Saayinsii fi seenaa kitaaba Uumamaa
Namoonni hedduun, seenaan uumamaa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru saayinsii wajjin wal faallessa jedhu. Kan wal faallessu garuu Kitaaba Qulqulluu fi saayinsii utuu hin taane, saayinsii fi ilaalcha Kiristiyaanota Kitaabni Qulqulluun kallattiidhaan fudhatamuu qaba jedhaniiti. Namoota akkasii keessaa muraasni, uumamni hundi guyyoota jaʼan saʼaatii 24 of keessa qaban keessatti gara waggoota 10,000 dura uumame jedhu.
Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun yaada akkasii hin deggeru. Yaadasaanii kana ni deggera utuu taʼee, argannoowwan saayinsii waggoota dhibban darban keessatti argaman Kitaaba Qulqulluurratti shakkiin akka uumamu godhu turan. Haa taʼu malee, Kitaaba Qulqulluu of eeggannoodhaan yoo qoranne, yaannisaa argannoowwan saayinsii dhugaarratti hundaaʼanii wajjin akka wal hin faallessine hubanna. Kanaaf, Dhugaa Baatonni Yihowaa, namoota yaada Kitaaba Qulqulluu hunda kallattiidhaan fudhatanii wajjin walii hin galan. Mee yaada Kitaabni Qulqulluun barsiisu haa ilaallu.
Kitaabni Uumamaa, laftii fi hawaan waggoota kuma muraasa dura guyyoota tokkoon tokkoonsaanii saʼaatii 24 dheeratan jaʼa keessatti akka uumaman hin barsiisu
‘Jalqabni’ isaa yoomi?
Seenaan kitaaba Uumamaarratti argamu, yaada salphaa, hiika guddaa qabuu fi “Jalqaba irratti Waaqayyo samiiwwanii fi lafa uume” jedhuun jalqaba. (Uumama 1:1) Hayyoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun, yaadni kun yaada lakkoofsa 3ffaarraa kaasee ibsamee fi akkaataa wantoonni tokko tokko itti uumaman ibsurraa adda akka taʼe ni amanu. Ibsi lakkoofsa tokkoffaa baayʼee balʼaadha. Yaanni jalqabaa Kitaaba Qulqulluu kun, lafa ishii pilaaneetii keenya taate dabalatee, wantoonni hawaa keessatti argaman hundi guyyoonni uumamaa eegaluu isaanii dura akka uumaman argisiisa.
Namoonni waaʼee lafaa qoratan umuriin lafaa tilmaamaan waggaa biliyoona 4 akka taʼe, namoonni hawaa qoratan immoo umuriin hawaa waggaa biliyoona 15 taʼuu akka dandaʼu shallaganiiru. Argannoon kun ykn yaanni isaan gara fuulduraatti bira gaʼuu dandaʼan yaada Uumama 1:1 irratti argamuu wajjin wal faallessaa? Matumaa. Kitaabni Qulqulluun, umuriin ‘samiiwwanii fi lafaa’ meeqa akka taʼe hin dubbatu. Saayinsiinis kana ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatuu wajjin wal hin faallessu.
Guyyoonni uumamaa hammam dheeratu?
Guyyoonni uumamaa hammam dheeratu? Tokkoon tokkoonsaanii kallattiidhaan dheerina saʼaatii 24 qabuu? Namoonni tokko tokko, Museen Sanbata torbee ibsuudhaaf guyyaa isa torbaffaa akka fakkeenyaatti waan fayyadameef, guyyoonni uumamaa hundi kallattiidhaan guyyoota dheerina saʼaatii 24 qaban akka argisiisan dubbatu. (Baʼuu 20:11) Yaanni kitaaba Uumamaarratti argamu yaada kana ni deggeraa?
Lakki, hin deggeru. Sababni isaas, jechi Afaan Ibrootaa “guyyaa” jedhu guyyaa saʼaatii 24 dheeratu qofa utuu hin taʼin, dheerina yeroo garaagaraa argisiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Museen waaʼee guyyoota uumamaa walitti qabee yeroo ibsu, guyyoota uumamaa jaʼan akka guyyaa tokkootti ibseera. (Uumama 2:4) Dabalataanis, guyyaa uumamaa isa jalqabaatti, “Waaqayyos ificha Guyyaa jedhee moggaase; dukkanicha immoo Halkan jedhee moggaase.” (Uumama 1:5) Asirrattis, guyyaa saʼaatii 24 qabu keessaa muraasa isaa qofatu “guyyaa” jedhame. Kanarraa, ragaan guyyoonni uumamaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman, guyyaa saʼaatii 24 of keessa qabu argisiisa jedhanii amanuuf nama dandeessisu akka hin jirre hubanna.
Maarree guyyoonni uumamaa hammam dheeratu? Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa kallattiidhaan hin dubbatu; taʼus, yaada Uumama boqonnaa 1 fi 2 irratti argamurraa guyyoonni uumamaa yeroo dheeraa akka argisiisan hubanna.
Guyyoota uumamaa jaʼan
Museen seenaa uumamaa kan barreesse Afaan Ibrootaatiin yeroo taʼu, akka nama lafarra dhaabbatee jiru tokkootti yaadaa barreesse. Yaada hawaan guyyoonni uumamaa eegaluusaanii dura uumaman jedhu dabalatee, yaadawwan lamaan armaan olii, yaadawwan garaagaraa seenaa waaʼee uumamaa gabaasu ilaalchisee kaʼaniif furmaata kennu. Akkamitti?
Wantoonni “guyyaa” tokkorratti jalqabaman, guyyaa itti aanee jiru ykn “guyyoota” ittaanan kaanittis itti fufaniiru
Qorannoon gabaasa Uumamaarratti gadi fageenyaan godhame wantoonni “guyyaa” tokkorratti jalqabaman guyyaa itti aanee jiru ykn “guyyoota” ittaanan kaanittis akka itti fufan mirkaneessa. Fakkeenyaaf, guyyaan uumamaa inni jalqabaa eegaluu isaa dura, ifti aduu ishii durumaanuu jirturraa maddu lafa akka hin geenye hamma taʼe kan dhowwe tarii duumessa yabbuu taʼuu dandaʼa. (Iyyoob 38:9) “Guyyaa” isa jalqabaarratti duumessi kun qulqullaaʼuu eegale; kunis ifni aduu qilleensa naannoo keessa darbuu akka dandaʼu godheera.a
“Guyyaa” lammaffaarratti qilleensi naannoo caalaatti qulqullaaʼuusaa kan itti fufe yommuu taʼu, kunimmoo duumessa yabbuu isa gubbaa jiruu fi garba isa gajjallaa jiru gidduu bakki duwwaan akka jiraatu godhe. “Guyyaa” arfaffaa irrattimmoo, qilleensi naannoo akka gaariitti waan qulqullaaʼeef aduu fi addeessi ‘hawaa keessatti’ mulʼachuu dandaʼaniiru. (Uumama 1:14-16) Jecha biraatiin, aduu fi addeessi nama lafarra jirutti mulʼachuu jalqaban. Wantoonni kun kan raawwataman irraa jalaani.
Dabalataanis, gabaasni Uumamaa qilleensi naannoo yommuu qulqullaaʼuusaa itti fufu, ilbiisotaa fi uumamawwan qoochoo kan simbira halkanii wajjin wal fakkaatu qaban dabalatee, uumamawwan qilleensa keessa barrisan hundi guyyaa shanaffaatti mulʼachuu akka jalqaban ibsa.
Akkaataa taʼeewwan tokko tokko seenaa Kitaaba Qulqulluu keessatti itti galmeeffamanirraa, wantoonni guguddoon tokkoon tokkoon guyyoota uumamaa keessatti raawwataman, irraa jalaan akka uumaman, tariimmoo, tokko tokko hamma guyyoota uumamaa itti aananiittis kan itti fufan taʼuu akka dandaʼan hubachuu dandeenya.b
Akka akaakuu isaaniitti
Akkaataan Waaqayyo biqiltootaa fi bineeldota irraa jalaan itti uume kun, uumamawwan gosa garaagaraa hunda uumuuf jijjiirama tirannaatti akka fayyadame argisiisaa? Lakki. Gabaasni Uumamaa Waaqayyo biqiltootaa fi bineeldota hunda akka “akaakuu” isaaniitti akka uume dubbata. (Uumama 1:11, 12, 20-25) ‘Akaakuun’ biqiltootaa fi bineeldotaa jalqaba uumaman kun, haala qilleensa naannoo jijijjiiramutti baruu akka dandaʼan godhamanii uumamanii? “Akaakuu” inni tokko isa kan biraarraa adda kan baafamu maalirratti hundaaʼeeti? Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa hin ibsu. Kanaa mannaa, uumamawwan jiraatoon hundi “akka akaakuu isaaniitti” akka uumaman dubbata. (Uumama 1:21) Yaanni kun garaagarummaan “akaakuu” tokko keessatti uumamuu dandaʼu daangeffamaa akka taʼe addeessa. Galmeen hambaalee fi qorannaawwan ammayyaas gosti biqiltootaa fi bineeldotaa guguddaan yeroo dheeraa keessatti jijjiirama xiqqoo qofa akka godhan argisiisu.
Qorannoon ammayyaa uumamawwan hundi “akka akaakuu isaaniitti” akka wal horan mirkaneesseera”
Yaada namoota Kitaabni Qulqulluu kallattiidhaan fudhatamuu qaba jedhanirraa haala adda taʼeen, kitaabni Uumamaa lafaa fi uumamawwan ishiirra jiran dabalatee, hawaan yeroo gabaabaa keessatti akka uumame hin barsiisu. Kanaa mannaa, akkaataa itti hawaanii fi uumamni lafarratti itti uumame ilaalchisee ibsi kitaaba Uumamaa wanta saayinsiin dhiheenyatti argatee wajjin wal sima.
Saayintistoonni hedduun falaasamatti waan amananiif, yaada Kitaabni Qulqulluun Waaqayyoo wantoota hundumaa akka uume ibsu fudhachuu hin barbaadan. Kan nama dinqisiisu garuu, Museen kitaaba Uumamaa isa kitaaba durii taʼerratti hawaan jalqaba akka qabuu fi jireenyi lafarraa yeroo dheeraa keessatti, suutuma suuta, sadarkaa sadarkaadhaan akka uumame barreesseera. Museen odeeffannoo saayinsaawaa sirrii taʼe akkasii gara waggaa 3,500 dura argachuu kan dandaʼe akkamitti? Deebiinsaa salphaadha. Qaama samii fi lafa uumuuf humnas taʼe ogummaa qabutu odeeffannoo saayinsaawaa sirrii taʼe kana Museetti hime. Kunis yaanni Kitaabni Qulqulluun, ‘geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka barreeffame’ dubbatu sirrii akka taʼe nuuf mirkaneessa.c—2 Ximotewos 3:16.
Haa taʼu malee, ‘Wanta Kitaabni Qulqulluun uumama ilaalchisee dubbatutti amanuun koo jijjiirama fidaa?’ jette yaadda taʼa. Sababii quubsaa deebiin gaaffii kanaaf kennitu jijjiirama akka fidu argisiisu tokko tokko haa ilaallu.
a Wanta “guyyaa” tokkoffaatti raawwatamee wajjin haala wal qabateen, jechi Afaan Ibrootaa ifa ibsuuf galee fi oor jedhu, akka walii galaatti ifa argisiisa; jechi “guyyaa” arfaffaarratti ibsamemmoo maaʼoor yommuu taʼu, madda ifa sanaa argisiisa.
b Fakkeenyaaf, guyyaa uumamaa jaʼaffaatti Waaqayyo ilmaan namootaatiin “baayʼadhaa, lafa guutaa” jedhee ture. (Uumama 1:28, 31) Taʼus, kun hamma “guyyaa” itti aanuutti raawwatamuu hin jalqabne.—Uumama 2:2.
c Odeeffannoo dabalataa argachuuf, viidiyoo gabaabaa Kitaabni Qulqulluun Dhugaa Taʼuu Isaa Akkamitti Beekna? jedhuu fi jw.org/om irratti argamu ilaali.