LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wt boq. 15 ful. 136-143
  • Gorsa Dhaga’i Adabas Fudhadhu!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gorsa Dhaga’i Adabas Fudhadhu!
  • Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gorsawwan Nu Fayyadan
  • Gorsa Fudhachuu Qabna
  • Amalawwan Gaarii Horachuu
  • Adaba Yihowaa Hin Didin
  • “Dubbii Ogeeyyii Dhaggeeffadhu”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Gorsi Kennitu ‘Garaa Namaa kan Gammachiisu’ Dhaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Sirreeffama Gochuu Keessan Itti Fuftuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Aboo Kabajuu Kan Qabnu Maaliifi?
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
Dabalataan Ilaaluuf
Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
wt boq. 15 ful. 136-143

Boqonnaa Kudha Shan

Gorsa Dhaga’i Adabas Fudhadhu!

1. (a) Hundumti keenya gorsiifi adabni kan nu barbaachisu maaliifi? (b) Gaaffii isa kamiif deebii argachuu qabna?

MACAAFNI Qulqulluun Yaaqoob 3:2⁠rratti “Nuyi hundumti keenya baay’ee irraa in kaanna” jedha. Yeroo baay’ee namoota akkamii ta’uu akka qabnu ilaalchisee gorsa Macaafni Qulqulluun kennu utuu hin raawwatin akka hafne yaadachuun nu hin rakkisu. Kanaafuu, Macaafni Qulqulluun: “Gara booddeetti ogeessa akka taatutti, gorsa dhaga’i, barsiisas [adabas, 1899] fudhadhu!” jechuunsaa sirrii akka ta’e ni amanna. (Fakkeenya 19:20) Jireenya keenya barumsa Macaafa Qulqulluu wajjin wal simsiisuuf sirreeffama tokko tokko akka goone beekamaadha. Haata’u malee, Kiristiyaanni tokko dhimma tokkorratti utuu gorsa nuu kennee maaltu nutti dhaga’ama?

2. Dhuunfaatti yeroo gorsi nuu kennamu maal gochuu qabna?

2 Namoonni tokko tokko yeroo gorsi isaanii kennamu sababii dhiheessuuf, balleessaasaanii salphaa godhanii dhiheessuuf ykn dogoggorasaanii warra kaanitti qabachuuf yaalii godhu. Haata’u malee, gorsa dhaga’uufi gorsa sanas hojiirra oolchuun baay’ee gaariidha. (Ibroota 12:11) Dhugaadha, eenyuyyuu warra kaanirraa gonkummaa eeguu, wantoota xixiqqoo ta’anirratti ykn dhimmawwan Macaafni Qulqulluun filannaa dhuunfaatiif dhiiserratti yeroo hundumaa gorsa kennuu hin qabu. Kana malees, namni gorsa kennu sun dhimmawwan tokko tokko gadi fageenyaan hin beeku ta’a; yeroo kanatti dhimma kana karaa kabaja qabuun hubachiisuun ni barbaachisa. Haata’u malee, wanta akka kanatti aansinee ilaallutti, gorsi ykn adabni kennamu sirriifi Macaafa Qulqulluurratti kan hundaa’edha haa jennu. Namni tokko yeroo akkasiitti ilaalcha akkamii qabaachuu qaba?

Gorsawwan Nu Fayyadan

3, 4. (a) Macaafni Qulqulluun gorsaafi adabaaf ilaalcha sirrii akka qabaannu kan nu gargaaru akkamitti? (b) Saa’ol gorsa isaaf kennameef deebii akkamii kenne? Kun rakkina akkamii isarraan ga’e?

3 Macaafni Qulqulluun seenaa dhugaa namoota gorsa fudhatanii qabateera. Gorsi kenname darbee darbee adabas kan dabalatu ture. Namoota adabni akkasii kennameef keessaa tokko Mootii Israa’el kan ture Saa’olidha. Amaaleqootaa wajjin haala wal qabateen Yihowaadhaaf utuu hin abboomamin hafe. Amaaleqoonni tajaajiltoota Waaqayyoo waan mormaa turaniif, Yihowaan Amaaleqoonnis ta’an horiinsaanii guutummaatti akka balleeffaman isaanitti farade. Haata’u malee, Saa’ol mootiisaaniifi horiiwwan filataman utuu hin ajjeesin hafe.​—1 Saamu’el 15:​1-​11.

4 Yihowaan Saa’oliin sirreessuuf Saamu’el raajicha itti erge. Haata’u malee, deebiin Saa’ol maal ture? Saa’ol Amaaleqoota akka mo’eefi mooticha qofa akka hambise dubbachuudhaan falme. Garuu, gochisaa abboommii Yihowaan kenne wajjin kan wal faallessu ture. (1 Saamu’el 15:20) Saa’ol horii qe’ee utuu hin balleessin kan hafe maaliif akka ta’e yeroo ibsu: “Jara sodaadhee wanta isaan jedhan waanan dhaga’eef” jechuudhaan balleessaasaa sabatti qabachuuf yaalii godheera. (1 Saamu’el 15:24) Wanti caalaatti isa yaaddesse ulfina argachuu waan tureef, Saamuel saba sana duratti akka ulfina isaaf kennu gaafateera. (1 Saamu’el 15:30) Yeroo boodas Yihowaan Saa’ol mootii akka hin taane isa godheera.​—1 Saamu’el 16:1.

5. Uziyaan gorsa fudhachuu diduusaatti maaltu irra ga’e?

5 Mootii Yihudaa kan ture Uziyaan “ofuma isaatiin gara mana qulqullummaatti ol galee, iddoo aarsaa isa ixaanni irratti aarfamu irratti aarsaa ixaanaa dhi’eessuu barbaaduu isaatiin Waaqayyoon gooftaa isaa in yakke.” (2 Seenaa 26:16) Ixaana aarsuun kan heyyamame lubootaaf qofa ture. Angafni lubootaa yeroo Uziyaa dhowwuuf yaalii godhetti mootichi ni aare. Bu’aansaa maal ta’e? Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Dhukkubni lamxii adda isaa irratti in argame. . . . sababii Waaqayyo isa rukuteef, . . . Uziyaan mootichi hamma gaafa du’uutti dhukkuba lamxii dhukkubsachaa ture.”​—2 Seenaa 26:19-​21.

6. (a) Saa’oliifi Uziyaan gorsa fudhachuu kan didan maaliifi? (b) Yeroo ammaatti gorsa fudhachuu diduun rakkina guddaa kan ta’e maaliifi?

6 Saa’oliifi Uziyaan gorsa fudhachuu kan didan maaliif ture? Lamaansaaniiyyuu warra kaanirra ni caalla jedhanii waan yaadaniif rakkinnisaanii inni guddaan koora ture. Namoonni hedduun amala akkasiitiin kan ka’e rakkinaaf of saaxilu. Gorsa fudhachuun hanqina akka qaban kan argisiisu ykn maqaa gaarii qaban kan balleessu akka ta’e isaanitti dhaga’ama. Dhugaasaa dubbachuuf garuu dadhabbina akka qaban kan argisiisu kooradha. Amalli kun, yaada nama tokkoo dukkaneessuudhaan gargaarsa Yihowaan karaa Sagaleesaafi jaarmiyaasaa kennu akka hin fudhanne isa godha. Kanaafuu, Yihowaan: “Of gurguddisuun badiisatti, of bokoksuunis kufaatiitti nama in geessa” jechuudhaan nu akeekkachiisa.​—Fakkeenya 16:18; Roomaa 12:3.

Gorsa Fudhachuu Qabna

7. Museen gorsa isaaf kenname fudhachuusaarraa barumsa akkamii arganna?

7 Macaafni Qulqulluun seenaa namoota gorsa fudhachuudhaan fakkeenya gaarii ta’aniis qabateera. Nutis namoota kanarraa barumsa gaarii argachuu dandeenya. Mee amma seenaa Musee haa ilaallu. Hojii ulfaataa isaaf kenname akkamitti raawwachuu akka danda’u ilaalchisee abbiyyuunsaa gorsa kenneefii ture. Museenis gorsa kana dhaga’uudhaan yeruma sana hojiirra oolcheera. (Ba’uu 18:13-​24) Museen aangoo guddaa utuu qabuu gorsa isaaf kenname kan fudhate maaliifi? Inni nama gad of deebisu waan tureefidha. “Museen garuu namoota biyya lafaa irra jiran hundumaa caalaa nama gara-laafessa [gad of deebisu, NW] ture.” (Lakkoobsa 12:3) Gad of deebisuun hangam barbaachisaadhaa? Sefaniyaa 2:3 amalli kun badiisarraa akka nama oolchu ibsa.

8. (a) Daawit cubbuu akkamii hojjete? (b) Daawit balleessaa hojjechuusaa yeroo Naataan itti hime maal godhe? (c) Daawit cubbuu hojjechuunsaa balaa akkamii isarraan ga’e?

8 Daawit Mootichi Baat-Sheebaa wajjin erga ejjee booda, balleessaasaa dhoksuuf abbaa manaashee Uriiyaa ajjeesiseera. Yihowaanis Daawitiin sirreessuuf Naataaniin isatti erge. Daawitis qalbii geddarachuudhaan yeruma sana: “Ani Waaqayyoon yakkeera” jechuudhaan balleessaasaa amaneera. (2 Saamu’el 12:13) Waaqayyo Daawit qalbii geddarachuusaatti yoo gammadellee, balaa dogoggorasaatiin ofitti fiderraa isa hin oolchine. Yihowaan; ‘Billaan namoota sanyiisaarraa bara baraan akka hin deebine, dubartootasaa nama ollaasaa jiruuf akka kennuufi mucaan ejjaan godhate sunis akka du’u’ Daawititti himeera.​—2 Saamu’el 12:10, 11, 14.

9. Gorsi ykn adabni yeroo nuu kennamu wanti irraanfachuu hin qabne maalidha?

9 Daawit gorsa gaarii dhaga’uun faayidaa akkamii akka qabu beeka ture; gorsa argachuusaatti yeroo itti Waaqayyoon galateeffates qaba. (1 Saamu’el 25:32-​35) Nutihoo namoota akkasiitii? Taanaan jechaafi gochawwan nu gaabbisiisuu danda’anirraa of eeguu dandeenya. Haata’u malee, dogoggora hojjechuu keenyaan gorsiifi adabni yeroo nuu kennamu maal gochuu qabna? Gorsi ykn adabni kun nageenya bara baraa akka argannuuf karaa jaalalli Yihowaa itti ibsamu ta’uusaa irraanfachuu hin qabnu.​—Fakkeenya 3:​11, 12; 4:​13.

Amalawwan Gaarii Horachuu

10. Yesus, namoonni Mootummaa Waaqayyootti galuu barbaadan amala akkamii argisiisuu akka qaban dubbate?

10 Yihowaafi obboloota keenyaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu yoo barbaanne, amalawwan tokko tokko horachuu qabna. Yesus mucaa tokko bartootasaa gidduu dhaabuudhaan yeroo akkas jedhetti amalawwan kana keessaa isa tokko ibseera: “Ani dhuguman isinitti hima, deebitanii akka mucoolii yoo ta’uu dhaabaattan, mootummaa waaqaatti matumaa hin galtan. Eenyu illee akka mucaa kanaatti yoo gad of deebise, mootummaa waaqaatti hundumaa irra kan caalu isa.” (Maatewos 18:​3, 4) Bartoonni Yesus nu keessaa eenyutu caala jedhanii wal falmaa waan turaniif, amala gad of deebisuu horachuu qabu turan.​—Luqaas 22:24-​27.

11. (a) Eenyu duratti gad of deebisuu qabna? Maaliif? (b) Kan gad of deebisnu yoo taane, gorsa nuu kennamuuf ilaalcha akkamii qabaanna?

11 Phexros akkas jechuudhaan barreesseera: “Hundumti keessanis gad of deebisuu akkuma uffataatti uffadhaatii, walii keessanii wajjin jiraadhaa! Caaffanni qulqullaa’aan, ‘Waaqayyo warra kooraan ol of qabaniin in morma, warra gad of deebisaniif immoo ayyaana in kenna’ in jedha.” (1 Phexros 5:5) Waaqayyo duratti gad of deebisuu akka qabnu beekna. Caqasni kun garuu namoota hidhata amantii keenya ta’an durattis gad of deebisuun barbaachisaa ta’uusaa argisiisa. Obboloota keenya duratti kan gad of deebisnu yoo ta’e, yaada warri kaan nuu kennan fudhachuudhaan isaanirraa barumsa arganna.​—Fakkeenya 12:15.

12. (a) Amalli gad of deebisuu wajjin walitti dhufeenya qabu maalidha? (b) Amalli keenya warra kaanirratti dhiibbaa fiduu akka danda’u yaaduun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

12 Gad of deebisuuniifi nageenya warra kaaniitiif yaaduun walitti dhufeenya cimaa qabu. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Namni waan isatti tolu utuu hin ta’in, waan nama kan biraatti tolu haa barbaadu! . . . Egaa yoo nyaattan yookiis yoo dhugdan yookiis waanuma hojjettan hundumaa ulfina Waaqayyoof hojjedhaa! Warra Yihudootaatti, warra Yihudoota hin ta’inittis yookiis waldaa kristiyaanaa Waaqayyootti gufuu hin ta’inaa!” (1 Qorontos 10:24-​33) Phaawulos filannaa keenya hunda dhiisuu qabna hin jenne; kanaa mannaa wanta warri kaan dogoggora ta’uusaa itti amanan akka hojjetan isaan kakaasuurraa akka of qusannu nu gorsuusaa ture.

13. Gorsa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchaa akka jirru kan argisiisu maalidha?

13 Filannaakee mannaa nageenya warra kaaniitiif dursa ni kennitaa? Hundumti keenya kana gochuu baruu qabna. Yaada kanas karaa adda addaa hojiirra oolchuu dandeenya. Mee akkaataa uffannaafi miidhaginaa akka fakkeenyaatti haa fudhannu. Kun, yaada Caaffanni Qulqullaa’oon seera qabeessaafi qulqulluu ta’uu ilaalchisee kennan hin cabsin malee, wanta filannaa dhuunfaatiif dhiifamedha. Haata’u malee, akkaataan uffannaafi miidhaginaakee warri kaan ergaa Mootummichaa akka hin dhageenye gufuu isaanitti ta’uu akka danda’u yoo hubatte sirreeffama ni gootaa? Dhugumayyuu, namni tokko jireenya bara baraa akka argatu gargaaruun of gammachiisuurra ni caala.

14. Amala gad of deebisuu qabaachuufi warra kaaniif yaaduun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

14 Yesus miilla bartootasaa dhiquudhaan, akka gad of deebisuufi warra kaaniif akka yaadu argisiiseera. (Yohannis 13:12-​15) Yesusiin ilaalchisee Sagaleen Waaqayyoo akkas jedha: “Yaada garaa isa Kristos Yesus qaba ture qabaadhaa! Inni bifa waaqayyummaatiin utuma jiruu, ulfina waaqayyummaa isa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne. Inni ulfina sana gad dhiisee, akka waan, waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta’ee argame. Inni gad of deebisee, hamma du’aatti, hamma fannifamee du’utti iyyuu abboomamaa ta’e.”​—Filiphisiiyus 2:5-8; Roomaa 15:​2, 3.

Adaba Yihowaa Hin Didin

15. (a) Amalawwan Waaqayyoon gammachiisan horachuuf sirreeffama akkamii gochuu qabna? (b) Yihowaan maaliin fayyadamee gorsaafi adaba nuu kenna?

15 Hundi keenya cubbamoota waan taaneef, amala Waaqayyoo calaqqisuu yoo barbaanne ilaalchaafi amala keenyarratti jijjiirama gochuu qabna. Kanaafimmoo “Namummaa haaraa” uffachuu nu barbaachisa. (Qolosaayis 3:​5-​14) Gorsiifi adabni, wantoota kam sirreessuu akka qabnuufi karaa itti sirreeffama kana gochuu dandeenyu hubachuuf nu gargaara. Macaafni Qulqulluun barumsa nu barbaachisu nuu kenna. (2 Ximotewos 3:​16, 17) Barreeffamawwan Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an dubbisuufi walga’iiwwan jaarmiyaa Yihowaatiin qophaa’anirratti argamuun Sagalee Waaqayyoo hojiirra oolchuuf nu gargaara. Gorsa kennamu kanaan dura kan dhageenye yoo taanellee, gorsi kun akka nu barbaachisu hubannee hojjiirra oolchuuf yaalii ni goonaa?

16. Yihowaan dhuunfaatti gargaarsa akkamii nuu qopheesseera?

16 Yihowaan waan nuu yaaduuf yeroo rakkannu nu gargaara. Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman qayyabannaa Macaafa Qulqulluutiin gargaarsa kana argataniiru. Warri, ijoolleensaanii amala gadhee balaa isaanirraan ga’urraa akka fagaatan isaan gorsu, akkasumas ni adabu. (Fakkeenya 6:​20-​23) Gumii keessattis namoonni tokko tokko carraaqqii tajaajilarratti godhan guddisuuf warra ga’eessota ta’anirraa gorsaafi yaada gaafatu. Jaarsoliinimmoo darbee darbee waliisaanii ykn warra tajaajilarratti muuxannoo qaban garabiraa gorsa gaafatu. Namoonni karaa hafuuraa ga’eessota ta’an Macaafa Qulqulluudhaan gargaaramanii, garraamummaadhaan warra gorsi barbaachisu ni gargaaru. Yeroo gorsa kennitan “isinumti iyyuu akka hin qoramnetti of eeggadhaa!” (Galaatiyaa 6:​1, 2) Eeyyee, tokkummaadhaan Waaqa isa dhugaa waaqeffachuu yoo barbaanne hundi keenya gorsa argachuu qabna.

Maree Irra Deebii

• Yihowaan sirreeffama akka goonu kan nu gargaaru akkamitti?

• Namoonni hedduun gorsa barbaachisaa ta’e fudhachuu kan didan maaliifi? Kunimmoo balaa akkamii fiduu danda’a?

• Amalawwan gaariin gorsa nuu kennamu akka fudhannu nu gargaaran kam fa’i? Gama kanaan Yesus fakkeenya gaarii kan nuuf ta’u akkamitti?

[Fakkii fuula 142rra jiru]

Uziyaan gorsa isaaf kenname fudhachuu diduusaatiin dhukkuba lamxiitiin rukutameera

[Fakkii fuula 142rra jiru]

Museen gorsa Yetroo fudhachuusaatiin fayyadameera

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi