LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 173
  • Waaqayyo Hawaa Uumuu kan Jalqabe Yoomi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyo Hawaa Uumuu kan Jalqabe Yoomi?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Guyyoonni uumamaa jechaa jechatti dheerina saʼaatii 24 kan qabu dhaa?
  • Guyyoota uumamaa jaʼan keessatti maaltu taʼe?
  • Seenaan Seera Uumamaa deggersa saayinsii kan qabu dhaa?
  • Biiftuun, addeessii fi urjiileen kan uumaman yoomi?
  • Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti umuriin lafaa waggaa meeqa?
  • Kitaaba Qulqulluurraa Maal Baranna?
    Dammaqaa!—2021
  • Saayinsii fi Seenaa Kitaaba Uumamaa
    Jireenyi Uumamaan Argamee?
  • Seenaa Uumamaa Dhokatee Jiru
    Dammaqaa!—2014
  • Uumama 1:1—“Waaqayyo Jalqabatti Bantiiwwan Waaqaa fi Lafa Uume”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 173
Pilaaneetotaa fi urjiilee hawaa keessa jiran.

Waaqayyo Hawaa Uumuu kan Jalqabe Yoomi?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo hawaa uumuu kan jalqabe yoom akka taʼe ykn hawaa uumuun yeroo hangamii akka fudhate hin dubbatu. Kitaabni Qulqulluun, “Jalqaba irratti Waaqayyo samii fi lafa uume” jedha. (Uumama 1:1) Kitaabni Qulqulluun jechi ‘jalqaba’ jedhu eessaa akka eegalu hin ibsu. Haa taʼu malee, taʼeewwan Seera Uumamaa keessatti barreeffamee akka jedhutti hawaan “guyyoota” uumamaa jaʼan dura uumame.

  • Guyyoonni uumamaa jechaa jechatti dheerina saʼaatii 24 kan qabu dhaa?

  • Guyyoota uumamaa jaʼan keessatti maaltu taʼe?

  • Seenaan Seera Uumamaa deggersa saayinsii kan qabu dhaa?

  • Biiftuun, addeessii fi urjiileen kan uumaman yoomi?

  • Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti umuriin lafaa waggaa meeqa?

Guyyoonni uumamaa jechaa jechatti dheerina saʼaatii 24 kan qabu dhaa?

Lakki. Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “guyyaa” jedhu akka itti fayyadama isaatti dheerina yeroo adda addaa argisiisa. Fakkeenyaaf, kutaa uumamaa keessaa inni tokko guutummaan uumamaa guyyaa tokkotti akka raawwatame ibsa.—Uumama 2:4.

Guyyoota uumamaa jaʼan keessatti maaltu taʼe?

Waaqayyo lafa ishii ‘bifa kan hin qabne’ turte, bakka jireenyaaf mijataa taʼetti jijjiire. (Uumama 1:2) Achiis lubbuu qabeeyyii uume. Kitaabni Qulqulluun taʼeewwan jaʼa guyyoota uumamaa keessatti akka raawwataman ibsa:

  • Ifaa fi dukkana.

    Guyyaa 1: Waaqayyo ifa uume, ifni kunis lafa irra gaʼuudhaan halkanii fi guyyaan akka taʼu godhe.—Uumama 1:3-5.

  • Samii fi garba.

    Guyyaa 2: Waaqayyo hawaa balʼaa uume ykn bishaanota hawaadhaa olitti argamanii fi bishaanota lafa irra jiran gargar ni baase.—Uumama 1:6-8.

  • Lafa gogaa fi biqiltoota.

    Guyyaa 3: Waaqayyo dachee gogaan akka mulʼatu godhe. Akkasumas biqiltoota gosa garagaraa uume.—Uumama 1:9-13.

  • Biiftuu, addeessaa fi urjiileen lafa irraa yommuu ilaalaman.

    Guyyaa 4: Waaqayyo lafa irratti akka ibsaniif aduu, addeessaa fi urjiiwwan uume.—Uumama 1:14-19.

  • Lubbu qabeeyyii bishaan keessa jiraatanii fi lubbu qabeeyyii samii irra balaliʼan.

    Guyyaa 5: Waaqayyo lubbu qabeeyyii bishaan keessa jiraatanii fi samii irra balaliʼan uume.—Uumama 1:20-23.

  • Bineensota lafa irra jiraatanii fi namoota.

    Guyyaa 6: Waaqayyo bineensota lafa irra jiraatanii fi nama uume.—Uumama 1:24-31.

Waaqayyo, guyyaa jaʼa booda hojii hojjechaa ture irraa boqochuu jalqabe ykn uumuu ni dhaabe.—Uumama 2:1, 2.

Seenaan Seera Uumamaa deggersa saayinsii kan qabu dhaa?

Seenaan Kitaaba Qulqulluu waaʼee uumama addunyaa dubbatu haala saayinsiin itti ibsuun kan kaaʼamu miti. Kanaa mannaa, seenaan waaʼee uumama addunyaa, dubbistoonni bara duriitti turan illee haala duraa duuba taʼeewwan wantootaa salphaatti itti hubachuu dandaʼaniin kan ibsu dha. Seenaan Uumamaa saayinsii dhugaa wajjin kan wal faalleessu miti. Qorataan urjii Roobart Jastiroon akkana jechuudhaan barreessaniiru: “Ibsa gad fageenya qabu kennu irratti garaa garummaan jiraatus, seenaan Kitaaba Qulqulluu fi qorannoo urjii tokko dha. Wantoonni ilmaan namootaa jiraachuu akka jalqaban godhan yeroo murtaaʼe tokko keessatti dafanii kan raawwatamani dha.”

Biiftuun, addeessii fi urjiileen kan uumaman yoomi?

Biiftuun, addeessii fi urjiileen wantoota “jalqabatti” “samii” keessatti dursanii uumaman keessaa turan. (Uumama 1:1) Haa taʼu malee, qilleensi naannoo lafaa baayʼee gobbataa taʼuu irraa kan kaʼe ifni lafa irra hin gaʼu ture. (Uumama 1:2) Guyyaa jalqabaa irratti hamma tokko ifni kan mulʼate taʼus, ifni kun eessaa akka maddu hin beekamu ture. Guyyaa arfaffaatti qilleensi naannoo lafaa hamma tokko ifa akka gaariitti argisiisuu jalqabe. Kitaabni Qulqulluun biiftuun, addeessii fi urjiileen ‘lafa irratti ibsuu’ akka jalqaban kan dubbatu yommuu taʼu, kunis lafa irra taʼuudhaan arguun kan dandaʼamu taʼuu isaa hubachuun ni dandaʼama.—Uumama 1:17.

Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti umuriin lafaa waggaa meeqa?

Kitaabni Qulqulluun umuriin lafaa waggaa meeqa akka taʼe hin dubbatu. Uumamni 1:1 hawaan lafa dabalatee jalqaba akka qaban ni ibsa. Yaadni kun wanta saayinsiin dhugaas taʼe wantoota saayintiistonni umurii lafaa ilaalchisee kennanii wajjin wal hin faallessu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi