LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lr boq. 35 ful. 182-186
  • Duʼaa ni Kaana!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Duʼaa ni Kaana!
  • Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesus Namoota Du’an Kaase
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Intalli Tokko Deebitee Jiraatte!
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Michoonni Kee Duʼaan Dhabde Deebiʼanii Jiraachuu Dandaʼu!
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Uffata Yesuus Tuqxee Fayyite
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
Dabalataan Ilaaluuf
Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
lr boq. 35 ful. 182-186

BOQONNAA 35

Duʼaa Ni Kaana!

Eliyaas mucaa duʼe baatee jira

YOO duune Waaqayyo duʼaa nu kaasuu, jechuunis gara jireenyaatti nu deebisuu kan barbaadu sitti fakkaataa?— Nama gaarii kan taʼe Iyoob, Waaqayyo namoota duʼaa kaasuu akka barbaadu ni amana ture. Iyoob akka duʼuuf jedhu yommuu itti dhagaʼamee turetti, Waaqayyoon, “Ana in waamta, anis nan owwaadha” jedhee ture. Yihowaan duʼaa isa kaasuuf akka hawwu ykn fedhii guddaa akka qabu dubbateera.—Iyoob 14:14, 15.

Yesusis akkuma Abbaasaa nu gargaaruu barbaada. Namichi dhukkuba qaama namaa kukkutuun qabame tokko, “Fedha kee yoo taʼe na qulleessuu in dandeessa” jedhee yommuu isa gaafatu, Yesusis “Fedheeraa qullaaʼi!” jedhee deebiseef. Namichas dhukkubasaarraa ni fayyise.—Maarqos 1:40-42.

Elsaaʼi mucaa tokko yommuu du’aa kaasu

Yihowaan ijoollee xixinnoo akka jaallatu kan argisiise akkamitti?

Yesus ijoollee jaallachuu akka qabu Abbaasaarraa barateera. Bara duriitti, Yihowaan tajaajiltootasaatti fayyadamee yeroo addaddaatti ijoolleen lama duʼaa akka kaʼan godheera. Eliyaas, ilma dubartii keessummummaadhaan isa simatte tokkoo akka duʼaa kaasu Yihowaa kadhateera. Yihowaanis mucaa sana duʼaa kaaseera. Yihowaan tajaajilaasaa kan taʼe Elsaaʼittis fayyadamee mucaa tokko duʼaa kaaseera.—1 Mootota 17:17-24; 2 Mootota 4:32-37.

Yihowaan baayʼee kan nu jaallatu taʼuunsaa nu hin gammachiisuu?— Inni waaʼee keenya kan yaadu yeroo lubbuudhaan jirru qofa miti. Yeroo duunus nu yaadata. Yesus, Abbaansaa namoota Yihowaa jaallataniifi duʼan akkuma lubbuudhaan jiraniitti akka ilaalu dubbateera! (Luqaas 20:38) Macaafni Qulqulluun, ‘duuni, jireenyi, wanti amma jiru, wanti dhufuuf jirus jaalala Waaqayyoorraa gargar nu baasuu akka hin dandeenye’ dubbata.—Roomaa 8:38, 39.

Yesus yeroo lafarra ture, Yihowaan ijoollee xixinnoodhaaf akka yaadu argisiiseera. Yeroo ramadee waaʼee Waaqayyoo ijoollee barsiisaa akka ture ni yaadatta. Haataʼu malee, Waaqayyo Yesus ijoollee xixinnoo duʼaa akka kaasuuf humna akka isaaf kenne beektaa?— Mee amma waaʼee intala Yaayiros ishee umriinshee waggaa 12 tureefi Yesus duʼaa kaase tokkon sitti hima.

Yaayiros haadha manaasaafi intalasaa wajjin naannoo Ciisa Bishaan Galiilaa jiraata ture. Gaaf tokko intallisaa kun baayʼee kan dhukkubsatte siʼa taʼu, Yaayirosis akka isheen duʼuuf jettu hubate. Yaayiros, namni gaariin Yesus jedhamuufi namoota fayyisuu dandaʼu sun gama kanaan isa gargaaruu akka dandaʼu yaaduu jalqabe. Kanaaf Yesusiin barbaacha adeeme. Achiis Ciisa Bishaan Galiilaa biratti namoota hedduu utuu barsiisaa jiruu isa argate.

Yaayiros namoota hedduu gidduu darbee miilla Yesus jalatti jilbeeffate. Achiis, ‘Mucaan koo dhukkubsattee duʼuuf jetti, maaloo dhuftee ishee gargaaruu dandeessaa? Maaloo kottu’ jedhee Yesusiin kadhate. Yesusis yeruma sana isaa wajjin adeeme. Namoonni hedduun Barsiisaa Guddicha barbaacha dhufanis Yesus duukaa buʼan. Erga xinnoo adeemanii booda garuu namoonni muraasni mana Yaayirosii dhufanii, “Intalli kee duuteetti, siʼachi immoo maaliif barsiisicha dhamaafta?” jedhaniin.

Yesus namoonni sun yommuu kana dubbatan ni dhagaʼe. Inni, Yaayiros intala tokkittii qabu sana duʼaan dhabuunsaa gadda hangamii irraan gaʼuu akka dandaʼu beeka ture. Kanaaf Yesus Yaayirosiin, ‘Waaqayyotti amani malee hin sodaatin, intallikee ni fayyiti’ jedheen. Achiis gara mana Yaayiros waliin adeeman. Yommuu achi gaʼanis michoonni maatii sanaa booʼaa turan. Intalli xinnoon michuusaanii taate kun waan duuteef baayʼee gaddanii turan. Yesus garuu, “Hin booʼinaa! Intalattiin hin duune, rafuutti jirti malee” jedheen.

Namoonni kun intalattiin akka duute waan beekaniif, yommuu Yesus kana dubbatu kolfuu jalqaban. Yesus isheen rafuutti jirti kan jedhe maaliif sitti fakkaata?— Namoota sanaafoo barumsa akkamii kennuufii kan barbaade sitti fakkaata?— Duuti hirriba cimaa wajjin akka wal fakkaatu isaan barsiisuu barbaadee ture. Akkuma nuyi nama rafe tokko hirribaa kaasuu dandeenyu, innis humna Waaqayyo isaaf kenneen namoota duʼan gara jireenyaatti deebisuu akka dandaʼu isaan barsiisuu barbaadee ture.

Yesus intala Yaayiros yommuu duʼaa kaasu warri ishii baayʼee gammadan

Yesus, intala Yaayiros duʼaa kaasuusaarraa barumsa akkamii arganna?

Yesus, Phexrosiin, Yaaqoobiin, Yohannisiin, akkasumas haadhaafi abbaa intalattii qofa hambisee namoonni hundi manicha keessaa akka baʼan godhe. Achiis gara kutaa reeffi sun jirutti erga seenee booda harkashee qabee, ‘Intalo, kaʼi!’ jedheen. Intalattiinis yeruma sana kaatee asiifi achi adeemuu jalqabde. Haatisheefi abbaanshees baayʼee gammadan.—Maarqos 5:21-24, 35-43; Luqaas 8:40-42, 49-56.

Mee dhimma kanarratti yaadi. Yesus intala kana gara jireenyaatti deebisuu erga dandaʼee, warra kaaniifoo akkas gochuu ni dandaʼaa?— Atoo Yesus dhuguma kana gochuu kan dandaʼu sitti fakkaataa?— Eeyyee ni dandaʼa. Innumtiyyuu, “Warri duʼanii awwaalaman sagalee [koo] yeroon itti dhagaʼan in dhufa. Isaan awwaala keessaa in baʼu” jedheera.—Yohannis 5:28, 29.

Yesus namoota duʼaa kaasuu kan barbaadu sitti fakkaataa?— Fakkeenyi garabiraan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame gaaffii kanaaf deebii argachuuf nu gargaara. Wanti gaaf tokko naannoo magaalaa Naayinitti raawwatame, Yesus namoota michoonnisaanii jalaa duʼaniif maaltu akka isatti dhagaʼamu kan argisiisudha.

Dubartiin tokko mandara Naayinii kaatee ilmashee isa duʼe awwaallachuuf namoota hedduu wajjin deemaa jirti. Sana dura abbaan manaashee kan irraa duʼe siʼa taʼu, ammammoo ilmishee tokkichi jalaa duʼeera. Dubartiin kun baayʼee gadditee turte! Namoonni mandara Naayin hedduun reeffa ilmashee awwaaluuf ishee wajjin adeemaa jiru. Dubartiin kun booʼaa kan jirtu siʼa taʼu, namoonni sunis ishee jajjabeessuu hin dandeenye.

Guyyaa kanatti Yesusiifi bartoonnisaa gara mandara Naayin dhufaa turan. Yommuu balbala magaalattii bira gaʼanis namoota hedduu ilma dubartittii awwaaluu dhaqanii wajjin wal argan. Yesus dubartii boossu kana yommuu argu baayʼee gaddeef. Isheen, baayʼee gadditee waan turteef garaansaa ni tuqame. Kanaaf ishee gargaaruu barbaade.

Gara laafinaan, garuu sagaleesaa guddisee, “Hin booʼin!” jedheen. Jechisaafi gochisaa kun xiyyeeffannaa namoota hundaa garasaatti harkiseera. Yesus gara reeffa sanaatti yommuu adeemu, namoonni hundi maal gochuuf laata jedhanii isa ilaalaa turan. Yesusis, “Dargaggeessa nana, siin nan jedha kaʼi!” jedheen. Yeruma sana mucichi ol jedhee taaʼe; dubbachuus ni jalqabe.—Luqaas 7:11-17.

Mee wanta dubartittii kanatti dhagaʼamee ture yaadi! Atoo michuukee duʼaan dhabde tokko utuu deebitee argattee maaltu sitti dhagaʼama?— Kun, Yesus garaadhaa namoota akka jaallatuufi isaan gargaaruu akka barbaadu hin argisiisuu?— Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti namoota duʼaa kaʼan simachuun hangam akka nama gammachiisu mee yaadi!—2 Phexros 3:13; Mulʼata 21:3, 4.

Yesus ilma tokkicha dubartii mandara Naayin tokkoo yommuu duʼaa kaasuu fi namoonni yommuu gammadan

Ilmi tokkichi dubartii kanaa duʼaa kaʼuunsaa maal nu hubachiisa?

Yeroo sanatti ijoollee xixinnooniifi namoonni beeknu duʼaa ni kaʼu. Akkuma Yaayiros intallisaa yommuu duʼaa kaatu ishee beeke, nuyis eenyummaa namoota duʼaa kaafaman sanaa sirriitti ni hubanna. Namoonni tokko tokkommoo waggoota dhibbaan ykn kumaan lakkaaʼaman dura kan duʼan taʼuu dandaʼu. Haataʼu malee, namoonni kun waggoota dheeraa dura yoo duʼanillee Waaqayyo isaan hin irraanfatu.

Yihowaafi Ilmisaa Yesus hamma kana kan nu jaallatan taʼuusaa beekuun nama hin gammachiisuu?— Eeyyee, isaan waggoota muraasaaf qofa utuu hin taʼin, barabaraaf akka jiraannu barbaadu!

Abdii dinqisiisaa namoonni duʼan qaban ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu hubachuuf, Isaayaas 25:8; Hojii Ergamootaa 24:15 fi 1 Qorontos 15:20-22 dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi