Qayyabannaa 48
Karaa Nama Amansiisuun Dubbachuu
AKKUMA nuyi gargaarsa Dubbii Waaqayyootiin jijjiirama gochuudhaan gammachuu arganne, warri kaanis jijjiirama akkasii gochuudhaan gammachuu akka argatan barbaanna. Kana malees, namoonni misiraachicha dhagaʼuunsaanii jireenyasaanii isa gara fuulduraarratti jijjiirama akka fidu ni hubanna. (Mat. 7:13, 14; Yoh. 12:48) Dhugaa akka fudhatanis ni barbaanna. Haataʼu malee, buʼaa guddaa argachuu yoo barbaanne, amantii cimaaniifi hinaaffaan qabnu hubannaa kan dabalatu taʼuu qaba.
Wantoonni namoonni garaa guutuu itti amanan soba taʼuusaanii fuulleetti kan dubbannu yoo taʼe, Macaafa Qulqulluurraa ragaa hedduu yoo dhiheessinellee, yaada keenya fudhachuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, ayyaanonni waggaa namoonni baayʼeen kabajan, amantii sobaarraa akka dhufan dubbachuudhaan balaaleffachuun keenya, ilaalcha namoonni kun ayyaanota kanaaf qabanirratti jijjiirama kan hin finne taʼuu dandaʼa. Kanaa mannaa yeroo baayʼee garraamummaadhaan dubbachuun buʼaa argamsiisuu dandaʼa. Haataʼu malee, garraamummaadhaan dubbachuun maalfaa dabalata?
Macaafni Qulqulluun, ‘ogummaan waaqarraa naga qabeessaafi garraamii’ akka taʼe dubbata. (Yaq. 3:17) Jechi afaan Giriikii asirratti garraamii jedhame, kallattiidhaan “tole jechuu” jedhamee hiikameera. Hiikawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko jecha kana, “kan namaa yaadu,” “gaarii” ykn “obsa qabeessa” jedhanii hiikaniiru. Garraamummaan naga qabeessa taʼuu wajjinis walitti dhufeenya akka qabu qalbeeffadhu. Akka hiika bara 1899tti, jechi kun Tiitoos 3:2rrattimmoo, gara laafummaa wajjin wal qabsiifamee kan ibsame siʼa taʼu, lola barbaaduurraa faallaa akka taʼes ibsameera. Filiphisiiyus 4:5rratti, “garraamummaan” keenya namoota biratti akka beekamu gorfamneerra. Namni garraamiin, akkaataa guddinaa, haalaafi miira namoota haasofsiisu tilmaama keessa galcha. Barbaachisaa yoo taʼe akka haalasaatti yaadasaa jijjiiruuf fedhii qabaata. Karaa kanaan namoota haasofsiisuun keenya, namoonni ragaa Caaffata Qulqullaaʼoorraa isaanii dhiheessinu garaafi sammuusaanii bananii akka nu dhaggeeffatan gochuu dandaʼa.
Eessaa Jalqabna? Luqaas, Phaawulos ergamaan yommuu Tasaloniiqee ture, Caaffata Qulqullaaʼootti fayyadamee “dubbicha isaanii ibsaa, Masiihiin dhiphachuun, warra duʼan keessaas kaʼuun, isaaf in taʼa” jechuudhaan isaaniif ibsaa akka ture dubbateera. (HoE. 17:2, 3) Phaawulos kana kan godhe mana sagadaa warra Yihudootaa keessatti akka ture qalbeeffachuun barbaachisaadha. Namoonni inni wajjin dubbachaa tures Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaatti kan amanan turan. Kanaaf, wanta dhaggeeffattoonnisaa itti amananirraa caqasuudhaan jalqabuunsaa sirrii ture.
Phaawulos Aariyophaagositti warra Giriikotaa wajjin yommuu mariʼate garuu, Caaffata Qulqullaaʼoorraa caqasuudhaan hin jalqabne. Kanaa mannaa, wanta isaan beekaniifi itti amanan dubbachuudhaan kan jalqabe siʼa taʼu, waaʼee Uumaafi waaʼee kaayyoosaas kanaa wajjini wal qabsiisee ibseera.—HoE. 17:22-31.
Harʼas, namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin haala walsimuun hin jiraatan. Haataʼu malee, yeroo ammaatti namni sirni hamaan kun dhiibbaa irraan hin geessisne hin jiru. Kanaaf namoonni hundi haala rakkisaa kanarraa walaba taʼuu barbaadu. Jalqabarratti haalli isaan yaaddessuu siinis akka yaaddessu erga ibsitee booda, dhimma kana ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka jedhu ibsiif. Akkaataa dhiheenyaa akkasiitti fayyadamuunkee, kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu dhaggeeffachuuf fedhii qabaachuu dandaʼu.
Namni Macaafa Qulqulluu qayyabatu tokko, amantiifi barsiifata warrasaarraa dhaale qabaachuu dandaʼa. Amantiifi barsiifanni kun Waaqayyoon akka hin gammachiisne yommuu baratu, beekumsa Macaafa Qulqulluurraa argatee wajjin walsimee jiraachuuf barsiifata kanarraa fagaachuuf murteessa. Maarree barataan kun murtoosaa kana warrasaatiif ibsuu kan danadaʼu akkamitti? Amantiifi barsiifata isaanirraa dhaale guutummaatti yoo dhiise akka waan isaan salphiseetti itti dhagaʼamuu dandaʼa. Sababii murtoo kana itti godhe Macaafa Qulqulluurraa isaanii ibsuuf yaaluusaa dura, akka isaan jaallatuufi akka isaan kabaju isaaniif mirkaneessuu qaba.
Yeroo Itti Tole Jechuun Barbaachisu. Yihowaan wanti tokko akka raawwatamu ajajuuf aboo guddaa kan qabu taʼullee, yaada warra kaanii tole jedhee fudhachuudhaan isaan kan qixxaatu hin jiru. Ergamoonni Yihowaa Looxiifi maatiisaa badiisa Sodoomirra gaʼurraa oolchuuf yommuu dhufan, “Akka hin balleeffamnetti, gara roga tullootaatti ol baqadhu!” isaan jedhanii turan. Loox garuu “Achi miti, yaa gooftaa ko!” jechuudhaan, gara Zoʼaaritti baqachuuf akka isaaf heyyamu Yihowaa kadhate. Yihowaan kadhannaa Loox dhagaʼuudhaan, akka isaaf yaadu kan argisiise siʼa taʼu, magaalonni kaan yommuu balleeffaman Zoʼaar utuu hin balleeffamin hafteetti. Booda garuu, Loox ajaja Yihowaan jalqabarratti isaaf kenne hordofuudhaan gara tullootaatti baqateera. (Uma. 19:17-30) Yihowaan jalqabumayyuu, wanti inni jedhe sirrii taʼuusaa kan beeku taʼus, Loox ofiisaatii dhugaa kana hamma hubatutti obsaan isa qabeera.
Nuyis mareen warra kaanii wajjin goonu buʼaa akka argamsiisu yoo barbaanne, garraamota taʼuu qabna. Tarii wanti dubbanne sirrii taʼuusaatiif ragaa qabaachuufi wanti namni kaan jedhe dogoggora akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Taʼus, al tokko tokko namni tokko akka dogoggore dirqamaan amansiisuu yaaluun gaarii miti. Haataʼu malee, garraamii taʼuu jechuun seerawwan buʼuuraa Yihowaan baase cabsuu jechuu miti. Dogoggorasaa hunda sirreessuuf yaaluu mannaa, namni haasofsiistu yaadasaa waan sii ibseef galateeffachuu ykn yaada irratti walii galtanirratti xiyyeeffachuunkee gaarii taʼa. Wanta itti amantu yoo mormellee of toʼadhu. Tarii ilaalcha akkasii kan qabaate maaliif akka taʼe isa gaafachuu dandeessa. Achiis, yommuu inni deebii kennu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu. Akkas gochuunkee ilaalcha nama kanaa caalaatti akka hubattuufi gara fuulduraatti maree gaarii gochuuf carraa sii banuu dandaʼa.—Fak. 16:23; 19:11.
Yihowaan filannoo gochuu akka dandaʼaniif namootaaf mirga kenneera. Karaa sirrii taʼeen itti fayyadamuu baatanillee, mirga kana isaan hin dhowwanne. Iyaasuun sagalee dabarsituu Yihowaa taʼee wanta Waaqayyo saba Israaʼeliif godhe erga ibsee booda, “‘Waaqayyoof hojjechuun isin duratti hamaa yoo fakkaate garuu, waaqayyolii warra abboonni keessan lagicha gamatti hojjechaafii turaniif yookiis warra kan Amoorota isin biyya isaanii keessa teessan kanaaf hojjettu yoo taʼe, harʼa eenyuuf akka hojjettan foʼadhaa!’ Garuu anii fi manni koo Waaqayyoof in hojjenna” jedheera. (Iya. 24:15) Hojiin yeroo harʼaatti nuu kenname, ‘dhugaa baʼuudhaʼ; misiraachicha garaa guutuudhaan dubbachuu kan qabnu taʼus, namoonni akka itti amanan hin dirqisiisnu. (Mat. 24:14) Filannoo gochuuf mirga kan qaban siʼa taʼu, nutis mirgasaanii kana kabajuufii qabna.
Gaaffii Gaafadhu. Yesus karaa nama amansiisuun dubbachuudhaan fakkeenya hundarra caalu nuu taʼa. Haala namootaa tilmaama keessa galcha, akkasumas fakkeenyota salphaatti hubachuu dandaʼanitti fayyadama ture. Gaaffiiwwanittis akka gaariitti fayyadameera. Kunimmoo, namoonni yaadasaanii akka ibsaniifi wanti garaasaanii keessa jiru ifa akka taʼu godhee ture. Kana malees, wanta irratti mariʼatamaa jirurratti akka yaadan isaan jajjabeesseera.
Barsiisaan seeraa tokko, “Yaa barsiisaa, jireenya bara baraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf taʼa?” jedhee Yesusiin gaafatee ture. Yeroo kanatti Yesus karaa salphaa taʼeen deebii kennuufii dandaʼa ture. Haataʼu malee, “Seera keessatti maaltu caafamee jira? Namootaaf attamitti dubbifta?” jedhee isa gaafachuudhaan namichi yaadasaa akka ibsu godheera. Namichis deebii sirrii kenne. Deebii sirrii kennuunsaa mareen sun kanumarratti akka dhaabatu godheeraa? Hin goone. Yesus namichi yaadasaa akka dubbatu carraa kan isaaf kenne siʼa taʼu, namichis qajeelaa of fakkeessuu waan barbaadeef, “Nama isa kam?” jedhee isa gaafate. Jechi nama jedhu hiika akkamii akka qabu yoo itti hime, ilaalchi Yihudoonni namoota sabaa Waaqayyoo hin taaneefi warra Samaariyaatiif qaban namicha gara falmiitti akka geessu waan beekuuf, fakkeenya tokkorratti akka yaadu godheera. Fakkeenyichi, waaʼee lubaafi nama gosa Lewwii namicha karadeemaa saamameefi reebame arganii irraa goranii darbaniifi nama Samaariyaa isa namicha kana gargaaree kan ibsu ture. Achiis, namichi ergaa fakkeenyichaa hubachuusaa mirkaneessuuf gaaffii salphaa isa gaafate. Akkaataan Yesus jecha “nama” jedhu itti ibse, namichi karaa kanaan dura irratti yaadee hin beekneen akka irratti yaadu godheera. (Luq. 10:25-37) Kun fakkeenya gaarii hordofuu qabnu mitii? Atumti dubbachuu mannaa, waaʼee nama haasofsiistu sanaa yaaduudhaan, gaaffiifi fakkeenyatti fayyadamiitii dhimmicharratti akka yaadu jajjabeessi.
Ragaa Dhiheessi. Phaawulos ergamaan mana sagadaa Yihudootaa Tasaloniiqeetti argamu keessatti yommuu lallabe, macaafa dhaggeeffattoonnisaa itti amananirraa dubbisee qofa hin dhiisne. Dubbicha isaaniif ibsaa, ragaa dhiheessaafi faayidaa barumsichi qabu isaanii ibsaa akka ture Luqaas gabaaseera. Kanaan kan kaʼes, “Isaan keessaa kaan . . . dubbii isaa fudhatanii Phaawulosii fi Siilaas duukaa goran.”—HoE. 17:1-4.
Nama kamii wajjiniyyuu yommuu dubbattu, karaa nama amansiisuun dubbachuun buʼaa gaarii argamsiisuu dandaʼa. Firoottan keetiif yommuu dhugaa baatu, namoota wajjin hojjettu ykn barattuu wajjin yommuu mariʼattu, akkasumas nama tajaajilarratti argattee wajjin yommuu mariʼattu, Macaafa Qulqulluu yommuu qayyabsiistu ykn yommuu gumiirratti haasaa dhiheessitu mala kanatti fayyadamuu dandeessa. Caqasa tokko yommuu dubbistu, hiiknisaa siif ifa taʼuyyuu nama garabiraadhaaf ifa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Ibsi kennitu ykn karaan itti caqasicha haala dhaggeeffattootaa wajjin itti wal qabsiistu ejjennoo gogaa kan qabdu si fakkeessuu dandaʼa. Tarii caqasicha keessaa jechoota furtuu taʼan filattee ibsuun si barbaachisaa laata? Yaada naannoo caqasichaatti argamu ykn caqasa dhimma sanaa wajjin walitti dhufeenya qabu garabiraa akka ragaatti dhiheessuu dandeessaa? Tarii fakkeenya yaanni dubbatte kan nama amansiisu taʼuusaa argisiisu tokko caqasuu dandeessaa? Moo gaaffii dhaggeeffattoonni dhimmicharratti akka yaadan godhu gaafachuu wayya? Karaa nama amansiisuun dubbachuun, namoonni ilaalcha gaarii akka qabaataniifi dhimmicharratti akka yaadan godha.