Qayyabannaa 31
Namootaa Kabajuu
CAAFFANNI QULQULLAAʼOON, “namoota hundumaaf ulfina kennaa,” akkasumas ‘maqaa nama tokkoo illee hin balleessinaa’ jechuudhaan nu gorsu. (1 Phe. 2:17; Tit 3:2) Ilmaan namootaa akka “fakkaattii Waaqayyootti uumaman.” (Yaq. 3:9) Kiristosimmoo, namoota hundaaf duʼe. (Yoh. 3:16) Namoonni hundi misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo dhagaʼanii tarkaanfii fudhachuudhaan fayyina argachuun isaan barbaachisa. (2 Phe. 3:9) Namoonni aboo qabaniin ykn sababii garabiraadhaan ulfinni addaa kennamuufii qabu tokko tokkos jiru.
Namoonni tokko tokko namoota kabajuu ilaalchisee gorsa Macaafa Qulqulluu fudhachuu kan hin barbaanne maaliifi? Aadaan naannoo, namoota sanyii, bifa, fayyaa, umrii, qabeenya ykn iddoo isaan hawaasa keessatti qabanirratti hundaaʼuudhaan ulfinni kennamuufii kan qabu eenyu akka taʼe murteessa taʼa. Malaanmaltummaan abbootiin taayitaa raawwatan babalʼachuunsaas, namoonni aboo akka hin kabajne godheera. Tariimmoo biyyoota tokko tokko keessatti namoonni jireenyasaaniitti waan hin gammanneef ykn wantoota jireenyaaf barbaachisan argachuuf saʼaatii dheeraadhaaf hojjechuu waan qabaniif ykn namoonni naannoosaaniitti argaman warra kaaniif ulfina waan hin kennineef taʼuu dandaʼa. Ijoolleenis, barsiisota ykn namoota aboo qaban akka hin kabajne hiriyoonnisaanii dhiibbaa isaanirraan gaʼu. Sagantaan televijiinii ijoolleen yeroo warrasaanii gowwoomsaniifi isaanirratti olaantummaa argisiisan ilaalchisee qophaaʼu namoota hedduurratti dhiibbaa geessisa. Ilaalchi biyya lafaa kun dhiibbaa akka nurraan hin geenye of eeggannoo gochuu qabna. Namoota kabajuun keenya garuu walii galteen akka jiraatu godha.
Kabajaan Namoota Haasofsiisuu. Namni hojii amantii babalʼisu, akkaataan uffannaafi gochasaa namoota akka kabaju kan argisiisu akka taʼu irraa eegama. Nama kabajuu ilaalchisee wanti namoonni sirriidha jedhan iddoodhaa gara iddootti addaddadha. Naannoo tokko tokkotti baarmexaa kaaʼatanii ykn harka kiisii keessa kaaʼatanii namoota haasofsiisuun namootaaf ulfina akka hin kenninetti ilaalama. Naannoo garabiraattimmoo akkas gochuun dogoggora taʼuu dhiisuu dandaʼa. Kanaaf, namoota akka hin mufachiisnetti aadaa naannoo sanaa tilmaama keessa galchi. Akkas gochuunkee namoonni wanta misiraachicha akka hin dhageenye godhurraa akka of qusattu si gargaara.
Namootaa wajjin, keessumaa maanguddootaa wajjin yommuu dubbannu akkas gochuu qabna. Yeroo baayʼee heyyamasaanii malee, ijoolleen namoota gurguddaa maqaasaaniitiin waaman ulfina akka isaaniif hin kenninetti ilaalamu. Naannoo tokko tokkottimmoo, namoonni gurguddaan namoota hin beekne maqaasaaniitiin hin waaman. Kana malees, afaan hedduu keessatti namoonni maanguddoota ykn abbootii taayitaa wajjin yommuu dubbatan akka isaan kabajan argisiisuuf, jecha “isin” jedhutti ykn jecha ulfina argisiisu kaanitti fayyadamu.
Karaawwan Itti Namoota Kabajnu. Naannoo tokko tokkotti namoota karaarratti ykn manasaaniitti argattu akka kabajju argisiisuun sirraa eegama taʼa. Kunis, nagaa gaafachuu, seequu, mataakee gad qabuu ykn fuula ifaa argisiisuudhaan ibsamuu dandaʼa. Nagaa utuu hin gaafatin nama bira darbuun akka tuffiitti ilaalama.
Haataʼu malee, namoonni tokko tokko utuma isaan kabajjuu, akka isaan tuffatte itti dhagaʼamuu dandaʼa. Maaliif? Tarii dhuunfaatti xiyyeeffannaa akka isaaniif hin kennine waan itti dhagaʼamuuf taʼuu dandaʼa. Namoonni wanta alaan mulʼatu qofa ilaaluudhaan namoota akka qoqqoodan beekamaadha. Yeroo baayʼee namoonni warra hirʼina qaamaa ykn dhibee fayyaa qabanirraa ni fagaatu. Haataʼu malee, Dubbiin Waaqayyoo namoota akkasii jaalalaafi ulfinaan akkamitti qabuun akka nurra jiru nu hubachiisa. (Mat. 8:2, 3) Hundi keenya Addaamirraa cubbuu waan dhaalleef hirʼina addaddaa qabna. Namoonni yeroo hunda hirʼinakee caqasuu mannaa hojii gaarii hojjettu utuu dubbatanii sitti hin toluu?
Namoota kabajuun seera matummaa kabajuus ni dabalata. Naannoo tokko tokkotti, miseensa maatii tokkoof dhugaa baʼuu keenya dura nama mataa maatichaa taʼee wajjin haasaʼuun barbaachisaadha. Hojii lallabuufi barsiisuu kan nuu kenne Yihowaa taʼus, warri ijoollee leenjisuu, adabuufi qajeelchuuf Waaqayyo duratti itti gaafatamummaa akka qaban ni hubanna. (Efe. 6:1-4) Kanaaf, ijoollee wajjin maree balʼaa gochuu keenya dura, warrasaanii heyyama gaafachuun keenya barbaachisaadha.
Namoota umriisaaniitiin kabajuu qabna. (Iyo 32:6, 7) Shamarreen qajeelchituu taateefi Sirii Laankaatti argamtu maanguddoo tokko kabajuusheetiin buʼaa gaarii argatteetti. Jalqabarratti maanguddoon kun, “Daaʼimni akkakeetii akkamitti Macaafa Qulqulluu na barsiisuu dandaʼa?” jedhanii ishee morman. Isheenis, “Wantin baradhee baayʼee waan na gammachiiseefi kanas namootatti himuu akkan qabu waan natti dhagaʼameef malee isin barsiisuufan dhufe miti” jettee deebisteef. Karaa ulfina qabuun deebii kennuunshee, maanguddoon kun akka ishee dhaggeeffatan godheera. Achiis “Tole, mee waan baratte natti himi” jedhanii ishee gaafatan. “Barabaraaf jiraachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe baradheera” jettee deebisteef. Kanaan kan kaʼes maanguddoon kun Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqaban. Maanguddoonni hundi yaada akkasii qabu jedhamuu baatus, baayʼeensaanii kabajni yommuu kennamuuf ni gammadu.
Haataʼu malee kabaja namootaaf kennamuu hin qabne kennina jechuu miti. Dhugaa Baatonni Yihowaa odoolawwan Paasifiikiifi naannoowwan kaanitti geggeessitoota mandaraa ykn geggeessitoota gosaa naannoo sanaa ulfinaan haasofsiisuunsaanii, namoota isaan dhaggeeffatan akka argataniifi geggeessitoota sanas taʼe namoota isaan jalatti bulan haasofsiisuuf carraa isaanii baneera. Haataʼu malee, fakkeessuuf qofa namoota kabajuun sirrii miti. (Fak. 29:5) Afaan tokko tokko keessatti jechoonni ulfina argisiisan jiraachuu dandaʼanis, Kiristiyaanni tokko jechoota kanatti garmalee fayyadamuu hin qabu.
Haasaa Kabajaan Dhihaatu. Macaafni Qulqulluun namoota waaʼee abdii keenyaa nu gaafataniif, “arraba laafaadhaan nama safeeffachuudhaanis” deebii akka kenninu nu gorsa. (1 Phe. 3:16) Ilaalchi nama sanaa dogoggora taʼuusaa yeruma sana saaxiluun kan dandaʼamu taʼus, karaa ulfinasaa tuquun akkas gochuun keenya sirrii taʼaa? Jalqaba obsaan isa dhaggeeffachuu, tariimmoo ilaalcha akkasii qabaachuu kan dandaʼe maaliif akka taʼe gaafachuufi yaadasaa tilmaama keessa galchuudhaan Macaafa Qulqulluurraa ragaa dhiheessuun gaarii hin taʼuu?
Kabajni yeroo nama tokko haasofsiistu argisiistu, yommuu waltajjiirraa namoota hedduutti dubbattus mulʼachuu qaba. Namni haasaa dhiheessu dhaggeeffattoota kan kabaju yoo taʼe, isaan hin ceephaʼu ykn “Hin barbaanne malee gorsa kana hojiirra oolchuu ni dandeessu turtan” jechuu akka barbaade karaa argisiisuun hin dubbatu. Dubbiin akkasii dhaggeeffattoota abdii kutachiisa malee faayidaa hin qabu. Kanaa mannaa namoonni kun Yihowaa akka jaallataniifi isa tajaajiluu akka barbaadan yaaduun keenya gaarii hin taʼuu? Namoota karaa hafuuraa dadhaban ykn namoota muuxannoo hin qabneefi gorsa Macaafa Qulqulluu dafanii hojiirra hin oolchine yommuu gargaarru, akkuma Yesus haalasaanii hubachuuf carraaqqii gochuu qabna.
Namni haasaa dhiheessu waaʼee Dubbii Waaqayyoo guutummaatti hojiirra oolchuu yommuu dubbatu, ofis itti dabalee kan dubbatu yoo taʼe dhaggeeffattoonni akka isaan kabaju itti dhagaʼama. Kanaaf, caqasni tokko faayidaa akkamii akka qabu yommuu dubbattu, irra deddeebitee jecha “isin” jedhutti hin fayyadamin. Fakkeenyaaf, jecha “Wanta dandeessan hunda gochaa jirtuu?” jedhuufi jecha “Hundi keenya ‘Wantan dandaʼu hunda gochaan jiraa?’ jennee of gaafachuun keenya sirrii taʼa” jedhu gidduu jiru qalbeeffadhu. Gaaffiiwwan kun lamaan ergaa wal fakkaatu kan dabarsan taʼaniyyuu, gaaffiin inni jalqabaa namni haasaa dhiheessu wanti dhaggeeffattootarraa eegamu isa kan hin ilaallanne fakkeessuu dandaʼa. Gaaffiin inni lammataa garuu nama haasaa dhiheessu sana dabalatee, dhaggeeffattoonni hundi haalasaanii akka gamaaggaman kan jajjabeessudha.
Dhaggeeffattoota kolfisiisuuf qofa hin dubbatin. Akkas gochuun kabaja namoonni Macaafa Qulqulluudhaaf qaban hirʼisuu dandaʼa. Gammachuudhaan Waaqayyoon tajaajiluu akka qabnu beekamaadha. Kutaan dhiheessinus qabxiiwwan namoota kolfisiisan qabaachuu dandaʼa. Haataʼu malee, dhimma akka laayyootti ilaalamuu hin qabne akka qoosaatti dhiheessuun, dhaggeeffattootaafis taʼe Waaqayyoof ulfina akka hin kennine argisiisuu dandaʼa.
Namootaaf ilaalcha akkamii qabaachuu akka qabnu Yihowaan waan nu barsiiseef, amalli keenyas taʼe dubbiin keenya yeroo hunda kana kan argisiisu haataʼu.