Wantoota Ilaalamanitti Fayyadamuudhaan Barsiisaa
1 Yihowaan tajaajiltootasaa warra durii wanta barbaachisaa ta’e barsiisuuf, darbee darbee mul’ataafi abjuutti fayyadama ture. Hisqi’el konkolaataa Yihowaa isa samiirra jiru ilaalchisee mul’ata argeera. (His. 1:1-28) Daani’el mootummoonni gurguddaan addunyaa yeroo jijijjiiraman abjuudhaan raajii erga argee booda wanta itti dhaga’ame yaadaa. (Dan. 7:1-15, 28) Yohannisis wantoota “Guyyaa Gooftaa” keessatti raawwataman ilaalchisee mul’ata dinqisiisaa ‘argeera.’ (Mul. 1:1, 10) Yihowaan wantoota calaqqisaniifi sochiiwwan gurguddaatti fayyadamee isaan barsiiseera; Kunimmoo ergaan kun yeroo dheeraadhaaf sammuusaanii keessaa akka hin baane godheera.
2 Nuyis dhugaa Macaafa Qulqulluu karaa hin irraanfatamneen namoota barsiisuu yoo barbaanne, viidiyoowwan keenyaan gargaaramuu dandeenya. Viidiyoowwan keenya, barumsa hedduu kan qabataniifi namoonni Macaafa Qulqulluutti, jaarmiyaa Yihowaattiifi seerawwan bu’uuraa jireenya Kiristiyaanummaa fooyyessanitti akka amanan kan godhanidha. Kanatti aansinee, karaawwan viidiyoowwan keenyaan barsiisuu itti dandeenyu keessaa tokko tokko haa ilaallu.
3 Tajaajilarratti: Tokkummaa obbolummaa addunyaa maratti qabnu nama Macaafa Qulqulluu barsiiftutti himteettaa? Viidiyoo Waldaa Obboloota Addunyaa Maraa jedhamu itti argisiisi. Qayyabannaa keessan isa itti aanu dura akka ilaalu viidiyicha ergisiif; yookiinimmoo qayyabannaa itti aanurratti wajjin ilaalaa. Achiis gaaffii irra deebii Tajaajila Mootummaa Waxabajjii 2002rra jirurratti mari’adhaa.
4 Dargaggootaa, viidiyoo seenaa dhugaarratti hundaa’eefi Dhugaa Baatonni Yihowaa Gidiraa Naaziin Isaanirraan Ga’e Mo’aniiru jedhamu, ykn Dhugaa Baatonni Yihowaa Tokkummaa Sooviyeet Keessa Jiraatan Yeroo Qorumsaatti Jabina Isaan Agarsiisan jedhamu barattoota kutaa keessaniitti argisiisuun akka isiniif heyyamamu barsiisaa keessan gaafadhaa. Gaaffiiwwan Tajaajila Mootummaa Waxabajjii 2001 ykn Guraandhala 2003rra jiran akka barattootaaf ta’utti qophooftanii isaanii wajjin irratti mari’achuu akka barbaaddan barsiisaa keessanitti himaa.
5 Maatiifi Hiriyootaa wajjin: Warra kan taatan, viidiyoo Gaaffii Dargaggootaa Hiriyaa Dhugaa Argachuu Kanan Danda’u Akkamitti? jedhamu erga ilaaltanii hammam tureera? Qayyabannaa maatii itti aanurratti irra deebitanii maaliif hin ilaaltan? Tajaajila Mootummaa Ebla 2002 gaaffiiwwan nama gammachiisuufi ifa ta’e gochuuf gargaaran qabateera.
6 Gumii keessan keessaa namoota mana keetti afeeruu barbaaddu qabdaa? Viidiyoo Aangoo Yihowaa Kabajaa jedhamu walii wajjin ilaaluudhaan gaaffiiwwan Tajaajila Mootummaa Fulbaana 2004rra jiraniin gargaaramtanii utuu irratti mari’attanii, yeroo nama gammachiisu waliin dabarsuu dandeessu.
7 Carraawwan Kan Biraa: Viidiyoowwan adda addaa 20 qabna; isaan kanaan karaa garabiraa kamiin fayyadamuu dandeenya? Nama yeroo hundumaa deddeebitee gaafattu tokkotti viidiyoowwan kana keessaa tokko ykn lama yoo argisiiste, karaa hafuuraa guddachuuf isa gargaaraa laata? Viidiyoowwan kana mana adabaatti, hospitaalatti, ykn iddoo biraatti argisiisuu dandeessaa? Viidiyoowwan kun ilaalcha maatiiwwan hin amannee, ilaalcha ollaawwaniifi namoota wajjin hojjennuu jijjiiruuhoo ni danda’uu laata? Viidiyoowwan keenya, kan nama gammachiisan, nama qajeelchaniifi bu’a qabeessa waan ta’aniif barsiisuuf itti gargaaramaa.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Yihowaan tajaajiltootasaa warra durii barsiisuuf wantoota ilaalamanitti kan gargaarame akkamitti? Kun bu’aa akkamii argamsiiseera?
2. Dhugaa Macaafa Qulqulluu warra kaan barsiisuuf wantoota ilaalaman kamiin gargaaramuu dandeenya?
3. Barataa Macaafa Qulqulluu tokko gara jaarmiyaa Yihowaatti fiduuf maalitti fayyadamuu dandeessa?
4. Dargaggeessi tokko mana barumsaatti dhugaa barsiisuuf meeshaa akkamiitti fayyadamuu danda’a?
5. Warri, qayyabannaa maatiirratti maal gargaaramuu danda’u?
6. Hiriyootakee wajjin wal jajjabeessuuf qophii akkamii gochuu dandeessa?
7. Viidiyoowwan keenya namootatti argisiisuuf carraawwan akkamiitti fayyadamuu dandeessa?