Sagantaa Dandeettii Barsiisuufi Dubbisuu Guddifachuuf Gargaaru
SAGANTAAN kun ijoollee, maanguddoo, dhiira ykn durba utuu hin jedhin, hundi keenya yaada keenya akka gaariitti ibsuu akka dandeenyuufi Dubbii Waaqayyoo barsiisuudhaan caalaatti buʼa qabeeyyii akka taanu nu gargaara.
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii keessatti barattootaaf kutaa kan kennu ilaaltuu olaanaa mana barumsichaati. Fuula ittaananii jiran sadanirratti foormii gorsi irratti kennamu argatta. Lakkoofsawwan qabxii foormii gorsi itti kennamurratti argaman, lakkoofsawwan qayyabannaa argisiisu. Qabxiiwwan qayyabannaa keessattimmoo, gorsa addaddaa dandeettii barsiisuufi dubbachuu guddifachuuf gargaaran, akkasumas malawwan haasaa maaliif barbaachisaa akka taʼan ibsan argatta. Qajeelfama yaada qayyabannaa hunda keessatti argamu hojiirra oolchuuf si gargaarus ni argatta.
Halluuwwan foormii gorsaarratti argaman (1) dhaggeeffattootaaf dubbisuu, (2) hojiin argisiisa nama lama ykn isaa ol taʼaniin dhihaatu, akkasumas (3) gumiirratti haasaa dhiheessuu dabalata. Qabxii irratti gorfamtu ilaaltuu olaanaa mana barumsichaatu sii kenna. Yeroo tokkotti, qabxii tokkorratti qofa qophaaʼuun filatamaadha. Gilgaala dhuma kutaa qayyabannaa sii kennamerratti argamu shaakaluunkee si gargaara. Gorsa qayyabannaa kana keessatti argamu sirriitti itti hojjetteetta taanaan, obboleessi gorsa sii kennu qabxii garabiraa yeroo ittaanu irratti gorfamtu sii kenna.
Kutaankee hojiin argisiisaan kan dhihaatu yoo taʼe, yoomessa argachuun si barbaachisa. Yoomessi addaddaa fuula 82rratti kan kenname taʼus, yoomessikee isaanuma kanarratti qofa kan hundaaʼe taʼuu qaba jechuu miti. Obboleessi gorsa sii kennu, muuxannoo akka argattuuf yoomessa sii kennuu ykn ofiikeetii akka filattu siif dhiisuu dandaʼa.
Yeroo kutaan siif hin kennamnettillee, kitaaba kana dubbisuufi gilgaalota achi keessatti argaman hojjechuunkee karaa hafuuraa daftee akka guddattu si gargaara. Tarii torban torbaniin qabxii gorsi irratti kennamu tokkorratti hojjechuu dandeessa.
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirrattis taʼe tajaajilarratti waggaa dheeraadhaaf kan hirmaatte taʼus, wanti fooyyessuu qabdu jiraachuu dandaʼa. Barumsa Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti dhihaaturraa guutummaatti akka fayyadamtu hawwina.