LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 47 ful. 118-ful. 119 key. 6
  • Intalli Tokko Deebitee Jiraatte!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Intalli Tokko Deebitee Jiraatte!
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesus Namoota Du’an Kaase
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Duʼaa ni Kaana!
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Uffata Yesuus Tuqxee Fayyite
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Dinqiiwwan Hojjetus, Naazireetitti Illee Fudhatama Hin Arganne
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
Dabalataan Ilaaluuf
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 47 ful. 118-ful. 119 key. 6
Yesuus intala Yaayiros yommuu duʼaa kaasu

BOQONNAA 47

Intalli Tokko Deebitee Jiraatte!

MAATEWOS 9:18, 23-26 MAARQOS 5:22-24, 35-43 LUQAAS 8:40-42, 49-56

  • YESUUS INTALA YAAYIROS DUʼAA KAASE

Yaayiros, Yesuus dubartii dhiigni ishii dhangalaʼaa ture yommuu fayyisu arge. Kanaaf, Yaayiros “Intalli koo yoona duuteetti” jedhee yoo yaades, Yesuus ishiis fayyisuu ni dandaʼa. (Maatewos 9:18) Yoo duute iyyuu Yesuus ishii ni fayyisaa laata?

Yesuus dubartii fayyisee wajjin utuu dubbachaa jiruu, dhiironni muraasni mana Yaayirosii dhufanii, “Intalli kee duuteetti. Kana booda maaliif Barsiisaa dhamaasta?” isaan jedhan.—Maarqos 5:35.

Kun oduu baayʼee nama naasisu dha! Namni hawaasicha keessatti kabaja guddaa qabu kun amma nama gargaarsa hin qabne taʼe. Intalli tokkittiin inni qabu jalaa duute. Yesuus garuu oduu isaan Yaayirositti himan kana dhagaʼee gara isatti garagalee, “Amani qofa malee, hin sodaatin” jedhee isa jajjabeesse.—Maarqos 5:36.

Namoonni siree reeffi intala Yaayiros irra jiru biratti yommuu gaddan

Achiis Yesuus Yaayirosii wajjin gara mana isaa deeme. Yeroo mana isaatti dhihaatan namoonni utuu wacanii dhagaʼan. Namoonni kun booʼaa, iyyaa fi gaddaan qoma isaanii rurrukutaa jiru. Yesuus ol seenee, “Intalattiin rafaa jirti malee hin duune” jechuudhaan yaada nama ajaaʼibsiisu dubbate. (Maarqos 5:39) Namoonni yeroo kana dhagaʼan isatti kolfan. Intalattiin akka duute beeku. Taʼus, akkuma nama tokko hirriba cimaa keessaa dammaqsuun dandaʼamu, Yesuusis humna Waaqayyo irraa argatetti fayyadamee nama duʼaa kaasuu akka dandaʼu argisiisuuf jedha.

Yesuus Pheexiros, Yaaqoob, Yohaannisii fi warra intalattii irraa kan hafe namoota kaan gad baase. Yesuus namoota shanan kanaa wajjin kutaa reeffi intalattii jirutti ol seene. Achiis harka intalattii qabee, “‘Xaaliitaa quumii’ jedheen; hiikni isaas, ‘Intaloo siin nan jedha, “Kaʼi!”’ jechuu dha.” (Maarqos 5:41) Intalattiin battaluma sanatti kaatee asiif achi deemuu jalqabde. Yaayirosii fi haati manaa isaa yeroo kana argan hammam akka gammadan yaadi! Yesuus intalattiin duʼaa kaʼuu ishii caalaatti mirkaneessuuf, wanta nyaatamu akka ishiidhaaf kennan isaanitti hime.

Kanaan dura Yesuus namoota yeroo fayyisu wanta inni isaaniif godhe namootatti akka hin dubbanne isaan dhowwa ture; warra intala kanaattis kanuma hime. Isaan garuu baayʼee waan gammadaniif, oduu kana “naannoo sana hundatti” babalʼisan. (Maatewos 9:26) Atumti iyyuu namni jaallattu tokko utuu duʼaa kaafamee waaʼee isaa gammachuudhaan hin dubbattuu? Yesuus namoota yeroo duʼaa kaasu kun isa lammaffaa dha.

  • Yaayiros oduu akkamii dhagaʼe? Yesuus kan isa jajjabeesse hoo akkamitti?

  • Yesuusii fi Yaayiros mana isaa yeroo gaʼanitti haalli achi jiru maal fakkaata ture?

  • Yesuus intalli duute rafaa akka jirtu kan dubbate maaliifi?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi