Xumura
KAAYYOON birooshura kanaa, amantii Dhugaa Baatota Yihowaa guutummaatti ibsuu miti. Kanaa mannaa, seerawwan bu’uuraa Dhugaa Baatonni Yihowaa itti amanan tokko tokko ibsuu, haati ykn abbaan barataakee Dhugaa Baatota yoo ta’an, amantiin maatichaa ilaalcha mucichaarratti jijjiirama akkamii akka fidu sirriitti akka hubattu gargaaruudha.
Dhugaa Baatonni Yihowaa guddina hafuura ijoolleessaaniitiif xiyyeeffannaa guddaa kennu. Kunimmoo, ijoolleensaanii karaawwan kaaniinis guddina argisiisuuf akka isaan gargaaru amanu. Wantoonni itti amanananiifi seerawwan bu’uuraa isaan hordofan, jireenya kaayyoo qabu akka jiraataniifi bu’aa bi’ii jireeanyaa guyyaa guyyaan isaan mudatu akka mo’an isaan gargaaru. Amantiinsaanii kun barumsaaf fedhii gaarii akka qabaatan kan godhu ta’uusaarrayyuu, guutummaa jireenyasaaniitti lammii hawaasichaaf bu’aa argamsiisan akka ta’an isaan kakaasa.
Dhugaa Baatonni Yihowaa haqa jireenyaa amananii fudhachuuf waan carraaqaniif, barumsaaf xiyyeeffannaa guddaa kennu. Kanaaf, hanga danda’an si wajjin walta’iinsaan hojjechuuf yaalu. Manattis ta’e bakka waaqeffannaasaanii addunyaa maratti argamutti, ijoolleen barsiisotasaanii wajjin walta’iinsaan hojjechuudhaan ga’eesaanii akka raawwatan jajjabeessuusaanii itti fufu.