LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 92
  • Yesus Namoota Du’an Kaase

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesus Namoota Du’an Kaase
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Duʼaa ni Kaana!
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Intalli Tokko Deebitee Jiraatte!
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Uffata Yesuus Tuqxee Fayyite
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Michoonni Keenya Warri Du’an Abdii Akkamii Qabu?
    Michoonni Keenya Warri du’an Abdii Akkami Qabu?
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 92

SEENAA 92

Yesus Namoota Du’an Kaase

INTALLI asirratti argitu kun umuriinshee waggaa 12dha. Yesus harkashee qabee jira; haatisheefi abbaansheemmoo bira dhaabataniiru. Kan baay’ee gammadan maaliif akka ta’e beektaa? Mee haa ilaallu.

Abbaan intalattii, Yaayiros nama aangoo qabu ture. Gaaf tokko intallisaa dhukkubsattee ciistee turte. Haata’u malee, itti hin wayyoofne. Dhukkubichi ittuma jabaachaa dhufe. Intallisaanii waan du’uu geesseef, Yaayirosiifi haati manaasaa baay’ee dhiphataniiru. Ishee malee mucaa garabiraa hin qaban. Kanaafuu, Yaayiros Yesusiin barbaachuu dhaqe. Yaayiros dinqiiwwan Yesus hojjete dhaga’ee ture.

Yaayiros yommuu Yesusiin argatu, namoonni baay’een Yesusitti marsanii turan. Haata’u malee, Yaayiros jara gidduu ba’ee miilla Yesus jalatti kufe. ‘Intalli koo baay’ee dhukkubsatteetti; maaloo, kottuutii naa fayyisi’ jedhee kadhate. Yesusis nan dhufa jedheen.

Ennaa wajjin deeman namoonni isatti dhihaachuuf wal dhiibu turan. Akkuma tasaa Yesus dhaabatee, ‘eenyutu na tuqe?’ jedhee isaan gaafate. Yesus humni isa keessaa waan ba’eef namni tokko akka isa tuqe beekeera. Kan isa tuqe eenyuree? Dubartii waggaa 12 guutuu dhukkubsachaa turte tokkodha. Garasaa dhuftee wayyaasaa yeroo tuqxu ni fayyite!

Nama dhukkubsate fayyisuun, Yesusiif hammam salphaa akka ta’e Yaayiros waan argeef, amma amantaansaa jabaateera. Haata’u malee, namni tokko ergamee garasaa dhufe. ‘Intalli kee duuteetti, si’achi Yesusiin hin dhamaasin’ jedheen. Yesus kana dhaga’ee, Yaayirosiin: ‘Hin sodaatin intalli kee ni fayyitii’ jedheen.

Mana Yaayiros yommuu ga’anis, namoonni baay’ee gaddanii boo’aa jiru turan. Yesus garuu: ‘Hin boo’inaa. Intalattiin ni rafte malee hin duune’ jedheen. Haata’u malee, jarri du’uushee waan beekaniif Yesusitti kolfan; ittis qoosan.

Achiis Yesus, abbaafi haadhashee, akkasumas bartootasaa keessaa sadansaanii fudhatee kutaa intalattiin duute jirtu seene. Harkashee ol qabee: ‘Intaloo, ka’i!’ jedheen. Achiis, akkuma asirratti argitutti du’aa kaate. Kaatee asiifi achi deemuus jalqabde! Haatiifi abbaanshee kan baay’ee gammadan kanaafidha.

Namoota Yesus du’aa kaasee keessaa isheen kun kan jalqabaa miti. Jalqabarratti kan inni du’aa kaase, ilma dubartii abbaan manaa irraa du’e, ishee magaalaa Naayin keessa jirtuu akka ta’e Macaafni Qulqulluun ni dubbata. Boodas Yesus, Alaazaar, obboleessa Maariyaamiifi Maartaa du’aa kaaseera. Yesus mootii Waaqayyoon muudame ta’ee yommuu bulchutti, namoota baay’ee du’aa kaasee gara jireenyaatti deebisa. Kun nama gammachiisa mitiiree?

Luqaas 8:40-56; 7:11-17; Yohannis 11:17-44.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi