiirame akkamitti?

Uumamni 1:3-5 akka ibsutti yeroo ifni qilleensa naannoo keessa seenuu jalqabetti lafa gaʼuu kan dandaʼu ifa dimimmisaaʼaa qofa ture. Aduu fi addeessi lafa irraa sirriitti mulʼachuu kan dandaʼan yeroo booda dha.—Uumama 1:14-18.

Kitaabni Qulqulluun jireenyi lafa irratti argamu hundi kan uumame guyyoota jaʼan saʼaatii 24 qaban keessatti akka taʼe hin dubbatu

Wiirtuun Qorannoo Naannoo Ismuutsooniyaan akka jedhetti, qilleensi naannoo keenya jalqaba irratti gara lafaatti dabarsuu kan dandaʼu ifa dimimmisaaʼaa taʼe qofa ture. Akkana jedheera: “Hurriin gaazii guutummaa lafaa uwwisee ture. Yeroo booda garuu hurriin sun waan badeef samiin gara cuquliisaatti jijjiirame.”

Jireenyi lafa irratti kan jalqabe tartiiba akkamiitiini?

1​—Guyyaa Tokkoffaa: Ifti dimimmisaaʼaan gara qilleensa naannoo lafaatti seene.—Uumama 1:3-5

2​—Guyyaa Lammaffaa: Lafti bishaanii fi hurka bishaaniitiin uwwifamte. Bishaan lafa uwwisee fi hurki bishaanii gargar waan baʼaniif gidduun isaanii duwwaa taʼe.—Uumama 1:6-8

3​—Guyyaa Sadaffaa: Bishaan lafa irra ture hirʼatee dachee gogaan mulʼate.—Uumama 1:9-13

4​—Guyyaa Arfaffaa: Aduu fi addeessi lafa irraa mulʼachuu jalqaban.—Uumama 1:14-19

5​—Guyyaa Shanaffaa: Waaqayyo uumamawwan bishaan keessaa fi uumamawwan samii irra barrisan akka akaakuu isaaniitti wal horuu akka dandaʼan godhee uume.—Uumama 1:20-23

6​—Guyyaa Jaʼaffaa: Bineeldonni guguddaanii fi xixinnaan lafa irratti uumaman. Xumura guyyaa jaʼaffaatti immoo dhiirrii fi dubartiin jalqabaa ni uumaman.—Uumama 1:24-31

Uumamni 1:20-27 qurxummiileen, simbirroonni, bineeldonni lafa irraa, dhuma irratti immoo namoonni akka uumaman dubbata. Saayintistoonni qurxummiileen jalqabaa kan mulʼatan hoosiftoonnii fi ilmaan namootaa jiraachuu isaanii yeroo dheeraa dura akka taʼe amanu.

Kitaabni Qulqulluun lubbu qabeeyyiin yeroon darbaa yommuu deemu bifti isaanii jijjiiramuu akka hin dandeenye hin dubbatu

“Wanti Kitaabni Qulqulluun Uumama boqonnaa 1 irratti dubbatu gabaabaa taʼus, argannoowwan saayinsii ammayyaa wajjin kan wal simu taʼuun isaa baayʼee nama ajaaʼibsiisa.”—Jeraaldi Lowransi Shiroodar, hayyuu fiiziksii.

Wanta Kitaabni Qulqulluun hin barsiisne

Namoonni tokko tokko Kitaabni Qulqulluun argannoowwan saayinsii ammayyaa wajjin akka wal hin simne dubbatu. Haa taʼu malee, ilaalchi akkasii yeroo baayʼee wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu karaa dogoggoraatiin hubachuu irraa kan dhufe dha.

Kitaabni Qulqulluun umuriin hawaas taʼe umuriin lafaa waggaa 6,000 qofa akka taʼe hin dubbatu. Kanaa mannaa, laftii fi hawaan kan uumaman “jalqaba irratti” akka taʼe dubbata. (Uumama 1:1) Kitaabni Qulqulluun kun kan taʼe waggaa meeqa dura akka taʼe ifatti hin dubbatu.

Kitaabni Qulqulluun jireenyi lafa irratti argamu hundi kan uumame guyyoota jaʼan saʼaatii 24 qaban keessatti akka taʼe hin dubbatu. Kanaa mannaa, yeroo murtaaʼe tokko argisiisuuf jecha “guyyaa” jedhutti fayyadama. Fakkeenyaaf, “guyyoota” uumamaa jaʼan Uumama boqonnaa 1 irratti ibsaman, jechuunis yeroo pilaaneetiin keenyaa fi jireenyi ishiirratti argamu itti uumaman, Kitaabni Qulqulluun “guyyaa Yihowaana lafaa fi samii uume” jedhee waama. (Uumama 2:4) Kanaafuu tokkoon tokkoon “guyyoota” uumamaa jaʼan Waaqayyo lafti jireenyaaf akka mijattu gochuu fi jireenya lafa irratti uumuuf itti fayyadame, yeroo baayʼee dheeraa taʼe kan argisiisu dha.

Kitaabni Qulqulluun lubbu qabeeyyiin yeroon darbaa yommuu deemu bifti isaanii jijjiiramuu akka hin dandeenye hin dubbatu. Kitaabni Uumamaa bineeldonni kan uumaman “akka akaakuu isaaniitti” akka taʼe dubbata. (Uumama 1:24, 25) Jechi Kitaaba Qulqulluu “akaakuu” jedhu jecha saayinsii miti; taʼus gareewwan lubbu qabeeyyii balʼaa taʼe kan argisiisu fakkaata. Kanaafuu, ‘akaakuun’ tokko sanyiiwwan hedduu kan of keessatti qabate taʼuu dandaʼa. Yeroo booda sanyiiwwan tokko tokko bifawwan haaraa qabaachuu dandaʼu. Taʼus, sana booda illee akaakuun isaanii hin jijjiiramu. Jechi Kitaaba Qulqulluu “akaakuu” jedhus yaada kana kan dabarsu dha.

Maal sitti fakkaata?

Akkuma olitti ilaalle Kitaabni Qulqulluun hawaan akkamitti akka jalqabe, lafti jalqaba irratti maal akka fakkaattuu fi jireenyi akkamitti akka argame karaa salphaa fi sirrii taʼeen ibsa. Maarree, Kitaabni Qulqulluun qaamni wantoota kana uume eenyu akka taʼe hoo nutti himaa? Kitaabni Encyclopædia Britannica jedhamu, “Yaanni jireenyi qaama humna namaatii ol taʼe irraa argame jedhu, argannoo saayinsii ammayyaa wajjin wal sima” jedheera.b

Mee yaadi:

Uumama 1:1–2:4 dubbisi. Wanti Kitaabni Qulqulluun waaʼee uumamaa dubbatu oduuwwan durii waaʼee uumamaa dubbatan irraa baayʼee adda dha. Fakkeenyaaf, warri Baabilon hawaanii fi ilmaan namootaa reeffa waaqayyittii tokkoo fi dhiiga waaqa tokkoo irraa akka tolfaman amanu turan. Gibxoonni durii immoo waaqni Raa jedhamu ilmaan namootaa imimmaan irraa akka uume dubbatu turan. Chaayinaa keessatti namoonni tokko tokko reeffi uumama guddaa taʼe tokkoo gara elemantoota lafaatti akka jijjiiramee fi namoonni tafkii qaama isaa irra jiran irraa akka argaman yaadu. Maarree, seenaan kitaaba Uumamaa keessatti argamu oduuwwan durii kanaa wajjin tokko akka taʼe sitti dhagaʼamaa? Moo saayinsii wajjin wal sima jettee yaadda?

Viidiyoo daqiiqaa afurii Hawaan Uumamaan Argamee? jedhamu ilaali. Viidiyoo kana jw.org/om irraa barbaadi.

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame dha.

b Kitaabni Encyclopædia Britannica jedhamu yaada jireenyi uumamaan argame jedhu hin deggaru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi