LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g25 Lakk. 1 ful. 4-5
  • Dhugaa Jiru Amanii Fudhadhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhugaa Jiru Amanii Fudhadhu
  • Dammaqaa!—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
  • WANTA GOCHUU DANDEESSU
  • Qaalaʼiinsa Jireenyaa Addunyaa Maratti Mudachaa Jiru—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Baafata Mata Duree
    Dammaqaa!—2025
  • Abdii Qabaadhu
    Dammaqaa!—2025
  • Maallaqa Kee Ogummaadhaan Fayyadami
    Dammaqaa!—2025
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2025
g25 Lakk. 1 ful. 4-5
Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Dubartiin takka gabaa dhaqxee timaatima bittu filachaa jirti. 2. Dubartii ishiitti gurgurteef maallaqa kaffalaa jirti.

QAALAʼIINSA JIREENYAA DANDAMACHUU

Dhugaa Jiru Amanii Fudhadhu

Gatiin miʼootaa suuta suuta dabalaa yommuu deemu, keessumaa mindaan keenyas hammasuma dabalaa deema taanaan nutti beekamuu dhiisuu dandaʼa. Haataʼu malee, gatiin miʼootaa akkuma tasaa yoo dabalee fi mindaan keenya isuma duraanii yoo taʼe, keessumaa maatii kan qabnu yoo taʼe dhiphachuu fi yaaddaʼuu dandeenya.

Gatiin miʼootaa akka hin daballe gochuu hin dandeenyu. Haataʼu malee, dhugaa jiru amannee fudhachuun keenya nu fayyada.

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Namoonni dhugaa jiru amananii fudhatan . . .

  • ni tasgabbaaʼu. Yommuu tasgabboofnu caalaatti sirriitti yaaduu fi murtoo gaarii gochuu dandeenya.

  • barsiifatawwan gaarii hin taanerraa ni fagaatu. Fakkeenyaaf, tajaajila arganneef kaffaluu dhiisuun ykn maallaqa qisaasessuun gaarii miti.

  • waaʼee maallaqaa miseensota maatii isaanii wajjin wal hin falman.

  • karaawwan itti dandamatan argachuuf yaalu. Kunimmoo wantoota dursa kennaniif irratti sirreeffama gochuu fi wantoota dhugumaan isaan barbaachisan adda baafachuu dabalata.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Akka haalasaatti sirreeffama godhi. Yeroo gatiin miʼootaa saffisaan ol kaʼutti kan dandaʼamu taanaan baasii keenya hirʼisuun gaariidha. Namoonni tokko tokko jireenya humna isaaniitii ol taʼe jiraachuuf yaalu; kunimmoo bishaan saffisaan yaaʼu tokko asii ol daakuu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Namoonni akkasii akka of dadhabsiisan beekamaadha. Maatii qabda yoo taʼe wanta maatii keetiif barbaachisu guutuun si yaaddessuu dandaʼa. Kun wanta sirraa eegamudha. Taʼus kana yaadadhu: Miseensonni maatii kee wanta kamiyyuu caalaa, jaalala kee, yeroo kee fi xiyyeeffannaa kee argachuu barbaadu.

“Isin keessaa namni yaaddaʼee umurii isaa irratti dhundhuma tokko dabaluu dandaʼu jiraa?”—Luqaas 12:25.

“Matumaa waaʼee boruutiif hin yaaddaʼinaa; sababiin isaas, guyyaan boruu yaaddoo mataa isaa qaba. Guyyaan hundi rakkina mataa isaa gaʼaa taʼe qaba.”—Maatewos 6:34.

Jireenya qananii humna keenyaa ol taʼe jiraachuuf yaaluun, bishaan saffisaan yaaʼu tokko asii ol daakuu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa

Faaziliyaa.

“Akkuma Kitaabni Qulqulluun 2 Ximotewos 3:1 irratti dursee dubbate, ‘yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ keessa jiraanna. Kanaafuu, yommuu rakkinni dinagdee uumamuu fi gatiin miʼootaa ol kaʼutti nu hin ajaaʼibu. Baasiin wantoota na hin barbaachisneef baasu hirʼisuuf yaaluudhaan haalasaatti baruufan carraaqa.”—Faaziliyaa, Azarbaajaan.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi