Qayyabannaa 47
Wantoota Ijaan Argamantti Fayyadamanii Barsiisuu
WANTOOTA ijaan argamanitti fayyadamtee barsiisuunkee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Akkas gochuunkee karaa caalaatti fooyyee qabuun barsiisuuf waan si gargaaruufidha. Yihowaafi Yesus Kiristos wantoota ijaan argamanitti fayyadamanii barsiisaniiru; nuyis fakkeenyasaanii hordofuu dandeenya. Wantoota ijaan argamanitti fayyadamnee kan barsiisnu yoo taʼe, dhaggeeffattoonni gurraan qofa utuu hin taʼin ijasaaniitiinis nu hordofuu dandaʼu. Kunimmoo xiyyeeffannaadhaan akka hordofaniifi barumsicha akka hin irraanfanne gochuuf gargaara. Misiraachicha yommuu lallabdu wantoota ijaan argamanitti fayyadamtee barsiisuu kan dandeessu akkamitti? Sirriitti itti fayyadamaa akka jirtuhoo akkamitti beekuu dandeessa?
Yihowaafi Yesus Wantoota Ijaan Argamanitti Kan Fayyadaman Akkamitti? Yihowaan yeroo garaagaraatti wantoota ijaan argamanitti fayyadamee barumsa hin irraanfatamne dabarseera. Gaaf tokko galgala Abrahaamiin alatti gad baasee, “Gara bantiiwwan waaqaa ol ilaali, urjootas yoo lakkaaʼuu dandeesse lakkaaʼi! . . . Sanyiin kees akkasuma in taʼa!” jedheen. (Uma. 15:5) Akka ilaalcha namootaatti waadaan kun kan hin raawwatamne fakkaatullee, Abrahaam garaansaa baayʼee waan tuqameef Yihowaatti amaneera. Yeroo garabiraattimmoo, Yihowaan Ermiyaasiin mana nama suphee dhaʼu tokkootti erguudhaan namichi akka isatti toletti akkamitti suphee akka dhaʼu akka ilaalu godhee ture. Kun fakkeenya hin irraanfatamneefi aboo Uumaan ilmaan namootaarratti qabu kan argisiisu mitii? (Er. 18:1-6) Yoonaasis ooʼa argisiisuu ilaalchisee, barumsa Yihowaan biqiltuu akka qobbootti fayyadame isaaf kenne matumaa hin irraanfatu! (Yon. 4:6-11) Yihowaan raajonnisaa meeshaawwan tokko tokkotti fayyadamanii wanta gara fuulduraatti raawwatamu hojiin argisiisaan akka dhiheessan yeroo itti godhes qaba. (1 Mot. 11:29-32; Er. 27:1-8; His. 4:1-17) Wantoonni godoo walgaʼiifi mana qulqullummaa keessa turanis, haalawwan samiirra jiran hubachuuf nu gargaaru. (Ibr. 9:9, 23, 24) Waaqayyo barumsa gaarii dabarsuuf mulʼatawwan hedduuttis fayyadameera.—His. 1:4-28; 8:2-18; HoE. 10:9-16; 16:9, 10; Mul. 1:1.
Yesus wantoota ijaan argamanitti fayyadamee kan barsiise akkamitti? Fariisonniifi warri garee Herodis waan inni dubbatuun kiyyootti isa galchuuf yommuu yaalan, Yesus horii ittiin gibira baasan tokko akka fidan gaafachuudhaan bifa Mootii warra Roomaa horicharra jiru isaanitti argisiise. Achiis, mootichaaf kan fudhachuun isaaf taʼu kennuu, Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf taʼu kennuu akka qaban itti himeera. (Mat. 22:19-21) Yesus wanta qabnu hundaan Yihowaa kabajuun barbaachisaa taʼuusaa ibsuuf, haadha hiyyeessaa wanta harʼa ittiin buluudhaaf qabdu hundumaa, jechuunis sibiila diddiimtuu lama qodaa buusii keessa buuste akka ilaalan duuka buutotasaatti himee ture. (Luq. 21:1-4) Yeroo garabiraattimmoo, iddoo guddaa argachuuf hawwuurraa of qusachuudhaan gad of deebisuun barbaachisaa taʼuusaa barsiisuuf, mucaa xinnoo tokko isaan gidduu dhaabeera. (Mat. 18:2-6) Miilla bartootasaa dhiquudhaanis, gad of deebisuu jechuun maal jechuu akka taʼe argisiiseera.—Yoh. 13:14.
Karaawwan Wantoota Ijaan Argamanitti Fayyadamanii Barsiisuun Dandaʼamu. Nuyi akka Yihowaa mulʼataan ergaa dabarsuu hin dandeenyu. Haataʼu malee, barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaarratti fakkiiwwan namatti tolan hedduu arganna. Namoonni fedhii qaban, abdii jannataa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame ija qalbiisaaniitiin akka ilaalan gargaaruuf fakkiiwwan kanatti fayyadami. Yommuu Macaafa Qulqulluu qayyabsiistu, baratichi fakkii dhimma irratti mariʼachaa jirtanii wajjin walitti dhufeenya qabu ilaalee wanta hubate akka sitti himu gaafadhu. Yihowaan Amositti yommuu mulʼata argisiise, “Yaa Amos, maal argita?” jedhee isa gaafachuunsaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisudha. (Amo. 7:7, 8; 8:1, 2) Atis namoonni fakkiiwwan warra kaan ittiin barsiisuuf qophaaʼanirratti akka xiyyeeffatan gargaaruuf gaaffii wal fakkaatu gaafachuu dandeessa.
Waaʼee herregaa ykn waaʼee duraa duuba barootaa yommuu ibsitu, jecha ‘bara torba’ jedhuufi Daani’el 4:16rratti argamu, akkasumas jecha ‘waggoota torba siʼa torbaatama’ jedhuufi Daani’el 9:24rratti argamu waraqaarratti barreessitee kan argisiistu yoo taʼe, namoonni raajiiwwan kana salphaatti hubachuu dandaʼu. Barreeffamoonni keenyas fakkiiwwan wantoota ijaan argamanitti fayyadamanii barsiisuuf gargaaran hedduu qabataniiru.
Waaʼee godoo walgaʼii, waaʼee mana qulqullummaa Yerusaalemiifi waaʼee mana qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan argerratti maatiidhaan yommuu mariʼattan, fakkiiwwanitti yoo fayyadamtan yaannisaa caalaatti ifa isinii taʼa. Fakkiiwwan akkasii, kitaaba Insaayit oon za Iskiriipcharsi, kutaa dabalataa Caaffata Qulqullaaʼoo Hiika Addunyaa Haaraa, Isa Hiika Jechootaa qabuufi afaan Ingiliffaatiin qophaaʼerraa, akkasumas barruu Masaraa Eegumsaa hedduurraa argachuu dandeessu.
Maatiikee wajjin Macaafa Qulqulluu yommuu dubbistu akka gaariitti kaartaatti fayyadami. Abrahaam Urii kaʼee hanga Kaaraanitti, achiis hanga Betʼelitti karaa kam akka adeeme kaartaarraa ilaali. Sabni Israaʼel biyya Gibxiitii kaʼee karaa kam gara Biyyattii Abdachiifamtetti akka adeeme qoradhu. Akkasumas lafti gosa Israaʼel hundaaf akka dhaalaatti kenname isa kam akka taʼe kaarticharraa argisiisuu yaali. Naannoowwan Solomoon bulchaa ture hubachuuf yaali. Akkasumas, Eliyaas Iizaabel jalaa baqachuuf Yizreʼelii kaʼee gara lafa onaa isa Bersheebaa gama jirutti yommuu adeeme karaa kamirra akka buʼe kaarticharratti mallattoo godhi. (1 Mot. 18:46–19:4) Magaalaawwan Yesus itti lallabe, adeemsa Phaawulos godheefi macaafa Hojii Ergamootaa keessatti galmeeffamerratti mallattoo godhi.
Wantoota ijaan argamanitti fayyadamanii barsiisuun, namni Macaafa Qulqulluu qayyabatu akkaataa gumii keessatti hojiin itti hojjetamu akka hubatu gochuufis ni gargaara. Sagantaa walgaʼiiwwan gurguddaadhaaf baʼe itti argisiisuudhaan, barumsi achirratti dhihaatu maal akka taʼe ibsuufii dandeessa. Namoonni hedduun Galmawwan Mootummaafi waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa daawwachuusaaniitiin garaansaanii tuqameera. Kunis ilaalcha dogoggoraa hojii keenyaafi kaayyoo hojii keenyaaf qaban akka sirreessan gochuurratti gaʼee guddaa qaba. Galma Mootummaa yommuu isaan daawwachiistu, iddoowwan waaqeffannaa kaanirraa karaa kam adda akka taʼe ibsiif. Galmawwan Mootummaa keenya, wantoota garaagaraatiin garmalee kan hin miidhagfamneefi keessatti barachuuf mijaaʼaa akka taʼe ibsiif. Wantoota tajaajila keenyaa wajjin walitti dhufeenya qaban, keessumaa waaʼee kutaa barreeffamaa, waaʼee kaartaa naannoo tajaajilaafi waaʼee saanduqa buusii (miini qarshiin itti sassaabamu kan hin naanneffamne taʼuusaa) ibsiif.
Viidiyoowwan Qaamni Olaanaan qopheesse yoo argatte, amantii namoonni Macaafa Qulqulluurratti qaban jabeessuuf, hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa raawwatanii wajjin akka wal baraniifi seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu eeganii akka jiraatan gargaaruuf itti fayyadami.
Wantoota Ijaan Argamanitti Fayyadamanii Namoota Hedduu Barsiisuu. Akka gaariitti yoo qophoofteefi sirriitti dhiheessuu yoo dandeesse, wantoota ijaan argamanitti fayyadamanii namoota hedduu barsiisuun mala gaarii taʼuusaa hubatta. Gama kanaan, hojjetaan amanamaaniifi ogeessi wantoota itti fayyadamuu dandeessu garaagaraa qopheesseera.
Kutaawwan Masaraa Eegumsaa qayyabataman, yeroo baayʼee fakkiiwwan kan qaban siʼa taʼu, obboleessi qayyabanicha geggeessu, qabxiiwwan barbaachisaa taʼan addeessuuf itti fayyadamuu dandaʼa. Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu Gumii yommuu geggeeffamuttis mala kanatti fayyadamuun ni dandaʼama.
Tooriiwwan haasaa tokko tokkos, yaadawwan wantoota ijaan argamanitti fayyadamanii barsiisuuf gargaaran qabataniiru. Haataʼu malee, dhaggeeffattoonni hedduun Macaafa Qulqulluu waan qabaniif, yeroo baayʼee yaada achirratti argamurratti akka xiyyeeffatan gochuun gaariidha. Qabxiiwwan haasichaa akka gaariitti akka hubatan yaaduudhaan, fakkiiwwanitti fayyadamuu ykn qabxiiwwan gurguddaa waraqaarratti barreessitee argisiisuu yoo yaadde, dhaggeeffattoonni gara duubaa taaʼan sirriitti arguu (dubbisuu) dandaʼuusaanii dursii mirkaneessi. Akkas jechuun garuu yeroo hunda malawwan akkasiitti fayyadamuu qabda jechuu miti.
Yeroo dubbannuttis taʼe yeroo barsiisnu, wantoota ijaan argamanitti kan fayyadamnu, dhaggeeffattoota bohaarsuuf taʼuu hin qabu. Wantoonni barsiisuuf itti fayyadamtu kan nama hin yeellaasifne yoo taʼan, yaada addeessuu barbaaddu caalaatti kan sii jabeessan taʼu. Wantoonni kun yaada dabarsuu barbaadde caalaatti ifa gochuuf kan gargaaran ykn yaada ergaa sanaa caalaatti kan jabeessan yoo taʼan, haasaankee buʼaa guddaa kan argamsiisu akka taʼu godhu. Wantoota kanatti sirriitti yoo fayyadamte, barumsi dhiheessites taʼe wanti itti fayyadamte yeroo dheeraadhaaf kan hin irraanfatamne taʼa.
Dhagaʼuufi ilaaluun, barumsa argachuurratti gaʼee guddaa qabu. Yihowaafi Yesus, namoonni miirawwansaanii kanatti akka fayyadaman gochuuf akkamitti akka barsiisan hubadhu; atis fakkeenyasaanii hordofuuf carraaqqii godhi.