Kutaa 6
Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu Maaliif Heyyame?
1, 2. Addaamiifi Hewwaan jireenya gaarii Waaqayyo isaaniif kenne kan balleessan akkamitti?
DOGOGGORA maaliitu uumame? Jireenya gaarii Jannata keessatti Waaqayyo namoota jalqabaatiif kenne kan balleesse maalidha? Jannata keessa nagaafi gammachuudhaan jiraachuu mannaa, hammeenyiifi rakkinni waggoota kumaan lakkaa’amaniif kan mo’e maaliifi?
2 Sababiinsaa, Addaamiifi Hewwaan mirga filannoo gochuuf argatanitti seeraan ala waan itti fayyadamaniifidha. Seera Waaqayyootiin ala rakkina tokko malee jiraachuuf akka hin uumamne qalbeeffachuu dadhaban. Jireenyasaanii kan isaaniif fooyyessu waan isaanitti fakkaateef Waaqayyorraa adda ba’anii ofiin of bulchuu filatan. Kanaan kan ka’es, daangaa Waaqayyo mirga filachuuf isaaniif kenne cabsan.—Uumama, boqonnaa 3.
Gaaffii Olaantummaa Waaqayyoorratti Ka’e
3-5. Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniin balleessee, namoota garabiraa kan hin uumne maaliifi?
3 Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniin balleessee abbaa manaafi haadha manaa garabiraa maaliif hin uumne? Sababiinsaa, olaantummaa inni uumama cufarratti qabu ilaalchisee gaaffiin waan ka’eefidha.
4 Gaaffiin ka’e: Bulchuuf kan mirga qabu eenyu? Bulchiinsa eenyuutu sirriidha? kan jedhudha. Waaqayyo, hundumaa kan danda’uufi kan Uume waan ta’eef, uumama hundaa bulchuuf mirga hin sarbamne qaba. Hundumaa caalaa ogeessa waan ta’eef, bulchiinsisaa uumama hundaatiif faayidaa kan argamsiisudha. Haata’u malee, mirga inni bulchuuf qaburratti gaaffiin ka’eera. Yeroo nama uumetti dogoggorri uumame jiraa laata? gaaffiin jedhus ka’eera. Amanamummaa namootaarrattis akkamitti gaaffiin akka ka’e gara fuulduraatti ilaalla.
5 Namoonni ofiin of bulchuu yeroo jalqabanitti, gaaffiin akkas jedhus ka’eera: Ilmaan namootaa bulchiinsa Waaqayyoon alatti jireenya gaarii jiraachuu danda’uu? Waaqayyo deebii kanaa sirriitti kan beeku ta’us, akka barbaadanitti akka ofiin of bulchan mirga guutuu kennuufiidhaan deebiisaa akka hubatan godheera. Filannoo gochuuf mirga qabaniin fayyadamanii ofiin of bulchuu kan barbaadan yeroo ta’u, Waaqayyos isaaniif heyyameera.
6, 7. Waaqayyo, namoonni yeroo dheeraadhaaf filannoo gochuuf mirga guutuu akka qabaatan kan heyyame maaliifi?
6 Waaqayyo, ilmaan namootaa filannoo gochuuf mirga guutuufi yeroo ga’aa akka argatan gochuudhaan, bulchiinsasaafi bulchiinsasaanii keessaa inni kam gaarii akka ta’e akka hubatamu godheera. Ilmaan namootaa gama siyaasaa, industirii, saayinsiifi yaalii fayyaatiin, wanta gochuu barbaadan hunda akka yaalan yeroo gahaan kennamuufii qaba ture.
7 Kanaafuu, Waaqayyo yaaliin ilmaan namootaa isaan alatti ofiin of bulchuuf godhan akka mijaa’uufi akka hin mijoofne sirriitti akka beekamuuf jecha, ilmaan namootaa hanga bara keenyaatti guutummaatti isarraa adda ba’uudhaan wanta barbaadan akka godhan heyyameera. Akka kanaan, namoonni gaarummaafi gara jabina, jaalalaafi jibba, qajeelummaafi jal’ina keessaa wanta naaf ta’a jedhan filachuu danda’aniiru. Haata’u malee, wanta filannoonsaanii isaanirraan ga’u jechuunis, gaarummaafi nagaa ykn hammeenyaafi rakkinarraa walaba ta’uu hin danda’an.
Ergamoonni Waaqayyorratti Ka’an
8, 9. (a) Waaqayyorratti ka’uun samiirratti kan jalqabame akkamitti? (b) Seexanni Addaamiifi Hewwaaniin alatti eenyuun Waaqayyorratti kaase?
8 Wanti hubatamuu qabu garabiraanis jira. Waaqayyorratti kan ka’an Addaamiif Hewwaan qofa hin turre. Haata’u malee, yeroo sanatti uumamni garabiraan jiru turanii? Eeyyee! Waaqayyo namoota uumuusaa dura, qaamawwan hafuuraa samiirra jiraatan, jechuunis ergamoota akkaataan uumamasaanii namootaa ol ta’aniifi lakkoofsa hedduu qaban uumee ture. Isaanis, filannoo gochuuf mirga akka qabaataniifi seera Waaqayyootiif akka ajajamaniif uumaman.—Iyoob 38:7; Faarfannaa 104:4; Mul’ata 5:11.
9 Waaqayyorratti ka’uun kan jalqabame samiirratti ta’uusaa Macaafni Qulqulluun nutti hima. Ergamaan tokko filannoo gochuuf mirga daangaa hin qabne barbaade. Ilmaan namootaa akka isa waaqeffatan hawwe. (Maatewos 4:8, 9) Ergamaan kun, sobaan Waaqayyo Addaamiifi Hewwaan jalaa wanta gaarii ta’e tokko dhokseera jechuudhaan akka isarratti ka’an godhe. (Uumama 3:1-5) Kanaan kan ka’es, Diyaabilos (Kan Maqaa Balleessu) Seexana (Kan Mormu) jedhamee waamame. Kana boodas, ergamoonni garabiraan akka Waaqayyorratti ka’an godheera. Isaanis, hafuurota hamoo jedhamanii waamamaniiru.—Keessa Deebii 32:17; Mul’ata 12:9; 16:14.
10. Namoonniifi ergamoonni Waaqayyorratti ka’uunsaanii rakkina akkamii geessiseera?
10 Namoonni Waaqayyorratti ka’uunsaanii dhiibbaa Seexanaafi hafuurota hamootiif isaan saaxileera. Macaafni Qulqulluun, Seexanaan “Waaqayyicha bara si’anaa” isa ‘yaada warra hin amanin sanaa jaamsu’ jedhee waama. Yesusis, Seexanaan ‘isa hamaa biyya lafaa kana seerratu’ jechuudhaan waameera.—2 Qorontos 4:4; 1 Yohannis 5:19; Yohannis 12:31.
Gaaffiiwwan Lamaan Ka’an
11. Seexanni gaaffii garabiraa akkamii kaasuudhaan Waaqayyoon morme?
11 Seexanni Waaqayyoon mormuuf gaaffii garabiraas kaaseera. Haalli itti Waaqayyo namoota uume akka mudaa qabuufi eenyuyyuu utuu dhiibbaan irra ga’ee wanta sirrii ta’e raawwachuu akka dhaabu ibsuudhaan, Waaqayyoon yakke. Utuu qorumsi isaanirra ga’ee Waaqayyoon arrabsuurraa duubatti hin jedhan jedhe. (Iyoob 2:1-5) Akka kanaan, Seexanni amanamummaan namootaa akka shakkii keessa galu godhe.
12-14. Gaaffiiwwan Seexanni kaase lamaaniif yeroon deebii kan kenne akkamitti?
12 Kanaafuu, Waaqayyo gaaffiin kunis ta’e gaaffiin olaantummaasaarratti ka’e garabiraan akkamitti furmaata argachuu akka danda’u uumamni hundinuu akka ilaaluuf yeroo ga’aa kenneera. (Ba’uu 9:16 wajjin wal bira qabii ilaali.) Seenaan ilmaan namootaa gaaffii olaantummaasaarratti ka’e kanaaf deebii sirrii kenna.
13 Hundumaa dura, olaantummaafi bulchiinsa Waaqayyoorratti gaaffii ka’eef yeroon kenname maal mirkaneesse? Dhuguma namoonni Waaqayyoon alatti akka gaariitti ofiin of bulchuu danda’aniiruu? Waaqayyoon alatti namoonni ofiin of bulchuunsaanii addunyaa gammachuu qabuufi waraana, yakkaafi murtoo jal’aarraa walaba ta’e fiduu danda’eeraa? Hiyyummaa balleessuudhaan ilmaan namootaatiif badhaadhummaa argamsiisuu danda’eeraa? Dhukkuba dullumaafi du’a balleessuu danda’eeraa? Bulchiinsi Waaqayyoo garuu kana hundumaa raawwachuuf kan hundeeffame ture.—Uumama 1:26-31.
14 Gaaffii lammaffaarratti ka’e ilaalchisee yeroon kenname maal mirkaneesse? Waaqayyo ilmaan namootaa kan uume haala mudaa qabuunii? Namni yeroo rakkatu wanta sirrii ta’e godhu jiraa? Namoonni bulchiinsa namootaa mannaa bulchiinsa Waaqayyoo filatan jiruu?
[Fakkii fuula 13]
Waaqayyo namoonni sadarkaa guddinaa olaanaarra akka ga’aniif yeroo ga’aa kenneeraaf
[Madda]
Shuttle: Based on NASA photo