Qayyabannaa 46
Wantoota Beekaman Akka Fakkeenyaatti Fayyadamuu
FAKKEENYI itti fayyadamtu barumsa dhiheessituu wajjin kan walsimu taʼuunsaa baayʼee barbaachisaadha. Haataʼu malee, fakkeenyi tokko buʼaa gaarii kan argamsiisu, haala dhaggeeffattootaa wajjinis kan walsimu yoo taʼedha.
Haalli dhaggeeffattootaa, fakkeenyota haasaakee keessatti itti fayyadamuuf filatturratti jijjiirama fidu kan qabu akkamitti? Gama kanaan Yesus Kiristos maal godha ture? Yesus namoota isa dhaggeeffachuuf walitti qabamanittis taʼe bartootasaatti yommuu dubbatu, fakkeenyota biyya Israaʼel keessatti hin beekamnetti hin fayyadamne. Utuu akkas godheera taʼee, dhaggeeffattoonnisaa ergaasaa hubachuu hin dandaʼan turan. Fakkeenyaaf, Yesus waaʼee jireenya mana mootummaa biyya Gibxii ykn waaʼee barsiifata amantii biyya Hindii hin dubbanne. Kanaa mannaa, fakkeenyota namoonni bakka kamiyyuu jiraatan beekanitti fayyadameera. Waaʼee uffata erbuu, waaʼee daldalaa, waaʼee nama miini gati jabeessi jalaa badeefi nama cidharratti argamee dubbateera. Namoonni haalli garaagaraa yommuu isaan mudatu wanta itti dhagaʼamu waan beekuuf, fakkeenyota kana calaqqisanitti fayyadameera. (Mar. 2:21; Luq. 14:7-11; 15:8, 9; 19:15-23) Lallabni Yesus saba Israaʼelirratti kan xiyyeeffate waan tureef, fakkeenyonni inni itti fayyadames wantoota namoonni arganiifi raawwatanirraa kan fudhataman turan. Kanaan kan kaʼes, waaʼee qonnaa, walitti dhufeenya tikseefi hoolota gidduu jiru, akkasumas qalqalloon daadhii wayinii itti kuusuuf akkamitti akka tajaajilu dubbateera. (Mar. 2:22 NW; Mar. 4:2-9; Yoh. 10:1-5) Yesus seenaawwan dhaggeeffattoonni beekan, jechuunis waaʼee abbaa manaafi haadha manaa warra jalqabaa, waaʼee Bishaan Badiisaa bara Nohi, waaʼee badiisa Sodoomiifi Gomoraa, waaʼee duʼa haadha manaa Loox dabalatee fakkeenyota hedduu caqaseera. (Mat. 10:15; 19:4-6; 24:37-39; Luq. 17:32) Atoo fakkeenyota itti fayyadamtu yommuu filattu, gochaafi aadaa dhaggeeffattootakee tilmaama keessa ni galchitaa?
Nama tokkotti ykn namoota muraasatti dubbachaa jirta yoo taʼehoo? Fakkeenya dhaggeeffattoota kanaaf taʼu filachuuf yaalii godhi. Yesus dubartii Samaariyaa boolla bishaanii Siikaar biratti argeef yommuu dhugaa baʼe, jechoota ‘bishaan jireenyaa, hiika bara 1899’ ‘barabaraan utuu hin dheebotin’ jiraachuu, akkasumas “burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu” jedhanitti fayyadameera. Fakkeenyonni dubbii dachaa kun hundi, hojii dubartittii wajjin kallattiidhaan walitti dhufeenya qabu turan. (Yoh. 4:7-15) Fakkeenyonni Yesus namoota kiyyoo qurxummii ittiin qaban miicaa turanitti dubbate, hojii qurxummii qabuu wajjin walitti dhufeenya kan qaban turan. (Luq. 5:2-11) Namoonni kun hawaasa hojii qonnaatiin bulu keessatti waan guddataniif, Yesus fakkeenya waaʼee qonnaa ibsutti fayyadamuu dandaʼa ture. Haataʼu malee, yeroo lamaanuu fakkeenya hojiisaanii wajjin walitti dhufeenya qabanitti fayyadamuudhaan yaadasaa caalaatti ifa godheera. Atoo akkas gochuuf ni yaaltaa?
Yesus, ‘hoolota karaa irraa goranii mana Israaʼelii badaniif’ kan ergame siʼa taʼu, Phaawulos garuu, Israaʼelootaaf qofa utuu hin taʼin namoota sabaa Waaqayyoo hin taʼiniifis kan ergame ture. (Mat. 15:24; HoE. 9:15) Haalli kun fakkeenyota Phaawulos itti fayyadamurratti jijjiirama fide qabaa? Eeyyee qaba. Yeroo Kiristiyaanota Qorontosiif barreesse, waaʼee dorgommii, waaʼee mana qulqullummaa waaqolii tolfamoo keessatti nyaata nyaachuu, waaʼee namoota moʼanii duulaa galanii caqasuudhaan, fakkeenyota namoonni saba Waaqayyoo hin taane beekanitti fayyadameera.—1 Qor. 8:1-10; 9:24, 25; 2 Qor. 2:14-16.
Atoo yommuu namoota barsiistu, akkuma Yesusiifi akkuma Phaawulos fakkeenyota itti fayyadamtu of eeggannoodhaan filattaa? Akkaataa guddinaafi akkaataa jireenyaa dhaggeeffattootakee tilmaama keessa galchitaa? Haalli yeroo ammaa, haala jaarraa jalqabaarraa baayʼee adda akka taʼe beekamaadha. Namoonni hedduun haala biyya lafaa ilaalchisee oduu televijiiniidhaan darbu waan hordofaniif, haalawwan biyyoota garaagaraa keessa jiran beeku. Dhaggeeffattoonnikee carraa akkasii qabu taanaan, oduu dhageesse ykn argite akka fakkeenyaatti caqasuunkee dogoggora hin qabu. Taʼus garaan namootaa caalaatti kan tuqamu, waaʼee jireenyasaanii, jechuunis waaʼee manasaanii, waaʼee maatiisaanii, waaʼee hojiisaanii, waaʼee nyaatasaaniifi waaʼee haala qilleensaa naannoosaanii yoo caqastedha.
Dhaggeeffattoonni fakkeenya itti fayyadamte akka hubatan gochuuf ibsa balʼaa kennuun kan si barbaachisu yoo taʼe, fakkeenyicha hin beekan jechuudha. Fakkeenyi akkasii, faayidaan barumsichaa akka dhokatu gochuu dandaʼa. Kunimmoo, dhaggeeffattoonni dhugaa Macaafa Qulqulluu isaan barsiisuu barbaadde utuu hin taʼin, fakkeenyicha qofa akka yaadatan gochuu dandaʼa.
Yesus, fakkeenyota salphaafi jireenya namootaarraa fudhatamanitti malee, fakkeenyota namaa hin galletti hin fayyadamu turre. Wantoota xixinnoo taʼan wantoota gurguddaa taʼan ittiin ibsuuf, wantoota salphaa taʼanimmoo wantoota ulfaataa taʼan ittiin ibsuuf fayyadameera. Yesus, dhugaa Caaffata Qulqullaaʼoo haalawwan jireenyasaanii keessatti isaan mudatanii wajjin walsimsiisuudhaan, namoonni barumsicha akka hubataniifi akka yaadatan godheera. Kun mala gaarii hordofuu qabnu mitii?