Seensa
Qaalaʼiinsi jireenyaa si yaaddessaa jiraa? Wanta jireenyaaf si barbaachisu argachuuf saʼaatii dheeraa hojjechaa jirtaa? Namoota jaallattuu wajjin yeroon dabarsitu sitti xiqqaachaa jiraa? Taanaan mata dureewwan maxxansa Dammaqaa! kana keessatti argaman si gargaaruu dandaʼu. Mata dureewwan kun yaadawwan jireenya gaarii jiraachuu fi dhiphina sitti dhagaʼamu hirʼisuuf si gargaaran qabataniiru. Mata dureen inni dhumaammoo yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii amansiisaa qabateera; abdiin kun yeroo ammaattillee jajjabina siif argamsiisa.