Barumsa 1
Waaqayyo Sirraa Maal Akka Barbaadu Akkamitti Beekuu Dandeessaa?
Macaafa qulqulluu keessatti beekumsa barbaachisaa akkamiitu argamaa? (1)
Abbaan barroo Macaafa qulqulluu eenyuu? (2)
Macaafa qulqulluu qayyabachuun maaliif sibarbaachisaa? (3)
1. Macaafni qulqulluun kennaa Waaqayyoo isa guddaadha. Xalayaa abbaan jaallatamaan tokko ijoolleesaatiif barreesse fakkaata. Waayee Waaqayyoo dhugaasaa jechuunis—inni eenyu akka ta’eefi seerrisaa maal akka ta’e nutti hima. Rakkoowwan nurra ga’an jalaa akkamitti akka baanuufi gammachuu dhugaa akkamitti akka argannu nuuf ibsa. Waaqayyoon gammachiisuuf maal gochuu akka qabnu kan nutti himu Macaafa qulqulluu qofa.—Faarfannaa 1:1-3; Isaayaas 48:17, 18.
2. Macaafni qulqulluun bara 1513 A.L.B.D.a jalqabee waggaa 1,600tti namoota 40 ta’an adda addaatiin barreeffame. Macaafawwan xixiqqoo 66 ta’an qabateera. Macaafa qulqulluu kan barreessan namoota hafuura Waaqayyootiin geggeeffamanidha. Kan barreessanis, yaadasaanii utuu hin ta’in yaada Waaqayyooti. Kanaafuu abbaan barroo Macaafa qulqulluu Waaqayyo isa samii malee nama lafarraa tokkoyyuu Miti.—2 Ximotewos 3:16, 17; 2 Phexros 1:20, 21.
3. Akkasumas, Waaqayyo Macaafni qulqulluun akka sirriitti garagalchamuufi hamma bara keenyaatti eegamee akka turu godheera. Akka Macaafa qulqulluutti baay’inaan kan maxxanfame macaafni garabiraan hin jiru. Macaafa qulqulluu qayyabachuukeetti namoonni hin gammannee ni jiraatu; haata’u malee, mormiin namoota kanaa qayyabannaakee sidhaabsisuu hin qabu. Abdiinkee inni bara baraa kan hundaa’e mormii sirra ga’u hundumaa obsitee, Waaqayyoon beekuufi fedhiisaa raawwachuukeerratti.—Maatewos 5:10-12; Yohannis 17:3.
[Footnotes]
a A.L.B.D. jechuun akka lakkoofsa bara keenya duraa jechuudha.